Ermiyaas 34

GAZGAZAfaan Oromoo22 Keeyyattoota6:44 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:44 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yeroo Nebukadnezaar mootiin Baabilon loltoota isaa hundumaa fi mootummoota biyya lafaa irra jiran warra harka isaa jalatti abboomamanii fi saba hundumaa wajjin Yerusaalemii fi mandaroota naannoo ishee jiran hundumaa loluu jalqabetti, dubbiin kanatti fufee jiru Waaqayyo biraa gara ana Ermiyaas in dhufe.

2Waaqayyo inni kan Israa'el,“Dhaqiitii Zedeqiiyaa mootii Yihudaatiin, Waaqayyo,“Ani mandarattii kana harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna, inni immoo ibiddaan ishee in guba;

3atis qabamtee harka isaatti in kennamta malee, isa jalaa ba'uu hin dandeessu; ati mootii Baabilon argitee isa dura dhaabattee isaa wajjin dubbachuuf jirta; kana booddee immoo booji'amtee biyya Baabilonitti in geeffamta” jedheera.

4Yaa Zedeqiiyaa mootii Yihudaa! Mee dubbii Waaqayyoo dhaga'i! Waaqayyo,“Ati billaadhaan hin ajjeefamtu,

5ati nagaatti utuu jirtuu in duuta; akkuma dur namoonni abboota kee mootota warra si dura turaniif godhan akkasuma ulfina keetiif ibidda qabsiisanii:- Wayyoo, yaa gooftaa koo! jedhanii siif in boo'u; ani Waaqayyo kana dubbadheera” jedhi!” jedhe.

6Ergasii ani Ermiyaas gara Yerusaalem dhaqee wanta kana hundumaa Zedeqiiyaa mootichatti nan hime;

7yeroo sana loltuun mootii Baabilon mandaroota warra biyya Yihudaa keessaa hafan Yerusaalem, Laakiishii fi Asekaatti in duulan; Laakiishii fi Asekaan mandaroota biyya Yihudaa keessaa masaraa cimaa qabuu waan turaniif utuu hin qabamin turan.

8Zedeqiiyaan mootichi garboonni luba akka ba'aniif labsiin akka labsamu namoota Yerusaalem keessa jiran hundumaa wajjin kakuudhaan erga waliif galee booddee, dubbiin Waaqayyo biraa gara ana Ermiyaas in dhufe;

9akka waliif galtee sanaatti, namni garbicha yookiis garbittii sanyii warra Ibrootaa qabu hundinuu luba isaan in baasa; namni tokko illee Yihudii akka isaatti akka garbichaatti yookiis akka garbittiitti akka hin qabaanneef dhowwameera.

10Kanaaf gurguddoonni biyyaa guutummaa namoota waliif galtee sana keessa turanii wajjin, dubbii irratti waliif galan kanaaf abboomamanii garboota isaanii dhiirotaa fi dubartoota luba baasuudhaaf, deebisaniis garboota akka isaan hin godhanne murtoo in godhan; akkasittis luba isaan in baasan.

11Yeroo yartuu booddee garuu gaabbanii warra luba baasanii turan sana deebifatanii garba in godhatan.

12Kana irratti dubbiin Waaqayyoo gara ana Ermiyaas in dhufe;

13inni saba kanaan,“Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el,“Ani abboota keessan biyya Gibxii keessaa harka garbummaa jalaa yommuun baase, kakuu isaaniif galeen ture;

14ani isaaniin:- Isin adduma addaan nama Ibrootaa isa isinitti of gurgure, waggaa ja'a erga hojjechiifattanii, waggaa torbaffaatti luba isa baasaa! jedheen ture; abboonni keessan garuu isan isaanitti dubbadhe hin dhageenye, dhaga'uu isaas hin barbaanne.

15Isin garuu amma deebitanii wanta ana duratti qajeelaa ta'e gootaniittu; isin tokkon tokkon keessan Ibroota keessaa isa garbicha godhattanii turtan amma luba baaftaniittu; mana qulqullummaa isa kan kootii keessattis ana duratti waa'ee kanaaf kakuu galtaniittu;

16amma garuu deebitanii maqaa koo xureessitaniittu; tokkon tokkon keessan garbicha keessanii fi garbittii keessan warra iddoo barbaadan akka dhaqaniif luba baaftanii turtan, deebiftanii immoo garboota akka isiniif ta'aniif giddisiiftaniittu.

17Kanaaf isin hundumti keessan anaaf abboomamtanii Ibroota akka keessanii luba baasuu waan diddaniif, ani kunoo, isin billaadhaan, dha'ichaan, beelaanis akka rukutamtaniif gara isaaniitti gad isin nan baasa; mootummoota biyya lafaa irra jiran hundumaa birattis wanta namni ilaalee sodaatu isin nan godha.

