Mul'ata 4

GAZBIBAfaan Oromoo11 Keeyyattoota3:15 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:15 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddees ani ilaaleen, waaqa keessatti balbala banamaa tokko arge. Sagaleen inni dura akka malakataatti anatti dubbannaan dhaga'ee ture tokko, ?As ol kottu, ani immoo wanta kana booddee ta'uun irra jiru sittan argisiisaa!? jedhe.

2Achumaanis ani hafuuraan nan guutame; kunoo, teessoon tokko waaqa keessa kaa'amee, tokkos teessoo sana irra taa'ee ture.

3Inni teessoo sana irra taa'es akka dhagoota Yaasphisii fi Saardiyon warra gati-jabeeyyii, calaqqisee in mul'ata ture; naannoo teessichaas sabbata Waaqayyoo isa dhagaa gati-jabeessa Simaaragidos jedhamu fakkaatutu ture.

4Teessichatti naanna'anii teessoowwan digdamii afur, isaan irras maanguddoonni digdamii afur taa'anii turan; maanguddoonni kun immoo uffata adaadii uffatanii, mataattis gonfoowwan warqee kaa'atanii turan.

5Teessicha biraa immoo balaqqeessi bakakkaa, sagaleen kakawwee, sagaleen biraas in ba'u turan; teessicha fuula duratti gucci ibiddaa torba in boba'u turan; isaan kun hafuurota Waaqayyoof hojjetan torbanii dha.

6Akkasumas fuula teessichaa dura wanti tokko afamee ture; wanti afame sun immoo akka galaana isa of-ilaalee fakkaatee keessaan waa argamuu, akka cabbiis qullaa'aa ture. Naannoo teessichaa bukkee garasii fi garanaa uumamni lubbuu qaban afur turan; isaan fuula duraa fi dugda duubaan ija baay'ee qabu turan.

7Uumamni lubbuu qabu sun inni duraa leenca in fakkaata ture. Uumamni lubbuu qabu inni lammaffaan tuntunoo in fakkaata ture; uumamni lubbuu qabu inni sadaffaan fuula namaa kan fakkaatu qaba ture; uumamni lubbuu qabu inni afuraffaan joobira balali'u in fakkaata ture.

8Tokkon tokkon uumama lubbuu qaban arfan kanaa immoo, baallee ja'a ja'a qaba; iji isaas keessaa fi duubaan naanna'ee wal in ga'a. Halkanii fi guyyaas utuu aara hin galfatin, ?Waaqayyo gooftichi inni hundumaa danda'u, inni ture, inni amma jiru, inni dhufuuf jirus, qulqulluu dha, qulqulluu dha, qulqulluu dha!? jedhanii in faarfatu.

9Uumamni lubbuu qaban kun isa teessoo irra taa'e, isa bara baraan jiraatu sanaaf guddina, ulfina, galatas in dhi'eessu.

10Yeroo kanattis maanguddoonni digdamii arfan, isa teessoo irra taa'e, isa bara baraan jiraatu sanaaf gombifamanii in sagadu; gonfoowwan isaaniis teessicha duratti gatanii in faarfatu.

11Yommus, ?Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta'a? in jedhu.

Ibsa

4:1-8

Goftaan Yesuus ergamichaaf wantoota jiran waldaaleef akka barreessu erga ajajeen booda, mul'anni biraa ture. Ergamichi teessoo bantii waaqaa keessa dhaabatee jiru arge; kunis aboo Yihowaa kan guutuu uumamaa agarsiisu ture. Nama ulfina-qabeessa tokko teessoo sana irra taa'ee arge; inni bifaan namaatiin kan hin ibsamne, fakkeenyaan yookiin bifa namaatiin kan hin mul'ifamne, garuu ifa isaa isa olaanaa qofaan beekamaa ture. Kanneen mallattoo amala Waaqayyoo isa olaanaa fi qajeelummaa Waaqayyoo isa sodaachisaa agarsiisu fakkaatu.

Qarri adii mallattoo cimaa kakuu abdii sanaati; kan Waaqayyo Kiristoosiin, Mataa waldaa ta'ee, wajjin, fi ummata isaa hundumaa isa keessa jiru wajjin godhe. Bifti inni caalu magariisa miidhagaa ture; kan amala kakuu haaraa isa jiraachisaa fi jireenya-kennaa agarsiisu.

Teessowwan digdamii afur teessoo sana naannoo jiran, jaarsolii digdamii afuriin guutamanii turan; kunis, akka fakkaatutti, waldaa Waaqayyoo guutuu bakka bu'u. Ta'uun isaanii kabaja, boqonnaa, fi gammachuu agarsiisa; teessoo sana naannoo taa'uun isaanii dhiheenyummaa Waaqayyoo wajjin qaban, arguu fi isa irraa gammachuu argachuu isaanii mul'isa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከዚያ በኋላም አየሁ፥ እነሆም በሰማይ የተከፈተ ደጅ፥ እንደ መለከትም ሆኖ ሲናገረኝ የሰማሁት ፊተኛው ድምፅ፦ “ወደዚህ ውጣና ከዚህ በኋላ ሊሆን የሚያስፈልገውን ነገር አሳይሃለሁ፡” አለ። አማርኛ ENGNIV After this I looked, and there before me was a door standing open in heaven. And the voice I had first heard speaking t… English BCV ድሕሪዙይ፥ እንሆ ኣብ ሰማይ፥ ክፉት ኣፍ ደገ ረአኹ። እቲ ኸም መለኸት ዝጥዕም፥ ቅድም ክዛረበኒ እንተሎ ዝሰማዕኽዎ ድምፂ ድማ፥ “ነቲ ብድሕሪ ሕዚ ክኸውን ዘለዎ ነገር ከርእየካስ፥ ነዓ ናብ… ትግርኛ BCV GIZ ወእምድኅረ ዝንቱ ርኢኩ ኆኅተ ርኁተ ውስተ ሰማይ ወቀዳማየ ቃለ ሰማዕኩ ከመ ቃለ መጥቅዕ ይትናገር ምስሌየ ወይቤለኒ፦ “ዕርግ ዝየ ወአነ አርእየከ ዘሀለወ ይኩን እምድኅረ ዝንቱ።” giz GAZGAZ Kana booddees ani ilaaleen, waaqa keessatti balbala banamaa tokko arge. Sagaleen inni dura akka malakataatti anatti dub… Afaan Oromoo BCV aksum ድሕሪዙይ፥ እንሆ ኣብ ሰማይ፥ ክፉት ኣፍ ደገ ረአኹ። እቲ ኸም መለኸት ዝጥዕም፥ ቅድም ክዛረበኒ እንተሎ ዝሰማዕኽዎ ድምፂ ድማ፥ “ነቲ ብድሕሪ ሕዚ ክኸውን ዘለዎ ነገር ከርእየካስ፥ ነዓ ናብ… ትግርኛ AMHNIV ከዚህ በኋላ እነሆ በሰማይ የተከፈተ በር አየሁ፤ ቀደም ሲል እንደ መለከት ሲናገረኝ የሰማሁት ድምፅ፣ “ወደዚህ ና፤ ከዚህም በኋላ ሊሆን የሚገባውን ነገር አሳይሃለሁ” አለ አማርኛ SWAHSUV Baada ya hayo naliona, na tazama, mlango ukafunguka mbinguni, na sauti ile ya kwanza niliyoisikia kama sauti ya baragum… Kiswahili