Isaayaas 63

GAZBIBAfaan Oromoo19 Keeyyattoota4:28 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:28 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Inni uffata dhiiga cuuphame uffatee biyya Edoom keessaa mandara Bozraatii as ba'u kun eenyu” Inni uffata miidhagaa uffatee as dhufaa jiru, inni humna isaa isa guddaadhaan as ba'aa jiru kunis eenyu” “Ana, inni qajeelummaadhaan dubbatu, ana, inni fayyisuudhaaf aangoo qabu!”

2Wayyaan kee maaliif diimate ree, uffanni kee maaliif uffata nama waynii cuunfuu fakkaate ree?

3Gooftichi immoo,“Ani kophaa koo waynii cuunfeera, saba keessaas namni tokko illee anaa wajjin hin turre; ani dheekkamee isaan irra nan ejjedhe, aarees isaan nan dhidhiite; dhiigni isaanii uffata kootti in faffaca'e, uffata koo hundumaas in xureesse.

4Guyyaan itti ijaa baasu murtoo godheera, barri ani itti isaan furus dhi'aateera.

5Ani asii fi achi ilaalee, nama na gargaaru tokko illee yommuun dhabe nan dinqisiifadhe; garuu aaree harka dheekkamsa koo yommuun ol fudhadhe, mo'icha nan argadhe;

6ani dheekkamsa kootiin saba irra nan ejjedhe, aarii kootiinis isaan nan macheesse, dhiiga isaaniis lafatti nan dhangalaase” in jedha.

7Ani araara Waaqayyo godhe nan hima, gochaa isaa isa galateeffamaas nan odeessa; wanta Waaqayyo nuuf godhe hundumaaf, gaarummaa isaa isa guddaa isa inni saba Israa'el argisiiseef, wanta inni akka oo'a isaa fi akka arjummaa isaatti isaaniif godheefis, isa nan galateeffadha.

8Inni isaaniin, “Isaan dhugumaan saba koo ti, ilmaan ana hin sobnee dha” jedhee ture; kanaaf inni fayyisaa isaaniif ta'e;

9yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate, ergamaan isaa inni isa bira jiru isaan in oolche; Waaqayyo ofii isaatii jaalala isaatii fi oo'a isaatiin isaan in fure; inni durii duriitii jalqabee yeroo hundaa ol fuudhee isaan in baate;

10isaan garuu didanii hafuura isaa isa qulqulluu in gaddisiisan; kanaaf inni immoo gara galee diina isaanitti ta'ee isaan in lole.

11Isaan bara darbe, bara Musee garbicha isaa yommuu yaadatan, “Inni geggeessitootaa wajjin sabni isaa galaana keessa akka ce'an godhe, inni hafuura isaa isa qulqulluu isaan keessa kaa'e meerree”

12Inni irree isaa isa ulfina-qabeessaan Musee gargaare, inni ulfinni maqaa isaa bara baraan akka beekamu gochuudhaaf galaana gargar isaaniif hire eenyu”

13Inni akka farda gufannaa malee lafa onaa keessa adeemutti, galaana gad fagoo keessa akka isaan ce'an godhe eenyu”

14Akka saawwan dachaatti gad bu'anii boqotanii, akkasuma hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif akka kennu kan godhe eenyu?” in jedhan; ulfinni maqaa kee akka beekamuuf ati saba kee akkasitti geggeessaa turte.

15Yaa Waaqayyo, waaqa irraa gad ilaali, iddoo kee isa qulqullaa'aa fi ulfina-qabeessa keessaas nu mil'adhu! Hinaaffaan kee fi aangoon kee meerree, gara-laafummaa kee fi oo'a kee nu dhowwatte moo”

16Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya; Abrahaam nu hin beeku yoo ta'e iyyuu, Yaaqoobis nu hin yaadatu yoo ta'e iyyuu, ati garuu abbaa keenya, furii keenya, maqaan kees kan bara baraa ti.

17Yaa Waaqayyo! Maaliif karaa kee irraa nu kaachifta” Nuyi akka si hin sodaannettis maaliif garaa keenya jabeessita” Garboota keetii fi gosa warra dhuunfaa kee ta'aniif jedhii deebi'i!

18Sabni kee inni qulqulluun yeroo gabaabaa duwwaadhaaf iddoo kee isa qulqulluu dhaala godhatee ture; amma garuu diinonni kee iddoo kee isa qulqulluu miillaan in dhidhiitan;

19nuyi akka warra ati takkaa mootii isaanii taatee hin beeknee in taane, warra dur maqaa keetiin waamamanii hin beeknes in fakkaanne.

