Mul'ata 16

GAZBIBAfaan Oromoo21 Keeyyattoota4:50 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:50 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommus mana qulqullummaa sana keessaa sagalee guddaa ergamoota torban sanaan, ?Dhaqaa, waciitii dheekkamsa Waaqayyoo torbanuu keessaa lafa irratti gad naqaa!? jedhu nan dhaga'e.

2Egaa ergamaan inni duraa achii ba'ee, waciitii isaa keessaa lafa irratti gad in naqe; madaan sodaachisaanii fi dhukkubsaan, namoota gubaa bineensichaa of irraa qabanitti, warra bifa fakkeenya isaatiif sagadanittis in nam'e.

3Ergamaan inni lammaffaan immoo waciitii isaa keessaa galaana irratti gad in naqe; innis akka dhiiga nama du'u keessaa dhangala'ee ta'e; wanti lubbuu qaban galaana keessa jiraatan hundinuus in du'an.

4Ergamaan inni sadaffaan immoo waciitii isaa keessaa laga irratti burqituu bishaanii irrattis gad in naqe; isaan immoo dhiiga in ta'an.

5Yommus ani, ergamaan waa'ee bishaanii beeku dubbachuu isaa nan dhaga'e; innis, ?Ati, yaa isa qulqulluu, inni jirtu, inni turtes, firdii kana kennuun kee qajeelaa dha!

6Namoonni dhiiga warra siif qulqullaa'anii, kan raajotaas dhangalaasaniiru; ati immoo dhiiga akka dhuganiif isaaniif laatteetta; kun wanta isaaniif ta'uu dha!? jedhe.

7Sagaleen tokkos iddoo aarsaatii, ?Eyyee, yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, firdiin kee dhugaa dha qajeelaa dhas!? utuu jedhuu nan dhaga'e.

8Ergamaan inni afuraffaan immoo waciitii isaa keessaa biiftuu irratti gad in naqe; inni immoo ibidda isaatiin namoota waxaluun in kennameef;

9namoonnis ho'a sodaachisaa sanaan in waxalaman. Kana keessaa immoo isaan Waaqayyoon isa dha'icha kana hundumaa irratti gooftummaa qabu maqaa balleessan malee, yaada garaa isaanii hin geddaranne, Waaqayyoofis ulfina hin laanne.

10Ergamaan inni shanaffaan immoo waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti gad in naqe; mootummaan bineensichaas dukkanaan in liqimfame; namoonnis dhiphina irraa kan ka'e arraba isaanii in cicciniinan.

11Dhiphina isaanii fi madaa isaanii irraa kan ka'es, Waaqayyo gooftaa waaqaa maqaa balleessan malee, yaada garaa isaanii geddaratanii hojii isaanii irraa hin deebine.

12Ergamaan inni ja'affaan immoo waciitii isaa keessaa Efraaxiis laga guddicha irratti gad in naqe; bishaanichi in goge, mootonni warra ba'a-biiftuu akka dhufaniifis karaan in banameef.

13Yommus ani afaan bineensa isa akka jawwee sanaa keessaa, afaan bineensicha isa kaanii keessaa, afaan raajii sobduu keessaas hafuuronni xuraa'on sadii fattee fakkaatanii utuu ba'anii nan arge.

14Isaan hafuurota Seexanaa warra milikkita garaa garaa argisiisanii dha; isaan kun mootota, guutummaa biyya lafaa lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda'u sanaaf, walitti qabuudhaaf warra ba'anii dha.

15Sagaleen tokkos, ?Kunoo! Ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, namni dammaqu, namni qullaa isaa adeemee saalli isaa bakkeetti akka hin mul'annetti, uffata isaa eeggatu haa gammadu!? jedhe.

16Hafuuronni hamoonni sun mootota sana iddoo afaan Ibrootaatti ?Armaagedoon? jedhamutti walitti in qaban.

17Ergamaan inni torbaffaan immoo waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti gad in naqe; sagaleen guddaan tokkos mana qulqullummaa keessaa, teessoo sana biraa ba'ee, ?Ta'eera!? jedhe.

18Balaqqeessi in balaqqeessa'e; sagaleen biraa, kakawweenis wal jalaa in qaban, laftis guddisee in socho'e; guddinni socho'a lafaa sunis erga namni lafa irratti uumamee, sanyiin isaa takkaa kan hin ta'inii dha.

19Mandarri inni guddichi kutaa sadiitti gargar in cabe, mandaroonni saba biyya lafaa in jijjigan; Waaqayyo immoo Baabilon guddittiin xoofoo dheekkamsa isaa isa sodaachisaa keessaa akka dhugduuf isheedhaaf kennuu in yaadate.

20Biyyi bishaan keessaa hundinuu baqatee in sokke; tulluunis hin argamne.

