Miikiyaa 2

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota4:12 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:12 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Warra siree isaanii irra ciisanii akeeka jal'inaa baasanii hamaa qopheessaniif wayyoo! Kana gochuudhaaf humni harka isaanii keessa waan jiruuf, yommuu lafti bari'u isaan kana hojii irra in oolchu.

2Isaan lafa namaa isa kajeelan humnaan in qabatu; mana namaa isa barbaadanis in fudhatu; nama tokko mana isaa wajjin, isa kaanis dhaala isaa wajjin in cunqursu.

3Kanaafis Waaqayyo in dubbata, “Ani dhaloota kana irratti wanta hamaa nan yaada; yeroo hamaan ta'uuf waan jiruuf, isin morma keessan isa jalaa baafachuu hin dandeessan; mataa irra-keessa qabattaniis hin adeemtan.

4Gaafas weedduu yaada gad fagoo of keessaa qabu isinitti in weeddisu, boo'icha hadhaa'aadhaanis in boo'u, “Nuyi raawwannee diigamneerra, Waaqayyo ga'aa saba keenyaa in geddara; attamitti nu harkaa baasa laata! Inni lafa keenya warra isa gananiif in hira” in jedhu.

5Kanaafis wal ga'ii gooftichaa keessatti, nama muka buusuudhaan lafa isiniif hiru tokko illee hin argattan” in jedha.

6Isaan,“Hin lallabinaa! Wanti akkasii waan lallabamu miti! Salphinnis nu irra hin ga'u!

7Yaa mana Yaaqoob, wanti akkasii in jedhamaa ree” Hafuurri Waaqayyoo obsa dhabee ree” Hojiin isaas kan akkasiitii ree” Isa gara-qajeelinaan deddeebi'uuf immoo dubbiin isaa waan gaarii hin godhuufii ree?” jedhanii in lallabu.

8Waaqayyo immoo,“Isin garuu akka diinaatti saba koo irratti in kaatan, warra duulaa deebi'anii“Nagaa dha” jedhanii amanatanii achiin darban irraas wayyaa isaanii isa irra-keessatti uffatan irraa in baafattan.

9Dubartoota saba koo mana isaanii isa isaanitti tolu keessaa gad ooftan; simboo ani ijoollee isaaniif kennes bara baraan irraa fudhattan.

10Xuraa'ummaan waan isa balleessuuf, badiisi gaddisiisaanis waan isa mancaasuuf, iddoon kun lafa itti boqotan miti; ka'aa asii adeemaa!” jedhe.

11Namni tokko dhufee qilleensa keessaa fuudhee soba yoo dhageessise, “Ani waa'ee daadhii waynii fi waa'ee dhugaatii jabaa isinitti nan lallaba” yoo jedhes, saba kanaaf isatu lallabaa dha.

12Waaqayyo,“Ani dhuguma hunduma keessan walitti nan sassaaba, yaa sanyii Yaaqoob! Saba Israa'el keessaas warra hafan walitti nan qaba; akka hoolotaa karra tokko keessaa walii wajjin isaan nan teessisa, akka karra dheedicha irra jiruus tuuti namootaa in huursu” jedhe.

13Inni cabsee karaa banu isaan dura in ba'a; isaan cabsanii balbala kellichaa keessa darbanii jalaa in ba'u; mootiin isaanii darbee isaan dura in adeema, Waaqayyo isaan dura in bu'a.

Ibsa

2:1-5 Wayyoo saba halkan hamaa karoorfatee, ganama dura ka'ee isa hojiitti hiikuuf! Hamaa yaadannoo tasaatiin hojjechuun gaarii miti; garuu karooraa fi yaada duraa qabaachuun hojjechuun caalaatti hamaadha. Sa'aatii callisaa fi kophaa ta'uu karaa sirrii ta'een fooyyeessuufii itti fayyadamuun baay'ee barbaachisaadha. Soni yoo garaa keessa mo'e, gara laafinni ni ari'atama; garaani akkasitti yoo qabame immoo, humni jiruufi gowwoomsaan harkaan raawwatama. Warri badhaadhummaa keessatti of tuulanii fi of amanan, rakkina keessatti abdii kutuuf yeroo baay'ee caalaatti ni qophaa'u. Wayyoo warra Waaqayyo irraa gara galuuf! Balaawwan hundarra jajjaboon, warra waldaa Gooftaa irraa nu addaan muran yookaan faayidaawwan isaa guutummaatti akka hin arganne nu dhoorgan dha.

2:6-11

“Hin raajinaa!” waan jedhaniif, Waaqayyo dubbii isaanii sanumaan isaan qabata, cubbuun isaaniis adabbii isaanii ni ta’a. Doktoriin namoota fayyuu hin barbaanneef tajaajila isaa haa dhaabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በመኝታቸው ላይ በደልን ለሚያስቡ ክፋትንም ለሚያደርጉ ወዮላቸው! ኃይል በእጃቸው ነውና ሲነጋ ይፈጽሙታል። አማርኛ ENGNIV Woe to those who plan iniquity, to those who plot evil on their beds! At morning's light they carry it out because it i… English BCV እቶም በደል ዝምህዙ፥ ኣብ መደቀሲኦም ከዓ ኽፉእ ዝፍሕሱ ወይለኦም! ስልጣን ኣብ ኢዶም ስለ ዝኾነ፥ ብብርሃን ወጋሕታ ኽፍፅምዎ እዮም። ትግርኛ GAZBIB Warra siree isaanii irra ciisanii akeeka jal'inaa baasanii hamaa qopheessaniif wayyoo! Kana gochuudhaaf humni harka isa… Afaan Oromoo BCV GIZ አሌ ሎሙ እስመ መከሩ ኀጢአተ ወገብሩ እኩየ በውስተ ምስካቦሙ፤ ወበአሒቲ ዕለት ፈጸምዋ ወኢያንሥኡ እደዊሆሙ ኀበ እግዚአብሔር። giz BCV aksum እቶም በደል ዝምህዙ፥ ኣብ መደቀሲኦም ከዓ ኽፉእ ዝፍሕሱ ወይለኦም! ስልጣን ኣብ ኢዶም ስለ ዝኾነ፥ ብብርሃን ወጋሕታ ኽፍፅምዎ እዮም። ትግርኛ AMHNIV ክፉ ለመሥራት ለሚያቅዱ፣ በመኝታቸው ሳሉ ተንኰል ለሚያውጠነጥኑ ወዮላቸው! ሲነጋ በማለዳ ይፈጽሙታል፤ የሚያደርጉበት ኀይል በእጃቸው ነውና። አማርኛ SWAHSUV Ole wao wakusudiao mambo maovu, na kutenda mabaya vitandani mwao! Kunapopambazuka asubuhi huyafanya, kwa sababu ya kati… Kiswahili