Isaayaas 14

GAZBIBAfaan Oromoo32 Keeyyattoota5:55 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:55 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo sanyii Yaaqoobiif in oo'a, ammas Israa'eloota fo'ee biyya isaanii keessa in teessisa; sabni ormaa isaanitti in dabalama, sanyii Yaaqoobittis in hirkata;

2sabni lafa irraa Israa'eloota fuudhee gara iddoo isaanii duriitti isaan in geessa; isaan biyya Waaqayyoo keessatti saba sana garbichaa fi garbittii in godhatu; Israa'eloonni warra dur isaan qabatan, amma immoo deebisanii in qabatu, warra dur isaan cunqursan, amma immoo darabee isaanii in mo'u.

3Ati yaa Israa'el, yommuu Waaqayyo gadda kee, dhiphina kee fi garbummaa ati keessa turte keessaa si baasee boqonnaa siif kennu,

4mootii Baabilon irratti weedduu mo'ichaa, “Inni nama cunqursaa ture attamitti dhuma argate! Dheekkamsi isaas attamitti dhaabate!

5Waaqayyo ulee nama jal'aa in hunkuteesse, ulee mootummaa warra nama mo'aniis in hurreesse;

6inni dheekkamsa isaa irraa kan ka'e, utuu gargar hin kutin, saba lafa irraa in rukute; aariidhaan isaan in mo'e, oo'a malees isaan in ari'e.

7Amma biyyi lafaa guutummaatti boqonnaa fi gabii in argatte, gammachuudhaanis in ililchite;

8Gaattiraa fi birbirsi Liibaanon sitti ga'isanii, “Erga ati gad qabamtee, namni nu muruudhaaf dhufu hin jiru” in jedhu.

9“Yommuu ati iddoo lafa jalaatti gad buutu, innis gad fagoodhaa socho'ee si simata; ekeraanis nagaa si gaafachuudhaaf in ka'u, warri dur lafa irratti geggeessitoota turan hundinuu, mootonni saba lafa irraas teessoo isaanii irraa in ka'u;

10hundumti isaanii, “Atis akkuma keenya dadhabaa dhaa” Atis akkuma keenya taatee?” jedhanii sitti in wacu.

11Ulfinni kee fi sagaleen maseenqoo kee, gara iddoo lafa jalaatti gad in darbatame; afanni kee bunqursaa, uffanni kees raammoo in ta'e.

12“Ati yaa ilma ganamaa, isa akka bakkalcha barii ibsuu! Attamitti bantiiwwan waaqaa irraa gad darbatamte! Ati inni saba gad qabaa turte, amma immoo attamitti lafatti dabalamte!

13Ati garaa kee keessatti, “Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba'a, urjoota Waaqayyoo gara irraas teessoo koo nan dhaabbadha, tulluu iddoo walga'ii isa dhuma gara bitaa jiru irras nan taa'a;

14duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba'a, isa hundumaa gara irraa jiruttis of nan fakkeessa” in jette.

15Ati garuu iddoo lafa jalaatti in darbatamte, qillee keessas in buute.

16“Warri achitti si argan dinqisiifatanii, “Kun isa lafa rom'isiisaa ture, isa mootummoota raasaa ture,

17isa biyya lafaa onse, isa mandaroota diigee balleesse, isa warra hidhaman gad hin dhiifnee dha mitii?” in jedhu.

18“Reeffi mootota saba lafa irraa hundinuu adduma addaan ulfinaan awwaala oofii isaanii keessa in kaa'ama;

19kan kee garuu akka damee muramee tuffatamee awwaala kee keessaa baafamee, diidatti gatama malee, hin kaa'amu; warra gorra'amanii billaan isaan u'uree wajjin, boolla dhagaa keessa in buufama, miillaanis gad in dhidhiitama.

20Ati biyya kee waan balleessiteef, saba kees gorraatee waan fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu; sanyiin warra hamaa godhanii bara baraan deebi'anii maqaa hin dha'aman.

21Isaan ka'anii biyya qabatanii mandara isaaniitiin lafa akka hin guunnetti, sababii yakka abboota isaaniitiif ilmaan isaanii fixuudhaaf iddoo qopheessaa!” jettee in weeddifta.

22Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isaan irratti nan ka'a” jedha; itti dabalees,“Ani Waaqayyo, Baabilon keessaa maqaa ishee fi hambaa ishee, ilmaanii fi ilmaan ilmaan isaanii lafa irraa nan balleessa;

23Baabilonin iddoo dhaddeen itti galtu, laga caffees nan godha, harataadhaanis haree ishee nan balleessa” jedha Waaqayyo gooftaan maccaa.

24Waaqayyo gooftaan maccaa kakatee, “Akka ani yaade in ta'a, akka ani murtoo godhettis in raawwatama;

25ani warra Asor biyya koo biyya Israa'el keessatti nan caccabsa, tulluu koo irrattis isaan nan dhidhiita, waanjoon isaanii saba koo irraa in fuudhama, ba'aan isaaniis gatiittii saba koo irraa in bu'a” jedhe.

26Murtoon guutummaa biyya lafaatiif qophaa'e isa kana, harki saba hundumaa irratti ol fuudhames kana;

27Waaqayyo gooftaan maccaa murtoo godheera, eenyutu isa hambisa ree” Harki isaas ol fuudhameera, eenyutu isa gad deebisa ree?

