Ibraa'oota 12

GAZBIBAfaan Oromoo29 Keeyyattoota6:27 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:27 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis kottaa wanta ba'aa nutti ta'u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!

2Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e.

3Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu cubbamootaa isa obsaan danda'e sana yaadatti qabadhaa!

4Cubbuudhaan wal'aansoo qabuu keessan keessatti ammuma iyyuu dhiigni keessan hamma dhangala'uu ga'utti jabaattanii hin dhaabanne.

5Sagalee gorsaa isa Waaqayyo akka ilmaaniitti isinitti dubbatu irraanfattaniittuu ree? Inni, ?Ilma ko! Gooftichi si barsiisuudhaaf yommuu si adabu, salphaatti hin ilaalin; adabee yommuu si qajeelchus garaa hin kutatin!

6Gooftichi nama jaallatu barsiisuuf in adaba, nama akka ilmaatti fudhatus in reeba? in jedha.

7Isinis barsiifamuudhaaf adaba kana obsaan danda'aa! Waaqayyo wanta ilmaaniif godhamuun ta'u, isiniif in godha; ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kami ree?

8Adaba hundinuu barsiifamuudhaaf argatan keessaa, utuu hin argatin yoo haftan garuu, isin ilmaan abbaa hin beekamneettii dhalattan malee, dhuguma ilmaan isaa hin taatan.

9Kana malees, abboota lafa kana irratti barsiisuuf nu adaban qabna; nus isaan in safeeffanna. Abbaa keenya isa hafuuraaf immoo caalchifnee abboomamnee jireenya argachuun nuuf hin ta'uu ree?

10Isaan sun bara gabaabduudhaaf akka isaanitti gaarii fakkaatetti barsiisuudhaaf nu adaban; inni kun garuu qulqullummaa isaa keessaa qooda qabaachuuf akka waa'ee nuuf baasutti barsiisuuf nu adaba.

11Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta'a.

12Kanaafis harka keessan isa bushaa'aa, jilba keessan isa mudhukaas jabeessaa!

13Miilla keessaniif akka ta'utti irra adeemuudhaaf daandii qajeelaa godhadhaa; yoos miilli inni naafate in fayya malee, iddoodhaa hin kaatu.

14Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa! Isa malee namni tokko illee goofticha hin argu waan ta'eefis, jireenya qulqullummaaf dhama'aa!

15Isin keessaa namni tokko illee ayyaana Waaqayyoo akka hin dhabne, ?Wanti akka hidda hadhaa'aas? isin gidduutti biqilee rakkina akka hin kaafne, baay'eenis ittiin akka hin xuroofneef eeggadhaa!

16Namni tokko illee akka Esaawuu isa angafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurguree, nama halalummaatti jiraatu yookiis nama wanta qulqullaa'aadhaan mormu hin ta'in!

17Booddee garuu Esaawuun eebba argachuu yommuu barbaadetti akka irraa gatame in beektu; deebisee argachuudhaaf boo'ichaan yoo barbaade iyyuu, yaada isaa geddaruudhaaf karaa hin arganne.

18Isin tulluu isa harkaan qabamuu danda'u, isa ibiddi boba'aan, aarri dukkaneessu, dukkanni, bubbeen irra turan bira hin geenye.

19Isin sagalee malakataatti, sagalee guddisee dubbatuttis hin dhi'aanne; yeroo sagaleen kun dhaga'ames, warri dhaga'an sagaleen kun akka dabalee isaanitti hin dubbanne in kadhatan.

20Abboommiin, ?Horiin illee tulluu sanatti yoo buute, dhagaadhaan rukutamtee haa duutu!? jedhu sun, waan isaanitti ulfaateef, isa baachuu hin dandeenye.

21Wanti achitti argame sunis guddaa sodaachisaa waan tureef Museen iyyuu, ?Baay'ee sodaadheetan holladhe? jedhe.

22Haa ta'u iyyuu malee, tulluu Xiyoon, mandara Waaqayyoo isa jiraataa, Yerusaalem ishee waaqa irraa, cidha ergamoota kumaatamaa bira ga'uu keessan.

