Maarqos 4

GAZGAZAfaan Oromoo41 Keeyyattoota6:55 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:55 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus ciisa bishaanichaa bukkeetti ammas barsiisuu jalqabe. Tuuti isa biratti walitti qabame immoo sonaan baay'annaan, Yesus bidiruu tokko yaabbatee, gara gidduu bishaaniittis butatee barsiisuudhaaf taa'e; yommus namoonni hundinuu qarqara ciisa bishaanichaa turan.

2Yesus barsiisa isaa keessatti fakkeenya garaa garaatiin waan baay'ee isaan barsiise.

3?Dhaggeeffadhaa! Namichi tokko sanyii facaasuudhaaf ba'e.

4Inni utuu facaasuu kaan karaa bukkee bu'anii, simbirroonnis dhufanii funaananii nyaatan.

5Kaan immoo lafa dhagaa, lafa biyyoo baay'ee hin qabne irra bu'an; lafti isaan irra bu'an biyyoo gad fagoo waan hin qabneef dafanii biqilan.

6Garuu yommuu aduun itti baate coollaganii, hidda gad fagoo waan hin godhatiniif in gogan.

7Kaan qoraattii keessa bu'an; qoraattonnis guddatanii isaan hudhan; isaanis ija hin godhanne.

8Kaan garuu biyyoo gaarii keessa bu'an; biqilanii, guddatanii, ijas godhatan. Iji isaanii immoo kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ta'e!? jedhe.

9Itti dabalees, ?Gurra ittiin dhaga'u kan qabu haa dhaggeeffatu!? jedhe.

10Yeroo Yesus kophaa ta'etti, warri isa bira turan bartoota kudha lamaanii wajjin waa'ee fakkeenya kanaa isa gaafatan.

11Yesus immoo deebisee, ?Dhoksaan mootummaa Waaqayyoo isiniif kennameera; warra ala jiraniif garuu kun hundinuu fakkeenyaan ta'a.

12Utuma ilaalanii akka hin argineef, utuma dhaga'aniis akka hin hubanneef, gara Waaqayyootti akka hin deebineef, cubbuun isaaniis akka isaaniif hin dhiifamneef, fakkeenyaan in kennama? isaaniin jedhe.

13Yesus itti fufee, ?Fakkeenyi kun isiniif hin galuu? Egaa attamitti fakkeenya kan ta'e hundumaa hubattu ree?

14Inni facaasu sanyii dubbii Waaqayyoo facaasa.

15Karaa bukkeen, fakkeenya warra yommuudhuma dubbiin Waaqayyo facaafamu dhaga'anii, yommusumas Seexanni dhufee dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame butatuu ti.

16Lafti dhagaas, fakkeenya warra dubbichi garaa isaanii keessatti facaafame, yommuu isa dhaga'an gammachuudhaan fudhatanii ti.

17Isaan akka biqiltuu hidda gad fagoo hin qabnetti, yeroodhaaf in dhaabatu; sababii dubbichaatiif rakkinni yookiis ari'atamuun yommuu ka'u garuu achumaan in gufatu.

18Lafti qoraattii, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga'anii ti.

19Yaaddoon biyya lafaa, gowwoomsaan soorumaa, kajeellaan adda addaas itti dacha'anii, dubbicha huunaan ija utuu hin godhatin hafe.

20Lafti gaariin garuu, fakkeenya warra dubbicha isa garaa isaanii keessatti facaafame dhaga'anii, fudhatanii, kaan dachaa soddoma, kaan dachaa jaatama, kaanis dachaa dhibba ija godhatanii ti? isaaniin jedhe.

21Yesus ammoo, ?Ibsaan guuboo jala yookiis siree jala kaa'amuuf in fidamaa ree? Baatuu ibsaa irra akka kaa'amuuf mitii ree?

22Kan dhokate yoo jiraate, mul'achuudhaaf dhokate; dhoksaatti kan eegames yoo jiraate, bakkeetti ba'uuf eegame.

