Maatewos 27

GAZGAZAfaan Oromoo66 Keeyyattoota10:46 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:46 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommuu lafti bari'es luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesusin ajjeesuudhaaf mari'atan.

2Isaan isa hidhanii, geessanii, Philaaxos bulchaa biyyaatti dabarsanii kennan.

3Yihudaan inni dabarsee isa kenne Yesusitti akka faradame yommuu hubate gaabbee, meetii soddomman deebisee luboota warra angafootaa fi maanguddootatti fidee,

4?Ani dhiiga nama yakka hin qabne dhangala'uutti dabarsee kennuu kootiin yakkeera? isaaniin jedhe. Isaan garuu, ?Nuun maaltu dhibe ree? Atumtuu faladhu malee!? jedhan.

5Yihudaan kana irratti meetticha mana qulqullummaa keessatti darbatee gatee, achii adeeme, dhaqes of rarraase.

6Luboonni warri angafoonni garuu meetticha fuudhanii, ?Meetiin kun horii dhiiga namaa dhangalaasise waan ta'eef, horii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti? jedhan.

7Ergasii mari'atanii iddoo awwaala warra ormaaf akka ta'utti, lafa namicha suphee dha'u tokkoo ittiin bitan.

8Kanaaf lafti sun hamma har'aatti ?Lafa dhiigaa? jedhamee waamama.

9Inni Ermiyaas raajichi dubbate kanaan raawwatame, ?Isaan meetii soddomman gatii isa namoota Israa'eliin shallagame sanaa fuudhanii,

10akkuma gooftichi na abboometti gatii lafa namicha suphee dha'uu kennan? jedhee ture.

11Yesus yeroo bulchaa biyyaa dura dhaabatetti, bulchaan biyyaa, ?Sii mootiin Yihudootaa?? jedhee isa gaafate. Yesus immoo deebisee, ?Situ akkas jedha? jedheen.

12Isa luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni isa hadheessan irratti immoo deebii hin laanne.

13Yommus Philaaxos, ?Waan isaan kun si irratti dhugaa ba'an kana hundumaa hin dhageessuu ree?? ittiin jedhe.

14Yesus garuu dubbii tokkoof iyyuu deebii isaaf hin laanne; bulchaan biyyaas kanatti guddaa dinqifate.

15Bulchaan biyyaa ayyaana Faasiikaatti warra hidhaman keessaa, namuma isaan gad nuuf dhiisi jedhan tokko, namootaaf gad dhiisuu amala godhatee ture.

16Yeroo sanatti Barabbaa kan jedhamu, namni dira'ina isaatiin beekame tokko hidhamee ture.

17Yommuu jarri walitti qabamanis Philaaxos, ?Eenyuun akkan isiniif gad dhiisu barbaaddu? Barabbaa moo yookiis Yesus isa Kristos jedhamu?? isaaniin jedhe.

18Inni hinaaffaadhaaf dabarsanii akka isa kennan beeka ture.

19Kanuma irratti iyyuu utuu Philaaxos barcuma firdii irra taa'uu haati manaa Philaaxos, ?Namicha qajeelaa sana waa hin godhin! Anoo eda halkan abjuutti waa'ee isaatiif baay'ee dhiphachaan ture? jettee itti dhaamte.

20Luboonni warri angafoonnii fi maanguddoonni garuu, Barabbaa gad nuuf dhiisi, Yesusin immoo balleessi jedhanii, Philaaxosin akka kadhataniif namoota tole jechisiisan.

21Bulchaan biyyaa immoo, ?Isaan lamaan keessaa eenyuun akkan gad isiniif dhiisu barbaaddu?? jedhee isaan gaafate. Isaan immoo ?Barabbaa gad nuuf dhiisi!? jedhan.

22Philaaxos, ?Egaa Yesus isa Kristos jedhamu immoo maal godhu ree?? jedhee isaan gaafate; yommus hundumti isaanii, ?Haa fannifamu!? jedhan.

23Inni immoo, ?Maaliif? Maal balleesse?? jedhe; isaan garuu ittuma caalchisanii, ?Haa fannifamu!? jedhanii iyyan.

24Philaaxos immoo caalaatti waca kaasuu malee homaa akka waa'ee hin baafne yommuu arge, bishaan fudhatee, namoota duratti harka isaa dhiqatee, ?Ani dhiiga nama kanaa irratti yakka hin qabu, isin beekkadhaa!? jedhe.

