Maarqos 3

GAZGAZAfaan Oromoo35 Keeyyattoota5:21 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:21 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yesus ammas mana sagadaa tokkotti ol lixe; namni harki isaa tokko naafate immoo achi ture.

2Yommus jarri isa hadheessuudhaaf guyyaa Sanbataatti namicha kana fayyisa yoo ta'e jedhanii, isa in gaadu turan.

3Yesus immoo namicha harki isaa naafate sanaan, ?Ka'ii gidduu dhaabadhu!? jedhe.

4Jaraanis, ?Seerri keenya guyyaa Sanbataatti gaarii moo hamaa gochuu yookiis lubbuu oolchuu moo ajjeesuu nu abbooma?? jedhe. Isaan garuu calluma jedhan.

5Kana irratti aaree warra naanna'aa isaa jiran ilaalee, mata-jabina isaaniittis gaddee namichaan, ?Harka kee diriirsi!? jedhe. Yommuu namichi harka isaa diriirse, harki isaa deebi'ee in fayye.

6Yommusuma warri Fariisotaa gad ba'anii warra garee Herodisii wajjin koratanii, attamitti akka isa balleessan mari'atan.

7Yesus bartoota isaa wajjin jara biraa sokkee gara bishaan ciisaa dhaqe. Kutaa biyya Galiilaatii fi biyya Yihudaatii namoonni sonaan baay'een isa duukaa dhaqan.

8Waan inni hojjete hundumaa warri dhaga'an, mandara Yerusaalemii, biyya Edoomiyaatii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo mandaroota Xiiroosii fi Sidoonii sonaan baay'atanii gara isaa dhufan.

9Innis, tuuti sun dhiibboodhumaan akka isa hin buruqsinetti, bidiruun tokko qophaa'ee akka isa eeguuf bartoota isaatti hime.

10Inni dhukkubsatoota baay'ee waan fayyiseef, warri dhukkuba garaa garaa qaban hundinuu isa harkaan qabuudhaaf, hamma isa irratti wal caccabsanitti ga'an.

11Hafuuronni hamoonni namoota keessa jiran yeroodhuma isa arganitti, fuula isaa duratti kufanii, ?Ati ilma Waaqayyoo ti? jedhanii in iyyu turan.

12Inni garuu akka isaan isa hin mul'ifnetti cimse isaan ifate.

13Yesus gara gaaraatti ol ba'ee, warra barbaades ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.

14Isaa wajjin akka turaniif wangeela lallabuufis akka isaan erguuf, namoota kudha lama bartoota godhate; (isaan kana warri inni ?Ergamoota? jedhee immoo waame).

15Hafuurota hamoota baasuufis aboo akka isaan qabaatan godhe.

16Warri kudha lamaan inni bartoota isaa godhate immoo, Simoon isa inni ?Phexros? jedhee moggaase,

17Yaaqoobii fi Yohannis ilmaan Zabdewos warra inni ?Bo'anerges? jedhee moggaase; kunis ?Ilmaan kakawwee? jechuu dha.

18Indriiyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewos, Taadewos, Simoon isa ?Hinaafticha? jedhamee beekame;

19akkasumas Yihudaa nama biyya Keriyot, isa Yesusin dabarsee kenne.

20Yesus gara manaatti yommuu gale, hamma innii fi bartoonni isaa buddeena illee nyaachuu dadhabanitti ammas tuuti namootaa walitti dacha'an.

21Firoonni isaa immoo kana dhaga'anii, ?Innoo qalbii dabarse? jedhanii, isa qabuudhaaf dhufan.

22Barsiisonni seeraa warri Yerusaalemii dhufan immoo, ?Bi'el Zebul isa keessa jira; humna angafa Seexanootaa kanaanis hafuurota hamoota in baasa? jedhanii Yesus irratti dubbatan.

23Kana irratti inni gara ofii isaatti isaan waamee fakkeenyaan, ?Attamitti Seexanni Seexana baasuu danda'a?