23Egaa, namni gurra ittiin dhaga'u yoo qabaate haa dhaggeeffatu!? isaaniin jedhe.

24Yommus Yesus, ?Isa dhageessan akeekkadhaa! Qodaa safaraa itti namaaf itti kennitutti siif in kennama, caalchisees siif in kennama.

25Isa fudhatee waa qabuuf, itti dabalamee in kennamaaf, kennaa isaa of keessaa kan hin qabne garuu, innumti inni qabu iyyuu isa duraa in fudhatama? isaaniin jedhe.

26Yesus itti fufee, ?Mootummaan Waaqayyoo akka nama qotiisa isaatti sanyii facaafatee ti.

27Namichi galee halkan in rafa guyyaas in ka'a; sanyichi immoo utuu inni hin beekin in biqila in guddatas.

28Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa.

29Midhaanichi erga bilchaatee garuu yeroon haamaa waan ga'eef, achumaan haamtuu itti in erga? jedhe.

30Yesus amma immoo, ?Mootummaa Waaqayyoo maalitti fakkeessinu? Yookiis isaaf fakkeenya maalii kenninu?

31Inni akka ija sanaaficaa ti; yommuu lafatti faca'u ija biqila lafaa hundumaa irra in xinnaata.

32Inni yommuu faca'u, biqilee in guddata, biqila hundumaa irra kan caalu ta'ee, damee gurguddaa in godhata. Simbirroonni dhufanii gaaddisa damee isaa jalatti mann'ee ijaarratu? jedhe.

33Yesus fakkeenyota baay'ee kana fakkaataniin hamma isaan dhaggeeffachuu danda'anitti dubbicha isaanitti hime.

34Inni fakkeenya malee isaanitti hin dubbanne, kophaatti immoo waan hundumaa bartoota warra kan isaatiif hiike.

35Yesus galgala gaafasii bartoota isaatiin, ?Kottaa bishaan ciisaa kana gamatti ceena? jedhe.

36Bartoonni isaa namoota achi turan gad dhiisanii, akkuma inni bidiruu keessa jirutti Yesusin fudhatanii adeeman; bidiroonni biraas immoo isaa wajjin dhaqan.

37Yommus qilleensi jabaan bubbisaa dhufe; dha'aan bishaanichaa immoo bidirichatti bu'ee, bishaan itti guutuutti ka'e.

38Yesus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee in rafa ture. Bartoonni isaa isa dammaqsanii, ?Barsiisaa! Dhumuun keenya si hin dhibuu?? jedhan.

39Yesus dammaqee qilleensicha ifatee, dha'aa bishaanichaan immoo, ?Cal jedhi, gab jedhis!? jedhe. Kana irratti qilleensichi dhaabannaan gabiin guddaan ta'e.

40Kana booddee bartoota isaatiin, ?Maaliif sodaatoo taatan? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?? jedhe.

41Isaan immoo guddaa sodaatanii, ?Namni kun eenyu? Qilleensaa fi bishaan in abbooma, isaanis isaaf in abboomamu? waliin jedhan.