25Kana irratti namoonni hundinuu, ?Dhiigni isaa nu irraa, ijoollee keenya irraas haa barbaadamu!? jedhanii deebisaniif.

26Philaaxos ergasii Barabbaa gad isaaniif dhiisee, Yesusin immoo reebsisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.

27Yommus loltoonni bulchaa biyyaa Yesusin gara mana mootummaatti geessanii, kutata loltuu sana keessaa warra hafan isatti dachaasan.

28Isaan wayyaa irraa baasanii, uffata bildiimaa itti uffisan.

29Gonfoo qoraattii hojjetanii mataa isaa irra kaa'anii, ulees harka isaa mirgaatiin qabachiisan. Isa durattis jilbeenfatanii, ?Attami ree, yaa mootii Yihudootaa!? jedhanii itti ga'isan.

30Isatti tufanii, ulicha fuudhanii ittiin mataa isaa rurrukutan.

31Erga itti ga'isanii booddee immoo, uffata sana irraa baasanii, wayyaa isaa deebisanii itti uffisan; kana booddees fannisuudhaaf isa geessan.

32Utuu gad ba'aniis, nama biyya Qareenaa Simi'oon isa jedhamu tokko argatanii, fannoo Yesus akka baatuuf isa giddisiisan.

33Isaan iddoo Golgootaa jedhamu dhufan; ?Golgootaa? jechuun ?iddoo lafee mataa? jechuu dha.

34Loltoonni achitti daadhii waynii hadhooftuudhaan makame haa dhuguuf kennaniif; inni garuu afaaniin qabee, dhuguu jibbe.

35Erga isa fannisanii booddee muka buufatanii uffata isaa hirmaatan.

36Kana booddee isaan taa'anii achitti isa eegan.

37Caaffanni yakka inni ittiin hadheeffame mul'isus, ?Inni kun Yesus mootii Yihudootaa ti? kan jedhu, mataa isaa irraan kaa'amee ture.

38Yommus saamtonni lama isaa wajjin, inni tokko mirga isaatti, inni kaan immoo bitaa isaatti fannifaman.

39Warri achiin darbanis mataa isaanii raasanii,

40?Ati isa mana qulqullummaa jigsitee, guyyaa sadiitti ijaartu, ilma Waaqayyoo yoo taate mee of oolchi! Fannoo irraas gad bu'i!? jedhanii in arrabsu turan.

41Luboonni warri angafoonnis immoo barsiisota seeraa fi maanguddootaa wajjin akkasuma isatti ga'isanii,

42?Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin danda'u. Inni mootii Israa'el erga ta'ee, mee amma fannoo irraa gad haa bu'u nus isatti in amanna.

43Inni Waaqayyoon amanateera, Waaqayyo immoo yoo isatti gammade isa haa oolchu; innumtuu ?Ani ilma Waaqayyoo ti? jedheera? jedhan.

44Warri saamtonni isaa wajjin fannifaman iyyuu akkasuma isa in arrabsu turan.

45Guyyaa sa'aatii ja'aa hamma sa'aatii sagaliitti dukkanni lafa hundumaa irra ture.

46Gara sa'aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan, ?Elii, Elii lamaa sabaktanii?? jedhee waammate; kunis, ?Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?? jechuutti in hiikama.

47Warra achi dhaabatan keessaa kaan kana dhaga'anii, ?Namni kun Eliyaasin waammata? jedhan.

48Achumaan immoo tokko isaan keessaa fiigee waan akka cumaa buqqee hadhaa'aa, isa daadhii waynii dhangaggaa'aan guutame fuudhee uleetti kaa'ee, akka inni dhuguuf kenneef.

49Warri kaan garuu, ?Turi! Eliyaas isa oolchuudhaaf yoo dhufe, mee in ilaalla!? jedhan.

50Yesus ammoo sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.

51Kunoo golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsa'e, lafti in socho'e, kattaawwanis in dadaya'an.

52Awwaalonnis immoo banamanii, warri qulqulloonni dur du'an in kaafaman.

53Isaanis awwaalota keessaa ba'anii, du'aa ka'uu Yesus booddee Yerusaalem mandara qulqullaa'aatti lixanii namoota baay'eetti mul'atan.

54Angafni dhibbaa fi namoonni isaa wajjin Yesusin egaa turan, socho'a lafaa, waan yeroo sana ta'e hundumaas yommuu argan guddaa sodaatanii, ?Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture? jedhan.

