Seensa 31

GAZGAZAfaan Oromoo55 Keeyyattoota12:48 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 12:48 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Ilmaan Laabaan,“Kan abbaa keenyaa kan ture hundumaa Yaaqoobtu fudhate, kan abbaa keenyaa isa tureenis badhaadhummaa kana hundumaa argate” ittiin jechuu isaanii Yaaqoob in dhaga'e.

2Akkasumas Laabaan akka isaa durii akka faara itti hin tolle, Yaaqoob fuula isaa irraa in arge.

3Waaqayyo yommus Yaaqoobiin,“Gara biyya abboota keetti, gara lammii keettis deebi'i, anis sii wajjin nan ta'a!” jedhe.

4Yaaqoob kanaaf Raahelii fi Liyaatti ergee, gara bakkee lafa karri bushaayee isaa jiranitti in waamsise.

5Isaaniinis,“Abbaan keessan amma akka isaa durii akka faara anatti hin tolle, ani fuula isaa irraa nan arga; Waaqayyo inni kan abbaa kootii garuu anaa wajjin ta'eera.

6Ani humna koo guutuudhaan abbaa keessaniif akkan hojjedhe immoo, isin in beektu.

7Inni garuu na gowwoomsee gatii dadhabbii koo si'a kudhan geddare; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo akka inni na miidhu hin goone.

8Yeroo Laabaan,“Warri xiiffeen gatii dadhabbii kee haa ta'an” jedhe, karri bushaayee hundinuu ilmoolee xiiffee in dhalu turan; yeroo inni,“Warri qaxxaamurroo qaban gatii dadhabbii kee haa ta'an” jedhes, karri bushaayee hundinuu qaxxaamurroo dhalan.

9Akkasitti Waaqayyo horii abbaa keessanii isa harkaa baasee, anaaf kenneera.

10“Yeroo bushaayeen korbeessa kajeelanitti, ani ol ilaalee abjuutti korbeeyyiin warri qaxxaamurroo qaban, xiiffeen, booxxoon, utuu bushaayee hobobsanii nan arge.

11Yommus ergamaan Waaqayyoo abjuutti,“Yaaqoob!” naan jedhe; anis,“Asan jira!” nan jedheen.

12Innis,“Ani wanta Laabaan si irratti hojjete waanan argeef, ol jedhi, korbeeyyiin warri bushaayee hobobsan hundinuu qaxxaamurroo kan qaban, xiiffee, booxxoos akka ta'an ilaali!

13Ani Waaqayyo isa Bet'el iddoo ati utubaa dibdee wareega itti anaaf wareegde sanatti sitti mul'atee dha; ammas ka'i, biyya kana keessaa ba'ii adeemi, gara biyya lammii keettis deebi'i!” naan jedhe” jedhe.

14Raahelii fi Liyaanis deebisanii,“Ga'aan, dhaallis mana abbaa keenyaa keessa nuuf jiraa ree”

15Nuyi isa biratti akka ormaatti ilaalamneerra mitii ree” Inni nu gurgureera, horii waa'ee keenyaaf kennames nyaatee fixe mitii ree”

16Badhaadhummaan inni abbaa keenya kana harkaa Waaqayyo baase immoo kan keenya, kan ijoollee keenyaa tis; kanaaf amma ati waanuma Waaqayyo siin jedhe godhi!” ittiin jedhan.

17Ergasii Yaaqoob ilmaan isaa fi dubartoota isaa gaala irra kaa'atee in ka'e;

18inni horii qe'ee hundumaa, mi'a manaa isa argate hundumaas, horii qe'ee qabeenya isaa keessaa warra Phaadaan-Aaramitti horate oofatee gara biyya Kana'aan, gara abbaa isaa Yisihaq dhaquudhaaf in ka'e.

