Mul'ata 13

GAZBIBAfaan Oromoo18 Keeyyattoota4:18 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:18 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee immoo bineensi tokko galaana keessaa utuu ba'uu nan arge; bineensichis gaanfa kudhanii fi mataa torba, gaanfa isaa irratti waan akka gonfoo kudhan, mataa isaa torban irrattis maqaa ulfinaa, Waaqayyoon arrabsuudhaaf kennaman qaba ture.

2Bineensi ani arge qeerransa in fakkaata ture; miilli isaa akka miilla amaaketaa ti, afaan isaas akka afaan leencaa ti; bineensi akka jawwee sunis humna isaa, teessoo isaa, aboo isaa isa guddaas bineensichaaf in kenne.

3Mataa isaa torban keessaa inni tokko hamma du'aatti waan madaa'e in fakkaata; rukuttaan du'aan ga'u sunis deebi'ee fayye ture. Namoonni guutummaa biyya lafaa dinqifatanii yaadaan bineensicha duukaa bu'an.

4Bineensicha isa kanaaf iyyuu aboo kan kenneef bineensa akka jawwee sana waan ta'eef, namoonni isaaf in sagadan; akkasuma immoo bineensa isa kaaniif sagadanii, ?Eenyutu akka bineensa kanaa ta'a? Eenyutus bineensicha loluu danda'a?? jedhan.

5Dubbii gurratti guddaa fakkaatuu fi Waaqayyoon kan arrabsu dubbachuudhaaf afaan in kennameef; ji'a afurtamii lamaaf kana gochuudhaaf aboon in kennameef.

6Yommus bineensichi Waaqayyo irratti arrabsoo dubbachuudhaaf, maqaa Waaqayyoo, iddoo buufata isaa, warra waaqa keessa isa bira buufatanis arrabsuudhaaf afaan isaa in bane.

7Warra Waaqayyoof qulqullaa'an lolee isaan mo'uunis in kennameef; gosa hundumaa irratti, nama hundumaa irratti, afaan hundumaa irratti, saba hundumaa irrattis aboon in kennameef.

8Warra lafa irra jiraatan keessaa, uumamuu biyya lafaatii jalqabee maqaan isaanii macaafa hoolicha qalamee, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman irratti hin argamne hundinuu, bineensichaaf sagaduuf jiru.

9Namni gurra qabu haa dhaga'u!

10Namni booji'amuuf jiru, booji'amuun isaa hin oolu; namni billaadhaan ajjeefamuuf jiru, billaadhaan ajjeefamuun isaa hin oolu; kana keessatti obsaan danda'uunii fi amantiin warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, in barbaadama.

11Kana malees bineensa lafa keessaa ba'u biraa tokko nan arge; akka hoolaa gaanfa lama qaba, akkuma bineensa akka jawwee sanas in dubbata ture.

12Bineensi inni lammaffaan kunis aboo bineensi inni duraa qaba ture hundumaan, isuma duratti in hojjeta; biyyi lafaa, warri isa keessa jiraatanis bineensa isa duraa, isa rukuttaan du'aan ga'u deebi'ee fayyeef sanaaf, akka sagadan in godha.

13Inni milikkita gurguddaa in argisiisa; ibidda iyyuu ija namootaa duratti waaqa keessaa lafatti gad in buusa.

14Milikkita bineensa isa duraa sana duratti akka inni argisiisuuf kennameef sanaan, warra lafa irra jiraatan in wallaalchisa; warra biyya lafaa irra jiraatan sana wallaalchisuudhaafis, bifa fakkeenya bineensicha billaadhaan rukutamee deebi'ee jiraatee, waaqessuudhaaf akka tolfatan isaanitti in hima.

15Bifa fakkeenya bineensa isa duraa sanatti lubbuu itti gochuun, bineensa isa lammaffaa sanaaf kennamee ture; kana irraa kan ka'es bifni fakkeenya bineensichaa kun dubbachuu iyyuu danda'ee, hammi isaaf hin saganne akka ajjeefaman in godhe.

16Bineensichi namni hundinuu, xinnaan, guddaan, sooressi, hiyyeessi, birmaduun, garbis harka mirgaa irratti yookiis adda irratti gubaa akka qabaatu in gochisiisa.

17Kana gochuun isaas namni gubaa bineensicha isa duraa, isa maqaa isaa yookiis lakkoobsa maqaa isaa argisiisu of irraa yoo qabaate malee, bituus gurguruus akka hin dandeenyeef.

18Kana keessatti ogummaan in barbaadama; lakkoobsi kun maqaa namaatiif waan dhaabatuuf, namni sammuu qabu lakkoobsicha lakkaa'ee bira ga'uu in danda'a; lakkoobsi isaa immoo dhibba ja'aa fi jaatamii ja'a.

