Isaayaas 15

GAZGAZAfaan Oromoo9 Keeyyattoota2:36 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:36 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Wanti Mo'aab irratti ta'uuf jiru kanatti fufee jira; mandarri Aar-Mo'aab halkan tokkotti diigamtee in baddi, mandarri Qiir-Mo'aabis halkan tokkotti diigamtee in baddi;

2namoonni mandara Diibon, gara galma iddoo ol ka'aa irra jirutti, ol ba'anii in boo'u; namoonni Mo'aab hundinuu gadda irraa kan ka'e, mataa isaanii haaddatanii areeda isaaniis murmuratanii, tulluu Neboo fi Medebaa irratti in wawwaatu.

3Uffata gaddaa uffatanii karaa irra in adeemu, hundumti isaanii bantiiwwan mana isaanii irraa, walga'ii karaa irraas in wawwaatu; imimmaan isaaniis in dhangalaasu.

4Heshboonii fi Ele'aale in iyyu, sagaleen isaaniis hamma Yaahasitti in dhaga'ama; kanaafis loltoonni Mo'aab in iyyu, garaan isaaniis in rom'a.

5Garaan koo biyya Mo'aabiif in boo'a; warri ishee keessaa baqatan hamma Zo'aaritti in dhufu, hamma Eglaat-Shelshiiyaattis in adeemu; gara Luhitti boo'aa ol in ba'u, karaa Horonaayim irrattis waa'ee badiisa isaanii in wawwaatu;

6bishaan Niimriim in bade, margi in goge, biqiltuun in collage, wanti lalisu tokko illee hin jiru;

7kanaaf isaan wanta horatanii walitti qabatan keessaa, hamma isaan harkatti hafte laga Alaltuu in ceesifatu.

8Iyyi wawwaannaa isaanii fi faaruun isaanii, daariidhaa hamma daariitti guutummaa biyya Mo'aabitti hamma mandara Eglaayimii fi mandara Be'er-Eliimiinitti in dhaga'ame.

9Bishaan mandara Diibon dhiigaan guuteera, ani amma iyyuu dabalee Diibonitti dha'icha nan fida; warra Mo'aab keessaa baqatanitti, warra biyyatti hafanittis leenca gad nan dhiisa.

Ibsa

15:1-9 Firdiiwwan Waaqayyoo warra Mo'aab irratti dhufuu jiran.

Raajii kun waggaa sadii keessatti raawwatamuun isaa, ergamummaa raajichaa fi raajota isaa warra kaan hunda irratti amantii mirkaneessa.

Mo'aab ilaalchisee kan raajeffame: 1. Magaalonni isaanii guguddoon diinaan hatattamaan qabamuu isaanii ti. Jijjiiramoonni gurguddoon fi baay'ee sodaachisoon yeroo baay'ee gabaabaa keessatti raawwatamuu danda'u. 2. Warri Mo'aab gargaarsaaf waaqota tolfamoo isaanii bira deemu. Namoonni Waaqayyoon hin sodaanne yeroo rakkoo keessa jiranitti jajjabeesaa hin qaban.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ስለ ሞዓብ የተነገረ ሸክም። የሞዓብ ዔር በሌሊት ፈርሶ ጠፋ፤ ቂር የሚባልም የሞዓብ ምሽግ በሌሊት ፈርሶ ጠፋ። አማርኛ ENGNIV An oracle concerning Moab: Ar in Moab is ruined, destroyed in a night! Kir in Moab is ruined, destroyed in a night! English BCV ብዛዕባ ሞኣብ ዝተነግረ ሸኽሚ፥ ኣየ፥ እታ ኣብ ሞኣብ ዘላ ዒር፥ ብለይቲ ዓንያ ጠፍአት! እታ ኣብ ሞኣብ ዘላ ቂር ብለይቲ ዓንያ ጠፍአት! ትግርኛ GAZBIB Wanti Mo'aab irratti ta'uuf jiru kanatti fufee jira; mandarri Aar-Mo'aab halkan tokkotti diigamtee in baddi, mandarri Q… Afaan Oromoo BCV GIZ ነገር በእንተ ሞአብ፤ ሌሊት ያጠፍእዋ ለሞአብ ወበሌሊት ይንሥትዋ ወያንኅልዋ ለጥቅመ ሞአብ። giz BCV aksum ብዛዕባ ሞኣብ ዝተነግረ ሸኽሚ፥ ኣየ፥ እታ ኣብ ሞኣብ ዘላ ዒር፥ ብለይቲ ዓንያ ጠፍአት! እታ ኣብ ሞኣብ ዘላ ቂር ብለይቲ ዓንያ ጠፍአት! ትግርኛ AMHNIV ስለ ሞዓብ የተነገረው ንግር ይህ ነው፤ የሞዓብ ዔር ፈራረሰች፤ በአንድ ሌሊትም ተደመሰሰች። የሞዓብ ቂር ፈራረሰች፣ በአንድ ሌሊት ተደመሰሰች። አማርኛ SWAHSUV Ufunuo juu ya Moabu. Maana katika usiku mmoja Ari wa Moabu umeharibiwa kabisa na kuangamizwa; maana katika usiku mmoja … Kiswahili