55Dubartoonni baay'een Galiilaadhaa isa duukaa bu'anii isaaf kan hojjetan, halaala dhaabatanii in ilaalu turan.

56Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Yoseef, haati ilmaan Zabdewosis isaan keessa turan.

57Yommuu galgalaa'e sooressi mandara Armaatiyaa, Yoseef jedhamu tokko dhufe; namichi kun ofuma isaatii bartuu Yesus ta'eera.

58Inni Philaaxos bira dhaqee, reeffa Yesus kadhate; kana irratti Philaaxos akka kennamuuf in abboome.

59Yommus Yoseef reefficha fuudhee, wayyaa haarrii quncee talbaa irraa dha'ameen kafanee,

60awwaala isa reefuu ofii isaatiif garaa dhagaa keessatti tolfate keessa kaa'e; dhagaa guddaas gara balbala awwaalichaatti gangalchee, adeeme.

61Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam isheen kaanis fuullee awwaalichaa in taa'u turan.

62Guyyaan qophaa'ummaa darbee borumtaa isaa luboonni warri angafoonnii fi Fariisonni Philaaxos duratti walitti qabamanii,

63?Gooftaa! Inni wallaalchifataan sun utuu jiruu, ?Guyyaa sadii booddee nan kaafama? akka inni jedhe yaadanneerra.

64Kanaafis awwaalichi hamma guyyaa sadaffaatti akka eegamu, abboomi! Kun yoo ta'uu dhabaate garuu bartoonni isaa dhufanii isa hatanii namootaan immoo, ?Inni du'aa ka'eera? in jedhu; wallaalchisuun inni gara dhumaa kun immoo isa duraa irra caalaa kan hammaatu in ta'a? jedhaniin.

65Philaaxos yommus, ?Warra eegan fudhadhaa dhaqaatii akka beektanitti eegsifadhaa!? isaaniin jedhe.

66Akkasitti isaan eegdota sanaa wajjin dhaqanii, dhagichatti mallattoo godhanii, awwaalicha eegsisan.

Ibsa

27:1-10

Namoonni jal'oonni yeroo yakka isaanii raawwatanitti bu'aa yakka isaanii xiqqoo qofatu isaanitti mul'ata, garuu yakka isaanii hundumaatiif deebii kennuun isaan irra jiraata. Yihudaan guutummaatti, akka inni cubbuu hojjeteef nama qulqulluu dabarse, luboota warra guguddootti beeksise. Kun amala Kiristoosii beeksisuuf dhugaa ba'umsa guutuu ture; garuu abbootiin bittootaa garaa jabaataniiru. Yihudaan maallaqa sana gadi naqee deeme; sodaa dheekkamsa Waaqayyootii fi cinqii abdii kutannaa dandamachuu dhabuudhaan, of fannise. Duuti Yihudaa kan Gooftaa keenya kan eebbifamaa dura ta'uu isaatti shakkii guddaan hin jiru. Garuu isaan dhiiga kanaaf dheebotanii, Yihudaas akka inni isa dabarsuuf qaxaranii, akkasumas akka inni haqaan ala dhangala'uuf firdii murteessuu isaanii, isaaniif homaa hin turree? Haaluma kanaan gowwoonni cubbuutti qoosu. Haaluma kanaan baay'een Kiristoos isa fannifame salphisanii ilaalu. Akkasumas cubbuu namoota biraa irratti xiyyeeffachuudhaan cubbuu keenya salphisnee ilaaluun, fakkeenya gowwoomsaa garaa keenyaa isa beekamaa dha. Garuu firdiin Waaqayyoo dhugaa irratti hundaa'a. Baay'een caqasa lafa sana maallaqa Yihudaan deebiseen bitamuu ibsu kana, ayyaana dhiiga Kiristoosiin warra oromoo fi cubbamoota saba Waaqayyo hin beekneef karoorfame agarsiisuuf itti fayyadamu. Kun raajii Zec 11:12 irra jiru raawwateera. Yihudaan gara qalbii jijjiirrachuutti fagaateera, ta'us inni fayyinaaf hin turre. Inni amaneera, garuu Waaqayyoof miti; inni Isa bira hin deeme, akkas jedhees hin jenne: "Yaa Abbaa, ani samii irrattis si dura cubbuu hojjedheera." Namni tokkollee hubannoo gartokkee namni tokko qabaachuu danda'u, akkasumas yeroo sanaatti of tuulummaa, diinummaa fi fincilaan guutamee hafuun hin gammadin.

