Yihudaa 1

GAZBIBAfaan Oromoo25 Keeyyattoota6:40 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:40 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ani Yihudaan garbichi Yesus Kristos obboleessi Yaaqoob, isin warra waamamtanii, Waaqayyo abbaadhaan jaallatamtanii, Yesus Kristosiin eegamtaniif kana caafuu koo ti.

2Araarri, nagaan, jaalallis isiniif haa baay'atu!

3Michoota ko! Waa'ee fayyina walii wajjin qabnuuf duruma iyyuu isiniif caafuudhaaf dhama'aa utuun jiruu, amma amantii isa al tokkicha yeroo hundumaaf akka ta'utti warra Waaqayyoof qulqullaa'anitti dabarfame sanaaf akka loltaniif, caafee isin gorsuun giddiitti barbaachisaa ta'uu isaa argeera.

4Warri Waaqayyo malee jiraatan, ayyaana Waaqayyo keenyaa argachuun ?Gad-dhiisatti jiraachuu dha? jedhanii yaada isaanii diddiiranii, gooftaa keenya Yesus Kristosin isa kophaa isaa gooftummaa qabus gananii, lo'anii nu gidduu galaniiru. Isaan kun wanta yakka isaanitti mursiisu kana jalatti duraan dursanii caafamaniiru.

5Isin waan ani amma isiniif caafuuf jedhu hundumaa in beektu. Haa ta'u iyyuu malee, ani isin yaadachiisuu nan barbaada; innis gooftichi saba isaa al tokkicha biyya Gibxii baasee akka isaan oolche, booddee immoo warra isatti hin amanin sana akka balleessee dha.

6Isa Waaqayyo ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taa'umsa isaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegu yaadadhaa!

7Akkuma ergamoota sanaa immoo warri mandaroota Sodoomii fi Gomoraa, warri mandaroota naannoo sanaas halalummaa keessa ba'anii, ejjummaadhaaf warruma akka isaanii nama hin ta'in duukaa iyyuu in adeemu turan. Isaan adaba ibidda bara baraa fudhachuudhaan, wanta warra akkasii irratti dhufuuf jiru argisiisuudhaaf fakkeenya ta'aniiru.

8Akkasuma immoo warri lo'anii nu gidduu galanii, yaada isaanii abjootan immoo xurii foon isaaniitti in dibu, gooftummaa Waaqayyo isaan irraa qabu in dagatu, warra akka ergamootaa waaqa keessatti ulfina qaban in arrabsu.

9Mikaa'el angafni ergamootaa iyyuu, yeroo reeffa Musee irratti Seexanaa wajjin walitti falmanii wal qoccolan, ?Gooftaan sitti haa dheekkamu!? jedhe malee, arrabsee itti faraduudhaaf ija hin jabaanne.

10Isaan kun garuu waanuma beekuu dadhaban in arrabsu; wanta akka bineensota waa yaadanii gargar hin baafnetti dhageettii uumamaatiin hubataniin immoo, in badu.

11Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra bu'aniiru, bu'aadhaaf jedhanii guutummaatti irraa kaachuu Bala'aamitti of gad dhiisaniiru; akkuma Qoraahi mormanii Waaqayyo irratti ka'uu isaaniitiinis balleeffamuu isaanii ti.

12Jarri kun irbaata jaalalaa isa walii wajjin qabdan yeelloo malee isinii wajjin nyaachuun isaanii xurii isinitti in ta'a. Isaan garaa isaanii duwwaadhaaf in yaadu; isaan akka duumessa bokkaa of keessaa hin qabne, isa qilleensaan oofamuu ti; akka muka yeroo ija kennuun isaaf ta'utti ija dhabee ti, akka muka hundeedhaan buqqa'ee gogee qosoree ti.

13Akkuma dha'aan galaanaa inni hunkuramaan hoomacha baasuu, isaanis hojii isaanii isa yeellaasisaa akka hoomachaatti ol in baasu; isaan akka qorsaa ti; iddoon dukkana limmixii bara baraan isaaniif kaa'amee jira.

14Henok Addaamii jalqabee dhaloota torbaffaa ture; inni waa'ee isaan kanaa immoo raajii dubbatee, ?Kunoo! Gooftichi kumaatama qulqulloota isaa wajjin in dhufa.

15Inni nama hundumaa irratti faraduudhaaf taa'ee, waan warri Waaqayyo malee jiraatan jireenya akkasii keessatti hojjetan hundumaa, dubbii jajjabaa cubbamoonni warri Waaqayyo malee jiraatan isa irratti dubbatan hundumaa, bakkeetti baasee amansiisee, nama adduma addaan in adaba? jedhe.

