Ermiyaas 19

GAZGAZAfaan Oromoo15 Keeyyattoota4:34 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:34 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo wanta kanatti fufee jiru dubbatee,“Dhaqii nama suphee dha'u irraa cuggee tokko bitadhuu maanguddoota sabaa keessaa muraasa, luboota warra angafoota keessaas muraasa waammadhu!

2Karaa “Karra qiraacii” gara dachaa Ben-Hiinomitti gad bu'ii achitti wanta ani sitti dubbadhu saba kanatti himi!

3Isaaniinis,“Isin yaa mootota Yihudaa, warri Yerusaalem keessa jiraattanis, Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el:- Dhaga'aa! Ani kunoo, badiisa isa dhaga'uun isaa gurra namaatti hin tolle iddoo kanatti nan fida.

4Sabni kun ana dhiisanii, iddoo kana xureessaniiru; waaqayyolii biraa warra abboonni isaanii, isaan ofii isaaniitii, mootonni Yihudaas hin beekneef ixaana aarsaniiru; biyyichas dhiiga nama balleessaa hin qabneetiin guutaniiru;

5iddoowwan ol ka'oo lafa itti ilmaan isaanii aarsaa godhanii guban, Ba'aal Waaqayyo tolfamaadhaaf ijaaraniiru; ani wanta akkasii kana akka godhaniif isaan hin abboomne, kunis yaada koo keessa hin turre.

6Kanaafis kunoo! Barri tokko in dhufa, bara sanattis namoonni iddoo kanaan “Dachaa dhumiisaa” jedhu malee,“Toofet” yookiis dachaa “Ben-Hiinom” hin jedhan jedhe” jedhi! Kana Waaqayyotu dubbate.

7“Ani iddoo kanatti wanta warri Yihudaa fi warri Yerusaalem yaadanii qopheeffatan hundumaa nan balleessa; diinonni isaanii warri lubbuu isaanii balleessuu barbaadan billaadhaan akka isaan fixan, reeffa isaaniis allaattii qilleensa keessa balali'uu fi bineensa caakkaatti galu hundumaaf nyaata nan godha.

8Ani mandarattii kana yommuun diigu, warri karaa darban badiisa isheetti dhufe arganii in dinqifatu, ceepha'aas ishee bira in darbu;

9diinonni isaanii warri lubbuu isaanii balleessuu barbaadan mandara isaanii akka marsan, warri mandarattii kana keessa jiraatan immoo rakkina irraa kan ka'e foon ilmaan isaanii fi intaloota isaanii, foon walii isaaniis akka nyaatan nan godha.

10“Ati immoo yommus namoota sii wajjin dhaqan sana duratti cuggicha caccabsi!

11Jaraanis,“Waaqayyo gooftaan maccaa:- Akkuma qodaan suphee kun erga caccabee deebi'ee haareffamuu hin dandeenye, akkasuma ani saba kana mandarattii kanas nan caccabsa; warri dhuman kunis lafa itti awwaalaman waan hin qabneef, Toofetitti in awwaalamu.

12Ani mandarattii kana akka Toofet namoota ishees akka warra Toofet keessa jiraatanii nan godha; (“Toofet” jechuun “Iddoo ibiddaa” jechuu dha).

13Sababii manneetiin warra bantii isaanii irratti macca waaqaatiif ixaanni aarfamee fi waaqayyolii biraatiif dhibaayyun dhibaafatame hundumaatiif manneetiin Yerusaalem keessa jiran, manneetiin mootota Yihudaa, akka Toofet iddoo xuraa'aa in ta'u jedhe” jedhiin!” jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.

14Toofet iddoo Waaqayyo raajii akka inni irratti dubbatuuf itti isa erge sanaa Ermiyaas deebi'ee, oobdii mana qulqullummaa keessa dhaabatee jaraan,

15“Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el,“Kunoo! Sababii isaan boquu jabaatanii wanta ani isaanitti dubbadhe dhaga'uu didaniif, wanta hamaa guutummaa mandarattii kanaa fi gandeen naannoo ishee jiran irratti fiduudhaaf dubbadhe hundumaa nan raawwadha” jedha” jedhe.

Ibsa

19:1-9 Raajichi Yihudaa fi Yerusaalem irratti barcitiin dhufaa jiru duraan dursee beeksisuu qaba. Warri bulchanis ta'an warri bulfamanis kanaaf xiyyeeffannoo kennuu qabu. Iddoon sun, inni qulqullinaan guutummaa lafaatiif gammachuu ture, cubbuudhaan garuu guutummaa lafaatiif arrabsoo fi salphina ta'e. Haqaa Waaqayyoo jalaa baqachuun hin danda'amu, gara araara isaatti kooluu galuudhaan malee.

19:10-15

Meeshaan dhoobdii yommuu gogaa’u booda, yoo caccabe deebisamee walitti qabamuu hin danda’u.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እግዚአብሔርም እንዲህ አለኝ፦ ሂድ፥ ከሸክላ ሠሪ ገምቦ ግዛ፥ ከሕዝቡም ሽማግሌዎችና ከካህናት ሽማግሌዎች ከአንተ ጋር ውሰድ፤ አማርኛ ENGNIV This is what the Lord says: “Go and buy a clay jar from a potter. Take along some of the elders of the people and of th… English BCV እግዚኣብሄር ከምዙይ በለኒ፦ “ኪድ፤ ካብቲ ሰራሒ መሬት ሳርማ ዓድግ። ካብቶም ዓበይቲ ህዝብን ካብቶም ዓበይቲ ኻህናትንውን ንገሊኣቶም ምሳኻ ተማላእ። ትግርኛ GAZBIB Waaqayyo wanta kanatti fufee jiru dubbatee,“Dhaqii nama suphee dha'u irraa cuggee tokko bitadhuu maanguddoota sabaa kee… Afaan Oromoo BCV GIZ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር፦ ሑር ተሣየጥ ለከ ቀሡተ ልሕኵት ግብረ እደ ለብሐዊ፡ ወንሣእ እምውስተ ረበናቶሙ ለሕዝብ ወእም ረበናተ ካህናት። giz BCV aksum እግዚኣብሄር ከምዙይ በለኒ፦ “ኪድ፤ ካብቲ ሰራሒ መሬት ሳርማ ዓድግ። ካብቶም ዓበይቲ ህዝብን ካብቶም ዓበይቲ ኻህናትንውን ንገሊኣቶም ምሳኻ ተማላእ። ትግርኛ AMHNIV እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፤ “ሄደህ፣ ከሸክላ ሠሪ ገምቦ ግዛ፤ ከሕዝቡና ከካህናቱ መካከል ታላላቅ የሆኑትን አንዳንዶቹን ይዘህ፣ አማርኛ SWAHSUV Bwana akasema hivi, Enenda ukanunue gudulia la mfinyanzi, ukachukue pamoja nawe baadhi ya wazee wa watu, na baadhi ya w… Kiswahili