Abbootii Firdii 9

GAZGAZAfaan Oromoo57 Keeyyattoota13:30 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 13:30 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Abiimelek ilmi Giidewon isa “Yiruub-Ba'aal” jedhamee, eessumman isaa fi qomoo haadha isaatii warra Sheekem keessa jiraatan hundumaa bira dhaqee,

2“Warra mandara Sheekem keessa jiraatan hundumaa,“Ilmaan Yiruub-Ba'aal torbaatamman akkuma jiranitti isin irratti mo'uu moo yookiis namni tokkichi duwwaan isin irratti mo'uu isiniif wayyaa?” jedhaatii gaafadhaa! Isin immoo ani dhiiga keessan foon keessan ta'uu koo yaadadhaa!” jedheen.

3Yommus eessumman isaa waa'ee Abiimelekiif dubbii kana hundumaa warra mandaricha keessa jiraatanitti in dubbatan; kana irratti warri mandara sanaa, yaadni isaanii isa duukaa jal'atee,“Inni obboleessa keenya” jedhan.

4Galma Ba'aal-Kakuu keessaa birrii torbaatama fuudhanii Abiimelekiif in kennan; inni immoo horii kanaan namoota gatii hin qabnee fi namoota bor na-dhibaa hin beekne bitatee of duukaa in buuse.

5Gara mana abbaa isaa isa mandara Ofraa keessaa dhaqee, obboloota isaa ilmaan Yiruub-Ba'aal torbaatamman kattaa tokko irratti in fixe; isaan keessaa Yotaam inni quxisuun garuu dhokatee in hafe.

6Ergasii warri Sheekemii fi warri Bet-Miiloo hundinuu walitti qabamanii qilxuu Sheekem keessa jiru jalatti Abiimelekin in moosifatan.

7Dubbii kana Yotaamitti yommuu himanitti inni roggee tulluu Geriiziimitti ol ba'ee, sagalee guddaadhaan iyyee,“Yaa warra Sheekem! Isin anaaf dhaga'aa! Yoos Waaqayyo immoo isiniif in dhaga'a.

8Al tokko mukkeetiin mootii moosifachuuf ba'anii, ejersaan,“Nu irratti mo'i!” jedhan.

9Ejersi immoo,“Mukkeetii irra adeemee isaan bulchuudhaaf, attamittan dibata koo isa waaqayyoliinii fi namoonni ittiin ulfina argatan baasuu dhiisa ree?” jedhee deebiseef.

10Yommus mukkeetiin sun harbuudhaan,“Kottuu ati nu irratti mo'i!” jedhan.

11Harbichis,“Ani mukkeetii irra adeemee isaan bulchuudhaaf attamittan ija isa miyaa'aadhaa fi isa gaarii kana godhachuu dhiisa ree?” jedheen.

12Amma immoo mukkeetiin sun wayniidhaan,“Kottuu ati nu irratti mo'i!” jedhan.

13Wayniinis,“Ani mukkeetii irra adeemee isaan bulchuudhaaf attamittan ija isa daadhiin isaa waaqayyolii fi namoota gammachiisu kana kennuu dhiisa ree?” isaaniin jedhe.

14Yommus mukkeetiin hundinuu laaftoodhaan,“Kottuu ati nu irratti mo'i!” jedhan.

15Laaftoonis,“Dhugumaan dibdanii of irratti na moosiftu yoo taataniif, kottaatii gaaddisa koo jalatti kooluu galaa! Akkana yoo ta'uu dhabaate garuu ibiddi qoraattii koo keessaa ba'ee gaatirraa Liibaanon xaph haa godhu!” jedheen.

16“Ammas Abiimelekin moosisuun keessan kun amanamuudhaan, garaa guutuudhaanis yoo ta'e, akkuma Yiruub-Ba'aal isiniif godhe, isinis isaaf maatii isaatiif akka ta'utti gaarii gootaniifii yoo jiraattan ba'eessa.

17Abbaan koo hamma lubbuu isaa gatutti isiniif lolee harka warra Miidiyaan keessaa akka isin fures yaadadhaa!

18Isin garuu har'a mana abbaa kootii irratti kaatanii ilmaan isaa torbaatamman kattaa tokko irratti fixxanii, Abiimelekin isa garbittii irraa dhalate obboleessa keessan waan ta'eef, warra Sheekem irratti moosiftan.