19Laabaan hoolota irraa rifeensa murmurachuu dhaqee ture; Raahelis Waaqayyo tolfamaa isa kan abbaa ishee mana keessaa in hatte;

20Yaaqoob akka baqachuu yaade isatti himachuu dhiisuu isaatiin, Laabaanin namicha biyya Aaram sana garaa nyaachise.

21Inni wanta qabu hundumaa wajjin baqatee, laga Efraaxiis in ce'e; fuula isaas gara tulluu Giil'aaditti in qajeelfate.

22Yaaqoob akka baqate gaafa guyyaa sadaffaa Laabaanitti himame;

23inni yommus namoota aantii isaa fudhatee, guyyaa torba Yaaqoobin ari'ee, Giil'aad biyya tulluu gubbaatti isatti in dhi'aate.

24Waaqayyo garuu halkan abjuutti Laabaan nama biyya Aaram sana bira dhufee,“Gaarii malee hamaa Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu!” jedheen.

25Laabaan, Yaaqoobin in qaqqabe; Yaaqoob biyya tulluu gubbaa sana keessa dunkaana isaa dhaabbatee ture; Laabaanis namoota aantii isaa wajjin Giil'aad biyya tulluu gubbaa sana keessa dunkaana isaa in dhaabbate.

26Laabaan achitti Yaaqoobiin,“Ati na sossobdee, intaloota koos akka waan billaadhaan booji'amaniitti fudhattee sokkuu keetiin maal gochuu kee ti”

27Ati maaliif dhoksaatti baqatte” Maaliifis na sossobde” Ani gammachuudhaan, weedduudhaan, dibbeedhaa fi kiraaraan akkan si geggeessutti maaliif anatti himuu didde”

28Maaliifis akka ani intalootaa koo fi ijoollee koo dhudhungadhee nagaa itti hin dhaamne goote” Egaa kana ati gowwummaadhaan hojjette.

29Si, namoota kees miidhuu illee nan danda'an ture, garuu Waaqayyo inni kan abbaa keetii eda halkan,“Ati gaarii malee hamaa Yaaqoobitti akka hin dubbanne of eeggadhu!” naan jedhe;

30adeemuu illee ati mana abbaa kee baay'iftee waan yaaddeef adeemte ta'a, garuu waaqayyolii koo immoo maaliif hatte?” jedhe.

31Yaaqoob immoo deebisee,“Intaloota kee humnaan ana irraa fudhatta jedhee waanan sodaadheef, utuu sitti hin himin nan sokke;

32Yaaqoob akka Raahel waaqayyolii Laabaan hattee turte waan hin beekiniif, namni ati waaqayyolii kee biratti argattu hafee hin jiraatu; fuula aantii keenyaa kana duratti mi'a koo keessa ilaaltee, yoo argite fudhadhu!” jedheen.

33Laabaanis dunkaana Yaaqoob, dunkaana Liyaas lixee, darbees dunkaana xomboreewwan lamaanii lixe; garuu waaqayyolii isaa hin arganne; dunkaana Liyaa keessaa ba'ees kan Raahel in lixe.

34Raahel immoo waaqayyolii mana keessaa sana fuutee koraa gaalaa jala keessee irra teesse; Laabaanis waanuma dunkaanicha keessa ture hundumaa qaqqabee in ilaale; garuu waaqayyolii isaa hin arganne.

35Isheenis abbaa isheetiin,“Garaa dhukkubbiin anatti dhufnaan, siif ka'uu waanan dadhabeef, ati gooftaan koo anatti aartee hin boba'in!” jette; inni akkasitti yoo fonqolche iyyuu waaqayyolii mana keessaa sana hin arganne.

36Yommus Yaaqoob aaree, Laabaanitti ori'ee,“Maalan balleesse” Cubbuun koo inni ati faana dhooftee na ari'aa dhufteefis maali”

37Mi'a koo hundumaa keessa yoo fonqolchite iyyuu, mi'a mana kee hundumaa keessaa maalfaa argatte” Yoo jiraate, isaan nu lamaan gidduutti akka faradaniif, aantii koo fi aantii kee kana dura kaa'i!

