Lakkoofsa 26

GAZGAZAfaan Oromoo65 Keeyyattoota12:17 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 12:17 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Dha'icha sana booddee Waaqayyo Musee fi Ele'azaar ilma Aaron lubichaatiin,

2“Guutummaa waldaa Israa'el keessaa namoota waggaan isaanii digdama guutee fi warra digdamaa olii, Israa'el keessaa lola dhaquu kan danda'an hundumaa akka mana mana abbaa isaaniitti lakkaa'aa!” jedhe.

3Museenii fi Ele'azaar lubichi fuullee Yerikootti bukkee laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessatti,

4akkuma Waaqayyo Musee abboometti, namoota waggaan isaanii digdama guutee fi warra waggaa digdamaa olii walitti in qaban; Israa'eloonni warri biyya Gibxii ba'an kanatti aananii kan jiranii dha.

5Ruuben, ilma Israa'el isa angafa; ilmaan Ruuben immoo warra kanatti aananii jiranii dha; Henok, abbaa qomoo Henokootaa ti; Faluu, abbaa qomoo Faluuwotaa ti;

6Hezron, abbaa qomoo Hezronootaa ti; Karmiin, abbaa qomoo Karmii'otaa ti.

7Isaan kun qomoowwan Ruuben; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii sadii fi dhibba torbaa fi soddoma turan.

8Ilmi Faluu immoo Eliiyaab.

9Ilmaan Eliiyaab, Nemu'el, Daataanii fi Abiiram; Daataanii fi Abiiram kun warra Musee fi Aaroniin mormanii dha; akkasumas yeroo Qoraahii fi gareen isaa Waaqayyoon morman isaan keessa turan.

10Yommus lafti banamee Qoraahii wajjin isaan in liqimse; warri garee Qoraahi immoo yeroo ibiddi namoota dhibba lamaa fi shantama fixe dhuman; kanaanis isaan milikkita namoonni ittiin of eeggatan ta'an.

11Haa ta'u iyyuu malee, ilmaan Qoraahi hin ajjeefamne.

12Ilmaan Shimi'oon akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Nemu'el, abbaa qomoo Nemu'elootaa ti; Yaamiin, abbaa qomoo Yaamiinotaa ti; Yaakiin, abbaa qomoo Yaakiinotaa ti;

13Zeraan, abbaa qomoo Zerootaa ti; Shaawul, abbaa qomoo Shaawulootaa ti.

14Isaan kun qomoowwan Shimi'oonotaa ti; lakkoobsi isaanii kuma digdamii lamaa fi dhibba lama ture.

15Ilmaan Gaadi akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Zefoon, abbaa qomoo Zefoonotaa ti; Haagiin abbaa qomoo Haagotaa ti; Shuniin, abbaa qomoo Shunootaa ti;

16Ozniin, abbaa qomoo Oznootaa ti; Eriin, abbaa qomoo Erootaa ti;

17Aarod, abbaa qomoo Aarodootaa ti; Arii'eliin, abbaa qomoo Arii'elootaa ti.

18Isaan kun qomoowwan ilmaan Gaadi; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamaa fi dhibba shan turan.

19Ilmaan Yihudaa Erii fi Onaan turan; isaan garuu biyya Kana'aanitti in du'an.

20Ilmaan Yihudaa akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shelaan, abbaa qomoo Shelootaa ti; Faares, abbaa qomoo Faaresootaa ti; Zaaraan, abbaa qomoo Zaarotaa ti.

21Ilmaan Faares immoo Hezron, abbaa qomoo Hezronootaa ti; Hamul abbaa qomoo Hamulootaa ti.

22Isaan kun qomoowwan Yihudaa ti; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma torbaatamii ja'aa fi dhibba shan turan.

23Ilmaan Yisaakor akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Tolaan abbaa qomoo Tolaawotaa ti; Fuwaan, abbaa qomoo Fuwootaa ti;

24Yaashub, abbaa qomoo Yaashubootaa ti; Shimroon, abbaa qomoo Shimroonotaa ti.

