Roomaa 4

GAZBIBAfaan Oromoo25 Keeyyattoota4:46 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:46 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana irratti waa'ee Abrahaam abbaa sanyii keenyaa maal jenna ree? Waaqayyo duratti maal argate?

2Abrahaam waan hojjeteen qajeelummaan utuu lakkaa'ameeraaf ta'ee, Waaqayyo duratti yoo ta'uu dhabaate iyyuu, kan ittiin of jaju in qabaata ture.

3Caaffanni qulqullaa'aan waa'ee isaa maal jedha ree? ?Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef? jedha.

4Beenyaan nama hojjeteef baafamu, gatii argachuun isaaf ta'utti lakkaa'ama malee, akka kennaa tolaatti hin lakkaa'amu.

5Namni akka seerri abboomutti hin hojjenne garuu Waaqayyo irraa fagaachuu isaa beekee, Waaqayyo isa qajeelaa nama godhutti yoo amane, amantiin isaa qajeelummaatti in lakkaa'amaaf.

6Namni, waan seerichi abboomu utuma hin hojjetin Waaqayyo qajeelummaa lakkaa'uuf, gammachuu akka qabu Daawit dubbateera,

7?Warri seera irra daddarbuun isaanii dhiifameef, warri cubbuun isaanii akka deebi'e hin argamne godhameef haa gammadan!

8Namni gooftichi cubbuu isaa itti hin lakkoofne haa gammadu? jedhe.

9Nuyi, ?Amantiin Abrahaamiif qajeelummaatti lakkaa'ame? jenna'o, gammachuun kun warruma dhagna qabatan duwwaadhaafi moo yookiis warra dhagna hin qabatiniifis in ta'a ree?

10Egaa attamitti lakkaa'ameef? Erga inni dhagna qabatee moo yookiis utuu inni dhagna hin qabatin? Erga inni dhagna qabate miti, utuu inni dhagna hin qabatin lakkaa'ameef malee.

11Abrahaam utuu dhagna hin qabatin qajeelummaa amantiidhaan argatee, isa argate kana cimsuudhaafis dhagna-qabaa akka milikkitaatti fudhate; karaa kanaan warra utuu dhagna hin qabatin amanan hundumaaf qajeelummaan akka lakkaa'amuuf abbaa isaanii ta'e.

12Inni warra dhagna qabataniifis abbaa ta'eera, isaan keessaa iyyuu warra dhagna-qabaa duwwaa utuu hin ta'in, warra karaa amantii isa abbaan keenya Abrahaam utuu dhagna hin qabatin irra adeeme irra faana isaa duukaa bu'aniifis abbaa ta'e.

13Abdiin Abrahaamiif yookiis sanyii isaatiif kenname, biyya lafaa akka dhaaluuf; kunis Abrahaam seera waan eegeef utuu hin ta'in, amantiidhaan qajeelummaa waan argateef isaaf kenname.

14Namoonni seericha eeguudhaan dhaala sana argatu yoo ta'e, amantiin namaa akkasumaan, abdiin Waaqayyoos gatii malee in hafa.

15Seerri dheekkamsa Waaqayyoo in fida, garuu utuu seerri hin jiru ta'ee, seera irra darbuunis hin jiru ture.

16Kanaafis abdichi ayyaana irraa kan ka'e, sanyii isaa hundumaafis kan eegamu akka ta'uuf amantii irra in dhaabate. Kunis warra seera eeguutti qabaman duwwaaf utuu hin ta'in, warra akka Abrahaam amananiifis immoo in eegama; Abrahaam abbaa hunduma keenyaa ti.

17Abdiin kun fuula Waaqayyoo dura jira, ?Saba baay'eedhaaf abbaa akka taatuuf ani si dhaabeera? kan jedhu caafameera. Abrahaam immoo Waaqayyo isa warra du'an jiraachisu, isa waan hin jirre akka jiraatu godhutti amaneera.

