Ermiyaas 9

GAZBIBAfaan Oromoo26 Keeyyattoota6:35 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:35 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Halkanii fi guyyaa utuun wal irraa hin kutin, saba koo warra qalamanii dhumaniif akkan boo'utti, maaloo mataan koo iddoo bishaan jalaa burqu, iji koos burqituu imimmaanii utuu ta'ee!

2Sabni koo warra ejjituu fi waldaa warra hin amanamne waan ta'aniif, lafa onaa keessa iddoon kara-adeemtuun bultu utuu jiraatee, saba koo dhiisee ani achitti nan baqadhan ture.

3Waaqayyo,“Isaan soba dubbachuudhaaf, akka iddaa dhifameetti arraba isaanii qopheessanii in taa'u; isaan lafa kana irratti hammina irratti hammina dabalu malee, dhugaatti hin jabaatan, ana beekuus hin barbaadan.

4“Namni hundinuu fira isaattii of haa eeggatu, obboleessa ofii isaatiis hin amanatin! Obbolleessi obboleessa isaa in gowwoomsa, ollaanis asii fi achi adeemee ollaa isaa in hamata.

5Ollaan ollaa isaa in gowwoomsa, dhugaa kan dubbatus hin jiru; isaan arraba isaaniitiin soba dubbachuu, micciiramummaadhaanis hojjechuu amala in godhatan; karaa isaanii kana irraas deebi'uu in dadhaban.

6Isaan miidhaa miidhaa irratti, gowwoomsaa gowwoomsaa irratti waan dabalaniif, ana beekuu in didan” jedhe.

7Kanaaf Waaqayyo gooftaan maccaa, “Kunoo! Ani akka nama sibiila baqsee qoruutti, saba koo qoree nan ilaala; kanaa'achi maal isaan godhu ree”

8Afaan isaaniitiin gowwoomsaa in dubbatu; arraba isaaniitiin akka xiyyaatti waraananii nama in ajjeesu; afaan isaaniitiin ollaa isaaniitti nagaa dubbatu, garaa isaanii keessatti garuu isa in gaaddu.

9Ani saba akkasii kana wanta akkasiitiif hin adabuu ree” Saba akkasii irrattis ijaa hin baafadhuu ree?” jedhe.

10Tulloonnii fi iddoon horiin dheedu onanii, namnis isaan keessa waan hin adeemneef, sagaleen horii achi keessaa waan hin dhaga'amneef, allaattonnii fi bineensonni hundinuu baqatanii waan sokkaniif, ani isaaniif gadodee nan boo'a, nan wawwaadhas.

11Waaqayyo,“Yerusaalemin tuullaa kosii, iddoo waangonni keessa jiraatanis nan godha; mandaroota Yihudaa immoo iddoo duwwaa kan namni keessa hin jiraanne nan godha” jedhe.

12Namni ogeessi wanta kana hubachuu danda'u eenyu” Biyyi kun akka badu, onee lafa duwwaa ta'ee, namni tokko illee isa keessatti akka hin argamne Waaqayyo eenyutti dubbate”

13Yommus Waaqayyo,“Seera ani isaaniif tume waan irraanfataniif, sagalee koo dhaga'aniis akka barsiisa kootti adeemuu waan didaniif kun isaan irra ga'e.

14Isaan mata-jabina ofii isaaniitiin geggeeffamanii akkuma abboonni isaanii isaan barsiisan, Ba'aalin in waaqeffatan;

15kanaaf ani Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, saba kana nyaata hadhaa'aa nan nyaachisa, bishaan hadhaan keessa jirus nan obaasa;

16ani saba isaan yookiis abboonni isaanii hin beekne keessa isaan nan tamsaasa, hamman lafa irraa isaan balleessuttis diinni billaadhaan akka isaan ari'atu nan godha” jedhe.

17Waaqayyo gooftaan maccaa, “Wanta kana mee itti yaadaa! Ergaatii dubartoota warra boossiftuu waamsisaa, dubartoota ogeessotas fichisiisaa!

18Isaaniinis,“Ija keenya keessaa imimmaan akka yaa'utti, baallee ija keenyaa jalaas akka gad lola'utti, dafaa kottaatii nu boossisaa!” jedhaa!

19Sagaleen boo'ichaa,“Nuyi in badne, yeelloo guddaas in uffanne; nuyi biyya keenya dhiifnee in baane, manneen keenyas in diigaman” jedhu, Xiyoon keessaa in dhaga'ama” jedhe.

20Isin dubartoota nana, amma dubbii Waaqayyoo dhaga'aa! Wanta afaan isaa dubbatus gurra keessan itti qabaatii dhaggeeffadhaa! Intaloota keessan akka itti nama boossisan, walii keessanis akka itti wawwaattan wal barsiisaa!

21Duuni karaa qaawwaa masaraa keenyatti ol in lixe, ijoollee keenya karaa irratti in fixe, dargaggootas wal ga'ii karaa irratti in ajjeese.

