Malaakii 4

GAZGAZAfaan Oromoo6 Keeyyattoota1:43 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 1:43 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo, guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufa; yommus warri koortuunii fi warri hamaa hojjetan hundinuu akka cidii in ta'u; guyyaan dhufu sun isaan in guba; hidda yookiis damee isaaniif hin hambisu.

2Isin warra maqaa koo sodaattaniif garuu aduun qajeelummaa inni qarri isaa fayyina of keessaa qabu isiniif in ba'a; akka jabbii goorana keessaa ba'ees gad baatanii in burraaqxu;

3isin yommus warra hamoota in dhidhiittu; isaanis guyyaa ani waan kana godhutti koomee keessan jalatti daaraa in ta'u; kana ana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate.

4“Barsiisa garbicha koo Musee, seerrataa fi wanta ana Waaqayyo duratti qajeelaa ta'e, isa ani tulluu Horeeb irratti guutummaa Israa'eliif isatti kenne yaadadhaa!

5Kunoo, guyyaan koo inni guddaanii fi inni sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura ani Eliyaas raajicha isiniif nan erga.

6Ani dhufee, lafa abaarsaan rukutee akkan hin balleessinetti, inni garaa abbootaa gara ijoollee isaaniitti, garaa ijoollees gara abboota isaaniitti in deebisa” jedha.

Ibsa

4:1-3

Asuma irratti dhuftii Kiristoos isa jalqabaa fi isa lammaffaa ilaallata: Waaqayyo guyyaa lamaanuu murteesseera. Warri hammina hojjetan, warri dallansuu Waaqayyoo hin sodaanne, isa ni muudatu. Kun dhugumatti guyyaa firdii isa Kiristoos ibidda boba'aa keessatti mul'atu, akkasumas warra boonan fi warra hammina hundumaa hojjetan irratti firdii raawwachuuf dhufu ilaallata. Dhuftii lamaanuu keessatti, Kiristoos warra isaaf amanamanitti tajaajilanif Ifa gammachiisaa dha. Biiftuu Qajeelummaa jedhamuun Yesuus Kiristoosin hubanna. Isaan irraan kan ka'e, warri amanaan ni qajeelfamu, ni qulqullaa'us, akkasumas ifa arguuf ni fidamu. Humna Isaa cubbamaa qulqulleessaa, gammachiisaa fi ija-qabeessa isa godha. Kun ayyaana fi jajjabina Hafuura Qulqulluu lubbuu namootaa keessatti fidamutti ilaallata. Kiristoos Hafuura isa warra kan Isaatiif kennateera, akka garaa isaanii keessa ifuuf, akkasumas jajjabeessaa, Biiftuu fi Gaachan isaaniif ta'uuf. Guyyaan sun kan warra hamootaaf akka daabiloo gubatu, warra qajeelotaaf garuu akka ganamaatti ifa ta'a; namoonni ganama eegan caalaa isa warri qajeeloon eegan dha. Kiristoos akka Biiftuutti dhufeera, addunyaa dukkanaa'aa jiruuf ifa qofa osoo hin taane, addunyaa dhukkubsatteef fayyaa fiduuf. Lubbuun beekumsa fi humna hafuuraa keessatti ni dabalti. Guddinni isaanii akka jiboota loonii mana keessaa ti, akka abaaboo dirree isa huqqaa, laafaafi dafee goguus miti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እነሆ፥ እንደ ምድጃ እሳት የሚነድድ ቀን ይመጣል፤ ትዕቢተኞችና ኃጢአትን የሚሠሩ ሁሉ ገለባ ይሆናሉ፤ የሚመጣውም ቀን ያቃጥላቸዋል፥ ሥርንና ቅርንጫፍንም አይተውላቸውም፥ ይላል የሠራዊት ጌታ … አማርኛ ENGNIV “Surely the day is coming; it will burn like a furnace. All the arrogant and every evildoer will be stubble, and that d… English BCV “እንሆ፥ እታ ኸም እቶን እትነድድ መዓልቲ ትመፅእ ኣላ፤ ኵሎም ዕቡያትን ገበርቲ ኽፉእን ሓሰር ክኾኑ እዮም፤ ሱር ወይ ጨንፈር እንተይሓደገት፥ ህሙኽ ኽተብሎም እያ፤ ይብል ጐይታ ሰራዊት እግ… ትግርኛ GAZBIB Waaqayyo gooftaan maccaa,“Kunoo, guyyaan akka iddoo ibiddaa gubu in dhufa; yommus warri koortuunii fi warri hamaa hojje… Afaan Oromoo BCV GIZ ወናሁ መዋዕል ይመጽእ ይቤ እግዚአብሔር፡ እንዘ ይነድድ ከመ እሳት ወያውዕዮሙ ለኵሎሙ አሕዛብ ወኵሎሙ ገበርተ ዐመፃ ከመ ሐሠር ወታውዕዮሙ ዕለት እንተ ትመጽእ፡ ይቤ እግዚአብሔር ዘኵሎ ይመል… giz BCV aksum “እንሆ፥ እታ ኸም እቶን እትነድድ መዓልቲ ትመፅእ ኣላ፤ ኵሎም ዕቡያትን ገበርቲ ኽፉእን ሓሰር ክኾኑ እዮም፤ ሱር ወይ ጨንፈር እንተይሓደገት፥ ህሙኽ ኽተብሎም እያ፤ ይብል ጐይታ ሰራዊት እግ… ትግርኛ AMHNIV “እነሆ፤ እንደ ምድጃ እሳት የሚነድ ቀን ይመጣል፤ ትዕቢተኞች ሁሉና ክፉ አድራጊዎች በሙሉ ገለባ ይሆናሉ፤ ያ የሚመጣው ቀንም ያቃጥላቸዋል” ይላል እግዚአብሔር ጸባኦት። “ሥርም ሆነ ቅርንጫፍ… አማርኛ SWAHSUV Kwa maana, angalieni, siku ile inakuja, inawaka kama tanuru; na watu wote wenye kiburi, nao wote watendao uovu, watakuw… Kiswahili