Maarqos 15

GAZGAZAfaan Oromoo47 Keeyyattoota7:51 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 7:51 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Akkuma lafti bari'een luboonni warri angafoonni, maanguddoonnii fi barsiisonni seeraa guutummaan yaa'ii warra Yihudootaa hundinuus Yesus irratti mari'atan; kana booddee isa hidhanii, geessanii, Philaaxositti dabarsanii kennan.

2Philaaxos, ?Si'ii mootiin Yihudootaa?? jedhee isa gaafate; inni immoo, ?Situ akkas jedhe? jedhe deebiseef.

3Luboonni warri angafoonni waan baay'eedhaan isa hadheessan.

4Philaaxos ammas, ?Kunoo, waan baay'eedhaan si hadheessu'o waan deebiftu hin qabduu ree?? jedhee, Yesusin gaafate.

5Yesus garuu ergasii deebii tokko illee hin deebifneef; kun immoo Philaaxosin in dinqifachiise.

6Philaaxos ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa nama isaan, ?Nuuf gad dhiisi? jedhan tokko in gad dhiisa ture.

7Warra goolii kaasanii nama ajjeesanii hidhaman keessaa immoo tokko Barabbaa kan jedhamu ture.

8Yommus namoonni gara mana mootummaatti ol ba'anii, waan dur gochaafii ture akka isaaniif raawwatuuf Philaaxosin kadhachuutti ka'an.

9Philaaxos immoo deebisee, ?Mootii Yihudootaa akkan gad isiniif dhiisu barbaadduu?? isaaniin jedhe.

10Innoo luboonni warri angafoonni hinaaffaadhaaf dabarsanii akka isa kennan hubatee ture.

11Luboonni warri angafoonni garuu, isaa mannaa Barabbaa gad nuuf dhiisi, akka jedhaniif namoota itti tuqan.

12Ammas Philaaxos, ?Egaa namicha isa isin mootii Yihudootaa jettanii waamtanoo maal godhu ree?? jedhee isaaniif deebise.

13Isaanis, ?Isa fannisi!? jedhanii iyyan.

14Philaaxos immoo, ?Maaliif? Maal balleesse?? isaaniin jedhe; isaan garuu, ?Isa fannisi!? jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.

15Philaaxos yommus namoota gammachiisuu barbaadee, Barabbaa gad isaaniif dhiise; Yesusin immoo reebsisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.

16Warri loltuu ergasii Yesusin gara mana mootummaa sanatti ol galchanii, kutata loltuu sana keessaa warra hafanis walitti waaman.

17Uffata dhiilgee Yesusitti uffisanii, gonfoo qoraattii hojjetanii, mataa isaa irra kaa'an.

18Achumaanis, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii nagaa isa gaafachuutti ka'an.

19Uleedhaan mataa isaa rurrukutanii, itti tufanii jilbeenfatanii sagadaniifis.

20Isaan erga itti ga'isanii booddee, uffata dhiilgee sana irraa baasanii, wayyaa isaa deebisanii itti uffisan; kana booddee gad baasanii fannisuudhaaf isa geessan.

21Namni biyya Qareenaa tokko maqaan isaa Simi'oon kan jedhamu, abbaa Iskindrosii fi Ruufos, lafa qotiisa isaatii utuu galuu isaanitti dhufe; isaan immoo fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan.

22Yesusinis gara iddoo Golgootaa jedhamutti geessan; ?Golgootaa? jechuun ?Iddoo lafee mataa? jechuu dha.

23Isaan yommus daadhii waynii qumbiidhaan makame Yesusiif kenninaan; inni fudhachuu dide.

24Yommus jarri isa in fannisan; uffata isaa immoo hiranii eenyu isa kam akka fudhatu baruudhaaf muka itti buufatan.

25Yeroon isa fannisanis bari'ee sa'aatii sadiitti ture.

26Yakka inni ittiin hadheeffame mul'isuudhaafis, ?Kun mooticha Yihudootaa ti? kan jedhu mataa isaa gara irraatti caafamee ture.

27Isaa wajjin immoo saamtota lama, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa isaatti fannisan. [

28Yommus inni macaafni, ?Warra seera cabsituutti lakkaa'ame? jedhu in raawwatame].

29Warri achiin darban immoo mataa isaanii raasanii, ?Muu! Ati isa mana qulqullummaa jigsitee guyyaa sadiitti ijaartu!

