Lewwoota 23

GAZBIBAfaan Oromoo44 Keeyyattoota9:07 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 9:07 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo itti fufee Museedhaan,

2“Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin,“Waaqayyo:- Guyyoonni ayyaaneffamuudhaaf ana Waaqayyoof fo'aman, isinis guyyoota wal ga'ii qulqullaa'ootti jettanii kan beeksiftan warra kanatti aananii jiranii dha; guyyoonni koo warri fo'aman kanatti fufanii jiru.

3Guyyaa ja'a hojiin in hojjetama; guyyaa torbaffaan garuu guyyaa Sanbataa ti, guyyaa boqonnaa ti, guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa tis; gaafas waan tokko illee hin hojjetinaa! Inni lafa isin jiraattan hundumaatti Sanbata ana Waaqayyoo ti” jedha” jedhi!

4Itti fufees,“Guyyoonni ayyaanaa warri Waaqayyoof fo'aman, guyyoonni wal ga'iin qulqullaa'oon itti waamaman, warri isin yeroo isaan ayyaaneffaman beeksiftan kanatti aananii kan jiranii dha.

5Faasiikaan Waaqayyoo ji'a isa duraa, ji'ichattiis gaafa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgalaa jalqaba.

6Ji'a kanattii guyyaan kudha shanaffaan immoo guyyaa ayyaana Maxinoo isa kan Waaqayyoo ti; yommus guyyaa torba maxinoo nyaadhaa!

7Guyyaa isa duraatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!

8Isin guyyaa torba aarsaa gubamu Waaqayyoof dhi'eessaa! Guyyaan torbaffaan guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa ti; gaafas hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!” jedhe.

9Waaqayyo ammas Museedhaan,

10“Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Yeroo biyya ani isiniif kennu sanatti galtanii midhaan irraa galfattan, bissii mataa midhaan galfattanii gara lubichaatti fidaa!

11Akka isiniif fudhatamuttis lubichi ana Waaqayyo duratti bissii sana haa sochoosu! Inni guyyaa Sanbataa sana booddee ganama isa haa sochoosu!

12Gaafa bissii sochoofamu sana dhi'eessitan korbeessa hoolaa waggaa tokkoo mudaa kan hin qabne, qalma anaaf gubamu aarsaa dhi'eessaa!

13Aarsaan midhaanii inni isaa wajjiniis daakuu ba'eessa dhadhaa ejersaatiin sukkuumamee, harka kurnan eefaa tokko keessaa harki lama, ibiddaan gubame inni fooliin isaa garaa ciibsu ana Waaqayyoof haa dhi'aatu! Akkasumas kennaan dhugaatii isaa wajjin dhi'aatu daadhii waynii harka afuraffaa hiini tokko haa ta'u!

14Hamma gaafas aarsaa kana ana Waaqayyo keessaniif dhi'eessitanitti immoo buddeena, akaayii midhaanii yookiis asheetii hin nyaatinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata dhaabataa dha.

15“ ‘Guyyaa Sanbatatti aanu, guyyaa bissii kennaa sochoofamu fiddan sanaa jalqabdanii torban torba guutuu lakkaa'aa!

16Hamma guyyaa isa Sanbata torbaffaatti aanutti guyyaa shantama lakkaa'aa! Yommus midhaan isa haaraa keessaa kennaa midhaanii ana Waaqayyoof dhi'eessaa!

17Isin iddoo jiraattanii aarsaa sochoofamuuf buddeena lama fidaa! Isaanis daakuu ba'eessa harka kurnan eefaa tokko keessaa harki lama raacitiidhaan tolfamanii mataa midhaanii ana Waaqayyoof dhi'eeffaman haa ta'an!

18Buddeena kanaa wajjinis ilmoolee hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo mudaa kan hin qabne torba, tuntunoo tokko, korbeeyyii hoolaa lama dhi'eessaa! Isaan kunis aarsaa midhaanii fi kennaa dhugaatii duukaa kennamuu wajjin aarsaa gubamee fooliin isaa garaa ciibsu ta'anii ibiddaan gubamanii ana Waaqayyoof haa dhi'eeffaman!

19Kana booddee korbeessa reettii tokko aarsaa sababii cubbuutiif akkasumas ilmoolee hoolaa korbeeyyii waggaa tokkoo lama qalma araaraaf dhi'eessaa!

20Lubichi buddeena mataa midhaanii sana ilmoolee hoolaa lamaanii wajjin ana Waaqayyo duratti haa sochoosu! Isaan anaaf aarsaa qulqullaa'oo kan ta'an qooda lubichaa ti.

21Gaafasuma labsaatii wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaa! Gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa! Kun iddoo jiraattan hundumaatti dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata dhaabataa dha.