19Amma immoo wanta har'a Yiruub-Ba'aalii fi maatii isaatiif gootan amanamuudhaa fi garaa guutuudhaan gootan yoo ta'e, Abiimelekitti gammadaa, innis isinitti haa gammadu!

20Wanti isin gootan hamaadhaaf yoo ta'e garuu, Abiimelek biraa ibiddi ka'ee warra Sheekemiif warra Bet-Miiloo gubee haa fixu! Akkasumas ibiddi warra Sheekemiif warra Bet-Miiloo biraa ka'ee Abiimelekin gubee haa fixu!” jedhe.

21Yotaamis obboleessa isaa Abiimelek duraa baqatee sokkee iddoo “Be'er” jedhamu tokkotti galee in taa'e.

22Abiimelek Israa'el irratti waggaa sadii in mo'e.

23Kana booddee garuu Waaqayyo hafuura hamaa yaada Abiimelekii fi warra Sheekem gargar baasu isaanitti in erge; kana irratti warri Sheekem haxxummaadhaan Abiimelek irratti in ka'an.

24Abiimelekii fi warri Sheekem ilmaan Yiruub-Ba'aal torbaatamman irratti humnaan ka'anii, dhiiga isaanii waan dhangalaasaniif, kun isaanitti dhufe; kanaanis hojiin inni hamaan mataa Abiimelek obboleessa isaanii isa isaan fixee fi mataa warra Sheekem warra ajjeechaa sana keessatti isa gargaaranitti in deebi'e.

25Kanaaf warri Sheekem Abiimelekitti dubbii kaasuudhaaf namoota roggee tulluu irra riphanii eeggatan in kaa'an; namoonni sunis warra karaa sana irra darban hundumaa in saamu turan; kana gochuun isaanii Abiimelekitti in himame.

26Yommus namichi“Ga'aal” jedhamu ilmi Ebeed tokko obboloota isaa wajjin dhufee, Sheekemitti in gale; warri Sheekemis isa in amanan.

27Isaanis gara iddoo dhaabaa waynii isaaniitti ba'anii ija waynii ciranii cuumfanii in ayyaaneffatan; galma waaqayyolii isaaniitti ol galanii, nyaatanii dhuganii Abiimelekin in salphisan.

28Kana gidduutti Ga'aal ilmi Ebeed,“Abiimelek eenyu” Nuyi warri Sheekem warri isaaf hojjennu moo eenyufa'i” Inni ilma Yiruub-Ba'aal; Zebul immoo isaa gaditti ajaja mitii ree” Isin egaa warra namoota sanyii Hamoor abbaa Sheekem keessaa ka'aniif hojjedhaa malee, nuyi maaliif Abiimelekiif hojjenna ree”

29Sabni kun utuu anaaf in abboomama ta'ee, Abiimelekiin,“Loltoota hamma qabdu fudhadhuutii lolaaf ba'i!” jedhee, teessoo isaa irraa isa nan buusan ture” jedhe.

30Zebul inni mandaricha bulchu wanta Ga'aal ilmi Ebeed jedhe yommuu dhaga'e aaree in boba'e.

31Abiimelekittis malaan namoota ergee,“Kunoo Ga'aal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara mandara Sheekem dhufee, namoota mandarichaa si irratti kaasaa jira;

32ati garuu namoota keetii wajjin halkaniin ka'ii, qotiisa keessa riphii eeggadhu!

33Bor ganama yeroo boruun baqaqutti ka'ii mandaricha irratti goobani! Ga'aalii fi namoonni isaa wajjin jiran gara keetti yommuu gad ba'an, akkuma argattetti akka beektu isaan godhi!” jedheen.

34Abiimelekii fi namoonni isaa wajjin turan hundinuu halkaniin ka'anii, iddoo afuritti hiramanii mandara Sheekem duubaan in riphan.

35Ga'aal ilmi Ebeed immoo ba'ee karra mandarichaa keessa yeroo dhaabatetti, Abiimelekii fi namoonni isaa wajjin jiran, iddoo riphanii turanii itti in ba'an.

36Ga'aal namoota sana yommuu argee, Zebuliin,“Kunoo, namoonni roggee tulluu irraa gad bu'aa jiru!” jedhe; Zebul immoo deebisee,“Gaadidduu tulluu irraa sitti mul'atutu namoota sitti fakkaate!” jedheen.

