Miikiyaa 4

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota4:12 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:12 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara booddeetti tulluun manni Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata; gaarota hundumaa gara irraatti ol in ka'a; sabni hundinuus gara isaatti in yaa'u.

2Sabni lafa irraas baay'atanii in dhufu; Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba'uuf, “Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!” in jedhu.

3Inni saba baay'ee gidduutti firdii in kenna, saba jajjaboo fagoo jiraataniifis murtoo in godha; isaan billaa isaanii maarashaa eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxa'an in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi'aniis lola hin baran.

4Garuu isaan adduma addaan muka waynii isaanii jala, harbuu isaanii jalas in taa'u; namni tokko illee isaan hin sodaachisu; isa kana immoo afaan Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

5Sabni warri kaan hundinuu adduma addaan maqaa waaqayyolii isaaniitiin in deddeebi'u; nuyi garuu yeroo hundumaa bara baraan maqaa Waaqayyo keenya gooftichaatiin in deddeebina.

6Waaqayyo,“Gaafas ani warra hokkolan walitti nan sassaaba, warra bittimfaman, warra ani hamaa irratti hojjedhes walitti nan qaba.

7Ani warra hokkolan, warra hafanii qusataman, warra achi fagaatanii turanis saba jabaa nan godha; tulluu Xiyoon irrattis, gaafasii jalqabee hamma bara baraatti isaan irratti nan mo'a” jedhee dubbateera.

8Ati immoo yaa riqaa eegduun hoolotaa irra ijaajjuu, yaa tulluu mandara Xiyoon! Akka duriitti mo'uun harka keetti in deebi'a, mootummaan mandara Yerusaalem in dhufa.

9Ammas mootiin si keessa hin jiru moo” Ati maaliif guddiftee iyyita” Gorsituun kee badnaan akka dubartii da'uuf jettuu ciniinsuun si argatee”

10Yaa mandara Xiyoon ciniinsifadhu, ijoollee kees of keessaa baasi! Isinis ijoolleen ishee amma mandara keessaa in baatu, biyya keessattis bakkee in buufattu; biyya Baabilon in dhaqxu; achitti in ooltu, achitti harka diinota keessanii keessaa, Waaqayyo isin in fura.

11Amma yeroo kanatti immoo sabni lafa irraa baay'een si irratti walitti in qabamu, “Isheen haa xurooftu, nus Xiyoon akkas ta'uu ishee arguutti in gammanna” in jedhu.

12Garuu isaan yaada Waaqayyoo hin beekan, inni akka bissii oobdii irraatti akka walitti isaan qabes, akeeka isaa hin hubatan.

13Ka'aa! Yaa ijoollee Xiyoon, sirbisiisaa! Ani gaanfa keessan sibiila, kottee keessanis sibiila borrajjii nan godha; isin saba baay'ee rukuttanii in hurreessitu, waan isaan saaman Waaqayyoof, badhaadhummaa isaaniis gooftaa guutummaa biyya lafaatiif addaan in baaftu.

Ibsa

4:1-8

Saboonni amma iyyuu Angafaa Nagaatti hamma billaa isaanii gara qottootti dhawanitti yookiin waraanni dhaabatuutti, hin of-kenne. Haata'u malee, kunniin abdiiwwan waldaa wangeelaa ilaallatan, baay'ee gati jabeeyyii dha; kan yeroo irraa gara yerootti guutummaatti raawwatamanis dha, waan Inni abdii kenne amanamaa ta'eef. Addunyaa keessatti, guyyaa dhumaa, guyyaa Masiihichaa keessa, Waldaan Waaqayyoof ulfina qabeettii taate ijaaramuuf jirti. Kiristoos mataan isaa ishee kattaa irratti ijaara. Saba Waaqayyo hin beekne waaqa tolfamaa isaanii waaqeffatan turan; garuu yeroo dubbatame sana keessa, sabni fedhii garaa guutuun Gooftaatti ni maxxana, akkasumas fedha Isaa gochuudhaan ni gammada.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በመጨረሻውም ዘመን የእግዚአብሔር ቤት ተራራ በተራሮች ራስ ላይ ጸንቶ ይቆማል፥ ከኮረብቶችም በላይ ከፍ ከፍ ይላል፤ አሕዛብም ወደ እርሱ ይጐርፋሉ። አማርኛ ENGNIV In the last days the mountain of the Lord's temple will be established as chief among the mountains; it will be raised … English BCV በቲ ዳሕረዋይ ዘመን፥ እቲ እምባ ቤት እግዚኣብሄር፥ ኣብ ርእሲ እምባታት ፀኒዑ ኽቐውም እዩ፤ ኣብ ልዕሊ ዀረብታታትውን ልዕል ልዕል ክብል እዩ፤ ህዝብታት ድማ ናብኡ ኽውሕዙ እዮም። ትግርኛ GAZBIB Bara booddeetti tulluun manni Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata; g… Afaan Oromoo BCV GIZ ወይከውን በደኃሪ መዋዕል ያስቲርኢ ደብረ እግዚአብሔር ድልወ ውስተ አርእስተ አድባር ወይትሌዐል መልዕልተ አውግር፤ ወይረውጹ ኀቤሁ ብዙኃን አሕዛብ። giz BCV aksum በቲ ዳሕረዋይ ዘመን፥ እቲ እምባ ቤት እግዚኣብሄር፥ ኣብ ርእሲ እምባታት ፀኒዑ ኽቐውም እዩ፤ ኣብ ልዕሊ ዀረብታታትውን ልዕል ልዕል ክብል እዩ፤ ህዝብታት ድማ ናብኡ ኽውሕዙ እዮም። ትግርኛ AMHNIV በመጨረሻው ዘመን፣ የእግዚአብሔር ቤተ መቅደስ ተራራ፣ ከተራሮች ልቆ ይታያል፤ ከኰረብቶች በላይ ከፍ ይላል፤ ሕዝቦችም ወደ እርሱ ይጐርፋሉ። አማርኛ SWAHSUV Lakini itakuwa katika siku za mwisho, ya kwamba mlima wa nyumba ya Bwana utawekwa imara juu ya milima, nao utainuliwa j… Kiswahili