Ibraa'oota 1

GAZBIBAfaan Oromoo14 Keeyyattoota2:56 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 2:56 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara duriitti Waaqayyo si'a baay'ee karaa garaa garaatiin, raajotaan abboota keenyatti dubbateera.

2Guyyoota bara isa dhumaa kanatti immoo ilma isaatiin nutti dubbate; Waaqayyo ilma isaa kanaan waaqaa fi lafa uume; waan hundumaas harka isaatti kennuuf isa dhaabe.

3Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e.

4Kanaanis maqaan Waaqayyo isaaf kenne maqaa ergamootaa irra caalaa beekamaa akkuma ta'e, innis ergamoota irra caale.

5Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Ati ilma koo ti, ani har'an si dhalche? yookiis eenyuun, ?Ani isaaf abbaa nan ta'a, innis ilma anaaf in ta'a? jedhee beeka?

6Waaqayyo ilma isaa isa angafa waan hundumaa, gara biyya lafaatti yommuu erge immoo, ?Ergamoonni Waaqayyoo hundinuu isaaf haa sagadan!? jedhe.

7Waa'ee ergamootaa illee, ?Inni ergamoota isaa akka qilleensaa, warra isaaf ergamanis akka arraba ibiddaa in godhata? jedhe.

8Waa'ee ilmaa garuu, ?Teessoon kee yaa Waaqayyo, baraa hamma baraatti, uleen mootummaa kees ulee qajeelummaa ti.

9Ati qajeelina jaallattee jal'ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise? jedhe.

10Ammas immoo, ?Ati yaa gooftaa, jalqabatti hundee lafaa jabeessiteetta, bantiin waaqaa hundinuus hojii harka keetii ti.

11Ati haftee in jiraatta; isaan garuu baduuf jiru, hundumti isaaniis akka uffataa in moofa'u;

12akka wayyaas isaan in marta, akka uffataas in geddaramu; ati garuu hin geddaramtu, waggoonni kees dhuma hin qaban? jedhe.

13Waaqayyo ergamoota isaa keessaa eenyuun, ?Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti gara mirga koo taa'i!? jedhee beeka?

14Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree?

Ibsa

1:1-3

Waaqayyo dhalootaa dhalootaatti yeroo adda addaatti, akkataa garaa garaatiin, akkuma inni sirrii jedhetti saba isaa duriitti dubbataa ture; yeroo tokko tokko qajeelcha dhuunfaa, yeroo tokko tokko abjuudhaan, yeroo tokko tokko mul'ataan, yeroo tokko tokko immoo karaa dhiibbaa Waaqummaan sammuu raajota irratti godhuun ture. Mul'atni wangeelaa garuu isa duraanii ol caala; sababiin isaas Waaqayyo karaa Ilma isaa mul'aticha kenneera.

Humna, ogummaa fi gaarummaa Gooftaa Yesuus Kiristoos yoo ilaalle, humna, ogummaa fi gaarummaa Abbaa argina, Yoh 14:7; guutummaan Waaqummaa fakkeenyaan yookiin mallattoo qofaan osoo hin taane, dhugumaan isuma keessa jiraata. Yeroo badiisa namaatiin booda, addunyaan dheekkamsaa fi abaarsa Waaqayyoo jala bittinnaa'aa jirtu, Ilmi Waaqayyoo hojii furamuu fudhachuudhaan, humnasaa guutuu fi gaarummaasaatiin isa deegaree dhaabe. Ulfina namaa fi hojii Kiristoos irraa, gara ulfina ayyaana isaa deemna. Ulfinni namaa fi bifa isaa, dhiphina isaaf ulfina cubbuu namaatiin Waaqayyo irratti miidhaa fi salphina daangaa hin qabne danda'ameef kaffaltii guutummaatti gahaa ta'e kenne.

Waaqayyo karaa baay'een, ifa dabalaa deemuudhaan, nu cubbamoota kufnee jiranitti waa'ee fayyinaa dubbateef, galata gahaa galchuu hin dandeenyu. Inni ofii isaatiin cubbuu keenya irraa nu qulqulleessuun, dinqii jaalalaa kan humna dinqisiifannaa, galataa fi faarfannaa keenyaa hunda caalu dha.

1:4-14

Yihuudonni baay'een sababiin isaas seeraa fi odeeffannoo jaalala Waaqayyoo kan biroo karaa tajaajila isaanii irraa fudhataniiruuf, ergamootaaf ulfina amantii-hafuuraa yookiin waaqeffannaa fakkaatu qabaatan. Isaan ergamoota gidduu Waaqayyoo fi namootaa jiran akka dhekkamootaatti ilaalan; tokko tokko immoo deemuun ulfina yookiin waaqeffannaa amantii hafuuraa isaanitti kennan.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6