Filiphisiyus 1

GAZBIBAfaan Oromoo30 Keeyyattoota6:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:11 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Nuyi Phaawulosii fi Ximotewos hojjetoonni Kristos Yesus, gara warra karaa Kristos Yesus Waaqayyoof qulqullaa'anii mandara Filiphisiiyus jiraatan hundumaa, gara warra ilaaltotaa fi gargaartota waldaa kristiiyaanaatti kana caafuu keenya.

2Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristos ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!

3Ani Phaawulos yeroon isin yaadadhu hundumaatti Waaqayyo koo nan galateeffadha.

4Yeroodhuma ani kadhata kootiin hunduma keessan yaadadhutti gammachuudhaan nan kadhadha.

5Kadhata koo keessattis guyyaa duraatii jalqabdanii hamma har'aatti hojii wangeelaa keessaa waan qabaattaniif, Waaqayyoon nan galateeffadha.

6Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma guyyaa Kristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha.

7Waa'ee hunduma keessanii yeroon yaadu immoo, garaan koo waan isin bira jiruuf, hidhamuu koo keessatti, wangeelaaf falmuutti, isa cimsee dhaabuuttis ayyaana anaaf kenname keessaa hundumti keessan akka qabdan yaaduun anaaf qajeelaa dha.

8Jaalala isa garaa Kristos Yesus keessaa argamuun akkan isin yaadu Waaqayyo in beeka.

9Jaalalli keessan ogummaa qabaachuutti, dubbii gargar baasee hubachuuttis baay'isee itti caalaa akka adeemu nan kadhadha;

10isa ta'uu fi isa hin taane gargar baaftanii akka qortan, guyyaa dhufa Kristosittis makaa malee, gufuu malees akka taatan kadhachuu koo ti.

11Ija karaa Yesus Kristos qajeelummaa irraa argamuun guutamtanii ulfina Waaqayyoo fi galata isaatiifis ta'uuf jirtu.

12Obboloota ko! Wanti ana irra ga'e kun wangeela bal'isuuf ba'eessa godhee hojjechuu isaa akka beektan nan barbaada.

13Ani Kristosiif jedhee hidhamuun koo warra mana mootummaa warra Roomaa keessaa hundumaa, namoota warra kaan hundumaa birattis beekameera.

14Sababii ani mana hidhaatti galfameef obboloonni garri caalan gooftaa amanatanii, dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuudhaaf caalaa ija jabaatan.

15Jarri tokko hinaaffaa irraa, anaan morkachuu irraas kan ka'e Kristosin in lallabu; warri kaan immoo fedha gaarii irraa kan ka'e Kristosin in lallabu.

16Warri jaalala gaarii irraa kan ka'e kana godhan wangeelaaf akkan falmuuf as kaa'amuu koo in beeku.

17Warri akeeka ofii isaanii duukaa bu'anii yaada jal'aadhaan Kristosin lallaban garuu, hidhamuu koo irratti rakkina kaasuu in yaadu.

18Fakkeessuudhaanis haa ta'u, dhugaadhaanis haa ta'u, akkuma fedhe ta'ee, karaa fedhe iyyuu Kristos haa lallabamu duwwaa! Ani kanatti nan gammada; si'achis itti nan gammada.

19Kun kadhata keessaniin gargaarsa hafuura Yesus Kristosiinis gara hiikamuutti akka na geessu nan beeka.

20Karaa tokkoon illee akkan hin yeellaasifamnetti dhimmee nan eeggadha, nan abdadhas; jiraachuu kootiinis ta'e, du'uu kootiinis ta'e, kanaan dura akkuman gochaa ture, ammas guutummaa namummaa kootiin guddina Kristosiif hojjechuudhaaf ija jabina guutuun qaba.

21Anaaf Kristos jireenya koo ti, du'uun immoo bu'aa koo ti.

