Neemiyaa 3

GAZGAZAfaan Oromoo32 Keeyyattoota9:50 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 9:50 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Eliyaashiib angafni lubaa fi obboloonni isaa luboonni akka isaatii dhaqanii dallaa mandarattiif karra isa “Karra hoolaa” jedhamu deebisanii in ijaaran; isaan hamma masaraa dhagaa ol dheeraa isa “Masaraa dhibbaa” jedhamuutti, darbees hamma masaraa Hanaani'elitti ijaaranii eebbisanii cufaa itti naqan.

2Itti aansanii namoota Yerikootu ijaare; itti aansee immoo Zakur ilma Iimriitu ijaare.

3Ilmaan Hasenaa gara karra isa “Karra qurxummii” jedhamuun ijaaranii, utuboota isaa dhaabanii, cufaa isaa itti naqanii, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'an.

4Itti aansee Meremoot ilma Uriiyaa Qooxiitu deebisee ijaare; itti fufee immoo Meshulaam ilma Berekiiyaa Meshezaabi'eltu deebisee ijaare; itti aansee immoo Zaadoq ilma Ba'anaatu deebisee ijaare.

5Kutaa isa itti aanu immoo warra Teqo'aatu deebisee ijaare; gurguddoonni isaanii garuu hojii gooftaa isaanii kana keessa lixanii hojjechuu in didan.

6Yoyaadaan ilmi Phaasehaa fi Meshulaam ilmi Besodeyaa gara karra isa “Karra durii” jedhamuun deebisanii in ijaaran; utuboota isaa dhaabanii, cufaa isaa itti naqanii, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'an.

7Itti fufanii immoo hamma iddoo taa'umsa isa kutaa biyyaa laga Efraaxiis irraa gara lixa-biiftuu jiru bulchuutti, Melaaxiiyaa Giibe'onticha, Yaadon Meronticha akkasumas warra Giibe'onii fi warra Miisphaatu deebisee ijaare.

8Kutaa isa itti aanu immoo Uzii'el ilma Haarhayaa isa warqee tumutu deebisee ijaare; itti aansee immoo Haanaaniiyaa ilma namicha urgooftuu tolchu tokkootu deebisee ijaare; isaan dallaa mandarattii hamma “Dallaa bal'aa” isa jedhamutti deebisanii in ijaaran.

9Kutaa isa itti aanu immoo Refaayaa ilma Huur isa walakkaa Yerusaalem isa gar tokkoo bulchaa turetu deebisee ijaare.

10Kanatti fufee immoo Yedaa'iyaa ilma Harrumaaftu fuullee mana isaatiin deebisee ijaare; itti aansee immoo Haxush ilma Hashabniiyaatu deebisee ijaare.

11Malkiiyaan ilmi Hariimii fi Hashub ilmi Phaahat-Mo'aab immoo kutaa isa kaanii fi dallaa dhagaa dheeraa isa iddoo ibiddaa deebisanii in ijaaran.

12Kutaa isatti aanee jiru immoo, Shaalum ilma Halohesh isa walakkaa Yerusaalem isa gara kaanii bulchaa tureef intaloota isaatu deebisee ijaare.

13Karra isa “Karra dachaa” jedhamu immoo Hanuunii fi warra Zano'aa jiraatantu deebisee ijaare; isaan hamma karra isa “Karra kosii” jedhamuutti dhundhuma kuma tokko deebisanii ijaaranii, cufaa isaa itti naqanii, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'an.

14Malkiiyaan ilmi Rekaab inni gar tokkoo mandara Bet-Hakerem bulchaa ture karra isa,“Karra kosii” jedhamu deebisee ijaaree, cufaa isaa itti naqee, loloosoo isaa fi danqaraa isaa itti in kaa'e.

15Shaalum ilmi Kolhozee inni gar tokkoo mandara Miisphaa bulchaa ture karra isa “Karra burqaa” jedhamu deebisee ijaaree, bantii itti tolchee, cufaa isaa itti naqee, lolososaa fi danqaraa isaa itti in kaa'e; akkasuma immoo inni dallaa Shelaa kufama bishaanii isa iddoo dhaabaa mootichaa biraa hamma buusaa isa mandara Daawitii gad buusu sanaatti deebisee in ijaare.

16Isatti aanee immoo Nahimiiyaa ilma Azbuk isa walakkaa Bet-Zuur isa gar tokkoo bulchaa turetu karaa fuullee awwaala Daawit hamma bishaan kuufamee fi hamma mana warra jagnoota jajjabootti deebisee in ijaare.