16Namoonni raajiin irratti dubbatame kun waan hundumaatti in guungumu, waan hundumaas in komatu, akka kajeellaa isaaniitti in jiraatu, afaaniin guddisanii of in jaju, warra waa irraa abdatan immoo sobanii in saadu.

17Isin garuu michoota ko, dubbii ergamoonni gooftaa keenyaa Yesus Kristos kanaan dura dubbatan yaadadhaa!

18Isaan, ?Yeroo gara dhumaatti ga'iftoonni warri Waaqayyo malee akka kajeellaa foon isaaniitti jiraatan dhufuuf jiru? jedhanii isinitti himaniiru.

19Warri dhufan kun gargar ba'uu in fidu, yaada foonii jalas of in galchu, hafuuricha of keessaa hin qaban.

20Isin garuu michoota ko, amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu irratti dhaabamaatii cimaa! Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaatii kadhadhaa!

21Jaalala Waaqayyoo keessatti of egaa; araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya bara baraatti isin geessu eeggadhaa!

22Warra maman gara-laafina argisiisaa!

23Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa! Warra kaan immoo, uffata isa cubbuu foon isaaniitiin xuraa'e iyyuu jibbuudhaan, ofii keessaniifis sodaachuudhaan, gara-laafina argisiisaa!

24Isin akka hin gufannetti Waaqayyo isin eeguu, mudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura isin dhaabachiisuu in danda'a.

25Waaqayyo fayyisaa keenya isa tokkichaaf karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos ulfinni, guddinni, aangoon, gooftummaanis lakkaa'amuu baraa fuula duraa jalqabee, ammas, bara baraanis haa ta'u. Ameen.

Ibsa

1:1-4

Kiristaanonni addunyaa keessaa, hafuura hamaa fi amala ishee irraa waamamaniiru; addunyaa olitti, gara waan ol'aanaa fi caalutti, gara samiitti, gara waan hin argamne fi bara baraatti waamamaniiru; cubbuu irraa gara Kiristoositti, waan diigaa irraa gara dhimma guddaatti, xuraa'ummaa irraa gara qulqullinaatti waamamaniiru; kunis kaayyoo Waaqayyoo fi ayyaana Isaa akkuma ta'etti raawwatameera. Yoo qulqullaa'anii fi ulfina argatan, ulfinni fi kabajni hundinuu Waaqayyoof, Isaa qofaaf kennamuu qaba. Hojiin ayyaanaa lubbuu namootaa keessatti kan jalqabu Waaqayyo waan ta'eef, Isayyuu itti fufa, akkasumas guutummaatti raawwata. Ofitti hin amannu, akkasumas ayyaana dursee nuuf kenname irratti hin amannu, garuu Isa irratti, Isa qofa irratti haa amannu. Arjummaan Waaqayyoo burqaa fi madda waan gaarii hundaa kan qabnu yookiin kan abdannu dha; arjummaa, kan warra hiyyeessotaaf qofa osoo hin taane, kan warra yakka qabaniifis. Arjummaa booda nagaan dhufa, nagaan sunis arjummaa argachuu keenya beekuu irraa kan nuuf dhufu dha. Nagaa irraa jaalalli burqa; jaalalli Kiristoos nuuf qabu, jaalalli keenya Isaaf qabnu, akkasumas jaalalli obbolummaa walii keenyaaf qabnu. Ergamichi, Kiristaanonni waan xiqqoon akka hin gammannetti hin kadhatu; garuu lubbuu isaanii fi gumii isaanii waan kana guutuu akka ta'u kadhata.

Kan injifannoo fi afeerrii wangeelaa irraa dhabaman hin jiran, warra mata jabummaan fi hammeenyaan of dhaban malee. Garuu raawwii isaa amantoota hundumaaf, isaaniif qofa. Humna qabeessotaafis, dadhabootaafis. Warri barsiisa furamuu waloo kana fudhatan, kanaaf haa falman, garaa guutuu, aarii malee. Dhugaa qabanii sobbaan himuun hamaa dha; kanaaf arrabsuunis caalaa hin qabu. Warri dhugaa fudhatan, akkuma ergamoonni godhan, dhugaa sanaaf falmuu qabu; dhugaa sanaaf obsaan fi jaabaan dhiphachuudhaan malee, warra yaada nuti amantii yookiin barbaachisaa jennu hundaa hin fudhanne dhiphisuudhaan osoo hin taane. Nuti amantaadhaaf garaa guutuun falmuu qabna, warra isa balleessuu yookiin xureessuu barbaadan, kanneen tasa seenan, kanneen bofoon akka lohatan seenan mormuudhaan. Warri Waaqayyo hin beekne keessaa kanneen caalaatti hamoo ta'an warra ayyaanni Waaqayyoo baay'achuu isaa fi amma iyyuu dinqisiisaatti baay'achuu isaa irraa jajjabina argatanii cubbuu ija jabinaan hojjetan, akkasumas warra bal'inaa fi guutuu ta'uu ayyaana wangeelaatiin jabaatan dha; kaayyoon isaa nama cubbuu irraa oolchuu fi gara Waaqayyootti fiduu kan ta'e.

