Isaayaas 31

GAZGAZAfaan Oromoo9 Keeyyattoota3:11 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:11 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Warra, Gibxi biraa gargaarsa argachuudhaaf achitti gad bu'aniif, warra, fardeenitti irkataniif, warra, baay'ina konkolaataa fi abboota fardeenii warra jajjaboo amanataniif, warra, gara isa qulqulluu kan Israa'el hin ilaalleef, warra, gargaarsaaf Waaqayyoon hin gaafanneefis wayyoo!

2Waaqayyo garuu ogeessa, dubbii isaas gara hin galchu; badiisas isaanitti in fida, mana warra hamaa hojjetanii irratti, warra hamaa hojjechuu isaan gargaaran irrattis in ka'a;

3warri Gibxii namoota malee Waaqayyo miti, fardeen isaaniis foon malee hafuura miti; Waaqayyo harka isaa yommuu ol fudhatu, warri isaan gargaaran hundinuu in gufatu, warri gargaaraman immoo in kufu, lachanuun isaanii walii wajjin in badu.

4Waaqayyo anatti dubbatee, “Akkuma leenci yookiis leenci saafelli, wanta qabate irratti gururi'u, waca tiksoota warra isa ari'uudhaaf walitti qabamaniis akka inni hin sodaanne, sagalee isaaniitiifis akka inni hin rifanne, akkasuma Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu Xiyoon irratti gad in bu'a, gaarota ishee irrattis isheedhaaf loluudhaaf in ka'a;

5akkuma simbirroonni baallee isaanii bal'isanii ilmaan isaanii golbooban, akkasuma Waaqayyo gooftaan maccaa Yerusaalemin in golbooba, ishee golboobees ishee in oolcha, irra isheedhaaf darbees ishee in fura” jedhe.

6Yaa ijoollee Israa'el! Gara isa diddanii irratti kaataniitti deebi'aa!

7Yommus hundumti keessan adduma addaan waaqayyolii tolfamoo keessan, warra meetii fi warqee irraa harka keessaniin hojjetattanii, ittiin cubbuu hojjettan sana darbattanii in gattu.

8Haa ta'u iyyuu malee, “Warri Asor billaadhaan in dhumu, garuu billaa namaatiin miti; billaan namni hidhatu isaan hin ajjeesu, isaan billaa kana jalaa in baqatu; dargaggoonni isaaniis giddisiifamanii namaaf in hojjetu;

9warri jajjabboonni isaanii sodaadhaan in dhumu angafoonni isaaniis na'anii faajjii lolaa dhiisanii in baqatu” jedha Waaqayyo inni ibiddi isaa Xiyoon keessa, iddoon ibidda isaa Yerusaalem keessa jiru.

Ibsa

31:1-5

Waaqayyo gargaarsa hojjettoota cubbuu irraa barbaadame ni morma. Cubbamtoonni wallaalummaa isaanii irratti dhugaa ifaa fi ofii isaatiin mul'atu, kan diduu hin dandeenye, garuu immoo hin amanneen qoratamu danda'u. Firdii Waaqayyoo jalaa bahuun hin danda'amu; akkasumas hamminni cubbamtoota duuka bu'a. Gooftaan Maccaa Tulluu Xiyooniif akka lolu ni bu'a. Leenci gosa Yihudaa waldaa isaa eeguuf ni mul'ata. Akkuma simbirroonni ilmoolee isaanii eeguuf irra deemanii, garaa laafinaa fi jaalala akkanaatiin Gooftaan Maccaa Yerusaalemiin ni eega.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ስለ እርዳታ ወደ ግብፅ ለሚወርዱ በፈረሶችም ለሚደገፉ፥ ስለ ብዛታቸውም በሰረገሎች፥ እጅግ ብርቱዎችም ስለ ሆኑ በፈረሰኞች ለሚታመኑ፥ ወደ እስራኤልም ቅዱስ ለማይመለከቱ እግዚአብሔርንም ለማይ… አማርኛ ENGNIV Woe to those who go down to Egypt for help, who rely on horses, who trust in the multitude of their chariots and in the… English BCV ናብ ናይ እስራኤል ቅዱስ ዘይምልከቱ፥ ንእግዚኣብሄርውን ዘይደልዩ፥ ግና ሓገዝ ደልዮም ናብ ግብፂ ንዝወርዱ፥ በፍራስ ንዝእመኑ፥ ብብዝሒ ሰረገላታት የመናውን ብርቱዓት ስለ ዝኾኑ፥ ብጕልበት ፈ… ትግርኛ GAZBIB Warra, Gibxi biraa gargaarsa argachuudhaaf achitti gad bu'aniif, warra, fardeenitti irkataniif, warra, baay'ina konkola… Afaan Oromoo BCV GIZ አሌ ሎሙ ለእለ ይወርዱ ብሔረ ግብፅ ይርድእዎሙ ወይተአመኑ በአፍራሲሆሙ ወበሰረገላቲሆሙ እስመ ምሉእ አፍራሲሆሙ ወበዝኀ ፈድፋደ ወኢተወከሉ በቅዱሰ እስራኤል ወኢኀሠሥዎ ለእግዚአብሔር። giz BCV aksum ናብ ናይ እስራኤል ቅዱስ ዘይምልከቱ፥ ንእግዚኣብሄርውን ዘይደልዩ፥ ግና ሓገዝ ደልዮም ናብ ግብፂ ንዝወርዱ፥ በፍራስ ንዝእመኑ፥ ብብዝሒ ሰረገላታት የመናውን ብርቱዓት ስለ ዝኾኑ፥ ብጕልበት ፈ… ትግርኛ AMHNIV ወደ እስራኤል ቅዱስ ለማይመለከቱ፣ ከእግዚአብሔርም ርዳታን ለማይሹ፣ ነገር ግን፤ ለርዳታ ብለው ወደ ግብፅ ለሚወርዱ፣ በፈረሶች ለሚታመኑ፣ በሠረገሎቻቸው ብዛት፣ በፈረሶቻቸውም ታላቅ ብርታት … አማርኛ SWAHSUV Ole wao watelemkao kwenda Misri wapate msaada, na kutegemea farasi; watumainio magari kwa kuwa ni mengi, na wapanda far… Kiswahili