Maarqos 14

GAZGAZAfaan Oromoo72 Keeyyattoota12:38 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 12:38 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ayyaanni Faasiikaa fi, ayyaanni Maxinoo guyyaa lamatti galee ture. Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa karaa ittiin Yesusin haxxummaadhaan qabsiisanii ajjeesan in barbaadu turan.

2Isaan, ?Namoota gidduutti raafamni akka hin kaaneef, kana gochuun yeroo ayyaanaatti hin ta'u? jedhu turan.

3Yesus immoo, Bitaaniyaa mana Simoon isa lamxaa'ee turee keessa nyaataaf taa'ee utuu jiruu, dubartiin tokko urgooftuu dibataa makaa hin qabne baay'ee gati-jabeessas, hidda biqiltuu naardos jedhamu irraa kan hojjetame, shurrubbeetti qabattee dhufte; isheen shurrubbee sana cabsitee, urgooftuu sana mataa Yesus irratti naqxe.

4Jarreen tokko garuu jibbanii, ?Urgooftuun kun maaliif bade?

5Urgooftuun kun akka meetii dhibba sadii caalaatti gurguramee, warra hiyyeessotaaf kennamuu in danda'a ture? waliin jedhan; isheettis in dheekkaman.

6Yesus garuu, ?Ishee dhiisaa! Maaliif rakkiftu? Isheen waan gaarii anaaf goote.

7Warra hiyyeessota, yeroo hundumaa of biratti argattu, yeroodhuma feetanittis gaarii gochuufii in dandeessu; ana garuu yeroo hundumaa of biratti hin argattan.

8Isheen waan dandeesse hojjetteetti; dhagna koos duraan dursitee awwaalaaf dibdeetti.

9Ani dhuguman isiniin jedha, biyya lafaa guutummaatti iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama? jedhe.

10Yommus Yihudaan namni biyya Keriyot, bartoota kudha lamaan keessaa tokko inni ture, Yesusin dabarsee itti kennuudhaaf gara luboota warra angafootaa dhaqe.

11Isaan kana yommuu dhaga'an gammadanii, horii kennuufii abdachiisan; kanaaf Yihudaan dabarsee isa kennuudhaaf fucha in barbaada ture.

12Jalqaba ayyaana Maxinootti, namoonni hoolaa Faasiikaa erga qalanii booddee, bartoonni isaa, ?Hoolaa Faasiikaa akka nyaattuuf eessa dhaqnee akka qopheessinu barbaadda?? jedhanii Yesusin gaafatan.

13Yommus inni bartoota isaa keessaa lama ergee, ?Mandarichatti lixaa! Namni okkotee bishaanii baatu tokkos isinitti in dhufa; isa duukaa dhaqaa!

14Manuma namichi itti galuttis abbaa manaatiin, ?Manni keessummaa kan ani bartoota koo wajjin keessatti irbaata Faasiikaa nyaadhu eessa? siin jedha barsiisaan? ittiin jedhaa!

15Namichi yommus mana mana irraa keessaa kutaa bal'aa, mi'a manaatiin guutee afame tokko, isinitti in argisiisa. Achitti nuuf qopheessaa!? jedhe.

16Bartoonni sun ka'anii gara mandaraa dhaqan; akkuma inni isaanitti himettis argatanii, achitti irbaata Faasiikaa qopheessan.

17Yommuu galgalaa'e Yesus bartoota isaa kudha lamaanii wajjin in dhufe.

18Maaddiitti taa'anii nyaachaa utuu jiraniis Yesus, ?Dhuguman isiniin jedha, isin keessaa, inni anaa wajjin nyaachuutti jiru tokko, dabarsee na kennuuf jira? jedhe.

19Isaan yommus gaddanii wal harkaa fuudhaniis, ?Anaan jechuu kee miti! Mitii ree?? ittiin jechuu jalqaban.

20Inni immoo, ?Warra kudha lamaan keessaa tokko, isa anaa wajjin qodaa ittootti cuuphatuu dha.

21Ilmi namaa illee akkuma waa'ee isaaf caafametti du'uuf in dhaqa; garuu namicha ilmi namaa harka isaatiin dabarfamee kennamu sanaaf wayyoo! Namichi sun utuu hin dhalanne ta'ee in wayyaaf ture? isaaniin jedhe.

22Utuu nyaachaa jiranii, Yesus buddeena fuudhee, eebbisee, cabsees bartoota isaatiif kennee, ?Fudhadhaa, kun dhagna koo ti!? jedhe.

23Xoofoos fudhatee Waaqayyoof galata galchee, isaaniif kenne; isaanis hundumtuu xooficha keessaa in dhugan.

24Inni immoo, ?Kun dhiiga koo ti, dhiiga kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf namoota baay'eedhaaf dhangala'ee dha.

