Yohaannis 20

GAZGAZAfaan Oromoo31 Keeyyattoota6:21 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:21 · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa,] utuu dukkanaa'uutti jiruu obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalichaa dhuftee, dhagichi awwaalicha ittiin cufanii turan, awwaalicha irraa akka fuudhame argite.

2Isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara bartuu isa kaan, isa Yesus jaallatee dhuftee, ?Goofticha awwaala keessaa fudhataniiru, eessa akka isa kaa'anis hin beeknu!? jettee isaanitti himte.

3Yommusumas Phexrosii fi bartuun inni kaan ba'anii, gara awwaalichaa dhaqan.

4Isaan lamaan walii wajjin fiigan; bartuun inni kaan garuu Phexros dura darbee fiigee, dafee awwaalicha bira ga'e.

5Innis gad jedhee kafanni achi akka jiru arge malee, keessa hin linne.

6Simoon Phexrosis immoo isa booddeedhaan dhufee, achumaan awwaalichatti ol lixee, kafanichi achi kaa'amee arge.

7Erbeen mataa Yesus irra ture garuu, kafanichaa wajjin hin kaa'amne, dachaafamee kophaatti iddoo tokko ture malee.

8Kana booddee bartuun inni kaan, inni Phexros dura awwaala bira ga'ee ture, keessa lixee, kana argee amanes.

9Macaafni, ?Inni, warra du'an keessaa ka'uun in ta'aaf? in jedha, isaan garuu kana hamma ammaatti hin beekne.

10Kana booddee bartoonni deebi'anii manatti galan.

11Maariyaam alaan awwaala bukkee dhaabatee in boossi turte; isheen boo'aa gad jettee awwaalicha keessa ilaalte.

12Ergamoonni Waaqayyoo lama uffata adii uffatanii, iddoo Yesus kaa'amee ture, inni tokko mataa duraan, inni kaan immoo miilla jalaan utuu taa'anii argite.

13Isaan yommus, ?Dubartii nana, maaliif boossa?? jedhanii ishee gaafatan; isheen immoo, ?Gooftaa koo fudhataniiru, anis iddoo isa kaa'an hin beeku? jettee isaaniif deebifte.

14Kana jechaa yommuu gara galte, Yesusin argite. Inni achi dhaabata ture; isheen garuu Yesus ta'uu isaa hin barre.

15Yesus immoo, ?Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyuun barbaadda?? jedhee ishee gaafate; isheen illee, kun eegduu dha jettee, waan yaadeef, ?Gooftaa ko, ati asii fuutee iddoo tokkotti isa geessiteetta yoo ta'e, eessa akka isa keesse anatti himi, ani dhaqee isa nan fida? ittiin jette.

16Yommus Yesus, ?Maariyaam!? isheedhaan jedhe. Isheen immoo gara isaatti gara galte afaan Ibraayisxiitiin, ?Rabbuunii!? ittiin jette; kana jechuun ?Barsiisaa? jechuu dha.

17Yesus immoo, ?Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara obboloota koo dhaqi, ?Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a? jedhii isaanitti anaaf himi!? jedhee ishee abboome.

18Ergasii Maariyaam isheen Magdalaa dhuftee, ?Ani goofticha argeera, inni dubbii kana anatti dubbateera? jettee bartootatti in himte.

19Guyyaa jalqaba torbaniitti [gaafa Sanbata guddaa] sana galgala, bartoonni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.

20Kana erga jedhee booddee harka isaa lamaanii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise; bartoonnis goofticha arganii gammadan.

21Yesus ammas itti deebi'ee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe; itti fufees, ?Abbaan akkuma ana erge, ani immoo isin nan erga? jedhee isaanitti dubbate.

22Kana jechaa hafuura isaanitti baafatee, ?Hafuura qulqulluu fudhadhaa!

23Cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhiifameera; cubbuu isaaniittii kan isin hin hiikne, cubbuu isaaniitiin hidhamaniiru? isaaniin jedhe.