22“ ‘Ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta'eef, isin lafa keessan irraa yeroo midhaan sassaabbattan, daarii maasii keessan irraa hin sassaabbatinaa! Qarmii midhaan keessaniis warra deegaadhaa fi ormaafis hambisaa malee, keessa deebitanii hin funaaninaa!” jedhi!” jedhe.

23Waaqayyo itti fufee Museedhaan,

24“Ati namoota Israa'elitti dubbadhu, isaaniin,“Waaqayyo akkana jedha:- Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa duraa Sanbata godhadhaa! Innis guyyaa seenaa malakanni afuufamee wal ga'iin qulqullaa'aan waamame haa ta'u!

25Gaafas aarsaa ibiddaan gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa malee, hojii nama dadhabsiisu tokko illee hin hojjetinaa!” jedhi!” jedhe.

26Waaqayyo ammas Museedhaan,

27“Ji'a torbaffaa kanattii guyyaan kurnaffaan guyyaa araarri bu'uu dha; inni guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa isiniif haa ta'u! Guyyaa sanatti isin soomuudhaan gad of deebisaatii aarsaa ibiddaan gubamu ana Waaqayyoof dhi'eessaa!

28Inni guyyaa itti araarri bu'u, guyyaa itti ana Waaqayyo gooftaa keessan duratti araarri isiniif buufamu waan ta'eef, gaafa sana hojii tokko illee hin hojjetinaa!

29Namni gaafas soomuudhaan gad of hin deebifne garuu saba isaa keessaa haa balleeffamu!

30Akkasumas nama guyyaa gaafasii hojii tokko illee hojjete, ani saba isaa keessaa isa nan balleessa.

31Kanaaf gaafas hojii tokko illee hin hojjetinaa! Kun lafa isin jiraattan hundumaatti, dhalootaa hamma dhalootaatti isiniif seerrata dhaabataa dha.

32Kun guyyaa Sanbataa, guyyaa itti boqottan isiniif haa ta'u! Isin soomuudhaan gad of deebisaatii ji'ichattii gaafa guyyaa salgaffaa galgalaa hamma galgala isatti aanee dhufutti guyyaa Sanbata keessanii eegaa!” jedhe.

33Waaqayyo itti fufee Museedhaan,

34“Ati namoota Israa'elitti dubbadhu! Isaaniin,“Waaqayyo:- Ji'a torbaffaa kanattii guyyaa kudha shanaffaadhaa jalqabee guyyaan torba ana Waaqayyoof ayyaana Gordommaa ti.

35Guyyaa inni duraa guyyaa wal ga'ii qulqullaa'aa ti; gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!

36Guyyaa torbanuu aarsaa ana Waaqayyoof ibiddaan gubamu dhi'eessaa! Guyyaa saddeettaffaatti wal ga'ii qulqullaa'aa godhadhaatii, aarsaa ibiddaan gubamu anaaf dhi'eessaa! Guyyaan sun guyyaa wal ga'iin ulfina-qabeessi itti godhamu waan ta'eef, gaafas hojii nama dadhabsiisu hin hojjetinaa!

37Guyyoonni ayyaanaa warri ana Waaqayyoof fo'aman, aarsaa ibiddaan dhi'aatu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, kennaa garaa garaaaf kennaa dhugaatii adduma addaan guyyaa isaaf kaa'ametti ana Waaqayyoof itti dhi'eessuudhaaf, yeroo wal ga'ii qulqullaa'aa ta'uu isaaniis kan itti beeksiftan isaan kana.

38Isaan kun immoo guyyoota Sanbata koo, guyyoota kennaa keessan garaa garaa, guyyoota aarsaa wareega keessanii, guyyoota aarsaa fedha keessaniin ana Waaqayyoof dhi'eessitan hundumaa irratti kan dabalamanii dha.

39“ ‘Ji'a torbaffaatti, ji'ichattiis guyyaa kudha shanaffaatti, wanta laficha irraa argattan yeroo galfattanitti, ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa! Guyyaa duraatti guutummaatti boqonnaan haa ta'u! Akkasuma guyyaa saddeettaffaatti raawwatee boqonnaan haa ta'u!

40Isin guyyaa duraa sanatti ija mukkeetii gaggaarii, damee muka meexxii, damee mukkeetii baala-qabeeyyii, alaltuu bishaan qarqaraas fudhadhaatii fuula ana Waaqayyo gooftaa keessanii duratti guyyaa torba gammadaa!

41Waggaa waggaatti ayyaana guyyaa torbaa ana Waaqayyoof ayyaaneffadhaa! Kunis dhalootaa hamma dhalootaatti seerrata bara baraa isiniif haa ta'u! Ji'a torbaffaa keessa isa ayyaaneffadhaa!