25Hamma guyyaa gaafa ani mootummaa Waaqayyoo keessatti isa haaraa dhugutti, deebi'ee daadhii waynichaattii akkan hin dhugne dhuguman isinitti hima? isaaniin jedhe.

26Faarfannaa galataa erga faarfatanii booddee gara gaara ejersaatti ol ba'an.

27Yommus Yesus, ?Hundumti keessan na dhiiftanii baqachuuf jirtu. ?Ani tiksee rukutee lafaan nan dha'a, hoolonnis in bittimfamu? jedhamee caafameera.

28Ergan du'aa kaafamee booddee garuu, isin dura Galiilaa nan dhaqa? isaaniin jedhe.

29Phexros yommus, ?Isaan hundinuu si dhiisanii yoo baqatan iyyuu, ani si dhiisee hin baqadhu!? ittiin jedhe.

30Yesus immoo, ?Dhuguman siin jedha, halkanuma kana indaanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhe.

31Inni garuu ittuma cimsee, ?Sii wajjin du'uun yoo na irraa barbaadame illee, matumaa si hin ganu? jedhe; isaan hundumtuus akkasuma jedhan.

32Gara iddoo dhaabaa Getesemaanee jedhamu tokkoo dhaqanii, Yesus bartoota isaatiin, ?Hamma ani kadhadhee raawwadhutti as taa'aa!? jedhe.

33Phexrosin, Yaaqoobin, Yohannisinis ofii wajjin fudhatee, raafamee yaadaan dhiphachuutti ka'e.

34Isaaniin immoo, ?Lubbuun koo hamma du'aatti baay'ee gaddite; isin as turaa, dammaqaas!? jedhe.

35Xinnoos irraa hiiqee adda isaatiin gombifamee, yoo danda'ame yerottiin kun akka isa bira darbituuf kadhate,

36?Yaa abbaa koo wanti hundumtuu siif in danda'ama; xoofoo dhiphinaa kana ana irraa fuudhi! Garuu wanti ati jaallatte haa ta'u malee, waan ani jaalladhu miti? jedhe.

37Dhufees rafanii isaan argee, Phexrosiin, ?Simoon! In raftaa? Sa'aatii tokkittiif illee dammaquu hin dandeenyee?

38Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa! Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha? jedhe.

39Ammas achi hiiqee kadhatuma isaa duraas kadhate.

40Deebi'ee dhufees utuu isaan rafanii arge; iji isaanii baay'ee itti ulfaatee ture; maal akka isaaf deebisanis hin beekne.

41Si'a sadaffaatti dhufee, ?Amma iyyuu raftanii boqochuutti jirtuu? In ga'a, yerichi ga'eera; kunoo, ilmi namaa harka cubbamootaatti kennamuu isaa ti.

42Ka'aa itti adeemnaa! Kunoo, inni dabarsee na kennu dur dhi'aate? isaaniin jedhe.

43Utuma Yesus kana dubbachaa jiruu, kunoo Yihudaan, warra kudha lamaan keessaa tokko, isaan bira ga'e. Isaa wajjinis luboota warra angafoota, barsiisota seeraa fi, maanguddoota biraa warri ergaman billaadhaa fi bokkuu qabatanii dhufan.

44Inni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, ?Inni ani dhungadhu isa, qabaatii, eeggachaa fuudhaa sokkaa!? jaraan jedhee ture.

45Yihudaan akkuma achi ga'een gara Yesusitti darbee, ?Barsiisaa ko!? jedhee isa dhudhungate.

46Jarri yommus hiixatanii Yesusin qaban.

47Warra bukkee dhaabatan keessaa immoo tokko billaa isaa luqqifatee, garbicha angafa lubootaa rukutee, gurra isaa irraa kute.

48Yesus immoo, ?Akka warra saamtuu qabuudhaaf ba'aniitti, ana qabuudhaaf billaadhaa fi bokkuudhaan yaatanii?

49Guyyaa dhufaa darbaa isinii wajjin wal argaa, mana qulqullummaa keessattis barsiisaan ture, isin yommus ana hin qabne; amma garuu wanti caaffanni qulqullaa'oon jedhan raawwatamuun in ta'a? jedhe.

50Bartoonni hundinuu immoo isa dhiisanii in baqatan.

51Yeroo sanatti dargaggeessi tokko wayyaa quncee talbaa tokko duwwaa dhagna isaatti olbatee, Yesus duukaa dhaqe; jarris isa qabatan.

52Inni immoo wayyaa sana harkatti dhiisee, qullaa isaa fiigee harkaa ba'e.

53Yesusin gara angafa lubootaatti geessan; luboonni warri angafoonni hundinuu, maanguddoonni, barsiisonni seeraas achitti walitti qabamanii turan.

54Phexros hamma oobdii mana angafa lubootaatti irraa fagaatee Yesus duukaa adeeme, achitti eegdotaa wajjin taa'ee ibidda in qaqqaammata ture.