24Mootummaan tokko ofii isaatii yoo gargar cabe, mootummaan sun danda'ee hin dhaabatu;

25maatiin mana tokkoos yoo ofittii gargar cabe, manni sun dhaabachuu hin danda'u.

26Seexannis ofii isaa irratti ka'ee yoo gargar cabe, badduu ba'uu isaa ta'a malee dhaabachuu hin danda'u.

27Duraan dursee namicha jabaa sana yoo hidhate malee, homtinuu mana nama jabaa tokko cabsee, lixee mi'a isaa saamuu hin danda'u; erga hidhatee booddee garuu dhuguma mana isaa saamuu in danda'a.

28Ani dhuguman isinitti hima, cubbuun hundinuu arrabsoon kam illee afaan namaa keessaa yoo ba'e, ilmaan namootaaf in dhiifama.

29Eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta'a malee, bara baraan dhiifamuu hin argatu? isaaniin jedhe.

30Kanas namoonni, ?Innoo hafuura hamaa of keessaa qaba? jedhanii waan turaniif dubbate.

31Kana booddee haati Yesusii fi obbolaan isaa dhufanii ala dhaabatanii, itti erganiis isa waamsisan.

32Yeroo sanatti tuuti namootaa isatti naanna'anii in taa'u turan. Isaan, ?Kunoo, haati kee, obbolaan kees alaa si gaafachaa jiru? ittiin jedhan.

33inni garuu deebisee, ?Haati koo, obbolaan koos eenyufa'i?? isaaniin jedhe.

34Gara warra isatti naanna'anii taa'aniis ilaalee, ?Haati koo, obbolaan koos warra as jiran kana.

35Jaalala Waaqayyoo kan godhu eenyu iyyuu obboleessa koo ti, obboleettii koo ti, haadha koo tis? jedhe.

Ibsa

3:1-5 Haalli namicha kanaa baay'ee nama gaddisiisaa ture; harka gogaa qaba ture, kunis jiraachuuf hojjechuu isa dhowwa ture; akkasumas warri haala akkanaa keessa jiran warra garaa laafina argachuuf caalaatti sirrii ta'aniidha. Warri of gargaaruu hin dandeenye haa gargaaraman. Garuu warri amantii hin qabne jajjaboo, dhugaa irratti homaa dubbachuu yoo dadhabanillee, hin jallatan. Nu wanta dogoggoraan dubbatame dhageenya, fi wanta dogoggoraan hojjetame argina; garuu Kristos hidda hadhummaa garaa keessaa, jaamummaa fi jabeenya garaa sanaa ilaala, akkasumas ni gadda. Cubbamoonni garaa jabaatonni yeroo gabaabaa booda dallansuu inni isaan ilaaluuf jiru sana, yeroo guyyaan dallansuu isaa dhufu, yaaduuf haa raafaman. Guyyaan fayyina guddaan amma Sanbataadha, bakki fayyinaas mana sagadaati; garuu humna fayyisaan kan Kristosi. Ajajni wangeelaa kan asitti galmaa'e fakkaata: harki keenya gogaa yoo ta'ellee, garuu yoo isaan hin diriirsinne, dhibamuu keenyaaf dogoggorri kan keenyaadha. Garuu yoo fayyine, Kristos, humni isaa fi ayyaanni isaa ulfina guutuu qabaachuu qabu.

3:6-12 Dhukkuboonni keenya hundinuu fi balaawwan nu mudatan hundinuu dheekkamsa Waaqayyoo cubbuu keenyaaf qabu irraa kan maddani dha. Ka'amuu isaanii, yookiin eebba nuuf akka ta'anitti jijjiiramuun isaanii, dhiiga Kiristoosiin nuuf bitameera. Haa ta'u malee, balaa fi dhukkuboonni lubbuu keenyaa, kan garaa keenyaa, irra caalaatti sodaatamuu qabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6