37Itti dabalees Ga'aal,“Kunoo namoonni tulluu isa handhuura lafaa sana irraa gad bu'aa jiru; kutanni tokko immoo karaa qilxuu warra ayyaana hedanii dhufaa jiru” jedheen.

38Zebulis,“Afaan-bal'inni kee inni ati“Abiimelek eenyu inni” Nuyis maaliif isaaf hojjenna?” jette, eessa ga'e ree” Namoonni ati tuffattes isaanuma kana mitii ree” Ammas ba'iitii isaan loli!” jedheen.

39Yeroo sanatti Ga'aal warra Sheekem dura bu'ee Abiimelekin in lole.

40Abiimelek garuu Ga'aalin in ari'e; innis fuula isaa duraa in baqate; namoonni Ga'aal immoo hamma karra mandarichaa bira ga'anitti iyyuu baay'een isaanii madaa'anii in kukkufan.

41Abiimelek iddoo “Arumaa” jedhamutti in deebi'e; Zebul garuu Ga'aalii fi obboloonni Ga'aal Sheekem keessa akka hin jiraannetti ari'ee isaan in baase.

42Borumtaas warri Sheekem gara maasii isaanii dhaquudhaaf akka jiran namoonni tokko Abiimelekitti in himan.

43Innis namoota isaa fudhatee kutata sadiitti hiree, maasii keessa riphee isaan eeggate; jarri mandaricha keessaa ba'uu isaanii yommuu arge, achii ka'ee isaan in rukute.

44Abiimelek kutata isa bira turee wajjin itti fiigee karra kellaa mandarichaa dura in dhaabate; kutanni warri kaan lamaan immoo namoota maasii keessa jiran hundumaatti fiiganii in ajjeesan.

45Abiimelek guyyaa sana guutuu lolee mandaricha in qabate; warra isa keessa turan ajjeesee, mandarichas diigee, isa barbadeessuudhaaf soogidda irra in firfirse.

46Warri riqaa gurguddaa Sheekem keessa jiraatan hundinuu kana dhaga'anii, iddoo baqaa isa galma Waaqayyo isaanii Ba'aal-Kakuu jalaa keessa in lixan.

47Abiimelekis warri riqaa gurguddaa Sheekem keessa jiraatan hundinuu achitti walitti qabamuu isaanii in dhaga'e.

48Namoota isaa hundumaa fudhatee gara tulluu Zaalmonitti ol ba'ee, qottoo tokko fudhatee damee mukaa ittiin muree gatiittii isaa irra in kaa'ate; namoota isaa wajjin turaniin,“Wanta ani gochuu koo argitan, isinis dafaatii akkasuma godhaa!” jedhe.

49Namoonni isaas adduma addaan damee mukaa tokko tokko muranii Abiimelek duukaa dhaqanii, damoota sana naannessanii iddoo baqaa sanatti tuulanii, namoota achi keessa jiran irratti ibidda in qabsiisan; kana keessatti namoonni riqaa gurguddaa Sheekem keessa turan, dhiironnii fi dubartoonni kumni tokko in dhuman.

50Kana booddee Abiimelek dhaqee, mandara Tebezitti marsee in qabate.

51Haa ta'u iyyuu malee, mandara sana keessa riqaan guddaan jabaan tokko waan tureef, warri mandara sanaa dhiironnii fi dubartoonni hundinuu gara isaatti baqatanii, balbala isaas karaa keessaa cufatanii gara bantii riqaa sanaatti ol in ba'an.

52Abiimelek utuu loluu riqaa sana bira ga'ee, balbala isaa ibiddaan gubuudhaaf itti in dhi'aate.

53Yommus dubartiin tokko majii dhagaa mataa Abiimelek irratti gad darbattee lafee mataa isaatii in cabsite.

54Abiimelek immoo dafee dargaggeessa isa mi'a lolaa baatuuf waamee,“Namoonni ‘Dubartiitu isa ajjeese’ akka anaan hin jennetti, ati billaa keetiin na ajjeesi!” jedheen; akkasitti dargaggeessichi billaa isa keessa in baase; kana irratti Abiimelek in du'e.

55Namoonni Israa'elis Abiimelek akka du'e yommuu argan gara lafa lafa dhufaniitti in deebi'an.