18Abrahaam akka yaada namaatti waan hin abdachiifne in abdate; ?Sanyiin kee akkas in baay'ata? akkuma jedhames abbaa saba baay'ee akka ta'u amane.

19Inni, dhagni isaa akka du'e, nama waggaa dhibba guutuu ga'e ta'uu isaa, gadameessi Saaraas akka waan du'e ta'uu isaa heduudhaan amantiitti hin laafne.

20Inni amantiitti jabaatee Waaqayyoof hooqubaa dhi'eesse malee, amanuu dhabuudhaan abdii Waaqayyo kenneef hin dhabne.

21Waaqayyo waan abdachiise gochuudhaaf immoo akka danda'u inni guutummaatti hubateera.

22Kanaaf iyyuu, ?Qajeelummaatti isaaf lakkaa'ame? jedhame.

23Inni ?Isaaf lakkaa'ame? jedhu Abrahaam duwwaadhaaf caafame miti.

24Nuyi warra amannuufis immoo akka lakkaa'amu caafameera, nuyis Waaqayyo isa gooftaa keenya Yesusin warra du'an keessaa kaasetti in amanna.

25Yesus irra-daddarbaa keenyaaf du'atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuufis du'aa kaafame.

Ibsa

Roomaa 4:1-12

4:1-12 Ilaalcha Yihudootaa fudhachuudhaan, ergamaan duraan dursee fakkeenya Abrahaam, kan Yihudoonni abbaa isaanii isa baay'ee beekamaa akka ta'etti ittiin of jajan, kaaseera. Haala adda addaatiin ol ka'aa ta'us, fuula Waaqayyoo duratti wanti ittiin of jaju hin qabu ture; akkuma warra kaanii ayyaanaan, amantii irraan kan ka'e fayyifamee waan tureef. Waggoota waamicha isaa dura dabran, akkasumas dadhabbii yeroo tokko tokko ajajamuutti ture, akkasumas amantiisaa keessatti mul'ate osoo hin ilaallamne, Caaffanni Qulqullaa'aan guutummaatti akka Abrahaam Waaqayyoon amane, kunis qajeelchaaf isaaf lakkaa'ame, Ge 15:6, dubbata. Fakkeenya kana irraa akka mul'atutti, namni kamiyyuu akka seerri gaafatutti hojii guutuu hojjechuu danda'ee yoo ta'e, badhaasni isaa akka liqii lakkaa'amuu qaba; kunis Abrahaam irrattillee dhugumatti akkas hin turre, sababiin isaas amantiin qajeelchaaf isaaf lakkaa'ameera. Yeroo warri amanan amantiidhaan qajeelfaman, amantiin isaanii qajeelchaaf lakkaa'amuudhaan, amantiin isaanii akka kutaa qajeelcha isaanii, xinnoo yookiin guddaa, isaan hin qajeelchu; garuu akka karaa muudame kan isaan isa maqaasaa akka 'Gooftaan Qajeelummaa Keenyaa' jedhamuun waamamutti isa wal qabsiisuuti malee.

Warri dhiifama argatan warra eebbifamoo qofaadha. Caaffata Qulqullaa'aa irraa ifatti mul'ata, Abrahaam dhagna qabuu isaa dura waggoota hedduudhaan qajeelfameera. Kanaafuu, sirni kun qajeelchaaf barbaachisaa hin turre jechuun ifa dha. Innis mallattoo manca'ina uumama namaa isa jalqabaa ture. Akkasumas inni mallattoo fi chaappaa alaa ture; kan Waaqayyo waadaa isaa isaafii sanyii isaatiif kenne, akkasumas dirqama Gooftaatii ta'uuf qaban mirkaneessuuf qofa odoo hin taane, garuu akkasumas inni duraan dursee qajeelummaa amantii guutummaatti hirmaataa ta'uu isaa akka beeku isaaf mirkaneessuuf ture. Kanaafuu, Abrahaam abbaa hafuuraa warra amantoota hundaa ture, kan fakkeenya amantii isaa ajajamaa hordofanii deeman.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6