25Isaan kun qomoowwan Yisaakor; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii afurii fi dhibba sadii turan.

26Ilmaan Zebuloon akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Sered, abbaa qomoo Seredootaa ti; Eloon, abbaa qomoo Eloonotaa ti; Yaahile'el, abbaa qomoo Yaahile'elootaa ti;

27isaan kun qomoowwan Zebuloon; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma jaatamaa fi dhibba shan turan.

28Ilmaan Yoseef akka qomoo qomoo isaaniitti, Minaasee fi Efreem.

29Ilmaan Minaasee, Maakiir, abbaa qomoo Maakiirotaa ti; Maakiir kun abbaa Giil'aad ture; Giil'aad immoo abbaa qomoo Giil'aadotaa ti.

30Ilmaan Giil'aad immoo warra kanatti aananii jiranii dha; Yi'ezer, abbaa qomoo Yi'ezerootaa ti; Helek, abbaa qomoo Helekootaa ti;

31Asrii'el, abbaa qomoo Asrii'elootaa ti; Sheekem, abbaa qomoo Sheekemootaa ti.

32Shemiidaan, abbaa qomoo Shemiidotaa ti; Hefer, abbaa qomoo Heferootaa ti.

33Zelofehaad ilmi Hefer immoo intaloota malee, ilmaan hin qabu ture; maqaan intaloota Zelofehaad, Maahilaa, No'aa, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa ture.

34Qomoowwan Minaasee isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma shantamii lamaa fi dhibba torba turan.

35Ilmaan Efreem akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shutelaan, abbaa qomoo Shutelootaa ti; Beker, abbaa qomoo Bekerootaa ti; Taahaan, abbaa qomoo Taahaanotaa ti.

36Ilmaan Shutelaa immoo Eraan, abbaa qomoo Eraanotaa ti;

37qomoowwan ilmaan Efreem isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma soddomii lamaa fi dhibba shan turan; ilmaan Yoseef akka qomoo qomoo isaaniitti isaan kana turan.

38Ilmaan Benyaamiin akka qomoo qomoo isaaniitti, Belaa'i abbaa qomoo Belaa'otaa ti; Ashbel, abbaa qomoo Ashbelootaa ti; Ahiiraam, abbaa qomoo Ahiiraamotaa ti;

39Shefufaam, abbaa qomoo Shefufaamotaa ti; Hufaam, abbaa qomoo Hufaamotaa ti.

40Ilmaan Belaa'i immoo Aardii fi Na'aamaan turan; Aardiin, abbaa qomoo Aardotaa ti; Na'aamaan, abbaa qomoo Na'aamaanotaa ti.

41Isaan kun akka qomoowwan isaaniitti ilmaan Benyaamiin; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba ja'a turan.

42Ilmaan Daan akka qomoo qomoo isaaniitti warra kanatti aananii jiranii dha; Shuhaam, abbaa qomoo Shuhaamotaa ti; qomoowwan Daan akka qomoo qomoo isaaniitti isaan kana.

43Qomoowwan Shuhaamotaa hundumaa keessaa warri lakkaa'aman kuma jaatamii afurii fi dhibba afur turan.

44Ilmaan Asheer akka qomoo qomoo isaaniitti, Yiimnaan, abbaa qomoo Yiimnotaa ti; Yishwiin, abbaa qomoo Yishwootaa ti; Beriiyaan, abbaa qomoo Beriiyotaa ti.

45Ilmaan Beriiyaa immoo Heber, abbaa qomoo Heberootaa ti; Malkii'el, abbaa qomoo Malkii'elootaa ti.

46Maqaan intala Asheer, Seraa ture;

47qomoowwan ilmaan Asheer isaan kana; isaan keessaa kan lakkaa'aman kuma shantamii sadii fi dhibba afur turan.

