1Nuyi si galateeffanna, yaa Waaqayyo, nuyi si galateeffanna! Ati maqaa kee isa beekamaadhaan warra gocha kee isa dinqisiisaa himanitti dhi'oo dha.
2Waaqayyo,“Yeroon murtoo godhee dhaabe sanatti, firdii qajeelaa nan kenna;
3lafti, warri lafa irra jiraatan hundinuus iddoo isaanii yommuu gad dhiisan, utuboota lafichaa jabeessee kan eegu ana” in jedha.
4Warra of jajaniin,“Of hin jajinaa!” Warra jal'ootaanis, “Gaanfa mataa keessanii irra-keessa hin qabatinaa!
5Gaanfa mataa keessanii ol hin qabatinaa! Morma yaafachuudhaanis hin dubbatinaa!” nan jedha.
6Nama ol qabuun ba'a-biiftuutii, lixa-biiftuutii, lafa duwwaatiis hin dhufu;
7firdii kan kennu immoo Waaqayyoo dha, isa tokko gad in deebisa, isa kaanis ol in qaba.
8Waaqayyo xoofoo daadhii waynii makaa qabu isa hoomachaa'u of harkaa qaba; inni daadhii waynichaa isa firdiif kennamu irraa in buusa, jal'oonni lafa irra jiran hundinuu isa in dhugu, siicoo isaa wajjinis isa in xururfatu.
9Ani garuu bara baraan kana nan labsa, Waaqayyoon isa kan Yaaqoob faarfannaadhaan nan jajadha;
10inni mataa jal'ootaa hundumaa irraa gaanfa in cira, gaanfi mataa warra qajeelotaa garuu ol in qabama.