Ibsa

Mul'ata 13:1-10. Ergamaan bishaan qarqara dhaabatee, bineensa hamaa Galaana keessaa ol ba'u arge; humni sun humna cunqurbaa, waaqa tolfamaa waaqessaa fi saba Waaqaa adamsu kan rakkina uumame keessaa dhalate ture. Bineensa baay'ee sodaachisaa ture! Kun mootummaa addunyaa kan nama cunqursu argisiisa fakkaata, kan bara hedduudhaaf, yeroo boojuu Baabilon irraa kaasee, Waldaa Kiristaanaa diinaa ture. Bineensi jalqabaa sun sana booda qajeelota qajeelummaa isaaniitiif cunqursuu fi adamsuu jalqabe, garuu yeroo caalaa bineensa afraffaa Daani'el jalatti (Mootummaa Roomaa) dhiphatan, kan qulqulloota adamsiisa hamoo baay'een dhiphise. Madda humna isaa jawwicha ture. Sun Seexanaan hundeeffamee, isaanis deeggarame. Mataa isaa madaa'uun waaqa tolfamaa waaqessuu diidaa balleessuu ta'uu danda'a; madaa'icha fayyuun immoo waaqa tolfamaa waaqessuu Paapasiin galchuu, kan dhiyeessiin isaa tokko ta'e, garuu uffata haaraan qofa, garuu kan kaayyoo Seexanaa guutummaatti galmaan ga'u. Addunyaan humna isaa, mala isaa fi milkaa'ina isaa dinqe. Seexanaa fi meeshaalee isaa ulfinaa fi abbummaa kennan. Humnaa fi mala seexanummaa fayyadame, namoonni uumamtootatti ulfina Waaqayyoo qofaaf malu akka kennan gaafachaa. Haa ta'u malee, humnaa fi milkaa'inni Seexanaa daangaa qaba. Kiristoos hambaa filatamaa, dhiiga Isaatiin furamoo, kitaaba Isaa keessa galmaa'an, Hafuura Isaatiin mallatteeffaman qaba; Seexannii fi Kiristoos-mormaan qaama injifachuu fi jireenya uumamaa fudhachuu danda'anillee, lubbuu injifachuu hin danda'an, akkasumas amantoota dhugaatti Gooftaa isaanii dhiisanii diinota isaa waliin akka makaman gochuu hin danda'an.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG አንድም አውሬ ከባሕር ሲወጣ አየሁ፤ አሥር ቀንዶችና ሰባት ራሶች ነበሩት፥ በቀንዶቹም ላይ አሥር ዘውዶች በራሶቹም ላይ የስድብ ስም ነበረ። አማርኛ ENGNIV And the dragon stood on the shore of the sea. And I saw a beast coming out of the sea. He had ten horns and seven heads… English BCV ሓደ ኣራዊት፥ ካብ ባሕሪ ኽወፅእ እንተሎ ረአኹ። ንሱ ዓሰርተ ኣቕርንትን ሸውዓተ ኣራእስን ነበሮ። ኣብ ኣቕርንቱ ዓሰርተ ዘውዲ፥ ኣብ ኣራእሱውን ስማት ፀርፊ ነበሮ። ትግርኛ BCV GIZ ወወፅአ ካልእ አርዌ እምነ ባሕር፤ ዘዐሠርቱ አቅርንቲሁ ወሰብዐቱ አርእስቲሁ፤ ወውስተ አቅርንቲሁ ዐሠርቱ ቀጸላ፤ ወውስተ አርእስቲሁ ስመ ፅርፈት። giz GAZGAZ Kana booddee immoo bineensi tokko galaana keessaa utuu ba'uu nan arge; bineensichis gaanfa kudhanii fi mataa torba, gaa… Afaan Oromoo BCV aksum እቲ ገበል ድማ፥ ኣብ ልዕሊ እቲ ወሰን ባሕሪ ዘሎ ሑፃ ደው በለ። ሓደ ኣራዊት፥ ካብ ባሕሪ ኽወፅእ እንተሎ ረአኹ። ንሱ ዓሰርተ ኣቕርንትን ሸውዓተ ኣራእስን ነበሮ። ኣብ ኣቕርንቱ ዓሰርተ ዘ… ትግርኛ AMHNIV ዘንዶውም በባሕሩ ዳር ቆሞ ነበር። ከዚያም አንድ አውሬ ከባሕር ሲወጣ አየሁ፤ እርሱም ዐሥር ቀንዶችና ሰባት ራሶች ነበሩት፤ በቀንዶቹም ላይ ዐሥር ዘውዶች፣ በራሶቹም ላይ የስድብ ስሞች ነበሩ… አማርኛ SWAHSUV Kisha nikaona mnyama akitoka katika bahari, mwenye pembe kumi, na vichwa saba, na juu ya pembe zake ana vilemba kumi, n… Kiswahili