48Ilmaan Niftaalem akka qomoo qomoo isaaniitti, Yaahize'el, abbaa qomoo Yaahize'elootaa ti; Guniin, abbaa qomoo Guniiwotaa ti;

49Yezer, abbaa qomoo Yezerootaa ti; Shiilem, abbaa qomoo Shiilemootaa ti.

50Isaan kun qomoowwan Niftaalem; isaan keessaa warri lakkaa'aman kuma afurtamii shanii fi dhibba afur turan.

51Namoota Israa'el keessaa warri lakkaa'aman isaan kana turan; lakkoobsi isaanii walumatti kumaatama dhibba ja'aa fi kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi soddoma ture.

52Waaqayyo yommus Museedhaan,

53“Akka lakkoobsa maqaa isaaniitti biyyichi isaan kanaaf dhaala ta'ee haa hiramu!

54Qomoo guddaadhaaf dhaala guddaa, qomoo xinnaadhaaf dhaala xinnaa kenni! Tokkon tokkon qomoo akka lakkoobsa namoota isaatiitti dhaala isaa haa argatu!

55Biyyichi garuu buufata mukaatiin haa hiramu! Isaan akka maqaa gosa abboota isaaniitti haa dhaalan!

56Dhaalli sun qomoowwan gurguddaa fi qomoowwan xixinnaa gidduutti buufata mukaatiin haa hiramu!” jedhe.

57Lewwoonni akka qomoo qomoo isaaniitti lakkaa'aman immoo kanatti aananii warra jiranii dha; Gershoon, abbaa qomoo Gershoonotaa ti; Qehaat, abbaa qomoo Qehaatotaa ti; Meraariin, abbaa qomoo Meraarotaa ti.

58Warri kanatti aananii jiranis qomoowwan Lewwootaa ti; qomoo Siibnaa'ot, qomoo Heronootaa, qomoo Maahilootaa, qomoo Mushootaa, qomoo Qoraahotaa ti; Qehaat immoo abbaa Amraam ture.

59Maqaan haadha manaa Amraam Yokebeed ture; isheen intala Lewwii ishee biyya Gibxiitti dhalatte turte; isheen immoo Aaronin, Musee fi Miiryaamin obboleettii isaanii Amraamiif deesse.

60Aaroniif immoo Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaartu dhalate.

61Garuu Naadaabii fi Abiihuun ibidda alaa isa Waaqayyo isaan hin abboomin Waaqayyo duratti yeroo dhi'eessan du'an.

62Dhiirota dhalatanii ji'a fixanii jalqabee hamma warra isaa oliitti isaan keessaa kan lakkaa'aman hundinuu kuma digdamii sadii turan; isaan Israa'eloota gidduudhaa dhaalli waan isaaniif hin kennaminiif isaan keessatti hin lakkaa'amne.

63Isaan kun warra yeroo Museenii fi Ele'azaar lubichi fuullee Yerikootti bukkee laga Yordaanos dachaa Mo'aab keessatti Israa'eloota lakkaa'an sana lakkaa'amanii dha.

64Garuu warra yeroo Musee fi Aaron lubichi Siinaa lafa onaa keessatti Israa'eloota lakkaa'anitti lakkaa'aman keessaa namni tokko illee isaan kana keessa hin turre.

65Israa'eloonni sun lafa onaa keessatti akka dhuman Waaqayyo dubbatee akkuma ture, isaan keessaa Kaaleb ilma Yofunee fi Iyaasuu ilma Nun malee, namni tokko iyyuu hin hafne.

Ibsa

26:1-51 Museen saba hin lakkoofne, yommuu Waaqayyo isa ajaje malee. Asitti maatiiwwanii fi gosaaleen galmaa’anii jiru. Lakkoofsi walii galaa akkuma Gaara Siinaay irratti lakkaa’ametti baay’inaan walfakkataa ture. Asitti ijoolleen Qoraahii yaadatamanii jiru; isaan akkuma ijoollee Daataan fi Abiiraamii hin duune; isaan fincila abbaa isaanii hindaaballe fakkaatu. Yoo nuti cubbuu cubbamootaa keessa hin hirmaanne, dirmammaa isaanii keessa hin hirmaannu.

