Isaayaas 19

GAZBIBAfaan Oromoo25 Keeyyattoota4:44 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:44 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanti biyya Gibxii irratti ta'uuf jiru in dubbatame. Kunoo! Waaqayyo duumessa ariifataadhaan gara biyya Gibxii in dhufa; waaqayyolii tolfamoonni biyya Gibxii fuula isaa duraa in rom'u, garaan warra Gibxiis ofiidhuma isaanii keessatti akka gagaa in baqa.

2Waaqayyo,“Ani“Warra Gibxii walitti nan naqa, obboleessa obboleessa irratti, fira fira irratti, mandara mandara irratti, mootummaas mootummaa irratti nan kaasa;

3warri Gibxii humna in dhabu, akeeki isaaniis akka fiixaan hin baane nan godha; isaan immoo waaqayyolii tolfamoo, warra hafuurota warra du'an waaman, eker-dubbiftuu fi qaallota in gaafatatu;

4warra Gibxii harka goftoolii hamootaatti dabarsee nan kenna, mootiin nama sodaachisus isaan irratti in mo'a” jedhee, ani Waaqayyo gooftaan maccaa dubbadheera” jedhe.

5Galaanni in hir'ata, bishaan lagaas qal'atee in goga;

6burqituuwwan isaanii gu'anii in gogu, lagoonnis in ajaa'u, jajjabnii fi dhallaadduun in coollagu;

7lagni Abbayyaa bukkeen duwwaa in ta'a, wanti qarqara Abbayyaa facaafame hundinuus gogee achii in bada.

8Warri qurxummii qabuudhaaf qonyee isaanii Abbayya keessa buusan, hundinuu gaddanii in boo'u; warri kiyyoo isaanii bishaan keessa kaa'an hundinuus abdii in kutatu.

9Warra rifeensa hiddamaa qopheessanii fi warra uffata quncee talbaa dha'an humnatu bu'a;

10warra uffata dha'an kanas yaadatu caba, warri qacaramanii hojjetan hundinuus in gaddu.

11Gurguddoonni mandara Zo'aan dhugumaan gowwoota, gorsi ogeessota Fara'oon gatii hin qabu; isin attamitti Fara'ooniin, “Ani ilma nama ogeessaa ti, ilma sanyii mootii durii tis” ofiin jettu ree”

12Yaa Fara'oon, ogeessonni kee eessa jiru” Jiru yoo ta'e mee wanta Waaqayyo gooftaan maccaa biyya Gibxii irratti qopheesse sitti haa himan kaa!

13Gurguddoonni mandara Zo'aan in gowwooman, gurguddoonni mandara Memfiisis in sossobaman; ofii isaaniitiis immoo saba Gibxii karaa irraa in kaachisan.

14Waaqayyo hafuura walii wallaalchisu isaanitti in naqe, isaan akka nama machaa'ee gatantaraa hoqqisuu in ta'an; biyyi Gibxiis wanta gootu hundumaatti karaa irraa akka kaatu in godhan.

15Si'achi biyya Gibxii keessaa namni waa hojjetee fiixaan baasu hin jiru; warri mataatti, eegeetti, damee muka meexxiitti yookiis dhallaadduutti fakkeeffaman waa gochuu hin danda'an.

16Waaqayyo gooftaan maccaa harka isaa warra Gibxii irratti yommuu ol fudhatu, isaan akka dubartootaa in ta'u, sodaataniis in hollatu;

17biyyi Yihudaa biyya Gibxii in naasisa; sababii Waaqayyo gooftaan maccaa isaanitti akeekkateef, maqaan Yihudaa yeroo dha'amu kan dhaga'an hundinuu in sodaatu.

18Yeroo sanatti biyya Gibxii keessaa mandaroonni shan warri afaan Kana'aan dubbatan maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin in kakatu; mandaroota sana keessaa isheen tokko “Mandara aduu” in jedhamti;

19yommus iddoon aarsaa garaacha biyya Gibxii keessatti Waaqayyoof, utubaan dhagaas daarii biyya sanaa irra seenaa isaatiif in dhaabama;

20kun biyya Gibxii keessatti Waaqayyo gooftaa maccaaf milikkitaa fi dhuga-baatuu in ta'a; yommuu isaan gad qabamanii gara Waaqayyootti iyyatan, inni immoo fayyisaa isa isaaniif loluu fi isa luba isaan baasu isaaniif in erga.

21Waaqayyo yommus warra Gibxii biratti in beekama; warri Gibxiis isa in beeku, isaafis aarsaa qalmaa fi kennaa midhaanii in dhi'eessu; Waaqayyoof wareega in wareegu, wanta wareeganis in baasu;

22warra Gibxii Waaqayyo in rukuta, garuu yoo rukute iyyuu isaan in fayyisa; yommuu isaan gara isaatti deebi'anis kadhata isaanii dhaga'ee isaan in fayyisa.