42Guyyaa torbaaf gordommaa keessa taa'aa! Dhalootaan nama Israa'el kan ta'e hundinuu gaaddisa gordommaa keessa haa taa'u!

43Kunis saba Israa'el biyya Gibxiittii yommuun baase gordommaa keessa akkan isaan jiraachise dhaloonni keessan akka beekuuf ta'a jedha” jedhi! Ani Waaqayyo gooftaa keessan” jedhe.

44Museen akkasitti guyyoota ayyaanaa warra Waaqayyoof fo'aman namoota Israa'elitti in beeksise.

Ibsa

Boqonnaa 23

Hanga ammaatti seera Lewwotaa keessatti, namoota qulqulluu, wantoota qulqulluu fi iddoowwan qulqulluu irratti xiyyeeffatame ture; boqonnaa kana keessatti garuu, yeroowwan qulqulluu kanneen hedduun isaanii dura yeroo yerootti dubbataman, garuu asitti hundumtuu walitti qabamanii jiru; ji'oonni haaraan qofti hin dubbatamne. Ayyaanota Waaqayyoo kanneen biroo hundumtuu: I. Ayyaana Sanbataa torbanitti kabajamu (Lakk. 3). II. Ayyaanota waggaa, 1. Ayyaana Faasikaa fi Ayyaana Maxinoo (Lakk. 4-8), kanatti kennaa midhaan jalqabaa (Lakk. 9-14) dabalamu. 2. Ayyaana Phenxeqostee (Lakk. 15-22). 3. Sirnoota ji'a torbaffaa. Ayyaana Xurumbaa guyyaa jalqabaa (Lakk. 23-25), Guyyaa Araaraa guyyaa kudhaffaa (Lakk. 26-32), fi Ayyaana Gubjii guyyaa kudha shanaffaa (Lakk. 33, kkf).

Lakk. 1-3

Kunooti:

I. Waaqayyo yeroowwan qulqulluu inni murteesse ilaalchisee ibsa waliigalaa (Lakk. 2). Yeroo qulqulluu kan godhu murtee Isaa qofaadha; inni Gooftaa yeroo waan ta'eef, yeroo jalqaba irraa kaasee guyyaa tokko kanneen biroo irra qulqulleessee eebbise Isaadha, Uma. 2:3. Namni murtee isaatiin guyyaa gaarii gochuu danda'a (Est. 9:19), garuu guyyaa qulqulluu gochuun mirga Waaqayyooti; wanti tokkollee seerri Isaa yoo irratti hin argamne hin qulqullaa'u. Qulqullummaan hundumtuu ayyaana Isaa addaa irraa kan dhufu yoo ta'u, qulqullummaan hundi murtee Isaa addaa irraa dhufa. Amma, yeroowwan qulqulluu asitti ajajaman ilaalchisee, kana hubadhaa:

1. Isaan ayyaanota jedhamu. Guyyaan Araaraa, kan isaan keessaa tokko ture, sooma ture; garuu, baay'een isaanii gammachuu fi ililchaaf waan murtaa'aniif, waliigalatti ayyaanota jedhamu. Tokko tokko, "Kun walga'iiwwan koo ti" jedhanii dubbisu, garuu kun walga'iiwwan qulqulluu wajjin wal fakkaata. Ani garuu, "Kun sirnoota koo ti" jedhee dubbisuu nan filadha; jechi asitti fayyadame akkasitti hiikameera (Isa. 33:20), achitti Xiyoon magaalaa sirnoota keenyaa jedhamteetti: akkasitti yoo dubbisnu, guyyaan araaraa sirna guddaa kanneen biroo hunda caalu ture.

2. Isaan ayyaanota Gooftaa (ayyaana koo) ti, maqaa Isaa kabajuuf, fi ajaja Isaa hojjechuuf kan kabajaman.

3. Isaan labsamaniiru; sababiin isaas, isaan luboota qulqullummaa keessa tajaajilan qofaan osoo hin taane, ummata hundaan kabajamuu qabu turan. Labsi kun sagalee gammachiisaa nuti dubbisnu ture, "Warri beekan eebbifamoo dha," Far. 89:15.

4. Isaan walga'iiwwan qulqulluudhaan qulqullaa'uu fi kabajamuu qabu turan, akkasumas tajaajilli ayyaanota kanaa kabajamaa fi ulfina qabeessa akka fakkaatu, ummannis raawwii isaanii keessatti tokkummaa akka qabaatan. Kun ulfina Waaqayyoo fi seerota Isaa kanneen iddoo dhoksaa hin barbaanneef ture, qulqullummaan isaaniis tajaajila ummataa isaaniitiin sirriitti eegama. Akkasumas, ayyaanota walga'iiwwan qulqulluu ta'anii kabajuun jaalalaan ummata ijaaruuf ture.