Boqonnaa 26

Kitaabni kun Lakkoofsa jedhama, lakkoofsa ijoollee Israa'el kan ibsu waan ta'eef. Yeroo tokko Tulluu Siinaayitti, waggaa tokkoffaa Gibxii ba'anii booda lakkaa'amanii turan, kan Boqonnaa 1 fi 2 irratti argannu. Amma immoo yeroo lammaffaaf dirree Mo'aabitti, Kana'aanitti seenuuf jedhanii lakkaa'aman, kan boqonnaa kana keessatti argannu. Nutis,

I. Ajajni kana raawwachuuf kenname (Lakk. 1-4).

II. Galmee maatiiwwanii fi lakkoofsa gosa hundaa (Lakk. 5–50), akkasumas walumaa galatti (Lakk. 51).

III. Laficha isaan gidduutti qooduuf qajeelfamni kenname (Lakk. 52–56).

IV. Maatiiwwanii fi lakkoofsa Lewwotaa of danda'anii (Lakk. 57–62).

V. Du'a warra jalqaba lakkaa'amanii hundaa keessatti raawwatamuu akeekkachiisaa hubannoon kenname (Lakk. 63–65), akkasumas lakkoofsa kana fudhachuu fi eeguu keessatti xiyyeeffannaan addaa kennameera fakkaata.

Lakk. 1-4

Kana irratti hubadhaa,

1. Museen yeroo Waaqayyo isa ajaje malee saba hin lakkoofne. Daawit yeroo isaa sana ajaja malee godhee, baay'ee itti kaffale. Waaqayyo mootii Israa'el ture, hojii aboo kana ajaja isaa ifa ta'een malee akka hin raawwatamne barbaade. Museen, yeroo kana, Bala'aam fedha isaa malee Israa'eliin eebbisuuf dirqamee, keessattuu lakkoofsa isaanii akka hubate dhaga'ee ture; Waaqayyo lakkoofsa isaanii akka fudhatu yeroo isa ajajutti malee, lakkoofsa isaanii sirriitti osoo hin beekin, diina irraa ragaa humnaa fi ulfina isaanii kanaaf kennameen baay'ee gammade.

2. Ele'azaar akka duraan Aaron turetti, hojii kana keessatti isa waliin ture, kanaanis Waaqayyo Ele'aazariin jaarsolii saba isaa duratti kabaje, akkasumas bakka bu'ummaa isaa mirkaneesse.

3. Lakkoofsi kun fudhatamuuf ajajni kenname erga dhibeen sun dhumatee booda ture, kunis Waaqayyo dhibee hamaa sanaan haqa isaan waliin falmee tureyyuu, guutummaatti isaan hin fixne, akkasumas guutummaatti isaan hin gatu turuu isaa agarsiisuuf ture. Israa'el Waaqayyoo, yoo cimaatti ceepha'amanillee, hin badani.

4. Amma immoo lakkoofsa duraanii keessatti akka deemanitti, warra lolaaf ba'uu danda'an qofa lakkaa'uun deemu turan, sababiin isaas kun hojii yeroo sana isaan dura ture.

Lakk. 5-51

Kun galmee gosaalee yeroo ammaatti galmaa’anii fi akka boqonnaa 1tti lakkaa’amanidha. Ilaali,

