Akʼaab

ImriiAfaan Oromoo

Mootii Israa'el Kaabaa yoo ta'u, yeroo mootummaan addaan qoodame jiraate. Yeroo jalqabaaf 1 Mootota 16:28 irratti caqasameera.

Akaab ilma Omrii fi mootii Israa'el isa torbaffaa yoo ta'u, Samaariyaatti waggaa 22f mootummaa isaa geggeesse. Warra isa dura turan hunda caalaa fuula Waaqayyoo duratti hojii hamaa hojjete. Akaab Ilizaabeel intala mootii Siidoon taate fuudheera, akkasumas Ba'aaliin waaqeffachuu jalqabe. Samaariyaatti Ba'aaliif mana qulqullummaa fi iddoo aarsaa ijaare; akkasumas utubaa Asheeraa kan dheekkamsa Waaqayyoo kakaasu dhaabe. (1ffaa Mootota 16:28-33) Yeroo mootummaa Akaabitti raajichi Eliyaas Israa'elitti hongeen akka dhufu dubbate. Boodas Eliyaas gaara Karmaaliitti raajota Ba'aal waliin wal mormuudhaan Waaqayyo Waaqa dhugaa ta'uu isaa mirkaneesse. (1Ki.17-18) Akaab mootii Sooriyaa Been-Hadaad waliin waraana seene Waaqayyo injifannoo isaaf kenne. (1Ki.20).