Weedduu Weedduuwwan 7

GAZGAZAfaan Oromoo14 Keeyyattoota2:53 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:53 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Hiriyoonni ishee,“Deebi'i, deebi'i yaa Shulaamittii! Nuyi akka si ilaalluuf deebi'i!” jedhan. “Akka waan isheen kutata lama gidduu sirbitutti Shulaamittii kana irraa maal ilaaltu”

2Yaa intala guddaa biyyaa, miilli kee kophee balasee keessaan maal maal miidhaga! Mudhiin kee callee gati-jabeessa isa namni harka-toleessi tolche fakkaata;

3handhuurri kee qadaada isa yeroo hundumaa daadhii waynii baatu in fakkaata; gudeedni kee tuullaa qamadii isa daraaraan itti naanna'ee jiru in fakkaata;

4harmi kee lachanuu ilmoolee kuruphee, warra lakkuu dhalatan in fakkaata;

5mormi kee riqaa ilka arbaa irraa hojjetame, iji kee lachanuu duuchaa bishaan qurxummii isa karra Batraabiimitti dhi'oo Heshboon keessa jiru in fakkaata; funyaan kees riqaa Liibaanon isa gara Damaasqootti gara galee jiru in fakkaata.

6“Mataan kee tulluu Qarmelos, rifeensi mataa kees fo'aa haarrii dhiilgee fakkaata; isa kanaanis mootiin in booji'ama.

7Yaa ishee jaallatamtuu nama gammachiiftuu, ati attam miidhagduu dha, attamis nama mararta!

8Hojjaan kee akka muka meexxii ti, harmi kees akka hurbuu waynii ti;

9ani,“Muka meexxii sana nan yaabbadha, damee isa ija godhatus nan qabadha” nan jedhe; harmi kee akka hurbuu waynii ti, fooliin hafuura funyaan kee keessaa ba'us akka ija muka hudhaa ti.

10Dhungannaan michuu kootii akka daadhii waynii isa hundumaa caaluu, isa hidhii fi ilkaan keessa darbee suuta jedhee gad bu'uu ti” jedhe.

11“Ani kan michuu kootii ti, inni ana in kajeela;

12yaa michuu ko, kottu mandara keessaa gad in baana, gandeen keessas in bulla!

13Obboroodhaan in kaana, gara iddoo dhaabaa wayniis in dhaqna, mukti waynii hudhee daraaree, rumaaniinis daraareera yoo ta'e in ilaalla! Anis achitti jaalala koo kennaa godhee siif nan kenna;

14iji muka hawwa jaalalaa kaasu in urgaa'a, balbala keenya duras iji mukaa gaggaariin, warri ammaa fi warri durii jiru; yaa michuu ko, isaan kana siifan kaa'e” jette.

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አንቺ የመኰንን ልጅ ሆይ፥ እግሮችሽ በጫማ ውስጥ እንዴት ውቦች ናቸው! ዳሌዎችሽስ በአንጥረኛ እጅ እንደ ተሠሩ፡ እንደ ዕንቍዎች ይመስላሉ። አማርኛ ENGNIV How beautiful your sandaled feet, O prince's daughter! Your graceful legs are like jewels, the work of a craftsman's ha… English BCV ኣቲ ጓል መስፍን፥ ሳእኒ ዝገበራ፥ ኣእጋርኪ ኽንደይ ይፅብቓ! ቅርፂ ደናጕኺ ኸም ብኢድ ብልሓተኛ ዝተሰርሐ ዕንቍታት ይመስል። ትግርኛ GAZBIB Hiriyoonni ishee,“Deebi'i, deebi'i yaa Shulaamittii! Nuyi akka si ilaalluuf deebi'i!” jedhan. “Akka waan isheen kutata … Afaan Oromoo BCV GIZ ጥቀ አዳም ሑረታትኪ ዘበሥን ወለተ ናዳብ፤ ንብረተ መናቅዕትኪ ይመስል አርማስቆስ ግብረ እደ ኬንያ። giz BCV aksum ኣቲ ጓል መስፍን፥ ሳእኒ ዝገበራ፥ ኣእጋርኪ ኽንደይ ይፅብቓ! ቅርፂ ደናጕኺ ኸም ብኢድ ብልሓተኛ ዝተሰርሐ ዕንቍታት ይመስል። ትግርኛ AMHNIV አንቺ የልዑል ልጅ ሆይ፤ ነጠላ ጫማ የተጫሙ እግሮችሽ እንዴት ያምራሉ ሞገስን የተጐናጸፉ ዳሌዎችሽ፣ ብልኅ አንጥረኛ የተጠበባቸውን የዕንቊ ሐብል ይመስላሉ። አማርኛ SWAHSUV Siti msharifu, jinsi zilivyo nzuri Hatua zako katika mitalawanda. Mapaja yako ya mviringo ni kama johari, Kazi ya mikon… Kiswahili