Isaayaas 52

GAZBIBAfaan Oromoo15 Keeyyattoota3:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:11 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Dammaqi yaa Xiyoon, humna godhadhuutii ka'i! Yaa Yerusaalem mandara qulqulluu nana, ka'ii uffata miidhaginaa keetii uffadhu! Si'achi warri dhagna hin qabatin, warri xuraa'onnis matumaa si keessa hin lixan.

2Yaa intala Xiyoon ishee booji'amtee, hidhaan morma kee irraa hiikameera! Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa hurgufii, ka'ii taa'i!

3Waaqayyo saba isaatiin, “Isin gatii malee gurguramtanii turtan, ammas horii utuu hin baasin in furamtu” jedhe.

4Waaqayyo gooftaan, “Sabni koo duraan biyya Gibxii taa'uudhaaf achi gad bu'e, ergasii immoo warri Asor sababii malee isaan in cunqursan;

5sabni koo wanta tokko iyyuu utuu hin argatin erga fudhatamee, amma immoo asii maalan qaba ree” Warri isaan mo'an isaan in boossisu, yeroo hundaas maqaan koo in arrabsama;

6si'achi garuu sabni koo ani Waaqayyo akkan ta'e in hubata, yommus ani isa, “Kunoo! Asan jira” jedhe akkan ta'e in bara” jedheera.

7Warri nagaa labsanii, fayyina abdachiisanii, “Waaqayyoon kee mo'eera” jedhanii, Xiyoonitti misraachoo himan, tulluu irraan mul'achuun isaanii maal maal nama gammachiisa!

8Waaqayyo ulfina isaatiin Xiyoonitti deebi'uu isaa eegdonni kee ija isaaniitiin yeroo arganitti, in gammadu sagalee isaaniis dhageessisanii walii wajjin in faarfatu.

9Waaqayyo saba isaa jajjabeesseera, Yerusaaleminis waan fureef, yaa ona Yerusaalem, walii wajjin gammadaa ililchaas!

10Biyyi lafaa guutummaatti daariidhaa hamma daariitti fayyisuu Waaqayyo keenyaa in arga; Waaqayyo irree isaa isa qulqulluu saba lafa irraa hundumaa duratti in mul'isa;

11sokkaa, achii ba'aatii sokkaa! Wanta xuraa'aas harkaan hin qabinaa! Isin warri mi'a Waaqayyoo baattan of qulleessaa, ishee keessaa ba'aatii sokkaa!

12Waaqayyo inni kan Israa'el isin dura bu'ee waan adeemuuf, isin booddeedhaanis waan isin eeguuf, ariitiidhaan achii hin ba'inaa, baqattaniis hin adeeminaa!

13Waaqayyo,“Kunoo! Hojiin garbicha kootii wal in qixxaataaf; inni ol in fuudhama, in guddata, baay'ees ol in qabama.

14Haa ta'u iyyuu malee, akkuma namoonni yeroo isa argan na'anii dinqisiifatan, akkasuma danaan garbicha kootii waan badeef, bifni isaas kan ilmaan namootaa fakkaachuu waan dideef,

15sabni baay'een isa in dinqisiifatu, wanta dur hin beekne amma in argu, wanta dur hin dhageenyes amma in hubatu kanaafis mootonni isa duratti afaan in qabatu” jedhe.

Ibsa

52:1-12 Wangeelli warra sodaan hidhamaniif bilisummaa labsata. Warri ba'aa cubbuutiin dadhabanii ulfaatan, Kiristoos keessatti boqonnaa haa argatan, awwaara shakkii fi sodaa isaanii of irraa haa harcisan, akkasumas hidhaa sana irraa of haa hiikan. Gatiin Furee (Kiristoos) fayyina keenyaaf kaffale meetii, warqee yookaan waan manca'uu danda'u miti, dhiiga isaa isa gatii jabeessa ture malee. Bilisummaa fayyina kanaa fi cubbuun jireenya keenya isa yeroof ta'eef hammam miidhaa qabaachuu isaa yoo ilaalle, furamuu isa Kiristoos keessa jiru caalaatti ni dinqisiifanna. Ulfinni Waaqayyoo hordoftoota Kiristoos hunda keessatti qulqullina akka barbaadu yaadachuudhaan, cubbuu hundumaa irratti moo'ichaa ni barbaannaa?

Misiraachoon inni gaariin, Gooftaan Yesus akka bulchuudha. Kiristoos mataan isaa duraan dursee oduu kana fide. Tajaajiltoonni isaa misiraachoo kana labsu: xurii addunyaa irraa of qulqulleessuudhaan, warra isaaniif ergamanitti bareedoo dha.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ጽዮን ሆይ፥ ተነሺ፥ ተነሺ፥ ኃይልሽን ልበሺ፤ ቅድስቲቱ ከተማ ኢየሩሳሌም ሆይ፥ ያልተገረዘና ርኩስ ከእንግዲህ ወዲህ አይገባብሽምና ጌጠኛ ልብስሽን ልበሺ። አማርኛ ENGNIV Awake, awake, O Zion, clothe yourself with strength. Put on your garments of splendor, O Jerusalem, the holy city. The … English BCV ኣቲ ፅዮን ተስኢ፤ ተስኢ፤ ሓይልኺ ልበሲ፤ ኣቲ ቕድስቲ ኸተማ ኢየሩሳሌም፥ ናይ መዓርግ ልብስኺ ልበሲ፤ ድሕሪ ሕዚ ዘይተገርዘን ርኹስን፥ ናባኺ ኣይኣቱን እዩ እሞ። ትግርኛ BCV GIZ ተንሥኢ ተንሥኢ ጽዮን ልበሲ ኀይለኪ ወእንቲኒ ኢየሩሳሌም ልበሲ ትርሲተኪ ሀገር ቅደስት፤ ወኢየኀልፍ እንከ እንተ ኀቤኪ ቈላፍ ወርኩስ። giz GAZGAZ Dammaqi yaa Xiyoon, humna godhadhuutii ka'i! Yaa Yerusaalem mandara qulqulluu nana, ka'ii uffata miidhaginaa keetii uff… Afaan Oromoo BCV aksum ኣቲ ፅዮን ተስኢ፤ ተስኢ፤ ሓይልኺ ልበሲ፤ ኣቲ ቕድስቲ ኸተማ ኢየሩሳሌም፥ ናይ መዓርግ ልብስኺ ልበሲ፤ ድሕሪ ሕዚ ዘይተገርዘን ርኹስን፥ ናባኺ ኣይኣቱን እዩ እሞ። ትግርኛ AMHNIV ጽዮን ሆይ፤ ተነሺ፤ ተነሺ፤ ኀይልን ልበሺ፤ ቅድስቲቱ ከተማ፤ ኢየሩሳሌም ሆይ! የክብር ልብስሽን ልበሺ፤ ያልተገረዘ የረከሰም ከእንግዲህ ወደ አንቺ አይገባም። አማርኛ SWAHSUV Amka, amka, jivike nguvu zako, Ee Sayuni; Jivike mavazi yako mazuri, Ee Yerusalemu, mji mtakatifu; Kwa maana tokea sasa… Kiswahili