22Ittuma fufee lafa irra jiraachuu kootiin caalaatti hojii ija qabu nan hojjedha yoo ta'e garuu, waan ani fo'adhu hin beeku.

23Yaadni koo waan lama irratti wal rukuta; ani biyya lafaa kana dhiisee adeemuu, Kristos bira jiraachuus nan hawwa, kunis anaaf hundumaa irra caalaa in wayya ture.

24Haa ta'u iyyuu malee, biyya lafaa kana irra turee jiraachuun koo isiniif caalaa barbaachisaa dha.

25Ani isin biratti hafee, isin amantiitti akka guddattanii fi akka gammaddanitti, hunduma keessan bira bubbuluuf akkan jiru amanadheera beekeeras.

26Deebi'ee dhufee yommuu ani isin biratti argamu, isin karaa Kristos Yesus anaan of jajuudhaaf caalaa sababii in qabaattu.

27Amma garuu akka warri wangeela Kristos fudhatan jiraachuun ta'utti jiraadhaa malee, kan biraa isin hin dhibin! Hafuura tokkoon iddoo keessanii utuu hin socho'in dhaabattanii, yaada tokkoon amantii karaa wangeelaa argameef akka wal dorgomtan nan barbaada; ani yoon dhufe akkasitti isin arguu, yoon dhufuu dhabaadhes akkasitti jiraachuu keessan dhaga'uu nan fedha.

28Isin waanuma tokkoon illee warra isinitti ka'an sodaattanii hin raafaminaa! Jabaattanii dhaabachuun keessan Waaqayyo biraa isiniif kenname; kunis warri isinitti ka'an baduu isaanii, isin immoo fayyuu keessan in argisiisa.

29Kristositti amanuu keessan duwwaa utuu hin ta'in, isaaf dhiphachuu danda'uunis immoo isiniif kennameera.

30Kanatti dhama'uu koo akkuma kanaan dura ana irraa argitan, ammas waa'ee kootiif dhaga'aa jirtan, isinis itti dhama'uu in dandeessu.

Ibsa

Filiippisii 1:1-7

1:1-7 Ulfinni guddaan tajaajiltoota warra baay'ee beekamoo/gurguddoo Kiristoosii garbicha ta'uudha. Warri lafa irratti qulqulluu dhugaa hin taane, samiidhaaf gonkumaa qulqulluu hin ta'an. Kiristoosii alatti, qulqulluuwwan warri hundarra gaariin cubbamoota, akkasumas Waaqayyoo dura dhaabachuu hin danda'an. Ayyaana malee nagaan hin jiru. Nagaan garaa jaalala/hoomaata Waaqayyoo beekuu irraa burqa. Ayyaanniifi nagaan Abbaa keenya Waaqayyo, maddaafi bu'uura eebbawwan hunda ta'e irraa malee hin jiru.

Ergamaan sun Filiiphisitti hamminaan godhameera/itti yaadameera, hojii isaatiifis firii xiqqoo argeera; ta'us Filiiphii gammachuudhaan yaadate. Nuti ayyaanotaafi tasgabbiif, kennaawwaniifi faayidaa warra kaanii Waaqayyo keenya galateeffachuu qabna, akkuma nuti bu'aa argannutti, Waaqayyo immoo ulfina argata. Hojiin ayyaanaa hamma guyyaa Yesuus Kiristoos, guyyaa mul'ina isaatti gonkumaa hin guutummaa'u/raawwatamu. Garuu nuti yeroo hundumaa Waaqayyo hojii isaa isa gaarii lubbuu hundumaa keessatti, kan inni deebi'ina dhalootaan dhugumaan jalqabe, ni raawwata jedhamuu amanamuu dandeenya; ta'us, nuti bifa alaa irratti, akkasumas wanta biroo kamitti iyyuu, uumama haaraa gara qulqullinaatti ta'e malee, amanamuu hin qabnu. Namoonni yeroo tajaajila isaanii irraa bu'aa argatan, tajaajiltoota isaaniitiif jaallatamoo dha. Warri sababa Waaqayyoo irratti walumaan dhiphatan, walitti jaallatamoo ta'uu qabu.