23Waldaa angafoota warra maqaan isaanii waaqa irratti caafamee, Waaqayyo abbaa firdii namoota hundumaa, lubbuu qajeelota warra fiixaan ba'anii bira ga'uu keessan.

24Yesus isa gidduu galee Waaqayyoo fi namoota gidduu kakuu haaraa dhaabe, dhangala'uu dhiigaa isa dhiiga Abeel caalaa wanta wayyu dubbatu biras ga'uu keessan.

25Ammas isa dubbachaa jiru kana jalaa akka hin dinne of eeggadhaa! Warri isa dhaamsa Waaqayyoo biyya lafaa kana irratti isaanitti hime didan, jalaa ba'uu erga dadhabanii, nuyis isa waaqa irraa nutti dubbatu irraa yoo garagalle, caalaatti isa jalaa ba'uu in dadhabna.

26Yeroo sana sagaleen isaa lafa sochooseera; amma garuu, ?Ammas al tokko lafa sochoosuu duwwaa utuu hin ta'in, waaqas immoo nan sochoosa? jedhee abdachiiseera.

27?Ammas al tokko? inni jedhe, wanti raafamuu hin dandeenye hafee akka jiraatutti, wanti uumame hundinuu raafamee iddoodhaa butachuu isaa in mul'isa.

28Egaa nuyi mootummaa raafamuu hin dandeenye waan fudhannuuf, kottaa warra galata galchan in taanaa! Kanaanis kottaa akka isa duratti fudhatamutti ulfinaa fi sodaadhaan Waaqayyoof in sagannaa!

29Waaqayyo keenya ibidda xaph godhuu dha.

Ibsa

12:1-11

Amantiidhaan Kiristositti jaarsumaan abboomamuu, dorgommii saboota Ibrootaa dura kaa’amee ture, kan keessatti gonfoo ulfinaa mo’achuu yookiin gidiraa barabaraa qooda isaanii ta’ee argachuu qaban; nuunis dura keenya jira. Cubbuu nutti salphaatti maramu jechuun, cubbuu nuti baay’ee itti qallaa’aa taane, yookiin kan barmaatileen, umuriidhaan yookiin haalawwan adda addaan baay’ee saaxilamnu ta’uu isaa hubadhaa. Kun gorsa guddaa fi barbaachisaa dha; sababiin isaa, yoo cubbuun namaa jaallatu, maal iyyuu yoo ta’e, hin mo’amne, dorgommii Kiristaanummaa irraa isa dhoorka, sababiin isaa ka’umsa dorgommiif qabu hunda irraa fudhata, akkasumas abdii kutannaa kamiyyuu humna kennaaf.

Yoo yaada isaaniitti nuffanii dadhaban, Yesuus qulqulluun gidiraa barabaraa irraa isaan oolchuuf dhiphachuu isaa haa yaadatan. Gadi fageessanii Yesuusitti ilaaluudhaan, yaadoleen isaanii jaalala qulqulluu cimsu, akkasumas fedhii foonii isaanii to’annaa jala galchu. Kanaafuu, yeroo baay’ee isa haa yaannu. Qoramni keenya xinnaan dhiphina Isaatii wajjin yookiin cubbuu keenyaaf kan nu maluuf maaloo? Dhiphina namoota baay’ee kaan biratti hoo maaloo?

Amantoonni qorumsotaa fi dhiphina jala nuffuufii dadhabuuf shaaraa ta’uun isaan mudata; kun sababa hanqina ayyaanaa fi haftee cubbuutiini. Kiristaanonni qoramni isaanii jala hin dadhabin. Diinonni isaanii fi warri isaan ari’atan meeshaa dhiphina fiduu ta’uu danda’anillee, garuu isaan adaba Waaqayyoo ti; Abbaan isaanii samii keessa jiru hunda keessa harka qaba, akkasumas hunda keessa kaayyoo ogummaa qabu galmaan ga’a. Rakkina hin salphisin yookiin tuffatin, akkasumas jala isaanii miira hin dhabin, sababiin isaa isaan harka Waaqayyoo fi ulee isaa ti, akkasumas cubbuu keenyaaf ceepha’a isaa ti. Qoramni jala abdii hin kutatin yookiin hin liqimfamin, yookiin hin gungumin yookiin hin komatin, garuu amantii fi obsaan haa danda’an.