I. Galmee maatiiwwan gosa tokko tokkoo kan asitti qabame, kanas maatiiwwan nuun jedhaman, kanneen mana tokko keessa waliin jiraatan jechuun hin hubatamuu qabu, garuu sanyiiwwan ilmaan abbootii amantii adda addaa turan, maqaa isaaniitiin, ulfina isaaniif, dhaloonni isaanii ofii isaanii fi walii isaanii adda baasan. Maatiin gosa kudha lamaanii akkasitti lakkaa’amaniiru:—Daan keessaa tokko qofa, Daan ilma tokko qofa waan qabuuf, garuu gosti sun Yihudaa malee hunduma caalaa baay’ee ture, lakk. 42, 43. Jalqabni isaa xinnoo ture, garuu dhumni isaa baay’ee dabale. Zebuuloon maatii sadiitti, Efraayim afuritti, Isaakaar afuritti, Naftaali afuritti, Ruubeen afuritti qoodame; Yihudaan, Simeooniin, fi Aasheer maatii shan shan qabu turan, Gaadii fi Beniyaamin torba torba, Manaaseen immoo saddeet qaba ture. Beniyaamin ilmaan kudhan gara Gibxii fide (Uma. 46:21), garuu isaan keessaa sadii, ijoollee malee du’aniiru yookiin maatiin isaanii dhabamaniiru fakkaata, asitti maqaa isaanii keessaa torba qofa waan argineef, gosti sun guutuun isaa baay’ee hin turre; sababiin isaas, Waaqayyo maatiiwwanii fi sabaa ijaaruu keessatti, ofii isaa carraawwan danda’amanii wajjin hin hidhu. Dubartiin dhabduu torba deesseetti, isheen ijoollee baay’ee qabdu immoo dadhabdeetti, 1 Saam. 2:5.

II. Lakkoofsa gosa tokko tokkoo. Asitti wanti nu gammachiisu lakkoofsa kana kan yeroo Tulluu Siinaayitti lakkaa’aman waliin wal bira qabuu dha. Walumaa galatti lakkoofsi isaanii wal fakkaata ture; amma yeroo sanaa 1820 gadi bu’aniiru; garuu gosaalee torba lakkoofsaan dabalan. Yihudaan 1900, Isaakaar 9900, Zebuuloon 3100, Manaaseen 20,500, Beniyaamin 10,200, Daan 1700, fi Aasheer 11,900 dabalan. Garuu gosaaleen shanan hafan dabala kana caalaa hir’isan. Ruubeen 2770, Simeoon 37,100, Gaadii 5150, Efraayim 8000, fi Naftaali 8000 hir’isan. Galmee kana keessatti, wantoota armaan gadii hubachuu dandeenya:

1. Gosaaleen sadan Yihudaa, kan inni abbaa Kiristoos ture, jalatti qubatan hundi dabalan, sababiin isaas, waldaan isaa ni ijaaramti, ni baay’atti.

2. Gosaaleen kamiyyuu Manaasee caalaa hin daballe, kan inni lakkoofsa duraanii keessatti gosaalee hundumaa keessaa isa xiqqaa ture, 32,200 qofa, yeroo asitti immoo isa gurguddaa keessaa tokko ta’e; kan obboleessa isaa Efraayim, kan inni achitti baay’ee ture, asitti isa xiqqaa keessaa tokko ta’e. Yaaqoob harka isaa mataa isaanii irra kaa’ee, Efraayim Manaasee dura filateera, kan Efraayimoonni of tuulummaatti fudhatanii obboleewwan isaanii Manaasee irratti miidhaa geessisan ta’uu danda’a; garuu, yeroo Waaqayyo Manaaseen tuffatamee arge, akkasitti isa baay’ise, sababiin isaas, isa dadhabaa gargaaruu fi warra gadi bu’an ol kaasuun ulfina isaati.

3. Gosaaleen kamiyyuu Simeoon caalaa hin hir’anne; 59,300 irraa gara 22,200tti gadi bu’e, kan inni yeroo duraa ture keessaa harka sadii keessaa tokko caalaa xiqqaa ture. Maatiin gosa sanaa guutuun tokko (jechuunis Ohaad, Ba’uu 6:15 irratti dubbatame) lafa onaa keessatti dhabame. Kanaaf Simeoon eebba Musee keessatti hin dubbatamne (Keessa Deebii 33), akkasumas qoodni gosa sanaa Kana’aan keessatti xiqqaa ture, qooda Yihudaa keessaa kutaa xiqqaa qofa ture, Iya. 19:9.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6