22Ati saba kanatti dubbadhuutii, “Waaqayyo,“Reeffi namootaa akka kosiitti bakkee keessa in cicciisa, akka midhaan haamamee qabaa qabaadhaan bubbu'ee, namicha haamu sana booddeedhaan mul'atu, namni walitti qabus hin jirre in ta'a” jedha” jedhi!

23Waaqayyo, “Namni ogeessi ogummaa isaatiin of hin jajin, inni jabaanis jabina isaatiin of hin tuulin, inni badhaadhaanis badhaadhummaa isaatiin hin koorin!

24Namni ani Waaqayyo akkan ta'e beeku, lafa irrattis gaarummaa, qajeelummaa fi firdii qajeelaa akkan godhu hubatu, isa kanaan of haa jaju! Ani wanta akkasii kanatti nan gammada” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

25Waaqayyo,“Kunoo! Guyyaan ani warra qolummaa dhagna isaanii duwwaa dhagna qabatan hundumaa itti adabu in dhufa.

26Warra Gibxii, warra Yihudaa, warra Edoom, warra Amoon, warra Mo'aab warra rifeensa mataa isaanii naannessanii illee isaanii irraa fixan, warra lafa onaa keessa jiraatan hundumaa nan adaba; sabni kun hundinuu dhagna qabataniiru; haa ta'u iyyuu malee, isaan, guutummaan Israa'elis kakuu dhagna-qabaa sana hin eegne” jedhe.

Ibsa

9:1-11 Ermiyaas baay'ee boo'e; ta'us, saba gara hubannoo sirrii harka Waaqayyoo kakaasuuf irra caalaa boo'uu hawwa. Haa ta'u malee, lafa onaa iyyuu, yoo Waaqayyoo wajjin tokkummaa dhabe, karaa Kiristoos Yesuusii fi dhiibbaa Hafuura Qulqulluu malee, iddoo qorumsaa fi hamaa ta'uu qaba; yeroo, eebbawwan kana wajjin, magaalota sabaan guutaman keessa qulqullinaan jiraachuu dandeenya.

**Sabichi arraboota isaanii sobaaf barataniiru. Akka malee sobdoota waan turaniif, obboleessi iyyuu amanamuu hin dandeenye. Daldalaa fi gabaa keessatti, soba ta'uu isaa beekanis, faayidaa mataa isaaniitiif waan hundumaa dubbatan. Haa ta'u malee Waaqayyo cubbuu isaanii mallatteesse. Bakka beekumsi Waaqayyoo hin jirretti, gaariin akkamii eegamuu danda'a? Inni hamaa warra achi keessa jiraataniitiif, lafa mishooftuu gara lafa onaa jijjiiruuf mala baay'ee qaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ተወግተው ስለ ሞቱ ስለ ሕዝቤ ሴት ልጅ ሰዎች ሌሊትና ቀን አለቅስ ዘንድ ራሴ ውኃ፥ ዓይኔም የእንባ ምንጭ በሆነልኝ! አማርኛ ENGNIV Oh, that my head were a spring of water and my eyes a fountain of tears! I would weep day and night for the slain of my… English BCV ነቶም ተወጊኦም ዝሞቱ ደቂ ጓል ህዝበይ፥ ለይትን መዓልትን ክበክስ፥ ርእሰይ ዒላ ማይ፥ ኣዒንተይ ድማ፥ ፈልፋሊ ንብዓት ኮይኑ እንተ ዝኸውን መን ምሃበኒ! ትግርኛ BCV GIZ መኑ ይሁበኒ ማየ ለርእስየ ወፈልፈለ አንብዕ ለአዕይንትየ እብክዮሙ ለሕዝብየ መዓልተ ወሌሊተ ለቅቱላነ ወለተ ሕዝብየ። giz GAZGAZ Halkanii fi guyyaa utuun wal irraa hin kutin, saba koo warra qalamanii dhumaniif akkan boo'utti, maaloo mataan koo iddo… Afaan Oromoo BCV aksum ነቶም ተወጊኦም ዝሞቱ ደቂ ጓል ህዝበይ፥ ለይትን መዓልትን ክበክስ፥ ርእሰይ ዒላ ማይ፥ ኣዒንተይ ድማ፥ ፈልፋሊ ንብዓት ኮይኑ እንተ ዝኸውን መን ምሃበኒ! ትግርኛ AMHNIV ስለ ታረዱት ወገኖቼ፣ ቀንና ሌሊት አለቅስ ዘንድ፣ ምነው፣ ራሴ የውሃ ምንጭ በሆነ! ምነው ዐይኖቼ የእንባ መጒረፊያ በሆኑልኝ! አማርኛ SWAHSUV Laiti kichwa changu kingekuwa maji, na macho yangu kuwa chemchemi ya machozi, ili nipate kulia mchana na usiku kwa ajil… Kiswahili