30Mee of oolchi! Fannoo irraas gad bu'i!? jedhanii in arrabsu turan.

31Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraas akkasuma wal harkaa fuudhanii isatti ga'isan, ?Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u.

32Masiihicha mooticha Israa'el erga ta'ee akka nuyi arginee isatti amannuuf, amma fannoo irraa gad haa bu'u!? jedhan; warri isaa wajjin fannifamanis immoo isa in ceepha'u turan.

33Sa'aatii ja'aa jalqabee hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irra ture.

34Sa'aatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, ?Elo'ii, Elo'ii lamaa sabaktanii?? jedhee waammate; kunis, ?Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?? jechuutti in hiikama.

35Warra achi dhaabatan keessaa kaan kana dhaga'anii, ?Kunoo Eliyaasin waammata? jedhan.

36Yommus isaan keessaa tokko fiigee daadhii waynii dhangaggaa'aa waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa, isa bishaan dhagnatti xuuxu tokkotti guutee, uleetti kaa'ee, akka inni dhuguuf kenneefii, ?Eliyaas fannoo irraa gad isa buusuudhaaf yoo dhufe, mee in ilaalla!? jedhe.

37Yesus sagalee guddaa isaa dhageessisee hafuurri isaa keessaa yaa'e.

38Yeroo sanatti golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e.

39Angafni dhibbaa inni gara Yesusitti gara galee dhaabatu akkasitti hafuurri isaa isa keessaa yaa'uu isaa yommuu hubate, ?Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture? jedhe.

40Dubartoonni halaala dhaabatanii in ilaalan; isaan keessas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu, kan Yosees, Salomees turan.

41Isaan warra yommuu inni Galiilaa ture isa duukaa bu'anii isaaf hojjetan; kan biraa dubartoonni baay'eenis immoo isaa wajjin Yerusaalemitti kan ol ba'an achitti argamaniiru.

42Borumtaas Sanbata waan ta'eef namoonni guyyaa sanatti in qophaa'u turan; yeroon isaa immoo gara galgalaa ture.

43Yaa'ii warra Yihudootaa keessa namichi ulfina-qabeessi Yoseef jedhamu tokko ture. Namichi mandara Armaatiyaa inni ofii isaatii mootummaa Waaqayyoo eeggatu kun, ija-jabinaan Philaaxos bira dhaqee, reeffa Yesus kadhate.

44Philaaxos immoo, ?Kanuma dura du'ee?? jedhe dinqifate; yommus angafa dhibbaa waamee erga du'ee hammam akka ture gaafate.

45Akka isaa angafa dhibbaa irraa erga baree booddee, reeffa isaa Yoseefiif kennisiise.

46Yommus Yoseef wayyaa quncee talbaa irraa dha'ame bitee, reeffa isaa fannoo irraa gad buusee, wayyicha sanaanis kafane. Awwaala garaa dhagaa keessatti tolfame tokko keessa kaa'ee, balbala awwaalichaatti immoo dhagaa gangalche.

47Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yosees iddoo reeffi isaa kaa'ame in argan.

Ibsa

15:1-14

Isaan Kiristoosin hidhan. Hidhaa Gooftaa Yesus isa nuuf hidhamee ture sana, nutis isaa wajjin hidhamneerra jennee, daddeebinee yaachuun nuuf gaarii dha. Mooticha dabarsanii kennuudhaan, isaan guutummaatti Mootummaa Waaqayyoo dabarsanii kennan; kanaafis, akka fedhii isaaniitiin ta'etti, isaaniirraa fuudhatamee saba biraatti kenname. Kiristoos Pilaaxosiif deebii kallattii kenne; garuu dhuga baatootaaf deebii hin kennine, sababiin isaas, waan isaan himatan sun soba ta'uun beekamaa waan tureef, Pilaaxos mataan isaas kana mirkaneeffatee ture. Pilaaxos luboota irraa gara uummataatti iyyachuu akka danda'u, akkasumas isaanis Yesusin harka lubootaa keessaa akka baasan yaade. Garuu isaan lubootaan yeroo caalaa kakaafaman, akkasumas, 'Fannisi! Fannisi!' jedhanii iyyatan. Namoota fi wantoota akka qulqullina isaaniitti, fi safartuu Dubbii Waaqayyootiin haa madaallu, oduu waliigalaatiin utuu hin taane. Namni tokko illee haala salphina qabu akkasii kanaan gonkumaa kan hin qabamne, akkuma nama tokkicha guutummaatti ogeessa, qulqulluu fi ol'aanaa lafa irratti mul'ate sanaatti, yaadaan kun qalbiin cimaan hubannoo cimaa hammina namaa fi diinummaa Waaqayyoo wajjin qabamuutti geessa. Amaloota hamaa amala ari'attoota kanaa beeksise sana yeroo caalaa haa jibbannu.

