Ermiyaas 24

GAZBIBAfaan Oromoo10 Keeyyattoota2:59 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:59 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ergasiis Waaqayyo, guuboo ija harbuu baatu lama balbala mana qulqullummaa dura kan kaa'aman anatti in argisiise; kunis bara Nebukadnezaar mootiin Baabilon Yekoniyaa ilma Yehoyaaqiim mootii Yihudaa, gurguddoota saba Yihudaa, warra sibiila tumanii fi warra hojii harkaa beekan hundumaa Yerusaalem keessaa booji'ee biyya Baabilonitti erge ta'e.

2Guuboo isa tokko keessa ija harbuu isa ba'eessa, isa dura bilchaatetu jira ture; isa kaan keessa immoo ija harbuu isa gadhee namni nyaachuu hin dandeenyetu jira ture.

3Yommus Waaqayyo anatti dubbatee,“Yaa Ermiyaas, amma maal argita?” naan jedhe; ani immoo deebisee,“Ija harbuu isa ba'eessa, akkasumas immoo ija harbuu isa gadhee namni nyaachuu hin dandeenye nan arga” nan jedhe.

4Ammas Waaqayyo anatti dubbatee,

5“Ani Waaqayyo gooftaan Israa'el warran biyya Yihudaa keessaa booji'amanii gara biyya Baabilon akka dhaqan godhe kana akkuma ija harbuu isa ba'eessa kanaatti nan ilaala;

6ani utuun ija isaan irraa hin buqqifatin isaan eegee gara biyya kanaatti deebisee isaan nan galcha; ani isaan nan ijaara malee isaan hin diigu; isaan nan dhaaba malee isaan hin buqqisu;

7ani garaa isaan ittiin ani Waaqayyo akkan ta'e beekan isaaniif nan kenna; garaa guutuudhaan gara kootti in deebi'u; ani Waaqayyo isaaniif nan ta'a, isaanis saba koo in ta'u” jedhe.

8Ammas Waaqayyo itti fufee,“Zedeqiiyaa mootii Yihudaa, gurguddoota biyyaa isaa fi haftee Yerusaalem warra biyyicha keessatti hafan yookiis warra biyya Gibxiitti gad bu'an immoo akkuma ija harbuu isa gadhee isa namni nyaachuu hin dandeenye sanaa nan godha.

9Iddoo ani itti isaan bittimsu hundumaatti namoonni akka isaan arrabsan, akka isaanitti mammaakan, akka isaanitti ga'isanii fi akka isaan abaaran nan godha; isaan mootota biyya lafaa irra jiran hundumaa biratti wanta namni ilaalee sodaatu in ta'u.

10Biyya isa ani isaaniif, abboota isaaniifis kenne keessaa raawwatanii hamma badanitti billaa, beelaa fi dha'icha isaanitti nan erga” jedhe.

Ibsa

24:1-10

Foonjibdiin gaariinifi baddiin Ayihudoota booji'amanii jiran, akkasumas warra biyya isaaniitti hafan bakka bu'u. Raajichi quncissa foonjibdii lama mana qulqullummaa fuuldura kaa'ame, akka kennaa fuduraa-jalqabaatti arge. Foonjibdiin quncissa tokko keessa jiru baay'ee gaarii ture, kan quncissa isa kaanii immoo baay'ee baddaa ture. Uumamni nama hamaa caalaa jibbisiisaan jiraa? Nama Waaqayyoof bulu caalaa immoo maaltu gatii qaba? Mul'anni kun warra booji'amanii jiran deebii gammachiisaa akka argatan mirkaneessuudhaan, humnaa fi abshaalummaa isaanii akka dabaluuf ture; akkasumas warra Qudus Magaalaa keessa turan, warra booji'amuu jibbisiisaa akka argatan mirkaneessuudhaan, qalbii isaanii jabaatee fi nagaa qabu gadi buusuu fi dammaqsuuf ture. Foonjibdiin gaariin booji'amtoota Waaqayyoof amanamoo ta'an bakka bu'a. Jaalala Waaqayyoo yookiin jibba Isaa wantoota nu dura jiran qofa ilaallee murteessuu hin dandeenyu. Rakkoon jalqabaa yeroo tokko tokko waan gaariif ta'uu danda'a.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የባቢሎን ንጉሥ ናቡከደነፆር የይሁዳን ንጉሥ የኢዮአቄምን ልጅ ኢኮንያንን የይሁዳንም አለቆች ጠራቢዎችንና ብረት ሠራተኞችን ከኢየሩሳሌም ማርኮ ወደ ባቢሎን ካፈለሳቸው በኋላ፥ እግዚአብሔር አሳ… አማርኛ ENGNIV After Jehoiachin son of Jehoiakim king of Judah and the officials, the craftsmen and the artisans of Judah were carried… English BCV ናቡከደነፆር ንጉስ ባቢሎን ንኢኮንያን፥ ወዲ ኢዮኣቄም ንጉስ ይሁዳ፥ ምስ ኣሕሉቕ ይሁዳን ሃነፅትን ሰራሕቲ ሓፃውንን፥ ካብ ኢየሩሳሌም ማሪኹ ናብ ባቢሎን ምስ ወሰዶም፥ እንሆ፥ እግዚኣብሄር፥ … ትግርኛ BCV GIZ ወአርአየኒ እግዚአብሔር ፪ አዕፁቀ በለስ ንቡራነ ቅድመ ቤተ እግዚአብሔር እምድኅረ አፍለሶ ናቡከደነፆር ንጉሠ ባቢሎን ለኢኮንያን ወልደ ኢዮአቄም ንጉሠ ይሁዳ ወለመላእክተ ይሁዳኒ ወለኪነቶሂ … giz GAZGAZ Ergasiis Waaqayyo, guuboo ija harbuu baatu lama balbala mana qulqullummaa dura kan kaa'aman anatti in argisiise; kunis … Afaan Oromoo BCV aksum ናቡከደነፆር ንጉስ ባቢሎን ንኢኮንያን፥ ወዲ ኢዮኣቄም ንጉስ ይሁዳ፥ ምስ ኣሕሉቕ ይሁዳን ሃነፅትን ሰራሕቲ ሓፃውንን፥ ካብ ኢየሩሳሌም ማሪኹ ናብ ባቢሎን ምስ ወሰዶም፥ እንሆ፥ እግዚኣብሄር፥ … ትግርኛ AMHNIV የባቢሎን ንጉሥ ናቡከደነፆር፣ የኢዮአቄምን ልጅ የይሁዳን ንጉሥ ኢኮንያንንና ባለሥልጣኖቹን እንዲሁም የይሁዳን አናጺዎችና ብረት ቀጥቃጮች ከኢየሩሳሌም ወደ ባቢሎን ማርኮ ከወሰዳቸው በኋላ፣ እ… አማርኛ SWAHSUV Bwana akanionyesha, na tazama, vikapu viwili vya tini, vimewekwa mbele ya hekalu la Bwana, baada ya Nebukadreza, mfalme… Kiswahili