27:11-25 Pilaaxos Yesuusitti hammina tokko osoo hin qabaatin, of akka qulqulleessu isa jajjabeesse, akkasumas isa hiiksisiisuuf hojjete. Ergaan haadha manaa isaa akeekkachiisa ture. Waaqayyo daandii cubbuu isaanii keessa deemuu isaaniitti cubbamoota dhaabuuf karaa baay’ee qaba; akeekkachiisni akkasii Eeggumsa Waaqayyoo irraa, hiriyoota amanaman irraa fi qalbii keenya irraa argamu araara guddaadha. 'Yaa, wanta jibbisiisaa Gooftaan jibbu kana hin hojjetinaa!' jechuun, yeroo qoramootatti seennu, yoo xiyyeeffannoo gooneef, nutti himamuu danda’a. Ummanni, lubootaan dhiibbaa jala galanii, Baraabaasiin filatan. Baay’inni namaa kan Waaqayyoo mannaa addunyaa bulchaa fi qooda isaanii godhatanii filatan, akkuma kana jallina isaanii filatu. Yihuudoonni du’a Kiristoositti baay’ee murteeffamoo waan turaniif, Pilaaxos diduun balaa akka qabu yaade. Wallansoon kun namoota hamaa irrattillee humna qalbii agarsiisa. Haa ta’u malee, Kiristoos cubbuu ofii isaa tokkoof osoo hin taane, garuu cubbuu saba isaa tiif dhiphachuu isaa ifa gochuuf, wanti hundinuu akkuma kanaatti karoorfame. Pilaaxos yakka dhiiga nama qajeelaa, yakka hin qabnee, isa hojii isaatiin eeguuf dirqama qabu irraa of bilisa baasuuf abdatuun isaa maal qisaasaa dha! Abaarsi Yihuudoonni ofitti godhan, dhiphina saba isaanii keessatti karaa sodaachisaan deebii argateera. Tokkollee cubbuu warra kaanii baachuu hin dandeenye, Isaan cubbuu ofii isaa itti hin qabne malee. Nutis hundinuu hin ilaallannuu? Yeroo cubbamoonni fayyina didanii cubbuu jaallatan isaanii, kan Waaqayyoo ulfina isaa jalaa fudhatu, akkasumas lubbuu isaanii ajjeesan deeffachuuf, Baraabaas Yesuus irra hin filatamne ree? Dhiigni Kiristoos Yihuudoonni isa diduu isaaniitiin, amma araaraan nu irratti jira, nuuf gaarii ta'ee. Yaa, baqannaa argachuuf gara isaatti haa baqannu!

27:26-30

Fannifamuun, du'a Roomaanonni qofa fayyadaman turan; inni baay'ee sodaachisaa fi rakkisaa ture. Fannoon lafatti kaa'amee, harkonniifi miillonni isa irratti mismaaraan dhadhamanii, achiis ol kaafamee dhaabamee, ulfaatinni qaamaa mismaara sana irratti rarra'ee, hanga nama dhiphatee sun dhiphina guddaan dueetti. Kiristoos akkasiin fakkeenya bofaa naasii utubaa irratti ol kaafamee ture guute. Kiristoos dhiphinaafi yeellaa asitti ibsame hunda keessa darbe, akka inni jireenya bara baraa, gammachuufi ulfina nuuf bituuf.

27:31-34 Kiristoos akka Hoolaa qalamuu deemuutti, akkasumas akka Aarsaa iddoo aarsaatti dhihaatutti geggeeffame. Hattaa arjaan warra hamootaa dhugumaan gara jabeessa. Fannoo isa irraa fuudhanii, Simoon tokko akka isa baatu dirqisiisan. Yaa Gooftaa, fannoo Ati nuuf murteessite akka baannuuf, akkasumas guyyaa guyyaadhaan gammachuudhaan isa fudhannee si duukaa bu'uudhaaf nu qopheessi. Gaddi isaatiin wal fakkaatu gonkumaa jiraatee beekaa? Inni du'a akkamiin akka du'e yommuu ilaallu, jaalala inni nu jaallate akkam akka ture sana keessatti haa hubannu. Duuti sun, duuti baay'ee nama dhukkubsu sun, ga'aa hin taane fakkaannaan, karaa adda addaatiin hadhummaa fi sodaachisummaa isaa irratti dabalan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6