Isaayaas 27

GAZGAZAfaan Oromoo13 Keeyyattoota3:43 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:43 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yeroo sanatti Waaqayyo billaa isaa isa sodaachisaadhaan, isa qaramaadhaa fi jabaadhaan lewaataan bofa isa murxuxxifamu, lewaataan bofa isa marmaramaa sana in adaba; jawwee guddaa isa galaanatti galus in ajjeesa.

2Yommus Waaqayyo, “Wal jalaa qabaatii weeddisaa! Iddoo dhaabaa muka waynii isa namatti tolu sanaaf weeddisaa!

3“Ani Waaqayyo eegduu isaa ti, yeroo hundumaa bishaan nan obaasa, namni tokko illee akka isa hin miinetti, halkanii fi guyyaa isa nan eega;

4ani si'achi isatti hin aaru, qoraattii fi kosorruun yoo jiraatanis, lola isaanitti nan kaasa, dafees ibiddaan gubee isaan nan barbadeessa.

5Yookiis immoo anatti kooluu haa galan, anaa wajjinis nagaa haa buusan!?” in jedha.

6Bara dhufutti Yaaqoob hidda in yaafata, Israa'el hudhee in daraara, iji inni godhatus biyya lafaa irra in guuta.

7Waaqayyo akkuma warra kaan rukute, saba Israa'el rukutee ree” Akkuma diinonni isaanii ajjeefaman namoonni Israa'elis ajjeefamanii ree”

8Lakkii! Innoo akkuma balleessaa isaaniitti isaan in adabe, akkuma qilleensi gara ba'a-biiftuu inni gubaan, yommuu qilleensa'u, waanuma arge fuudhee sokku, innis akkasuma hafuura isaa isa sodaachisaa itti baafatee, oofee biyyaa isaan in baase.

9Dhagoonni iddoo aarsaa waaqayyolii tolfamoo hundinuu yommuu caccabanii daakaman, utuboonni fakkeenya waaqayyittii tolfamtuutiif dhaabaman, iddoon aarsaa ixaanaas achii yommuu badan, yakki Yaaqoob in balleeffamaaf kanaanis cubbuun isaa hundinuu in dhiifamaaf.

10Mandarri isheen dur masaraan itti naanna'ee ture, amma in onti, qe'een keessaa adeemanis akka lafa onaatti in gatame; jabbiin achi keessa in dheeddi, achi keessa ciiftees lataa muka hundumaa dheeddee in fixxi;

11dameen isaa yommuu gogu, dubartoonni qoraan isaa in cabsatu; kun saba waa hubachuu hin dandeenyee dha, kanaaf inni isaan uume isaaniif hin oo'u, inni isaan tolches isaaniif hin hilu.

12Yeroo sanatti Israa'eloota warra galaana Efraaxiisii kaasee hamma daarii laga Abbayyaatti jiran Waaqayyo akka nama midhaan rukutee ija isaa keessaa harcaasuutti tokko tokkoon funaanee walitti in qaba;

13yommus fiinoo guddaan in afuufama, warri biyya Asoritti badanii fi warri biyya Gibxiitti oofaman gara biyya isaaniitti deebi'anii Yerusaalem keessatti tulluu Waaqayyoo isa qulqullaa'aa irratti isaaf in sagadu.