Ibsa

63:1-6

Raagaan, mul’ata keessatti, Masiihicha diinota isaa mo’atee, isaan keessaa Edom fakkeenya ture, injifannoon deebi’aa jiru ni arga. Utuu lolaan hin dadhabamin deemaa, garuu, humna isaa guddaadhaan, humna mormituu hundumaa mo’achuuf qophaa’eera. Masiihichi, matata daadhii wayinii dallansuu Waaqayyoo irra ejjetaa akka ture (Mul’ata 14:19; 19:13) akkasumas humna ofiisaatiin, gargaarsa nama tokko malee, warra isa didan guutummaatti lafatti dabalee akka ture ni labsa; sababii guyyaan haaloo murtaa'ee tureef, innis yeroo waldaa isaa baraaruuf qophaa'e waan ta'eef. Yeroo tokko, lafarratti dadhabbii fakkaatuun dhufee ture, akka furii cubbuu keenyaatti dhiiga isaa qabeessa dhangalaasuuf; garuu yeroonsaa ga’u, humna isaa guddaadhaan ni mul’ata. Oomishni wayinii saffisaan bilchaataa jira; guyyaan haaloo, kan murtaa'ee jiru, saffisaan dhihaataa jira; yakkoonni Abbaa Firdii qajeelaa wajjin araaramuu haa barbaadan, utuu inni humna isaanii lafatti hin buusin. Kiristoos, "Ani dafee nan dhufa" jedhee dubbataaree? Garaa keenya immoo, "Eeyyee, dhufi;" jedhee haa deebisu; bara warra furamanii haa dhufu.

63:7-14

Boqonnaa kanaa kutaan boodaa fi kan itti aanu guutummaan isaa, kadhannaa Yihudootaa jireenya isaanii irratti ibsuudha kan fakkaatu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ይህ ከኤዶምያስ፥ ልብሱም የቀላ ከባሶራ የሚመጣ፥ አለባበሱ ያማረ፥ በጕልበቱ ጽናት የሚራመድ ማን ነው? በጽድቅ የምናገር ለማዳንም የምበረታ እኔ ነኝ። አማርኛ ENGNIV Who is this coming from Edom, from Bozrah, with his garments stained crimson? Who is this, robed in splendor, striding … English BCV እዝ ካብታ ኣብ ኤዶምያስ ዘላ ኸተማ ባሶራ፥ ቀይሕ ግምጃ ለቢሱ፥ ብኽዳውንቲ ዘጌፀ፥ ምስ ምሉእ ሓይሉን ጕልበቱን እናሰጐመ ዝመፅእ ዘሎ፥ እዙይ መን እዩ? “እቲ ብፅድቂ ዝዛረብ፥ ንምድሓን ም… ትግርኛ BCV GIZ መኑ ዝንቱ ዘበጽሐ እምኤዶም ቀይሐ አልባስ እምባሶር መካሕ ብእሲ ወኀያል ወግሩም በልብሰቱ? አንሰ እትዋቀሥ በእንተ ጽድቅ ወእፈትሕ ለአድኅኖ። giz GAZGAZ Inni uffata dhiiga cuuphame uffatee biyya Edoom keessaa mandara Bozraatii as ba'u kun eenyu” Inni uffata miidhagaa uffa… Afaan Oromoo BCV aksum እዝ ካብታ ኣብ ኤዶምያስ ዘላ ኸተማ ባሶራ፥ ቀይሕ ግምጃ ለቢሱ፥ ብኽዳውንቲ ዘጌፀ፥ ምስ ምሉእ ሓይሉን ጕልበቱን እናሰጐመ ዝመፅእ ዘሎ፥ እዙይ መን እዩ? “እቲ ብፅድቂ ዝዛረብ፥ ንምድሓን ም… ትግርኛ AMHNIV ይህ ከኤዶም፣ ቀይ የተነከረ መጐናጸፊያ ለብሶ ከባሶራ የሚመጣ ማን ነው? ይህ ክብርን የተጐናጸፈ፣ በኀይሉ ታላቅነት እየተራመደ የሚመጣውስ ማን ነው? “በጽድቅ የምናገር፣ ለማዳንም ኀይል ያለ… አማርኛ SWAHSUV Ni nani huyu atokaye Edomu, Mwenye mavazi ya kutiwa damu kutoka Bosra? Huyu aliye na nguo za fahari, Anayekwenda katika… Kiswahili