38Ani waggoota digdaman si bira ture; kana keessatti hoolonnii fi re'oonni kee warri dhaltuun hin gatanne; korbeeyyii bushaayyee keetiis ani hin nyaanne.

39Horii warra bineensi caakkaa cabses, hir'ina isaa ofitti nan lakkaa'e malee, fidee sitti hin argisiifne; warra guyyaa butaman, warra halkan butamanis, ati harka koo keessaa eeggatte.

40Ani akkasitti nan ture; guyyaa ho'a isaa, halkanis qora isaatu na waxale; hirribnis ija koo irraa in baqate.

41Waggaa digdaman kana ani mana kee keessan ture; waggaa kudha afur intaloota kee lamaaniif, waggaa ja'a immoo bushaayyee keefan siif hojjedhe; atis kana keessatti gatii dadhabbii koo si'a kudhan geddarte.

42Waaqayyo inni kan abbaa kootii, Waaqayyo inni kan Abrahaam, inni Yisihaq safeeffatu utuu gara koo goruu dhabaatee, ati amma harka koo duwwaa na ergita turte; Waaqayyo garuu gad deebi'uu koo fi harkaan itti dadhabee hojjechuu koo argee, eda halkan si ifate” jedheen.

43Laabaan deebisee Yaaqoobiin,“Dubartoonni kun intaloota koo ti, ijoolleen kun ijoollee koo ti, bushaayeen kunis bushaayee koo ti, wanti ati argitu hundinuu kan koo ti; garuu ani har'a intaloota koo kanaa fi ijoollee isaanii warra isaan da'aniif maal gochuun danda'a”

44Kottu, ammas anii fi ati kakaadhaan walii in gallaa, innis sii fi ana gidduutti dhugaa ba'uudhaaf haa ta'u!” jedhe.

45Yaaqoobis dhagaa tokko fuudhee utubaa seenaa godhee ol qajeelchee in dhaabe;

46Yaaqoob aantii isaatiin,“Dhagaa walitti qabaa!” jedhe; isaanis dhagaa fidanii tuulanii, isa irratti in nyaatan.

47Laabaan afaan Aaramitti,“Yegaar-Sahadutaa” jedhee tuullaa sana in moggaase; Yaaqoob immoo afaan Ibrootaatti“Gaal-Ed” jedhee in moggaase.

48Laabaan,“Tuullaan kun har'a sii fi ana gidduutti dhuga-baatuu dha” jedhe; kanaaf“Gaal-Ed” jedhee isa moggaase.

49Akkasumas,“Waaqayyo yeroo nuyi walittii gargar baanutti, sii fi ana gidduutti eegduu haa ta'u!” waan jedheef,“Maqaan isaa Miisphaadhas” jedheera.

50Itti dabalees,“Ati intaloota koo kana yoo rakkifte, intaloota koo irratti yoo fuute, namni nu bira yoo jiraachuu dhabaate illee, Waaqayyo sii fi ana gidduutti akka dhugaa ba'u yaadadhu!” jedhe.

51Laabaan itti dabalee Yaaqoobiin,“Tuullaa kana, utubichas isa ani sii fi ana gidduu dhaabe ilaali!

52Tuullaan kun dhuga-baatuu dha, utubichis ani tuullaa kana akkan sitti hin darbine, ati miidhaadhaaf tuullaa kana, utubaa kanas akka anatti hin darbineef dhuga-baatuu dha.

53Waaqayyo inni kan Abrahaam, Waaqayyo inni kan Naahor, Waaqayyo inni kan abbaa isaanii nu gidduutti in farada” jedhe; Yaaqoob akkasitti isa abbaan isaa Yisihaq safeeffatuun in kakate.

54Yaaqoob biyya tulloota irratti aarsaa dhi'eessee, aantii isaas buddeena akka nyaataniif in waame; isaanis buddeena nyaatanii, halkan guutuu achi turan.