18“ ‘Namoota dibicha gorra'anii iddoo lama lamatti kutanii isa gidduu darbuudhaan fuula koo duratti kakatanii, deebi'anii immoo kakuu sana cabsan ani akkuma dibicha isaan gorra'anii sana isaan nan godha;

19gurguddoota Yihudaa fi Yerusaalem, hojjetoota mana mootummaa keessaa ergaman, lubootaa fi namoota biyya sanaa warra dibichicha iddoo lamatti kutanii gidduu darban hundumaa akkasuma nan godha.

20Ani harka diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaaddanitti dabarsee isaan nan kenna; reeffi isaanii allaattota qilleensa keessa balali'aniif, bineensota caakkaa hundumaafis nyaata in ta'a.

21Zedeqiiyaa mootii Yihudaa fi gurguddoota isaa harka diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadan keessa nan buusa; loltoota mootii Baabilon warra amma isin irraa deebi'an kanattis dabarsee isaan nan kenna.

22Kunoo! Isaan gara mandarattii kanaatti akka deebi'an nan godha; isaanis mandarattii lolanii qabatanii in gubu; ani mandaroota Yihudaa onsee, kan namni tokko illee keessa hin jiraanne nan godha” jedhe” jedhi! Kana Waaqayyotu dubbate.

Ibsa

34:1-7

Zedeqiyaatti himameera magaalittiin akka qabamtu, innis booji'amee akka du'u, garuu du'a uumamaatiin akka du'u. Qalbii jijjiirratee mana hidhaa keessa jiraachuu fi du'uun, masaraa mootummaa keessatti qalbii hin jijjiirranneen jiraachuu fi du'uu irra caala.

34:8-22

Yihudoonni waggaa torbaa ol garbicha ta’anii tursiifamuu hin qaban. Seera kana isaanii fi abbootiin isaanii cabsanii turan. Yeroo abdii weerarri kaafameera jedhu argatanitti, hojjettoota isaan gadhiisan sana deebisanii dirqisiisanii tajaajila isaan…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የባቢሎን ንጉሥ ናቡከደነፆርና ሠራዊቱ ሁሉ ከእጁም ግዛት በታች ያሉ የምድር መንግሥታት ሁሉ አሕዛብም ሁሉ ኢየሩሳሌምንና ከተሞችዋን ሁሉ ይወጉ በነበረ ጊዜ፥ ከእግዚአብሔር ዘንድ ወደ ኤርምያ… አማርኛ ENGNIV While Nebuchadnezzar king of Babylon and all his army and all the kingdoms and peoples in the empire he ruled were figh… English BCV ናቡከደነፆር ንጉስ ባቢሎንን ኵሉ ሰራዊቱን፥ እቶም ኣብ ትሕቲ ኢዱ ዝግዝኡ ዝነበሩ ዅሎም መንግስታት ምድርን ኵሎም ህዝብታትን፥ ምስ ኢየሩሳሌምን ምስ ኵለን ከተማታታን፥ ይዋግኡ ኣብ ዝነበሩሉ… ትግርኛ GAZBIB Yeroo Nebukadnezaar mootiin Baabilon loltoota isaa hundumaa fi mootummoota biyya lafaa irra jiran warra harka isaa jala… Afaan Oromoo BCV GIZ ቃል ዘኮነ ኀበ ኤርምያስ እምኀበ እግዚአብሔር፡ ናቡከደነፆር ንጉሠ ባቢሎን ወኵሉ ሠራዊቱ፡ ወኵሎሙ መንግሥታተ ምድር ያነሥኡ እደ፡ ወኵሉ አሕዛበ ምድር ይትቃተልዋ ለኢየሩሳሌም፡ ወለኵሉ አሕጉ… giz BCV aksum ናቡከደነፆር ንጉስ ባቢሎንን ኵሉ ሰራዊቱን፥ እቶም ኣብ ትሕቲ ኢዱ ዝግዝኡ ዝነበሩ ዅሎም መንግስታት ምድርን ኵሎም ህዝብታትን፥ ምስ ኢየሩሳሌምን ምስ ኵለን ከተማታታን፥ ይዋግኡ ኣብ ዝነበሩሉ… ትግርኛ AMHNIV የባቢሎን ንጉሥ ናቡከደናፆርና ሰራዊቱ ሁሉ፣ በግዛቱም ሥር ያሉ መንግሥታትና ሕዝቦች ሁሉ ኢየሩሳሌምንና በአካባቢዋ የሚገኙትን ከተሞች ይወጉ በነበረ ጊዜ፣ እንዲህ የሚል ቃል ከእግዚአብሔር ዘ… አማርኛ SWAHSUV Neno hili ndilo lililomjia Yeremia, kutoka kwa Bwana, hapo Nebukadreza, mfalme wa Babeli, na jeshi lake lote, na falme … Kiswahili