Waaqayyo namoota kaan cubbuu isaanii keessatti dhiisuu danda’a, garuu cubbuu ijoollee isaa keessatti sirreessa. Kana keessatti abbaa ta’uun isaaf ta’uun raawwata. Warri keenya lafaa yeroo tokko tokko, fedhii ofii isaanii guuttachuuf malee, amala keenya sirreessuuf utuu hin taane, nu adabuu danda’u. Garuu Abbaan lubbuu keenyaa takkaa fedhii isaatiin ijoollee isaa hin gaddisiisu, hin dhiphisu. Yeroo hunda faayidaa keenyaafi. Jireenyi keenya guutuun as irratti yeroo ijoollummaa ti, fi waan hafuuraatiif hanqina qaba; kanaafuu, adaba haala akkasiitti of galchuu qabna. Yoo gara haala guutuu geenyu, adaba Waaqayyo amma nuuf kennu hundaaf guutummaatti ni araaramna.

Adabbiin Waaqayyoo firdii cubbuu miti; adabbiin obsaan danda’amuu danda’a, akkasumas qulqullina baay’ee guddisa. Kanaafuu, rakkina jibba namootaatiin nutti dhufu, Abbaa keenya ogeessaa fi ayyaana qabeessa ta’een kan ergaman adaba akka ta’an haa barannu, faayidaa hafuuraa keenyaaf.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እንግዲህ እነዚህን የሚያህሉ ምስክሮች እንደ ደመና በዙሪያችን ካሉልን፥ እኛ ደግሞ ሸክምን ሁሉ ቶሎም የሚከበንን ኃጢአት አስወግደን፥ የእምነታችንንም ራስና ፈጻሚውን ኢየሱስን ተመልክተን፥ በ… አማርኛ ENGNIV Therefore, since we are surrounded by such a great cloud of witnesses, let us throw off everything that hinders and the… English BCV ምእንቲ እዙይ ንሕናውን ክንድዙይ ዝኣኽሉ መሰኻኽር፥ ከም ደመና ኸቢቦምና ስለ ዘለዉ፥ ንዅሉ እቲ ዝኸብደናን ዝጠብቀናን ሓጢኣት ኣርሒቕና፥ በቲ ኣብ ቅድሜና ተዳልዩልና ዘሎ መቀዳደሚ፥ ብትዕግ… ትግርኛ BCV GIZ ወበእንተ ዝንቱ ንሕነኒ እለ ብነ እሙንቱ ሰማዕት ኵሎሙ ዘየዐውዱነ ከመ ደመና ንግድፍ እምላዕሌነ ኵሎ ክበደ ወሁከተ ኀጢአት ወንሩጽ በትዕግሥት ኀበ ዘጽኑሕ ለነ ተስፋነ ዘሃይማኖት። giz GAZGAZ Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis kottaa wanta ba'aa nutti ta'u hundu… Afaan Oromoo BCV aksum ምእንቲ እዙይ ንሕናውን ክንድዙይ ዝኣኽሉ መሰኻኽር፥ ከም ደመና ኸቢቦምና ስለ ዘለዉ፥ ንዅሉ እቲ ዝኸብደናን ዝጠብቀናን ሓጢኣት ኣርሒቕና፥ በቲ ኣብ ቅድሜና ተዳልዩልና ዘሎ መቀዳደሚ፥ ብትዕግ… ትግርኛ AMHNIV እንግዲህ እነዚህን የመሳሰሉ ብዙ ምስክሮች እንደ ደመና በዙሪያችን ካሉልን፣ ሸክም የሚሆንብንን ሁሉ፣ በቀላሉም ተብትቦ የሚይዘንን ኀጢአት አስወግደን በፊታችን ያለውን ሩጫ በጽናት እንሩጥ። አማርኛ SWAHSUV Basi na sisi pia, kwa kuwa tunazungukwa na wingu kubwa la mashahidi namna hii, na tuweke kando kila mzigo mzito, na dha… Kiswahili