17Itti fufee immoo warri Lewwootaa geggeessaa Rehuum ilma Baaniitiin dallicha deebisanii in ijaaran; itti aanee immoo Hashabiiyaa isa walakkaa Qeyilaa isa gar tokkoo bulchaa turetu qooda isaa deebisee ijaare.

18Itti fufee immoo obboloota isaaniitu deebisee ijaare; Binuyi ilma Henaadaad isa walakkaa Qeyilaa isa gara kaanii bulchaa turetu kutaa isa itti aanu deebisee ijaare.

19Ezer ilma Yeshu'aa isa Miisphaa bulchaa turetu karaa isa gara iddoo mana mi'a lolaa kaa'anitti ol baasu sanaa jalqabee hamma dhuma goolee isaatiitti deebisee ijaare.

20Itti aanee immoo Baaruk ilma Zabaayitu hinaaffaadhaan ka'ee, kutaa isa golee irraa ka'ee hamma balbala mana Eliyaashiib angafa lubootaatti jiru deebisee ijaare.

21Itti fufee immoo Meremoot ilma Uriiyaa Haqoztu balbala mana Eliyaashiibii jalqabee hamma dhuma isa kan isaatiitti deebisee ijaare.

22Itti aansee immoo luboota warra naannoo mandarattii jiraatantu deebisee ijaare.

23Itti fufanii immoo Benyaamiinii fi Hashubtu qixa qixa mana isaaniitiin deebisanii ijaaran; Azaariyaan ilmi Ma'aseyaa Anaaniiyaa bukkee mana isaatiitiin deebisee in ijaare.

24Itti aansee Binuyi ilma Henaadaadtu dhuma mana Azaariyaatii kaasee hamma golee dallichaatti deebisee ijaare.

25Phaalaal ilmi Uzaayis golee dallichaa fi dallaa ol dheeraa isa kan mana mootichaa iddoo oobdii eegduun keessa dhaabatu biraa jalqabee deebisee in ijaare; itti aanees Phedaayaa ilma Phaarosh,

26akkasumas hojjetoota mana qulqullummaa warra gaara Ofeel gubbaa jiraatantu hamma iddoo fuullee karra isa “Karra bishaanii” jedhamu tokkootti, gara ba'a-biiftuu fi gara dallaa isa dheeraa golee keessaa ol ba'ee mul'atutti deebisee ijaare.

27Kan isaaniitti aanee immoo namoota Teqo'aatu dallaa isa dheeraa isa guddicha golee keessaa ol ba'ee mul'atu sanaa kaasee hamma dallaa Ofeelitti deebisee ijaare.

28Karra isa “Karra fardaa” jedhamu gara irraadhaan immoo luboonni qixa qixa mana isaaniitiin deebisanii in ijaaran.

29Kan isaaniitti aanee immoo Zaadoq ilma Iimertu fuullee mana isaatiin deebisee ijaare; isatti fufee immoo Shemaa'iyaa ilma Shekaayaa isa karra ba'a-biiftuu eegutu deebisee ijaare.

30Itti fufee immoo Hanaaniyaa ilma Shelemiyaa fi Hanuun ilma Zalfaa isa ja'affaatu bakka tokko deebisee ijaare; itti aansee immoo Meshulaam ilma Berekiiyaatu fuullee mana isaatiitiin deebisee ijaare.

31Kana booddee immoo Malkiiyaa ilma namicha warqee tumu tokkootu hamma mana hojjetoota mana qulqullummaa fi naggaadotaatti, fuullee karra isa “Karra eegumsaa” jedhamuutiin immoo hamma kutaa manaa isa golee gara irraadhaan mul'atutti deebisee ijaare.

32Akkanumas kutaa manaa isa golee gara irraadhaan mul'atuu fi karra isa “Karra hoolaa” jedhamu gidduu immoo warra warqee tumanii fi naggaadotatu deebisee ijaare.