Ibsa

27:1-5

Gooftaan Yesus billaa isaa jabaadhaan, humna du'a isaatiin, akkasumas lallaba wangeela isaatiin, isa humna du'aa qabu, jechuunis Seexana isa boficha durii sana, balleessaa jira, gara fuulduraattis guutummaatti ni balleessa. Addunyaan gammoojjii firii hin qabne, gatii hin qabnedha; garuu Waldaan Kiristaanaa iddoo dhaaba wayinii, iddoo sirriitti itti kunuunfamu, achi irraas firiiwwan gatii qabeeyyiin walitti qabaman. Waaqayyo ishee yeroo rakkinaa fi ari'atamaa dukkanaa'aa, akkasumas yeroo nagaa fi badhaadhinaa ifaa, kan qorumsi isaa isa yeroo rakkinaa irra xiqqaa hin taane keessatti ni eega. Waaqayyo firii qabeessummaa iddoo dhaaba wayinii kanaa ni kunuunsa. Nuuf lolaasaa ayyaana Waaqayyoo kan yeroo hundaa nu barbaachisa; yoo kun yeroo kamiyyuu nurraa dhoorkame, ni goggonna, homaas hin taanu. Waaqayyo yeroo tokko tokko saba isaa wajjin wal qabaatus, garuu gaarummaadhaan gara isaaniitti araaramuuf ni eega. Dhugaa dha, inni yeroo iddoo wayinii qoree fi hoollagaa argatu, isas yoo mormuuf qophaa'an, isaan ni dhiita, ni guba.

Asitti cuunfaa barumsa wangeelaa, kan Waldaan yeroo hundaa ittiin lolaafamu jira. Cubbuun erga jalqaba seenee kaasee, Waaqayyo gama isaatiin falmii qajeelaa qaba ture, garuu nama gama isaatiin immoo falmii jal'aa guddaa qaba ture. Asitti afeerraa ayyaanaa kennamaa jira. Araarri dhiifamaa humnuma Gooftaa keenyaa jedhama; isa sana haa qabannu. Kristoos Fannifame humnuma Waaqayyooti.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በዚያም ቀን እግዚአብሔር ፈጣኑን እባብ ሌዋታንን ጠማማውንም እባብ ሌዋታንን በጠንካራ በታላቅም በብርቱም ሰይፍ ይቀጣል፥ በባሕርም ውስጥ ያለውን ዘንዶ ይገድላል። አማርኛ ENGNIV In that day, the Lord will punish with his sword, his fierce, great and powerful sword, Leviathan the gliding serpent, … English BCV በታ መዓልቲ እቲኣ እግዚኣብሄር በቲ ዓቢይን ሓያልን ሰይፉ ገይሩ፥ ነቲ ቕልጡፍ ተመን ንሌዋታን፥ ነቲ ዝጠዋወ ተመን ንሌዋታን ክቐፅዖ፥ ነቲ ኣብ ባሕሪ ዘሎ ገበል ከዓ ኽቐትሎ እዩ። ትግርኛ GAZBIB Yeroo sanatti Waaqayyo billaa isaa isa sodaachisaadhaan, isa qaramaadhaa fi jabaadhaan lewaataan bofa isa murxuxxifamu,… Afaan Oromoo BCV GIZ ውእተ አሚረ ያመጽእ እግዚአብሔር መጥባሕተ ቅዱሰ ወዐቢየ ወጽኑዐ ላዕለ ከይሲ ወላዕለ አርዌ ምድር ዘይጐይይ ኀበ ከይሲ ወአርዌ ምድር የአኪ ወይቀትሎ ለከይሲ ዘውስተ ባሕር። giz BCV aksum በታ መዓልቲ እቲኣ እግዚኣብሄር በቲ ዓቢይን ሓያልን ሰይፉ ገይሩ፥ ነቲ ቕልጡፍ ተመን ንሌዋታን፥ ነቲ ዝጠዋወ ተመን ንሌዋታን ክቐፅዖ፥ ነቲ ኣብ ባሕሪ ዘሎ ገበል ከዓ ኽቐትሎ እዩ። ትግርኛ AMHNIV በዚያ ቀን እግዚአብሔር፣ ተወርዋሪውን እባብ ሌዋታንን፣ የሚጠቀለለውን ዘንዶ ሌዋታንን በብርቱ፣ በታላቁና በኀይለኛ ሰይፍ ይቀጣዋል፤ የባሕሩንም ግዙፍ አውሬ ይቈራርጠዋል። አማርኛ SWAHSUV Katika siku hiyo Bwana, kwa upanga wake ulio mkali, ulio mkubwa, ulio na nguvu, atamwadhibu lewiathani, nyoka yule mwep… Kiswahili