1:8-11 Kiristoos lubbuuwwan garaa laafee jaallatu sana, sila nuti isaan garaa laafnee hin jaallannuu? Warri ayyaana kamiin iyyuu baay'inaan qaban, caalaa baay'achuu qabu. Waan adda addaa qoradhaa; akka nuti waan hunduma caalu fudhannuuf. Dhugaa fi seerrri Kiristoos hunduma caalan; isaanis akka hunduma caalaniif sammuu xiyyeeffannoo qabu kamiifuu of agarsiisu. Dhugummaan inni addunyaa keessatti deddeebii keenya ta'uu qabuudha; akkasumas inni ulfoo ayyaana keenya hundumaati. Kiristiyaanonni salphaatti miidhamuu hin qaban, akkasumas Waaqayyoon yookiin obboleeyyanitti gufuu ta'uu irraa akka malee of eeguu qabu. Wanni Waaqayyoon caalaa ulfeessu, caalaa nu fayyada. Iji gaariin nu keessatti jiraachuu yookiin dhabuun isaa shakkii keessa akka hin geenye haa goonu. Jaalalli Kiristiyaanaa, beekumsi, fi ija fiduun Kiristiyaanaa hanga xinnoon nama kamiyyuu quubsuu hin qabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የኢየሱስ ክርስቶስ ባሪያዎች የሆኑ ጳውሎስና ጢሞቴዎስ በፊልጵስዩስ ለሚኖሩ ከኤጲስ ቆጶሳትና ከዲያቆናት ጋር በክርስቶስ ኢየሱስ ላሉት ቅዱሳን ሁሉ፤ አማርኛ ENGNIV Paul and Timothy, servants of Christ Jesus, To all the saints in Christ Jesus at Philippi, together with the overseers … English BCV ኣገልገልቲ ኢየሱስ ክርስቶስ ካብ ዝኾኑ ጳውሎስን ጢሞቴዎስን፥ ናብቶም ኣብ ፊልጵስዩስ ብኢየሱስ ክርስቶስ ዘለዉ ዅሎም ቅዱሳን፥ ምስ ኤጲስ ቆጶሳትን(ሀ) ዲያቆናትን። ትግርኛ BCV GIZ እምጳውሎስ ወጢሞቴዎስ አግብርተ ኢየሱስ ክርስቶስ ለኵሎሙ ቅዱሳን እለ ተቀደሱ በኢየሱስ ክርስቶስ እለ ሀለዉ ፊልጵስዩስ ምስለ ቀሳውስት ወዲያቆናት። giz GAZGAZ Nuyi Phaawulosii fi Ximotewos hojjetoonni Kristos Yesus, gara warra karaa Kristos Yesus Waaqayyoof qulqullaa'anii manda… Afaan Oromoo BCV aksum ኣገልገልቲ ኢየሱስ ክርስቶስ ካብ ዝኾኑ ጳውሎስን ጢሞቴዎስን፥ ናብቶም ኣብ ፊልጵስዩስ ብኢየሱስ ክርስቶስ ዘለዉ ዅሎም ቅዱሳን፥ ምስ ኤጲስ ቆጶሳትን(ሀ) ዲያቆናትን። ትግርኛ AMHNIV የክርስቶስ ኢየሱስ አገልጋዮች የሆኑ ጳውሎስና ጢሞቴዎስ፤ ከቤተ ክርስቲያን ኤጲስ ቆጶሳትና ከዲያቆናት ጋር በፊልጵስዩስ ላሉ በክርስቶስ ኢየሱስ ቅዱሳን ለሆኑ ሁሉ፤ አማርኛ SWAHSUV Paulo na Timotheo, watumwa wa Kristo Yesu, kwa watakatifu wote katika Kristo Yesu, walioko Filipi, pamoja na maaskofu Kiswahili