1Waaqayyo, guyyaa rakkinaatti kadhata keef deebii siif haa kennu! Waaqayyo inni kan Yaaqoob, maqaa isaatiin si haa eegu!
2Inni mana qulqullummaa isaa keessaa gargaarsa siif haa ergu! Irkoos Xiyoonii siif haa kennu!
3Inni kennaa kee hundumaa siif haa yaadatu, faaraanis gara aarsaa qalma keetii siif haa ilaalu!
4Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu!
5Yommus mo'icha ati argatte irratti, guddifnee sagalee gammachuu in dhageessifna, maqaa Waaqayyo keenyaatiinis faajii keenya ol fuunee in dhaabbanna! Waaqayyo, himata kee hundumaa siif haa raawwatu!
6Amma Waaqayyo mootii isa ofii dibee moosiseef mo'icha akka kennu ani beeka; inni bantii waaqaa isa qulqulluu kan isaatii keessaa deebii in deebisaaf; hojii aangoo harka isaa mirgaatiin hojjetu sanaanis mo'icha in kennaaf.
7Kaan konkolaataadhaan, kaan immoo fardeeniin of jaju; nuyi garuu maqaa Waaqayyoo gooftaa keenyaan of in jajanna.
8Isaan mudhukanii in kufu, nuyi garuu jilba jabaannee ol qajeellees in dhaabanna.
9Yaa Waaqayyo mootii, ati mo'icha kenni! Guyyaa si waammannuttis ati nuuf deebisi!