28Wanti kun bara Ahaaz mootichi du'e himame;

29yaa warra Filiisxiyaa hundumti keessan, uleen isin rukute waan cabeef, mee baay'ee hin gammadinaa! Sanyii hidda bofaa keessaa mar'ataan in ba'a, ilmoon isaas bofa balali'u in ta'a;

30hiyyeessonni warri gadadamoonni tika in argatu, warri dhibamanis yaaddoo malee nagaatti in jiraatu; sanyii kee garuu beelaan nan rukuta, innis saba kee keessaa warra baraaraman ajjeesee in fixa.

31Yaa karrootaa wawwaadhaa! Yaa mandarootaa iyyaa! Yaa warra Filiisxiyaa, hundumti keessan sodaadhaa, akka gagaa baqaa! Gara bitaatii aarri in dhufa, tarreen isaas wal irraa hin citu.

32Warra saba sana biraa ergamanii dhufaniif maal deebii kennina” “Waaqayyo Xiyoonin jabeessee dhaabeera, sabni isaa warri rakkatan ishee keessatti iddoo baqaa in argatu” jenna.

Ibsa

14:1-23

Karoorri Tooftaa Waaqayyoo inni samii irraa dhufu guutuun, tolaa saba Waaqayyootiif jedhamee qophaa'eera. Quufannaan lafa abdachiifamte keessa jiraachuun gara-laafina Waaqayyooti. Waldaan kiristaanaa namoota Waaqayyo fudhatu haa fudhatu. Namoonni Waaqayyoo, eessa iyyuu haa ta'u, haasawa qajeelaa fi nama hawwatuun amantii jajjabeessuuf haa carraaqan. Warri isaanitti nagaa buusuu hin feene, isaanumaan haa gadi deebi'an. Kun milkaa'ina wangeelaatiif ilaallatu danda'a, yeroo warri isa morman isaaf bitamuuf fidamanitti. Waaqayyo mataan isaa jijjiirama eebbifamaa hojjechuuf waadaa seena. Isaan gadda isaanii fi sodaa isaanii irraa, akkasumas ba'aa isaanii ammaa fi sodaa hammeenya caaluu irraa boqonnaa ni argatu.

Baabilon qabeenyaan guutuu turte. Mootiin Baabilon qabeenya guddaa sana guutummaatti too'achuudhaan, gargaarsa isaanitiin saboota bulche. Kun addatti sanyii Yihudootaa ilaallata; akkasumas cubbuu mootii Baabilon guutummaatti guuteera. Abbootiin irree fedhii foonii fi hawwii jal'aa isaaniitiif faayidaa isaanii dhugaa aarsaa godhu. Akkan Isa Qulqulluu Ta'eetti ta'uuf hawwuun hawwii ayyaanaa qabeessadha, inni, "An qulqulluu waan ta'eef, isinis qulqulluu ta'aa" jedheeraatii; garuu akkan Isa Hundumaa Caalaa Ol Ta'eetti ta'uuf yaaduun hawwii cubbuu qabeessadha, inni, "Namni of ol qabu hundinuu in salphata" jedheeraatii. Seexanni akkanaan abbootii keenya jalqabaa gara cubbuutti harkise. Badinsi guutuun isarratti in dhufa. Warri cubbuu dhaabuu didan, Waaqayyo isaan in dhaaba.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እግዚአብሔርም ያዕቆብን ይምረዋል፥ እስራኤልንም ደግሞ ይመርጠዋል፥ በአገራቸውም ያኖራቸዋል፤ መጻተኛም ከእርሱ ጋር ይተባበራል፥ ከያዕቆብም ቤት ጋር ይጣበቃል። አማርኛ ENGNIV The Lord will have compassion on Jacob; once again he will choose Israel and will settle them in their own land. Aliens… English BCV እግዚኣብሄር ንያእቆብ ክምሕሮ እዩ፤ ንእስራኤል ድማ ኽሓርዮ እዩ። ኣብ ሃገሮም ከዓ ኸንብሮም እዩ፤ ጓኖት ከዓ ምስኡ ኽሕወሱ እዮም፤ ኣብ ቤት ያእቆብውን ክለግቡ እዮም። ትግርኛ BCV GIZ ወይሣሀሎ እግዚአብሔር ለያዕቆብ ወየኀርዮ ካዕበ ለእስራኤል ወያዐርፋ ውስተ ብሔሮሙ ወይትዌሰኩ ውስቴቶሙ ፈላሲያን ወይትዌሰኩ ውስተ ቤተ ያዕቆብ። giz GAZGAZ Waaqayyo sanyii Yaaqoobiif in oo'a, ammas Israa'eloota fo'ee biyya isaanii keessa in teessisa; sabni ormaa isaanitti in… Afaan Oromoo BCV aksum እግዚኣብሄር ንያእቆብ ክምሕሮ እዩ፤ ንእስራኤል ድማ ኽሓርዮ እዩ። ኣብ ሃገሮም ከዓ ኸንብሮም እዩ፤ ጓኖት ከዓ ምስኡ ኽሕወሱ እዮም፤ ኣብ ቤት ያእቆብውን ክለግቡ እዮም። ትግርኛ AMHNIV እግዚአብሔር ለያዕቆብ ይራራለታል፤ እስራኤልን እንደ ገና ይመርጠዋል፤ በራሳቸውም አገር ያኖራቸዋል። መጻተኞች አብረዋቸው ይኖራሉ፤ ከያዕቆብም ቤት ጋር ይተባበራሉ። አማርኛ SWAHSUV Maana Bwana atamhurumia Yakobo, atamchagua Israeli tena, naye atawaweka katika nchi yao wenyewe; na mgeni atajiunga nao… Kiswahili