Habaaquq 3

GAZGAZAfaan Oromoo19 Keeyyattoota4:29 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 4:29 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kadhanni Anbaaqom raajichi qooqa gaddaatiin kadhate kanatti fufee jira.

2Ani Anbaaqom,“Yaa Waaqayyo! Gocha beekamaa ati goote dhaga'eera, yaa gooftaa! Gochaa kee kana yommuun dhaga'u sodaachuutu anatti dhufa; mee bara keenya kanatti wanta akkasii deebisii hojjedhu, yeroo keenya kanattis akka isaan beekaman godhi! Yoo aarte iyyuu araara keetiin nu yaadadhu!” nan jedhe.

3Waaqayyo inni qulqulluun biyya Temaanii, tulluu Phaaraan irraa in dhufa; surraan isaa bantiiwwan waaqaa, galanni isaas biyya lafaa irra in guuta;

4ifni ulfina isaatiis akka ifa aduu ti, harka isaa isa humni isaa keessa dhokatee jiru keessaa balaqqeessi as in ba'a;

5dha'icha of dura in erga, dugda isaa duubaan immoo dhukkuba nama fixutu dhufa.

6Yommuu dhaabatu lafa in rom'isiisa, mil'uu ija isaatiinis saba lafa irraa in hollachiisa; tulloonni durii durii caccabanii in hurraa'u, gaaronni dur turanis lafatti in dabalamu; karaan inni irra adeemu garuu bara baraan in jiraata.

7Warri Kushaan rakkina keessa akka jiran, biyyi Miidiyaanis akka rom'ite nan arga.

8Yaa Waaqayyo! Ati lagootatti in aartee” Burqootattis in dheekkamtee” Yommuu fardeen kee yaabbatte, konkolaataa mo'umsa kee irras teesse, galaanotatti in aartee”

9Ati iddaa kee luqqifattee xiyya baay'ee in qopheeffatte; lafas lagootaan in tatarsaafte;

10tulloonni si arganii in hollattan, bokkaa yandoon in roobe, tuujjubnis huursee, dha'aan isaa ol in ka'e.

11Yommuu xiyyi kee isaanitti calaqqisee eeboon kee isaanitti ifu, aduunii fi ji'i, calluma jedhanii iddoo isaanii in dhaabatan.

12Ati dheekkamsaan lafa irra in adeemta, aariidhaanis saba lafa irraa in dhidhiitta;

13ati saba kee fayyisuudhaaf gad in baata, isa dibame sanas oolchuuf in dhufta; dura-buutuu warra jal'ootaa lafatti in rukutta, mataadhaa hamma miillaatti qullaatti in hambifta.

14Yommuu loltoonni isaa gargar nu facaasuudhaaf, warra rakkatoota dhokatanii jiranis fixuudhaaf humnaan ka'anitti, ati eeboodhuma isaatiin dura-buutuu isaanii in waraanta.

15Ati fardeen keetiin bishaan guddaa hoomacheessaa, galaana keessa karaa in baafatte.

16Kana dhaga'uu irraa kan ka'e garaan koo in raafama, sodaachuu irraa kan ka'e hidhiin koo in hollata, lafeen koo in bututa, miilli koos in gatantara; haa ta'u iyyuu malee, rakkina Waaqayyo warra nu dhiphisan irratti fiduuf jiru sana arguudhaaf calluma jedhee nan eeggadha;

17mukti harbuu yoo daraaruu dhabaate iyyuu, mukti waynii, mukti ejersaas yoo ija godhachuu dhabaatan iyyuu, maasiin midhaan yoo baasuu dhabaate iyyuu, hoolonni goorantoo keessa, saawwanis dallaa keessa yoo jiraachuu dhabaatan iyyuu,

18ani Waaqayyotti nan ililcha, Waaqayyo isa na fayyisutti nan gammada;

19Waaqayyo gooftaan jabina koo ti, inni akka borofaa collee akkan ta'u in godha, iddoo ol ka'aa irras ana in dhaabachiisa. (Geggeessituu warra faarfatootaaf; mi'a isa ribuu qabuun kan faarfatamu.)

Ibsa

3:1,2 Jechi 'kadhaa' jedhu asitti gocha waaqeffannaa agarsiisa. Gooftaan waggoota rakkinaa gidduutti saba isaa gidduutti hojii isaa ni jiraachisa. Kun yeroo waldaan kiristaanaa yookiin amantoonni rakkinaafi qorumsaan dhiphatan hundumaatti kan ilaallatu ta'uu danda'a. Arjummaan Waaqayyoo kan itti baqannuuf kooluu keenyaafi sababa keenya isa tokkicha kan irratti hirkannu dha. Nutti jedhuu hin qabnu, 'Gaarummaa keenya yaadadhu' jennee, garuu 'Gooftaa, arjummaa kee isa mataa kee yaadadhu.'

3:3-15 Saba Waaqayyoo yeroo rakkina keessa jiranitti, abdii dhabuufis ga'anitti, guyyoota durii fi waggoota bara durii yaada keessa galchuudhaan, akkasumas isaaniin Waaqayyoon kadhata keessatti gaafachuudhaan gargaarsa barbaadu. Fakkeenyi wal fakkaatu boojuu Baabilonii fi Gibxii gidduu jiru, akkasumas bilisummaan akkanaa humna Yihowaa irraan kan ka'e argamuu akka danda'u, uumamaadhaan gara sammuutti dhufa. Waaqayyo ulfina Isaatiin mul'ate. Humni uumamaa hundi ni raafama, adeemsi uumamaas ni jijjiirama; garuu wanti hundinuu fayyina saba Waaqayyoo qofaatiif. Wanti baay'ee hin fakkaanne illee fayyina isaaniitiif hojjechuuf ni taasifama. Kanaanis furamuu addunyaa Yesuus Kiristoosiin hojjetameef fakkeenyi fi bakkabu'aan kennameera. Innis fayyina dibamaa kee wajjin dhufudha. Iyaasuun, inni loltoota Israa'el geggeesse, bakkabu'aa Isa maqaa Isaa qabatee turee, jechuunis Yesuus, Iyaasuu keenyaa ti. Fayyina hunda isaaniif hojjetame keessatti Waaqayyo Kiristoos Isa Dibamaa ilaalee, bilisummaa isaaniif Isa irraan fideera.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6