1Waammata koo dhaga'i, yaa Waaqayyo! Kadhata koos yaadaan qabi!
2Erga garaan koo citee andaara lafaatii sin waammadha, kattaa ol ka'aa ani bira ga'uu hin dandeenyeen na ga'i!
3Ati anaaf iddoo kooluu itti galanii dha, diina duratti ati riqaa dhagaa isa jabaa dha.
4Bara hundumaaf godoo kee keessa utuun buufadhee! Gaaddisa bobaa kee jalattis utuun kooluu galee!
5Yaa Waaqayyo, ati wareega koo dhageesseetta, isa warri maqaa kee sodaatan argatanis anaaf kenniteetta.
6Bara jireenya mootichaatti bara dabali, waggoonni isaas dhalootaa gara dhalootaatti haa darban!
7Bara hundumaas fuula Waaqayyoo dura teessoo irra haa taa'u! Gaarummaanii fi amanamummaan akka isa eeganiif abboomi!
8Guyyaa guyyaatti wareega koo of irraa baasuuf, yeroo hundumaa mi'a garaa garaatiin maqaa kee nan faarfadha!