23Yeroo sanatti karaan biyya Gibxii ka'ee hamma biyya Asoritti in ba'a; warri Asor biyya Gibxii, warri Gibxiis biyya Asor in dhaqu; warri Gibxii warra Asorii wajjin Waaqayyoof in sagadu;

24yommus Israa'el Gibxii fi Asoritti dabalamee sadaffaa in ta'a; kunis guutummaa biyya lafaatiif eebba in ta'a;

25Waaqayyo gooftaan maccaas isaan eebbisee,“Sabni koo warri biyya Gibxii, warri biyya Asor, warri ani harka kootiin hojjedhes eebbifamoo dha, Israa'el inni dhuunfaa koo ta'es eebbifamaa dha” jedhe.

Ibsa

19:1-17

Waaqayyo murtoo Isaa wajjin gara Gibxii ni dhufa. Sababii balleessaa isaanii of keessaa ni kaasisa. Yommuu namoonni Waaqayyoon hin beekne balaa jalaa ba’an, nagaan jiraachuu isaanii yaadutti ni dhi’aatu; garuu hamaanis cubbamoota hordofa, yoo isaan hin qalbii diddiirranne malee, dafee isaan ni qaqqaba. Gibxoonni nama isaan hacuuccaan bulchu tokkoo harkatti ni kennamu, akkuma kun yeroo gabaabaa booda raawwatame. Gibxoonni ogummaa fi saayinsii isaaniitiin beekamoo turan; haa ta’u malee, Gooftaan karoorri isaanii jal’aan akka isaan qabatu, akkasumas walitti bu’iinsaaf ni dhiisa, hamma lafti isaanii walitti bu’iinsa isaaniitiin tuffii fi gara laafinaaf saaxilamtuutti. Inni cubbamoota warra isaan tuffatanii fi hacuuccan sana sodaatoo ni taasisa; Gooftaan Maccaa hojjetoota jal’inaa mataa isaaniif, akkasumas walii isaaniif sodaachisaa ni taasisa; akkasumas wanti naannoo isaanii jiru hunduu isaaniif sodaachisaa ni ta’a.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ስለ ግብፅ የተነገረ ሸክም። እነሆ፥ እግዚአብሔር በፈጣን ደመና እይበረረ ወደ ግብፅ ይመጣል፤ የግብፅም ጣዖታት በፊቱ ይርዳሉ፥ የግብፅም ልብ በውስጥዋ ይቀልጣል። አማርኛ ENGNIV An oracle concerning Egypt: See, the Lord rides on a swift cloud and is coming to Egypt. The idols of Egypt tremble bef… English BCV ብዛዕባ ግብፂ ዝተነግረ ፆር። እንሆ እግዚኣብሄር፥ ኣብ ፈጣን ደመና ተቐሚጡ ናብ ግብፂ ኽመፅእ እዩ። ጣዖታት ግብፂ ኣብ ቅድሚኡ ራዕራዕ ክብሉ እዮም፤ ልቢ ግብፃውያን ከዓ ኽመክኽ እዩ። ትግርኛ BCV GIZ ነገር በእንተ ግብፅ፤ ናሁ እግዚአብሔር ይነብር ዲበ ደመና ብሩህ ወይመጽእ ውስተ ግብፅ ወያድለቀልቅ ግብረ እደዊሆሙ ለግብፅ እምቅድመ ገጹ ወይትቀጠቀጥ ልቦሙ በላዕሌሆሙ። giz GAZGAZ Wanti biyya Gibxii irratti ta'uuf jiru in dubbatame. Kunoo! Waaqayyo duumessa ariifataadhaan gara biyya Gibxii in dhufa… Afaan Oromoo BCV aksum ብዛዕባ ግብፂ ዝተነግረ ፆር። እንሆ እግዚኣብሄር፥ ኣብ ፈጣን ደመና ተቐሚጡ ናብ ግብፂ ኽመፅእ እዩ። ጣዖታት ግብፂ ኣብ ቅድሚኡ ራዕራዕ ክብሉ እዮም፤ ልቢ ግብፃውያን ከዓ ኽመክኽ እዩ። ትግርኛ AMHNIV ስለ ግብፅ የተነገረ ንግር፤ እነሆ፤ እግዚአብሔር በፈጣን ደመና ላይ ተቀምጦ ወደ ግብፅ ይመጣል፤ የግብፅ ጣዖቶች በፊቱ ይርዳሉ፤ የግብፃውያንም ልብ በውስጣቸው ይቀልጣል። አማርኛ SWAHSUV Ufunuo juu ya Misri. Tazama, Bwana amepanda juu ya wingu jepesi, anafika Misri; na sanamu za Misri zinatikisika mbele z… Kiswahili