24Bartoota gooftaa kudha lamaan keessaa, Toomaas inni ?Diidimos? jedhame tokko, yommuu Yesus dhufe bartootaa wajjin hin turre.

25Bartoonni warri kaanis, ?Goofticha argineerra? jedhanii itti himan; inni garuu, ?Iddoo sibiilichi ure, harka isaa lamaanitti yoon arge malee, quba koos iddoo sibiilichi ure irra yoon kaa'e malee, harka koos madaa cinaacha isaa keessa yoon kaa'e malee, hin amanu!? isaaniin jedhe.

26Guyyaa saddeet booddees bartoonni isaa ammas walitti qabamanii mana keessa turan, Toomaasis isaanii wajjin ture. Isaan mana cufatanii utuu taa'anii, Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, ?Nagaan isiniif haa ta'u!? isaaniin jedhe.

27Kana booddee Toomaasiin, ?Quba kee fidii as irra kaa'i, harka koo lamaan ilaali, harka kee fidiitii madaa cinaacha koo keessa kaa'i; kan hin amanne hin ta'in, kan amante ta'i malee!? jedhe.

28Toomaasis, ?Gooftaa ko, Waaqayyo ko!? jedhee deebiseef.

29Yesus immoo, ?Yaa Toomaas, waan ana argiteef amantee? Utuu ana hin argin kan amanan, attam haa gammadan!? ittiin jedhe.

30Yesus macaafa kana keessatti kan hin caafamin, milikkita kan biraa baay'ee bartoota isaa duratti hojjeteera.

31Isaan kun garuu, Yesus, Kristosicha, ilma Waaqayyoo ta'uu isaa akka amantaniif, amanachuu keessaniinis maqaa isaatti jireenya akka qabaattaniif caafaman.

Ibsa

20:1-10 Kiristoos lubbuu isaa furtootti yoo kenneera ta'ee, deebisee hin kaane ta'ee, kennuun isaa akka kaffaltii guututti fudhatamee jiraachuu isaa hin mul'atu ture. Reefka isaa dhabamuu isaan Maariyaamiif qorumsa guddaa ture. Amantoonni dadhaboon, kan dhugumaan sababa abdii fi waa'ee gammachuu ta'uu qabu, akka waa'ee itti komatan gochuun isaan irra deddeebi'a. Warri faayidaa barattootaa argachuudhaan warra kaan caalaa kabajaman, dirqama barattootaa keessatti warra kaan caalaa hojjetoo, akkasumas hojii gaarii keessatti dhama'uufii balaaf of saaxiluuf fedhii guddaa yoo qabaatan gaarii dha. Nuti hanga dandeettii keenyaa hojjechuu qabna; akkasumas warra nu caalaa gaarii hojjechuu danda'an hin hinaafnu, warra boodatti hafanis, hanga danda'anitti gaarii hojjetanis hin tuffannu. Barataa Yesus karaa adda ta'een jaallate, akkasumas inniis karaa adda ta'een Yesusin jaallate sun, jalqaba irra ture. Jaalalli Kiristoos waan biraa hundumaa caalaa dirqama hundumaa keessatti akka baay'annu nu taasisa. Inni boodatti hafe Phexros Kiristoosin ganame ture. Miirri balleessaa tajaajila Waaqayyoo keessatti nu dhoorka. Yeroo sanatti barattoonni Caaffata Qulqulluu hin beekne turan; Kiristoos du'aa ka'uu akka qabu hin hubanne.

Yohannis 20:11-18

Yeroo jaalala guddaafi imimmaan keenyaan barbaannu, argachuu keenya hin oolchu. Haa ta'u malee, amantoonni baay'een duumessaafi dukkana isaan irra jiruuf ni komatu; kun garuu lubbuu isaanii gad of qabsiisuuf, cubbuu isaanii ajjeesuuf, akkasumas Kiristoos isaaniif caalmaatti jaalatamoo gochuuf malawwan ayyaanaa ti. Ergamoota arguun, akkasumas kofla isaanii ilaaluun hin ga'u; Yesuusii fi kofla Waaqayyo Isaan keessatti mul'isu arguu malee. Warra kana dhandhaman malee, eenyu illee gadda lubbuu dhiifamtee, kan Kiristoos keessatti ragaa jaalala Waaqayyoo jajjabeessaa qabaattee, akkasumas abdii waa'ee jannataa qabaattee, amma garuu isaan dhabdee, dukkana keessa deemtu hin beeku; lubbuu mada'aa akkanaa eenyutu danda'a?