55Luboonni warri angafoonni, guutummaan yaa'ii warra Yihudootaas Yesusin ajjeesuudhaaf namoota isa irratti dhugaa ba'aniif in barbaadu turan, garuu tokko illee hin arganne.

56Namoonni baay'een sobaan yoo isa irratti dhugaa ba'an iyyuu, dubbiin isaanii wal hin fudhanne.

57Kaan immoo ka'anii sobaan isa irratti dhugaa ba'anii,

58? ?Mana qulqullummaa isa harkaan hojjetame kana jigsee, guyyaa sadiitti kan biraa kan harkaan hin hojjetamin nan dhaaba? jechuu isaa dhageenyeerra? jedhan.

59Haa ta'u iyyuu malee, isa kana irratti iyyuu dubbiin isaanii wal hin fudhanne.

60Yommus angafni lubootaa fuula hunduma isaanii dura dhaabatee Yesusin, ?Waan jarri kun si irratti dhugaa ba'an kanaaf deebii tokko illee hin qabduu ree?? jedhee gaafate.

61Inni garuu calluma jedhe malee, deebii tokko illee hin laanneef. Angafni lubootaa amma immoo, ?Ati Masiihii, ilma Waaqayyoo isa galateeffamaa tii?? jedhee isa gaafate.

62Yesus immoo, ?Ani isa; ilmi namaa mirga isa aango-qabeessaa taa'ee duumessoota waaqaa keessas utuu dhufuu arguuf jirtu? jedheen.

63Yommus angafni lubootaa sun aaree uffata isaa tarsaasee, ?Amma immoo dhuga-baatuu maalii nu barbaachisa ree?

64Waaqayyoon arrabsuu isaa isin iyyuu dhageessaniittu! Maal isinitti fakkaata?? jedhe. Kana irratti isaan hundumtuus ajjeefamuun akka isaaf ta'u itti muran.

65Jarreen tokkos isatti tufan, ija isaas hidhanii rukutanii, ?Eenyutu si rukute? Raajii keetiin nutti himi!? ittiin jedhu turan; warri eegdonnis isaan harkaa fudhatanii isa kakkabalan.

66Phexros amma illee oobdii keessa utuu jiruu xomboreewwan angafa lubootaa keessaa tokko in dhufte.

67Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argitee, hubattee isa ilaaltee, ?Atis immoo Yesus namicha biyya Naazireet sanaa wajjin turte? jette.

68Inni garuu, ?Waan ati jettu ani hin beeku, anaaf hin galus? jedhee gane; kana booddee gara karra dallichaatti gad ba'e; [ergasii indaanqoon in iyyite].

69Xomboreettiin isa argitee ammas warra achi dhaabataniin, ?Namichi kunis isaan keessaa tokko? jette.

70Inni garuu ammas in gane. Yeroo xinnoo booddees warri achi dhaabatan ammoo Phexrosiin, ?Atis nama Galiilaa waan taateef, ati dhuguma isaan keessaa tokko? ittiin jedhan.

71Inni garuu, ?Namicha isin jettan kana ani hin beeku? jedhee, of abaaruu kakachuuttis ka'e.

72Achumaanis indaanqoon lammaffaa iyyite; Phexros yommus isa Yesus, ?Indaanqoon si'a lama utuu hin iyyin, ati si'a sadii na ganta? ittiin jedhee ture yaadatee, boo'icha in futtaafate.

Ibsa

14:1-11 Kiristoos lubbuu Isaa nuuf jecha hanga du’aatti lolaaseeraa, nuti immoo wanta tokko ilillee isaaf baay’ee gati-jabeessa jennee yaannaa? Nuti dibata jaalala keenya isa olaanaa isa gati-jabeessa ta'e isaaf kenninaa? Isa garaa guutuu keenyaan haa jaallannu; akkuma beekamaa ta'ettis, kaka'umsi fi jaalalli dogoggoraan hubatamanii fi ceeffamuu danda'u. Akkasumas, sadaqaan hiyyeeyyiif godhamu eenyuunillee gochoota ulfina Gooftaa Yesuusiif godhaman irraa akka hin dhiifne yaadadhaa. Kiristoos xiyyeeffannoo amantaa dubartii kanaa jajeera, amantoonni bara hundumaa keessa jiran akka hubataniifis ibseera. Warra Kiristoos kabajan, innis isaan ni kabaja. Fedhiin qabeenyaa Yihudaa fedhii cubbuu isa guddaa ture, akkasumas cubbuu Gooftaa isaa dabarsaa kennuutti isa kuffiseera. Seexannis qorumsa isaa fedhii sanaaf sirreessee, akkasumas isa mo'eera. Ammas ilaalaa, warri cubbuu keessa jiraatan qophiiwwan hamoo akkamii akka qaban; garuu wanti karoora isaanii milkeessuu fakkaatu, dhuma irratti abaarsa ta'uu isaa agarsiisa.14:12-21