15:15-21

Kiristoos du'a sodaachisaa hundaa caalu keessa darbe. Innis du'a yakkamtoota jibbisiisoo ture. Kanaaf, fannoon fi salphinaan waliin deeman. Waaqayyo cubbuu namaatiin ulfina isaa dhabee tureetii, Kiristoos salphina guddaa uumama namummaa irratti fe'amuu danda'u hundumaaf of kennuudhaan gatii isaa kaffale. Du'a abaarame ture; kanaafuu, Seera Yihudootaan akkas jedhamee ibsamee ture, Keessa Deebii 21:23. Loltoonni Roomaa Gooftaa keenya Yesuus akka Mootiitti arrabsan; akkasumas mana qondaala angafa lubaa keessatti tajaajiltoonni akka Raajii fi Fayyisaa tokkootti isa arrabsanii turan. Uffanni diimaan ykn bifa diimaan dukkanaa'aa Kiristoosiif qeeqaafii salphina yoo ta'e, Kiristaanaaf sababa of jajuu ta'uu qabaa? Nuti gonfoo qoraattii nuti argachuu qabnu inni uffate, nuti immoo gonfoo ulfinaa inni argate uffannuuf. Nuti cubbuudhaan salphinaafi tuffii bara baraatiif saaxilamoo turre; nu bilisa baasuuf Gooftaan keenya Yesuus salphinaafii tuffiif of kenne. Cubbuu tokkoyyuu hojjechuu baatus, inni warra cubbuu hojjetan waliin fuulduratti fide. Dhiphinni Fureessa garraamii fi qulqulluu, amanaadhaaf yeroo hundumaa madda barsiisaa dha; isa irraa yeroo isaa gaarii ta'etti hin nuffu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ወዲያውም ማለዳ የካህናት አለቆች ከሽማግሌዎችና ከጻፎች ከሸንጎውም ሁሉ ጋር ከተማከሩ በኋላ፥ ኢየሱስን አሳስረው ወሰዱትና ለጲላጦስ አሳልፈው ሰጡት። አማርኛ ENGNIV Very early in the morning, the chief priests, with the elders, the teachers of the law and the whole Sanhedrin, reached… English BCV ምስ ወግሐ፥ ሽዑ ሊቃነ ካህናት ምስ ሽማግለታትን መምህራን ሕግን፥ ብምሉኡ እቲ መጋባእያን ምኽሪ መኸሩ፤ ንኢየሱስ ድማ ኣሲሮም ወሰድዎ፤ ኣሕሊፎም ከዓ ንጲላጦስ ሃብዎ። ትግርኛ GAZBIB Akkuma lafti bari'een luboonni warri angafoonni, maanguddoonnii fi barsiisonni seeraa guutummaan yaa'ii warra Yihudoota… Afaan Oromoo BCV GIZ ወሶበ ጸብሐ ተማከሩ ሊቃነ ካህናት ወረበናት ወጸሐፍት ወኵሉ ዐውድ ወሐመይዎ ለእግዚእ ኢየሱስ ወወሰድዎ ወመጠውዎ ለጲላጦስ። giz BCV aksum ምስ ወግሐ፥ ሽዑ ሊቃነ ካህናት ምስ ሽማግለታትን መምህራን ሕግን፥ ብምሉኡ እቲ መጋባእያን ምኽሪ መኸሩ፤ ንኢየሱስ ድማ ኣሲሮም ወሰድዎ፤ ኣሕሊፎም ከዓ ንጲላጦስ ሃብዎ። ትግርኛ AMHNIV ጠዋት በማለዳ የካህናት አለቆች ከሽማግሌዎች፣ ከጸሓፍትና ከመላው የሸንጎ አባላት ጋር ወዲያው ከተማከሩ በኋላ ኢየሱስን አስረው ወሰዱት፤ ለጲላጦስም አሳልፈው ሰጡት። አማርኛ SWAHSUV Mara kulipokuwa asubuhi wakuu wa makuhani walifanya shauri pamoja na wazee na waandishi na baraza nzima, wakamfunga Yes… Kiswahili