Kiristoos, warra Isa barbaadaniif yeroo Of mul'isu, yeroo baay'ee yaada isaanii irra darba. Qalbiin Maariyaam Yesusin barbaaduuf akkam dhimmaa'aa akka turte ilaali. Malli Kiristoos saba Isaatiif Of beeksifatu, jecha Isaatiini; jecha Isaa lubbuu isaaniitti hojjetuun, akkasumas akka dhuunfaatti isaanitti dubbatuun dha. Kun akkana jedhamee dubbifamuu danda'a: 'Gooftaa koo tii?' Warri Yesusin jaalatan aboo Inni isaan irratti qabu akkam gammachuudhaan akka dubbatan ilaali. Inni akka isheen dhiheenya qaama Isaa kan amma jiru fuulduraaf hin eegin ishee dhoorka.

Hariiroo Waaqayyoo wajjin Yesuus Kiristoos wajjin tokkummaa qabaachuudhaan qabnu ilaali. Nuti, amala Waaqummaa keessaa qooda kan qabnu, Abbaan Kiristoos Abbaa keenya; Innis, amala namaa keessaa qooda fudhatuun, Waaqayyo keenya Waaqa Isaa ti. Ol ba'uun Kiristoos gara samiitti, achittis dhimma keenya dhiyeessuuf, akkasumas jajjabina dubbatamuu hin dandeenye dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ከሳምንቱም በፊተኛው ቀን መግደላዊት ማርያም ገና ጨለማ ሳለ ማለዳ ወደ መቃብር መጣች ድንጋዩም ከመቃብሩ ተፈንቅሎ አየች። አማርኛ ENGNIV Early on the first day of the week, while it was still dark, Mary Magdalene went to the tomb and saw that the stone had… English BCV በታ ቐዳመይቲ መዓልቲ ሰሙን፥(ሀ) ማርያም መግደላዊት፥ ገና ፀልማት እንተሎ፥ ኣንጊሃ ናብቲ መቓብር መፀት። እቲ እምኒ ኸዓ፥ ካብ ኣፍ መቓብር ተፈንቂሉ ረአየቶ። ትግርኛ GAZBIB Guyyaa jalqaba torbaniitti, [gaafa Sanbata guddaa,] utuu dukkanaa'uutti jiruu obboroodhaan, Maariyaam isheen Magdalaa g… Afaan Oromoo BCV GIZ ወበእሑድ ሰንበት መጽአት ማርያም መግደላዊት በጽባሕ ኀበ መቃብር እንዘ ዓዲሁ ጽልመት ወረከበት እብነ እቱተ እምአፈ መቃብር። giz BCV aksum በታ ቐዳመይቲ መዓልቲ ሰሙን፥(ሀ) ማርያም መግደላዊት፥ ገና ፀልማት እንተሎ፥ ኣንጊሃ ናብቲ መቓብር መፀት። እቲ እምኒ ኸዓ፥ ካብ ኣፍ መቓብር ተፈንቂሉ ረአየቶ። ትግርኛ AMHNIV በሳምንቱ የመጀመሪያ ቀን፣ በማለዳ ገና ጨለማ ሳለ፣ መግደላዊት ማርያም ወደ መቃብሩ ሄደች፤ ድንጋዩም ከመቃብሩ መግቢያ ተንከባሎ አየች። አማርኛ SWAHSUV Hata siku ya kwanza ya juma Mariamu Magdalene alikwenda kaburini alfajiri, kungali giza bado; akaliona lile jiwe limeon… Kiswahili