56Waaqayyo akka kanatti yakka Abiimelek isa inni obboloota isaa torbaatamman ajjeesuu isaatiin abbaa isaa yakkee ture sana mataa isaatti in deebise.

57Wanta hamaa warri Sheekem hojjetan hundumaas Waaqayyo mataa isaaniitti in deebise; abaarsi Yotaam ilma Yiruub-Ba'aal immoo isaan irra in ga'e.

Ibsa

9:1-6 Namoonni Shekem Abimelekii mootii godhatan. Waaqayyo mootii akka qabaatanis ta’e, isa kam akka mootii godhatanis hin gaafatamne. Warri ijoolleen isaanii maal akka hojjetan, akkasumas maal akka danda’an osoo arganii, gammachuun isaan ijoolleedhaan qaban yeroo baay’ee gara gaddaa jijjiiramuu danda’a ture: Waan dhufu beekuu dhabuu keenyaaf galata qabaachuu qabna. Waan hundaa ol garuu, cubbuu sodaachuu fi irraa eeggachuu qabna; akkaataa jiraachuu keenya hamaatu du'a keenya booda, maatii keenya irratti bu'aa hamaa fiduu waan danda'uuf.

Boqonnaa 9

Amanamummaa dhabuun Israa’el Gidewoon du’eeraan, akka amanamummaa dhabuu isa duraa weerara alagaatiin yookiin cunqursaa humna ollaa kamiiniyyuu osoo hin taane, walitti bu’iinsa keessoo isaanii gidduutti ture. Boqonnaa kana keessatti seenaa kana qabna; cubbuun isaanii yookiin rakkinnii isaanii isa kam akka caalaa mul’atu dubbachuun rakkisaadha. Kun seenaa Abimelek, ilma Gidewoon isa seeraan alaa, aangoo seeraan ala fudhachuu fi cunqursaa isaa ti; akkasuma isa waamuu qabna, "ilma uumamaa" jechuu mannaa; abbaa isaa irraa baay’ee adda ture. Asitti kan nutti himame:

I. Akka inni Shekemitti, magaalaa isaa dhuunfaatti, haxxummaa fi gara jabinaan, keessumaa obboloota isaa hunda ajjeesuudhaan aangoo ofii isaa fudhate (Lakk. 1-6).

II. Akka Yootaam, ilma Gidewoon isa quxisuu, fakkeenyaan firdii isaa dubbate (Lakk. 7–21).

III. Walitti bu’iinsi Abimelekii fi michoota isaa warra Shekem gidduu ture (Lakk. 22–41).

IV. Kunis akka Shekemootaa (Lakk. 42–49) fi Abimelek mataa isaa (Lakk. 50–57) balleessuudhaan xumurame. Mootii akka ibsaa sobaa, kan biyya isaa eegaa osoo hin taane, balaa ta’e kanaaf, akka yeroo tokko mootii cunqursaa guddaa tokkoof jedhame, "akka jaldeessaa dhufe, akka leencaa bulche, akka sareetti du’e" jennu. "Balleessaa biyyaatiif, bulchitoonni ishee akkasuma."

Lakk. 1-6

Abimelek mala akkamiitiin aangoo argatee of guddisuu isaa asitti nutti himameera. Haati isaa yaada aangoo guddaa qabaachuu sammuu isaa keessa facaastee ta’uu dandeessi, maqaan abbaan isaa isaaf kenne, kan mootummaa of keessaa qabu, qaanqee sana kakaasuu danda’a; amma abbaa isaa awwaaleera, hafuurri isaa boonsaan inni abbaa isaa bakka bu’ee Israa’el bulchuuf fedha malee homaa hin qabu, kunis fedha abbaa isaa wajjin guutummaatti wal faallessa, inni ilmi isaa tokkollee isaan irratti akka hin bulchine dubbatee tureetii. Inni akka abbaan isaa godhe, Waaqayyo irraa ulfina kanaaf waamicha hin qabu ture, akkasumas yeroo abbaan isaa ol kaafame turetti akka ture, Israa’el oolchuuf abbaa firdii barbaachisaa hin turre; garuu fedhiin aangoo isaa guutamuu qaba, guutummaan isaas kaayyoo isaa isa guddaadha. Amma asitti ilaali:

I. Akka inni haxxummaan firoota haadha isaa gara fedha isaatti fide. Shekem magaalaa gosa Efreem keessa jirtu, kan beekamtu turte. Yoosuu walga’ii isaa isa dhumaa achitti godhee ture. Magaalaan sun isaaf yoo dhaabbattee isa ol kaaste, kun isaaf baay’ee akka gargaaru yaade. Achitti maatii haati isaa irraa dhalatte keessatti dhimma qaba ture, isaanis namoota magaalaa sanaa warra beekamoo wajjin wal qunnamsiisan. Isaan keessaa namni tokkollee akka nama gaarii, kan filannoo akkasii isaaf kennisiisuu danda’uutti isa ilaale hin fakkaatu, garuu yaanni jalqaba isa irraa dhufe. Inni mataa isaa yoo hin yaadin, namni akkasii mootii akka ta’u namni tokkollee hin yaadu ture. Ammas asitti ilaali:

1. Akka inni isaan filannoo sanaaf gowwoomse, Lakk. 2, 3. Inni Gidewoon ilmaan torbaatama, warra bifa gaarii qabanii fi dhimma guddaa qaban dhiisee waan deemeef, isaan aangoo abbaan isaanii qabu harka isaanii keessa tursiisuuf, humna waloo qabaachuudhaan Israa’el irratti bulchuuf karoorfataa jiru jedhee yaada gadhee kenne. "Amma," jedhe, "mootii tokko qabaachuun mootota hedduu, baay’ee, akkasumas baay’ee caalaa isiniif wayya. Dhimmi mootummaa nama tokkoon yoo bulfame gaariidha," Lakk. 2. Ilmaan Gidewoon hundi yookiin tokkollee Israa’el irratti bulchuuf fedha xiqqoollee akka hin qabneef sababii hin qabnu (isaan yaada abbaa isaanii, Waaqayyo isaan irratti akka bulchu jedhu qabu turan, innis isaan hin waamne), garuu inni kun karaa fedha aangoo isaa banuuf isaaf gargaare. Yaadachiisa: Warri mataa isaanii hamoo hojjechuuf karoorfatan, namoonni kaan hamoo hojjechuuf karoorfatu jedhanii shakkii guddaa qabaachuuf saaxilamoodha. Mataa isaa ilaalchisee, inni fira isaan wajjin qabu qofa isaan yaadachiise (verbum sapienti—Nama ogeessaaf jechi tokko ga’aadha): "Ani lafee keessanii fi foon keessanii akka ta’e yaadadhaa." Karoorri kun dinqisiisaa ta’ee milkaa’e. Abbootiin Shekem magaalaan isaanii magaalaa mootummaa fi magaalaa guddoo Israa’el ta’uu ishee yaaduudhaan gammadan, kanaaf isa duukaa bu’uuf fedhii qaban; "Inni obboleessa keenya, ol ka’uun isaas faayidaa keenyaaf ta’a" jedhan.

2. Akka inni waan inni jedhe sanaaf baasii danda'uuf isaan irraa maallaqa argate (Lakk. 4): Isaan meetii torbaatama isaaf kennan; gatiin meetii kanaa maal akka ture hin dubbatamne; sheekelii baay’een xiqqaa dha, taalaantiin baay’een immoo akka nuti yaannu caalaa guddaadha; kanaaf, tokkoon tokkoon isaanii ulfaatina paawundii tokkoo akka qaban yaadama: garuu maallaqa kana mana Ba’al-Berit irraa, jechuunis, qabeenya mootummaa irraa, kan isaan waaqayyoo tolfamaa isaaniitiif ulfina kennuudhaan, akka inni isa eeguuf mana qulqullummaa isaa keessa kaa’an; yookiin kennaa waaqayyoo tolfamaa sanaaf godhame irraa, kan isaan harka isaa keessatti waaqayyoo isaaniitiif waaqeffamuu isaatiif caalaatti milkaa’a jedhanii abdatan. Inni Israa’el irratti bulchuuf akkamitti hin taane, sababiin isaas, waaqeffannaa tolfamaa dhoorkuu fi adabuu mannaa, yeroo duraa kana waaqayyoo tolfamaatiif kaffaltii fudhataa waan ta’eef isaan eeguuf hin danda’u ture!

3. Akka inni loltoota walitti qabate.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6