II. Seerri Sanbataa dura deebi'ee dubbatameera. Ayyaanota waggaa walga'ii waliigalaa iddoo qulqullummaa keessatti godhamuun kan beekaman ta'anis, isaan ifa Sanbataa golguu hin qaban, Lakk. 3. Asitti isaanitti himameera:

1. Guyyaa sana hojii fi dhimma addunyaa hundarraa of qusachuu qabu. Inni Sanbata boqonnaati, boqonnaa keenya cubbuu irraa fi Waaqayyo keessatti argamu kan agarsiisu: "Hojii tokkollee irratti hin hojjettan." Guyyoota qulqulluu biroo irratti hojii garbummaa hojjechuun dhoorkamee ture (Lakk. 7), garuu Sanbata irratti, fi guyyaa araaraa irratti (inni Sanbata jedhamus), hojii tokkollee hojjechuu hin qaban, nyaata qopheessuunillee dhoorkaa ture.

2. Guyyaa sana tajaajila Waaqayyoo keessatti of qabachuu qabu. (1.) Inni walga'ii qulqulluudha; jechuunis, "Yoo danda'ame, walga'ii amantaa keessatti qulqulleessitu: namoonni hedduun gara balbala dunkaanaatti haa dhufan, warri kaanis kadhannaaf, galataaf, fi seera dubbisuuf iddoo biraatti haa walga'an," akkuma mana barumsaa raajotaa keessatti, yeroo raajii turetti, boodas mana sagadaa keessatti. Kiristoos Sanbata Kakuu Haaraa walga'ii qulqulluu akka ta'u murteesse, guyyaa jalqabaa torbanii irratti barattoota Isaa yeroo tokkoo ol (fi tarii yeroo baay'ee) walitti qabuudhaan. (2.) "Walga'ii qulqulluu keessatti qulqulleessuuf carraa qabaattanii yookiin dhabdanii, garuu mana keessan hundumaa keessatti Sanbata Gooftaa haa ta'u. Guyyaa sanaa fi guyyoota biroo gidduu maatii keessan keessatti garaagarummaa godhaa. Inni Sanbata Gooftaati, guyyaa inni hojii uumamaa irraa boqote, fi guyyaa inni nuuf boqonnaa murteesse; mana keessan hundumaa keessatti haa kabajamu, amma gubjaa keessa jiraattanittillee." Hubadhaa, Sanbatni Waaqayyoo mana dhuunfaa hundumaa keessatti, maatii hundaan adda addaan, akkasumas maatiiwwan hedduun walitti qabamanii walga'iiwwan qulqulluu keessatti kabajamuu qabu. Sanbatni Gooftaa mana keenya keessatti bareedina, humna, fi nageenya isaanii ta'a; isaan ni qulqulleessa, ni ijaara, ni ulfeessa.

23:1-3 Boqonnaa kana keessatti yeroowwan qulqullaa'oon tumaman ni argina; hedduun isaanii duraan kan dubbataman turan. Ta'us, ayyaanotni waggaa bakka qulqullaa'aatti walitti qabamuu ummataa hundaatiin baay'ee beekamoo akka ta'anitti ilaalamaniyyuu, isaan kun garuu Sanbataa olitti hin eegamne. Guyyaa sana hojii addunyaa hunda irraa of qusachuu qabu. Innis Sanbataa boqonnaati, boqonnaa hafuuraa cubbuu irraa, akkasumas Waaqayyo keessatti boqochuu kan agarsiisudha. Sanbatootni Waaqayyoo amantiidhaan mana dhuunfaa hundumaa keessatti, maatii dhuunfaa hundumaan adda addaan, akkasumas maatiileen walitti qabamanii walga'ii qulqullaa'aa keessatti eegamuu qabu. Sanbatni Gooftaa manneen keenya keessatti eegamu bareedina, humna, fi nageenya isaanii ta'a; isaan ni qulqulleessa, ni ijaara, akkasumas ni ulfeessa.

Lakk. 4-14

As dabalataan ayyaanota kun ayyaanota Waaqayyoo jedhamaniiru, sababiin isaas inni isaan murteesseera. Ayyaanni Yaroobi'aam, kan inni garaa isaa irraa uume (1 Mootota 12:33), Waaqayyoof arrabsoo fi saba irratti salphina ture. Ayyaanotni kun yeroo isaaniitti labsamuu qabu turan (lak.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6