Ibsa

3:1-32

Dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu. — Hojiin kun qoodamee ture, akka namni hunduu wanta hojjechuu qabu beekuuf, akkasumas jaalala caaluudhaan itti cichuuf; garuu walfalmii yookiin fedha addaa tokko malee. Walitti bu'iinsi gidduu isaanii hin mul'anne, kanaa mannaa eenyu akka faayidaa ummataaf caalaatti hojjetu qofa ture. Israa'eloonni hunduu harka kennuu qabu turan ijaarsa Yerusaalemitti. Warri ulfaatoon wanti tokko jala isaaniitti hin jiru jedhanii hin yaadin, kan kanaan faayidaa biyya isaanii guddisuu danda'an ta'us. Hatta warri dubartootaa muraasni illee hojichaaf gargaarsa godhan. Muraasni mana isaanii fuulduraa deebisanii hojjetan, tokko immoo kutaa isaa fuulduraa hojjete. Hojii gaarii waliigalaa yommuu hojjetamu, namni hunduu kutaa harka isaa ga'utti fayyadamuu qaba. Yoo namni hunduu balbala isaa duraa haawe, daandii qulqulluu ta'a; yoo namni hunduu tokko sirreesse, hundumti keenya ni sirraawna. Warri dura xumuran muraasni hiriyoota isaanii gargaaran.

Dallaan Yerusaalem, tuullaa xurii keessa jiru, haala addunyaa naannoo keenyaa abdii kutachiisaa ta'e agarsiisa, yeroo lakkoofsi fi hamaansaa warra ijaarsa gufachiisan, yaada diinota nu wajjin walfalmuu qabnu muraasa nuu kenna, yommuu hojii Waaqayyoo raawwannu. Namni hunduu mana isaa irraa jalqabuu qaba; sababiin isaa, hojiin Waaqayyoo lubbuu keenya keessatti yommuu guddatu qofaadha kan nu sirriitti faayidaa Waldaa Kiristoositti gumaachinu. Gooftaan haala kanaan garaa ummata isaa haa kakaasu, akka walitti bu'ii xixiqqaa isaanii dhiisan, akkasumas fedha addunyaa isaanii hin jirreetti ilaalaniif, dallaa Yerusaalem ijaaruu wajjin yoo wal bira qabame, akkasumas dhugaa fi amala Waaqayyoo deggersuu ergasa diinota ifatti beekamoo ta'anii irratti.

Boqonnaa 3

Dubbachuun fi hojiitti hiikuun yeroo baay’ee wantoota adda addaati: namoonni hedduun, "Kaanee haa ijaarru" jedhu, garuu akkuma ilma dubbii gaarii kan "Deema, Gooftaa koo" jedhee garuu hin deemne sanaa, taa'anii homaa hin hojjetan. Warri hojii kana jalqaban garuu akkasii miti turan. Akkuma dallaa Yerusaalem ijaaruuf murteessan, yeroo hin qisaasne, garuu akkuma boqonnaa kana keessatti arginu, battaluma sanatti hojiitti seenan. Hojii gaarii har'a hojjechuu dandeenyu boruuf akka dhiisne gonkumaa hin jedhamin. Boqonnaan kun wantoota lama ibsa:—

I. Ijaarronni maqaan isaanii asitti ulfinaaf galmaa'e, sababiin isaas isaan kana keessatti fedhii guddaa Waaqayyoofii biyya isaaniif qaban, hafuura amantaa fi hawaasummaa, akkasumas kutannoo fi ija jabina guddaa agarsiisaniiru; wanti isaan hojjetanis akkasitti bal'inaan galmaa'uun isaanii, isaan jajuufii warra kaan fakkeenya isaanii hordofuuf jajjabeessuuf gahaa ture.

II. Tartibni ijaarsaa; hojii sana dura isaanii godhatan, eessa akka jalqabanitti xumuran. Isaan suphatan: 1. Balbala hoolaa irraa hanga balbala qurxummii (lak. 1, 2). 2. Achi irraa gara balbala duriitti (lak. 3-5). 3. Achi irraa gara balbala sululaatti (lak. 6–12). 4. Achi irraa gara balbala kosii (lak. 13, 14). 5. Achi irraa gara balbala burqaa (lak. 15). 6. Achi irraa gara balbala bishaanii (lak. 16–26). 7. Achi irraa balbala fardaa irraan deebi'anii gara balbala hoolaa, bakka jalqabanitti (lak. 27–32), akkasitti hojii isaanii magaalaa guutuu naanneessan.