Wantoonni asitti dubbataman kun tilmaama namaatiin kan hin dhufne turan. Garuu Gooftaan keenya wantoota nu ilaallatan hundumaa otoo isaan hin raawwatamin dura beeka. Yoo isa fudhanne, inni garaa keenya keessa jiraata. Ilmi namaa, akka waa’ee isaa barreeffametti, akka hoolaa qalamuuf deemuutti deema; garuu wayyoo namicha isa dabarsee kenne sanaaf! Waaqayyo cubbuu namootaa eeyyamee, cubbuu sana irraas ulfina ofii isaatiif fiduun isaa, isaan cubbuu akka hojjetan hin dirqisiisu; akkasumas kun yakka isaaniif sababa hin ta’u yookiin adabbii isaanii hin hir’isu.

14:22-31

Irbaanni Gooftaa nyaata lubbuuti; kanaafuu, kan qaamaaf ta'u, akka mallattoo ta'utti tajaajiluuf muraasni isaa ga'aadha. Inni fakkeenyaafi hojii Gooftaa keenyaatiin, hamma dhufaatii isaa lammaffaatti humnaan akka turuuf hundeeffame. Eebbiseefi galata dhiyeesseetiin, akka yaadannoo du'a Kiristoos ta'uuf hundeeffame. Dhiigni isaa qabeenya qabu, akka gatii furamuu keenyaatti irra deddeebi'amee eerama. Kun cubbamoota hiyyeeyyii qalbii jijjiirrataniif hammam jajjabaadha, dhiigni Kiristoos nama baay'eef dhangala'uu isaa! Yoo baay'eef ta'e, maaliif anadhaaf hin taane? Inni mallattoo dabarsuu faayidaalee du'a isaatiin nuu bitaamanii ture. Barumsa Kiristoos fannifamee ofitti hojiirra oolchaa; akka inni nyaataafi dhugaatii lubbuu keessanii ta'uuf, jireenya keessan isa hafuuraa cimsaaafi haaressaa. Inni wanta ragaa ta'uufi dhandhama duraa gammachuu samii ta'uuf ture, kanaanis dhandhama gammachuuwwaniifi miirawwan addunyaa kanaa irraa nu fageessuuf. Namni gammachuu hafuuraa dhandhame hundinuu, battaluma sanatti kan bara baraa hawwa. Tikseen guddaan dhiphina isaa tarkaanfii dogoggoraa tokko malee darbeera ta'us, duuka buutonni isaa garuu yeroo baay'ee dhiphina xiqqaa isaanif qoodameefiin bittimfaa'anii jiru.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከሁለት ቀን በኋላ ፋሲካና የቂጣ በዓል ነበረ። የካህናት አለቆችም ጻፎችም እንዴት አድርገው በተንኰል እንደሚይዙትና እንደሚገድሉት ይፈልጉ ነበር። አማርኛ ENGNIV Now the Passover and the Feast of Unleavened Bread were only two days away, and the chief priests and the teachers of t… English BCV ፋሲካን በዓል ቅጫን ክኸውን ክልተ መዓልቲ ተሪፍዎ ነበረ። ሊቃነ ካህናትን መምህራን ሕግን ንኢየሱስ ብተንኰል ሒዞም ክቐትልዎ ይደልዩ ነበሩ። ትግርኛ GAZBIB Ayyaanni Faasiikaa fi, ayyaanni Maxinoo guyyaa lamatti galee ture. Luboonni warri angafoonnii fi barsiisonni seeraa kar… Afaan Oromoo BCV GIZ ወእስከ ሰኑይ መዋዕል ፋሲካ በዓለ መጸለት ወኀሠሡ ሊቃነ ካህናት ወጸሐፍት ይትመየንዎ ወየአኀዝዎ ወይቅትልዎ። giz BCV aksum ፋሲካን በዓል ቅጫን ክኸውን ክልተ መዓልቲ ተሪፍዎ ነበረ። ሊቃነ ካህናትን መምህራን ሕግን ንኢየሱስ ብተንኰል ሒዞም ክቐትልዎ ይደልዩ ነበሩ። ትግርኛ AMHNIV ፋሲካና የቂጣ በዓል ሊከበር ሁለት ቀን ሲቀረው፣ የካህናት አለቆችና ጸሐፍት ኢየሱስን የሚይዙበትና የሚገድሉበትን ዘዴ ይፈልጉ ነበር። አማርኛ SWAHSUV Baada ya siku mbili ilikuwa sikukuu ya Pasaka, na mikate isiyochachwa; wakuu wa makuhani na waandishi wakatafuta njia y… Kiswahili