1:5-7 Carraawwan alaa, amanannaan afaanii fi jijjiirama fakkaatu, warra amantii dhabuudhaan fi abboomamuu dhabuudhaan gara galan haaloo Waaqayyoo jalaa oolchuu hin dandeenye. Badiisni Israa'eloota amantii hin qabne kan lafa onaa keessa turan, namni tokkoyyuu mirgoota isaatti of tuuluu hin qabu jechuu agarsiisa. Dinqiiwwan nyaata guyyaa guyyaa isaanii turan; ta'us, isaanillee amantii dhabuudhaan badaniiru. Baay'inni guddaan ergamootaa sadarkaa Waaqayyo isaaniif kenneen hin gammadan; of tuulummaan sababa guddaa fi kallattii kufaatii isaanii ture. Ergamoonni kufan murtoo guyyaa guddichaatiif eegamanii jiru; namoonni kufan immoo jalaa ba'uu danda'uuree? Dhugumatti, hin danda'an. Yeroo isaa eeggatee kana xiinxali. Badiisni Soodoom hundaaf akeekkachiisa sagalee guddaa dha, hawwii foonii kan lubbuu irratti lola qaban irraa of eeguuf, fi jalaa ba'uuf.1:8-16

Barsiisonni sobaa warra abjuu dhaan jiraatanidha; isaan lubbuu namaa akka malee xureessuufi akka hamaatti madeessu. Barsiisonni kun sammuu dogoggoreefi hafuura fincilaa qabu; humnoonni jiran Waaqayyo biraa akka ramadaman, Ro 13:1, dagatanii.

Gaaftokko mormii reeffa Musee irratti ture ilaalchisee yoo ta'e, Seexanni Israa'eloonni iddoo awwaalcha isaa akka beekan godhee, waaqeffannaatti isaan harkisuuf fedhii qaba ture fakkaata. Garuu inni dhorkame; dheekkamsa isaa immoo arrabsoo hamaa dhaan baase. Kun namoota morman hunda, yoomiyyuu jechoota arrabsoo akka hin buusne yaadachisuu qaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የኢየሱስ ክርስቶስ ባሪያ የያዕቆብም ወንድም የሆነ ይሁዳ፥ በእግዚአብሔር አብ ተወደው ለኢየሱስ ክርስቶስም ተጠብቀው ለተጠሩ፤ አማርኛ ENGNIV Jude, a servant of Jesus Christ and a brother of James, To those who have been called, who are loved by God the Father … English BCV ኣገልጋሊ ኢየሱስ ክርስቶስን፥ ሓው ያእቆብን ካብ ዝኾነ ይሁዳ፥ ናብቶም ፅዉዓት፥ ብእግዚኣብሄር ኣብ ፍቑራትን፥ ንኢየሱስ ክርስቶስ ዝተሓለዉን፥ ትግርኛ BCV GIZ እምይሁዳ ገብረ እግዚአብሔር ወኢየሱስ ክርስቶስ፤ እኁሁ ለያዕቆብ፡ ለእለ ያፈቅርዎ ለእግዚአብሔር አብ ስሙያን ወጽዉዓን በኢየሱስ ክርስቶስ። giz GAZGAZ Ani Yihudaan garbichi Yesus Kristos obboleessi Yaaqoob, isin warra waamamtanii, Waaqayyo abbaadhaan jaallatamtanii, Yes… Afaan Oromoo BCV aksum ኣገልጋሊ ኢየሱስ ክርስቶስን፥ ሓው ያእቆብን ካብ ዝኾነ ይሁዳ፥ ናብቶም ፅዉዓት፥ ብእግዚኣብሄር ኣብ ፍቑራትን፥ ንኢየሱስ ክርስቶስ ዝተሓለዉን፥ ትግርኛ AMHNIV የኢየሱስ ክርስቶስ አገልጋይና የያዕቆብ ወንድም ይሁዳ፤ ለተጠሩት፣ በእግዚአብሔር አብ ለተወደዱትና በኢየሱስ ክርስቶስ ለተጠበቁት፤ አማርኛ SWAHSUV Yuda, mtumwa wa Yesu Kristo, ndugu yake Yakobo, kwa hao walioitwa, waliopendwa katika Mungu Baba, na kuhifadhiwa kwa aj… Kiswahili