Naahum 2

GAZBIBAfaan Oromoo13 Keeyyattoota2:54 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:54 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yaa Nanawwe, inni rukutee si caccabsu sitti in dhufa, masaraa irra eegduu dhaabi, karaas eegsisi! Mudhii kee jabeeffadhu, humna waraanaa kees cimsii qopheeffadhu!

2Warri saamtuun sanyii Yaaqoob saamanii, waynii isaanii yoo duraa balleessan iyyuu, Waaqayyo akkuma isaanii duriitti Israa'eliif ulfina in deebisa.

3Loltoonni diinaa uffata dhiilgee uffatu, gaachanni loltoota isaa warra jajjaboo diimaa dha; sibiilli konkolaattota isaatii, yeroo qopheeffamee ba'u akka arraba ibiddaa in ifa, eeboon isaas in mirmirfama.

4Konkolaattonni ija mataa hin qabneen karaa irra asii fi achi in fiigu, waltajjii karaa irras gara fuula duraa fi dugda duubaatti in kaatu; bifni isaanii guca boba'u in fakkaata, akka bakakkaas asii fi achi in darbatamu.

5Diinni loltoota isaa warra ulfina-qabeeyyii in waama, isaan karaa isaanii irratti in gufatu, gara dallaa mandarattiittis ariitiidhaan in fiigu, da'oonis iddoo iddoo isaatti in qopheeffama;

6karri lagichaa caccabee banamaa in ta'a, manni mootummichaas huursee in jiga;

7mootittiin qullaatti haftee booji'amtee in adeemti; xomboreewwan ishee qoma isaanii rurrukutatanii, akka gugee in guungumu.

8Nanawween akka kuufama bishaanii ti, akkuma bishaan kuufamicha keessaa yaa'ee sokku, namoonni ishee ishee keessaa yaa'anii in sokku. “Dhaabadhu! Dhaabadhu!” yommuu ittiin jedhanis, tokko illee kan deebi'u hin jiru.

9Wanti achi keessa jiru, badhaadhummaan gombisaa ishee keessaas dhuma hin qabuutii, egaa meeticha saamaa, warqichas saamaa!

10Isheen saamamtee onteetti, duwwaatti hafteettis; sodaattee lapheen dha'ateera; jilbis raafameera, dhagni in hollata, fuulli hundinuus in geddarama.

11Iddoon leenconni keessa dhokatan meerree” Lafti isaan ilmoolee isaanii itti sooran, iddoon leenci kormaanii fi leenci dhalaan dhaqaa turan, lafti ilmooleen leencaa bir'aa malee taa'aa turanis meerree”

12Leencichi nyaata ilmoolee isaatiif hamma ga'u ajjeeseera, leenca dhaltuu ishee kan isaatiifis hamma ga'u qabeera; boolla isaa wanta ajjeeseen, iddoo dhokannaa isaas wanta qabeen guuteera.

13Waaqayyo gooftaan maccaa, “Kunoo, ani siin nan morma; konkolaataa kee aaraan nan guba, ilmoolee leencaa kees billaan in fixa; ani wanta ati qabattee nyaattu lafa irraa raawwadhee nan balleessa, sagaleen ergamoota keetiis deebi'ee hin dhaga'amu” jedhee dubbateera.

Ibsa

2:1-10 Sagada kanarraa Ninevehin hin dabsitu; Gooftaa irratti gorsa yookiin humna hin jiru. Waaqayyo magaalaawwan boonan ilaala, isaanis kuffisa. Diinni weerartuun Ninevee irratti sodaawwan akkamii wajjin akka mul'attuuf haalli addaa ta'e ibsameera. Mootummaan Assoor mootittii boojuun gara Baabilonitti geffamuuf jirtuun fakkeeffamteetti. Dafaqni qalbii guyyaa hamaatti nama sodaa guuta; yeroo dhiphinaatti yookiin guyyaa dheekkamsaa qabeenyi yookiin ulfinni maal nuuf godhu? Haa ta'u malee, wantoota akkasii sanaaf meeqaan lubbuu isaanii dhabu!

2:11-13

Mootonnii Ashuur y…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የሚቀጠቅጥ በአንተ ላይ ወጥቶአል፤ ምሽግን ጠብቅ፥ መንገድንም ሰልል፤ ወገብህን አጽና፥ ኃይልህንም እጅግ አበርታ። አማርኛ ENGNIV An attacker advances against you, Nineveh. Guard the fortress, watch the road, brace yourselves, marshal all your stren… English BCV እቲ ዘድቅቕ ናባኻ መፂኡካ ኣሎ፤ ነቲ ዕርድኻ ኣፅንዓዮ፤ ነቲ መንገዲ ሰልሎ፤ ሕቘኻ ኣፅንዕ፤ ንሓይልኻውን የመና ኣበርትዓዮ። ትግርኛ BCV GIZ ኀልቀ ወተስዕረ ወዓርገ ዘይነፍሕ ውስተ ገጽከ ወያጠፍአከ በሕማም፡ አስተሓይጽ ፍኖተከ ወአጽንዕ ሐቌከ አጥብዕ በኀይልከ በሕቁ። giz GAZGAZ Yaa Nanawwe, inni rukutee si caccabsu sitti in dhufa, masaraa irra eegduu dhaabi, karaas eegsisi! Mudhii kee jabeeffadh… Afaan Oromoo BCV aksum እቲ ዘድቅቕ ናባኻ መፂኡካ ኣሎ፤ ነቲ ዕርድኻ ኣፅንዓዮ፤ ነቲ መንገዲ ሰልሎ፤ ሕቘኻ ኣፅንዕ፤ ንሓይልኻውን የመና ኣበርትዓዮ። ትግርኛ AMHNIV ነነዌ ሆይ፤ አጥቂ መጥቶብሻል፤ ምሽግሽን ጠብቂ፤ መንገድሽን ሰልዪ፤ ወገብሽን ታጠቂ፤ ኀይልሽን ሁሉ አሰባስቢ። አማርኛ SWAHSUV Yeye asetaye vipande vipande amepanda juu mbele ya uso wako; zishike silaha, ilinde njia, vitie nguvu viuno vyako, uong… Kiswahili