Isaayaas 50

GAZBIBAfaan Oromoo11 Keeyyattoota2:44 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:44 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo,“Caaffanni ani ittiin haadha keessan gad dhiise meerree” Yookiis eenyutu gatii ana irraa qabaa iyyuun itti isin gurguradhe” Kunoo! Isin yakka keessaniif gurguramtan, haati keessanis irra-daddarbaa keessaniif gad dhiifamte;

2yommuun dhufe maaliif namni tokko illee achii dhibe” Yommuun waames maaliifan deebii dhabe” Irreen koo dhugumaan gabaabbatee isin furuu dadhabee” Yookiis humnan ittiin isin fayyisuun dhabee” Kunoo! Ifannaan koo galaana in gogsa, lagoota bishaanii gogsee lafa duwwaatti in deebisa; qurxummoonni isaanii bishaan dhabanii dheebuudhaan in dhumu, in ajaa'us.

3Ani waaqa nan dukkanneessa, uffata gaddaa waan uffates isa nan fakkeessa” jedhe.

4Ani warra dadhabanitti dubbadhee akkan isaan jajjabeessuuf, Waaqayyo gooftaan dubbii barbaachisu dubbachuu na barsiise; ganama ganama na dammaqsa, akka warra isa irraa baraniis isa inni jedhu akkan dhaggeeffadhuuf gurra koo anaaf in bana;

5Waaqayyo gooftaan gurra koo in bane, anis isaaf abboomamuu hin dinne, isa irraas gara hin galle;

6ani dugda koo warra na rukutanitti, maddii koos warra areeda koo ana irraa buqqisanitti nan qabe; fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti ga'isan jalaa hin dhoksine;

7Waaqayyo gooftaan waan na gargaaruuf ani hin yeella'u; ani akkan hin yeellaane beeka, kanaafan ija jabaadhe.

8Inni dhugaa anaaf baasu dhi'aateera'o, eenyu anatti falmuu danda'a ree” Kottaa walii wajjin in dhi'aannaa! Abbaan na hadheessuu barbaadu mee as haa dhi'aatu!

9Kunoo! Waaqayyo gooftaan ana in gargaara'o, eenyutu anatti farada ree” Kunoo! Biliin isaan in nyaatti, hundumti isaaniis akka uffataa in dhumu.

10Isin keessaa eenyutu dukkana keessa, iddoo ifa hin qabne keessas deddeebi'aa utuu jiruu, sagalee garbicha isaa dhaga'ee Waaqayyoon sodaata” Namni akkasii Waaqayyoon haa abdatu, isattis haa hirkatu!

11Kunoo! Isin warri ibidda qabsiiftan hundinuu, warri guca boba'aa adeemu ofitti naannessitanis, ifa ibidda qabsiiftanii, qaanqee guca bobeessitanii keessas deddeebi'aa! Booddee garuu isin iddoo rakkinaa keessa bu'uuf jirtu; kunis harka koo keessaa isinitti in dhufa.

Ibsa

50:1-3

Warri ofii isaanii saba Waaqayyoo jechuun labsan, yeroo akka cimaatti isaanitti hojjetame fakkaatu, akka Waaqayyo isaanitti jabaateetti guungumuudhaaf ni jallatu. Guungummiiwwan akkasii kanaaf deebiin asitti kennameera; Waaqayyo matumaa cubbuu isaaniitiin malee nama tokko faayidaawwan isaa irraa hin dhabne. Yihudoonni waaqolii tolfamoo waaqessuu isaaniitiif, cubbuu kakuu cabsiseef, gara Baabilonitti geeffaman; akkasumas dhuma irratti Gooftaa ulfinaa fannisuu isaaniitiif didaman. Waaqayyo cubbuu isaanii akka dhiisanii fi badiisa mataa isaanii akka ittisanitti isaan waame. Dhuma irratti Ilmi gara warra isaatiitti dhufe, garuu warri isaa isa hin fudhanne. Yeroo Waaqayyo nama gara gammachuutti waamu, isaan immoo yoo deebii hin kennine, haqa qabeessa ta'ee gara dhiphinatti dhiifamu. Shakkiiwwan humna isaa ilaalchisee jiran callisiisuuf ragaawwan isaa ni kennaman. Dinqiiwwan dhiphinaa fi du'a isaa wajjin turan, Inni Ilma Waaqayyoo ta’uu labsan, Maatewos 27:54.

50:4-9 Yesus nama tokko keessatti Waaqaafi nama waan tureef, yeroo tokko tokko akka Goftaa Waaqaa, yeroo kaan ammoo akka namaa fi tajaajilaa Waaqayyoo dubbachaa yookaan dubbatamaa isa argina. Inni dhugaa warra garaa cabeefi gaddaan guutame, warra cubbuun nuffee, rakkinaan dararame jajjabeesu ibsuuf ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፦ እናታችሁን የፈታሁበት የፍችዋ ጽሕፈት የት አለ? ወይስ እናንተን የሸጥሁ ከአበዳሪዎች ለየትኛው ነው? እነሆ፥ ስለ ኃጢአታችሁ ተሽጣችኋል፥ ስለ በደላችሁም እናታች… አማርኛ ENGNIV This is what the Lord says: “Where is your mother's certificate of divorce with which I sent her away? Or to which of m… English BCV እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል ኣሎ፦ “እቲ ንኖኹም ዝፈታሕኹሉ፥ ናይ ፍትሕ ፅሑፍ ኣበይ ኣሎ? ነየናይ መለቅሒ እየኸ፥ ንኣኻትኩም ዝሸጥኩኹም? እንሆ፥ ንስኻትኩምስ፥ ብሰንኪ ሓጢኣታትኩም ኢኹም ዝ… ትግርኛ BCV GIZ ከመዝ ይቤ እግዚአብሔር፦ አይኑ ዝንቱ መጽሐፈ ኅዳጋቲሃ ለእምክሙ ዘፈነውኩ ላቲ ወለመኑ እፈዲ ዕዳ ዘሤጥኩክሙ፤ አኮኑ በኀጢአትክሙ ሤጥኩክሙ ወበጌጋይክሙ ፈነውክዋ ለእምክሙ። giz GAZGAZ Waaqayyo,“Caaffanni ani ittiin haadha keessan gad dhiise meerree” Yookiis eenyutu gatii ana irraa qabaa iyyuun itti isi… Afaan Oromoo BCV aksum እግዚኣብሄር ከምዙይ ይብል ኣሎ፦ “እቲ ንኖኹም ዝፈታሕኹሉ፥ ናይ ፍትሕ ፅሑፍ ኣበይ ኣሎ? ነየናይ መለቅሒ እየኸ፥ ንኣኻትኩም ዝሸጥኩኹም? እንሆ፥ ንስኻትኩምስ፥ ብሰንኪ ሓጢኣታትኩም ኢኹም ዝ… ትግርኛ AMHNIV እግዚአብሔር እንዲህ ይላል፤ “እናታችሁን የፈታሁበት የፍቺ ወረቀት የት አለ? ወይስ እናንተን የሸጥኋችሁ ለየትኛው አበዳሪዬ ነው? እነሆ፤ ስለ ኀጢአታችሁ ተሸጣችኋል፤ ስለ መተላለፋችሁም እና… አማርኛ SWAHSUV Bwana asema hivi, Iko wapi hati ya talaka ya mama yenu, ambayo kwa hiyo naliachana naye? Au nimewauza ninyi kwa nani ka… Kiswahili