Ibsa

4:1-20 Fakkeenyi kun barsiisa baay'ee barbaachisaa ta'e of keessaa waan qabuuf, namoonni dhaga'uu danda'an hundinuu isaaf xiyyeeffannaa kennuuf dirqama qabu turan. Wanta beekuu nu barbaachisu hedduutu jira; yoo dhugaa wangeelaa salphaa ta'e hubachuu baanne, kan caalaatti ulfaatoo ta'an akkamitti baranna ree! Yoo haala gaddisiisaa warra eebba akkasii hin qabne hundaa sirriitti yaanne, duuka buutota Kiristoos taanee eebba nuti arganneef gatii kennuuf nu gargaara. Dirree guddittii Waldaa Kiristaanaa keessatti, Dubbiin Waaqayyoo hundaanuu ni raabsama. Baay'een Dubbii Wangeelaa dhaga'an keessaa, xinnoon isaanii qofti akka firii buusanitti isa fudhatu. Baay'een Dubbicha yeroof baay'ee isaan tuqa, haa ta'u malee faayidaa dhaabbataa hin arganne. Dubbichi yaada namaa irratti mallattoo dhaabbataa hin dhiisu, sababiin isaas, garaa isaanii isa simachuuf sirriitti hin qopheessine. Seexanni warra dhaga'an garuu hin dhimmanne irratti baay'ee hojjata, akkuma simbirroonni lafa irra sanyii jiru walitti qabuuf naanna'an. Baay'een amantii sobaa firii hin buufne keessa jiraatu, achiis gara ibidda bara baraatti bu'u. Mallattoon cimaa hin taane turuu hin danda'u. Baay'een hojii garaa isaanii, kan amantiin isa malee homaa hin taane, hin dhimmanne. Warri kaan baay'ina wantoota addunyaatiin Dubbii Waaqayyoo irraa faayidaa argachuu dhabu. Warri wanta addunyaa muraasa qabanillee, fedha fooniif bitamuudhaan baduu danda'u.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ደግሞም በባሕር ዳር ሊያስተምር ጀመረ። እጅግ ብዙ ሰዎችም ወደ እርሱ ስለ ተሰበሰቡ እርሱ በታንኳ ገብቶ በባሕር ላይ ተቀመጠ፤ ሕዝቡም ሁሉ በባሕር ዳር በምድር ላይ ነበሩ። አማርኛ ENGNIV Again Jesus began to teach by the lake. The crowd that gathered around him was so large that he got into a boat and sat… English BCV ብድሕሪኡ ኢየሱስ ኣብ ገምገም ባሕሪ ኾይኑ ኽምህሮም ጀመረ። ኣብ ባሕሪ ናብ ጃልባ ደዪቡ ኽሳዕ ዝቕመጥ፥ ብዙሕ ህዝቢ ናብኡ ተኣከበ፤ ኵሉ እቲ ህዝቢ ኸዓ፥ ኣብ ገምገም ባሕሪ ኣብ ምድሪ ነበ… ትግርኛ GAZBIB Yesus ciisa bishaanichaa bukkeetti ammas barsiisuu jalqabe. Tuuti isa biratti walitti qabame immoo sonaan baay'annaan, … Afaan Oromoo BCV GIZ ወአኀዘ ካዕበ ይምሀሮሙ ለአሕዛብ እንተ መንገለ ባሕር ወተጋብኡ ኀቤሁ ብዙኃን ሰብእ እስከ ሶበ የዐርግ ውስተ ሐመር ወይነብር ውስተ ሐመር ወኵሉ ሰብእ ውስተ ምድር ይቀውሙ። giz BCV aksum ብድሕሪኡ ኢየሱስ ኣብ ገምገም ባሕሪ ኾይኑ ኽምህሮም ጀመረ። ኣብ ባሕሪ ናብ ጃልባ ደዪቡ ኽሳዕ ዝቕመጥ፥ ብዙሕ ህዝቢ ናብኡ ተኣከበ፤ ኵሉ እቲ ህዝቢ ኸዓ፥ ኣብ ገምገም ባሕሪ ኣብ ምድሪ ነበ… ትግርኛ AMHNIV በሌላ ጊዜ ደግሞ በባሕሩ አጠገብ ያስተምር ጀመር። እርሱ ባለበት አካባቢ እጅግ ብዙ ሕዝብ ስለ ተሰበሰበ፣ በባሕሩ ላይ ወዳለች ጀልባ ገብቶ ተቀመጠ፤ ሕዝቡም ሁሉ በባሕሩ ዳርቻ ባለው ስፍራ … አማርኛ SWAHSUV Akaanza kufundisha tena kando ya bahari. Wakamkusanyikia mkutano mkubwa mno, hata yeye akapanda chomboni, akakaa bahari… Kiswahili