21Cabbiin dhagaa gurguddaa, tokkon tokkon isaa akka kiilo giraamii jaatamaa ulfaatu waaqa keessaa namoota irra in bubbu'e; dha'ichi cabbii sunis baay'ee guddaa sodaachisaa waan ta'eef, isa irraa kan ka'e namoonni Waaqayyoon maqaa in balleessan.

Ibsa

16:1-7

Fedhiin Waaqayyoo lafa irratti akkuma samiirraatti raawwatamutti akka raawwatamuuf nuti kadhachuu qabna. Asitti firdiiwwan Bulchiinsa Waaqayyoo sodaachisoon walitti fufiinsaan mul'atu; akkasumas dhibee Gibxii gurguddoo hedduutti akka akeeku mul'ata. Cubbuuwwan wal fakkaatoo turan, akkasumas adabbiiwwanis wal fakkaatoo turan. Okokaawwan sun shubbaxawwan torba, isaan ol ka'uu Kiristoos mormituu agarsiisan, kan akeekan turan; akkasumas kufaatiin diinota waldaa Kiristoos ol ka'iinsa isaanii wajjin fakkeeffannaa tokko qaba. Wanti hundinuu lafa isaanii guutuu, qilleensa isaanii, galaana isaanii, laga isaanii, magaalaa isaanii keessa jiru hundinuu barbadaa'uuf murtaa'eera, akkasumas hammina saba sanaatiif abaarameera. Ergamoonni, isaan warra Waaqayyoon, Kiristoosiin, fi qulqullina jabaatanii jibbaniif haaloo Waaqayyoo isa qulqulluu argan yookaan raawwatan, qajeelummaa isaa fi dhugaa isaa galateeffachuu fi firdiiwwan isaa sodaachisoo waaqeffachuun isaanii hin dinqisiifamu, inni yeroo adabbiilee hamaa isaan qulqulloota isaa fi raajota isaa irraan ga'an, warra ari'atoo hamoota irratti fidu.

16:8-11

Garaan namaa hamaa baay'ee waan ta'eef, rakkinoonni hamaanillee ayyaana Waaqayyoo addaa malee nama tokkollee gara qalbii diddiirrannaa hin fidan. Ibidda deesaa mataansaa Waaqa arrabsuudhaan guutameera; warri seenaa uumama namaa, Macaafa Qulqulluu fi garaa isaanii hin beekne, namoonni yoo caalaatti dhiphatan, akkasumas harka Waaqayyoo dhiphina isaanii keessatti yoo caalaatti ifatti argan, yeroo baay'ee caalaatti Waaqayyotti dallanu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ለሰባቱም መላእክት፦ “ሄዳችሁ የእግዚአብሔርን ቁጣ ጽዋዎች በምድር ውስጥ አፍስሱ፡” የሚል ታላቅ ድምፅ ከመቅደሱ ሰማሁ። አማርኛ ENGNIV Then I heard a loud voice from the temple saying to the seven angels, “Go, pour out the seven bowls of God's wrath on t… English BCV ካብታ መቕደስ ከዓ፥ ነቶም ሸውዓተ መላእኽቲ፥ “ኪዱ፥ ነቲ ፅዋዕ ቝጥዓ እግዚኣብሄር፥ ናብ ምድሪ ኣፍስስዎ” ዝብሎም፥ ብርቱዕ ድምፂ ሰማዕኹ። ትግርኛ BCV GIZ ወይቤሎሙ ቃል እምሰማይ እምነ መቅደሱ ለእልክቱ ሰብዐቱ መላእክት፦ “ሑሩ ወከዐዉ ጽዋዐ መዓቱ ለእግዚአብሔር ውስተ ኵላ ምድር።” giz GAZGAZ Yommus mana qulqullummaa sana keessaa sagalee guddaa ergamoota torban sanaan, ?Dhaqaa, waciitii dheekkamsa Waaqayyoo to… Afaan Oromoo BCV aksum ካብታ መቕደስ ከዓ፥ ነቶም ሸውዓተ መላእኽቲ፥ “ኪዱ፥ ነቲ ፅዋዕ ቝጥዓ እግዚኣብሄር፥ ናብ ምድሪ ኣፍስስዎ” ዝብሎም፥ ብርቱዕ ድምፂ ሰማዕኹ። ትግርኛ AMHNIV ከዚያም ለሰባቱ መላእክት፣ ኋሂዱ፤ ሰባቱን የእግዚአብሔር ቊጣ ጽዋዎች በምድር ላይ አፍስሱ” የሚል ታላቅ ድምፅ ከቤተ መቅደሱ ሰማሁ። አማርኛ SWAHSUV Nikasikia sauti kuu kutoka hekaluni, ikiwaambia wale malaika saba, Enendeni, mkavimimine vile vitasa saba vya ghadhabu … Kiswahili