Lakk. 1-32

Boqonnaa kana akkamitti qooduu akka qabnu beekuuf karaa gaariin, hojiin sun warra hojii jalqaban gidduutti akkamitti akka qoodame ilaaluudha, akkasumas namni hunduu maal hojjechuu akka qabu beekee, sana irratti xiyyeeffachuun, dorgommii qulqulluu fi fedhii caalummaa qabaachuun, garuu malee waldhabdee, jibbaa yookiin faayidaa dhuunfaa tokko malee. Isaan gidduutti waldhabbiin tokkollee hin mul'atu, garuu eenyu akka faayidaa ummataaf caalaa hojjetu qofa ture. Dalla Yerusaalem ijaaramuu isaa ilaalchisee ibsa asitti kenname keessatti wantoonni hedduun ni argamu:—

I. Eliyaashib luba ol'aanaa, obboloota isaa luboota waliin, garee ijaarronni kana keessatti dura bu'aa turan, lak. 1. Tajaajiltoonni hojii gaarii hundumaa keessatti dura bu'aa ta'uu qabu; sababiin isaas hojiin isaanii fakkeenya isaaniitiin akkasumas barsiisa isaaniitiin barsiisuufii jajjabeessuuf isaan dirqisiisa. Yoo hojiin keessa jiraate, isaan caalaa eenyutu hojjechuuf gahaadha? Yoo balaan jiraate, isaan caalaa eenyutu balaaf of saaxiluuf gahaadha? Ulfinni luba ol'aanaa baay'ee guddaa ture, akkasumas tajaajila kana keessatti of agarsiisuuf isa dirqisiise. Luboonni balbala hoolaa suphatan, maqaan isaa akkas jedhameef sababiin isaas hoolonni mana qulqullummaa keessatti aarsaa ta'uuf jedhan isaan keessa darbu turan; kanaafuu luboonni suphaa isaa hojjetan sababiin isaas aarsaan Waaqayyo ibiddaan dhiyeessan dhaala isaanii ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ታላቁም ካህን ኤልያሴብ ወንድሞቹም ካህናት ተነሥተው የበግ በር ሠሩ፤ ቀደሱትም፥ ሳንቃዎቹንም አቆሙ፤ እስከ ሃሜአ ግንብና እስከ ሐናንኤል ግንብ ድረስ ቀደሱት። አማርኛ ENGNIV Eliashib the high priest and his fellow priests went to work and rebuilt the Sheep Gate. They dedicated it and set its … English BCV እቲ ዓብዪ ካህን ኤልያሴብ ምስ ኣሕዋቱ ኻህናት ኮይኑ፥ ነቲ ቕፅሪ በሪ ኣባጊዕ ነደቕዎን ቀደስዎን፤ መዓፁውን ኣቖሙሉ። ክሳዕ እቲ ሃሜኣ ዝበሃል ግንብን ክሳዕ መሐለዊ ግንቢ ሃናንኤልን ድማ … ትግርኛ GAZBIB Eliyaashiib angafni lubaa fi obboloonni isaa luboonni akka isaatii dhaqanii dallaa mandarattiif karra isa “Karra hoolaa… Afaan Oromoo BCV GIZ ወተንሥአ ኤሌሱብ ካህን ዓቢይ፡ ወአኃዊሁኒ ካህናት ወሐነጹ አንቀጸ ጲሩጳጥቄ፡ ወእሙንቱ ጠፈርዋ ወዐቀሙ ኆኃቲሃ እስከ ማኀፈደ ምእት፡ ወቀደሱ እስከ ማኅፈደ ሐናናኤል። giz BCV aksum እቲ ዓብዪ ካህን ኤልያሴብ ምስ ኣሕዋቱ ኻህናት ኮይኑ፥ ነቲ ቕፅሪ በሪ ኣባጊዕ ነደቕዎን ቀደስዎን፤ መዓፁውን ኣቖሙሉ። ክሳዕ እቲ ሃሜኣ ዝበሃል ግንብን ክሳዕ መሐለዊ ግንቢ ሃናንኤልን ድማ … ትግርኛ AMHNIV ሊቀ ካህናቱ ኤልያሴብና ወንድሞቹ ካህናት ለሥራ ተነሡ፤ የበጎች በር የተባለውንም እንደ ገና ሠሩ። ቀደሱት፤ መዝጊያዎቹንም በየቦታቸው ላይ አቆሙ። መቶ ማማ እስከሚባለው ግንብና ሐናንኤል ማማ… አማርኛ SWAHSUV Ndipo akaondoka Eliashibu, kuhani mkuu, pamoja na nduguze makuhani, wakalijenga lango la kondoo; wakazitia boriti zake,… Kiswahili