55Laabaan ganama bariidhaan ka'ee, ijoollee isaa, intaloota isaas dhudhungatee, isaan in eebbise; kana booddee Laabaan isaanittii gargar ba'ee gara iddoo isaatti in deebi'e.

Ibsa

31:1-21

Dhimmi maatiiwwan kanaa bifa guutummaatti ibsameera, yeroo sana taatee gurguddaan mootummootaa fi biyyootaa (akka jedhamutti) garuu hin dubbatamne. Kitaabni Qulqulluun namoota hojiiwwan jireenyaa idilee, akkaataa Waaqayyoon itti tajaajilan, akkaataa eebba Inni kennu itti gammadan, akkasumas bakka jireenyaa fi hojii adda addaa keessatti waan gaarii akka hojjetan barsiisa. Namoonni ofittummaan guutaman waan isaan darbee deemu hunda irraa akka saamaman of ilaalu, akkasumas sassatni jaalala uumamaa iyyuu ni liqimsa. Namoonni qabeenya addunyaa baay'isanii ulfeessuun isaanii dogoggora sassataa, hinaaffaa fi hamaa hundaaf bu'uura ta'eedha. Namoonni addunyaa wal dhoorku, hundinuu isa kaan irraa kan fudhatu fakkaata; kanaafuu, gammachuu dhabuun, hinaaffaan, fi waldhabbiin ni uumama. Haata'u malee, qabeenyi hundumaaf gahaa ta'e jira; eebbifamoodha warri duraan dursanii isaan barbaadan. Jijjiirama keenya hunda keessatti ajaja Waaqayyoo fi abdii Isaa kabajuu qabna. Yoo Inni nuu wajjin ta'e, sodachuun nurra hin jiru. Rakkoon nu marsu baay'ee waan ta'eef, waan biraan kamiyyuu garaa keenya dhugumaan jajjabeessuu hin danda'u. Yeroo addaa Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabnu turre yaadachuun yeroo rakkinaa baay'ee nama boqochiisa; akkasumas kakuu keenya irra deddeebinee yaadachuu qabna, akka isaan guutummaatti raawwachuu hin dadhabneef.

Boqonnaa 31

Yaaqoob nama amanamaa, gaarii, nama Waaqayyoof of kenneefi qajeelaa ture; ta’us, abbootii amantii kaan hunda caalaa rakkoofi dhiphina hedduu qaba ture. Mana abbaa isaa sodaadhaan dhiisee, dhiphina keessa gara eessuma isaa deeme; achittis jireenya baay’ee ulfaataa argate; amma immoo sodaan marfamee deebi’aa jira. Kunooti, I. Deebi’uuf murtoo isaa (lak. 1-16). II. Karaa dhoksaa deemuun isaa (lak. 17-21). III. Laabaan dallansuudhaan isa ari’uun isaa (lak. 22-25). IV. Jechoota jajjaboo isaan gidduutti darban (lak. 26-42). V. Dhuma irratti walii galtee nagaa isaan gidduutti ta’e (lak. 43, kkf.).

Lakk. 1-16

Yaaqoob asitti tajaajila eessuma isaa battaluma dhiisuuf, qabeenya isaa fudhatee gara Kana’aan deebi’uuf murtoo godhaa jira. Murtoo kana sababa sirrii ta’een, qajeelfama Waaqayyootiin, akkasumas gorsaafi hayyama haadha manaa isaa wajjin godhe.

I. Sababa sirrii ta’een; Laabaaniifi ilmaan isaa gara isaa baay’ee jallataniifi hamoo waan ta’aniif, nagaan yookiin gammachuudhaan isaan gidduu jiraachuu hin dandeenye.

1. Ilmaan Laabaan jechoota isaaniitiin hammina isaanii argisiisan, lak. 1. Jechoota kana Yaaqoob dhaga’uutti, isa aarsuuf jedhanii dubbatan fakkaata. Boqonnaan darbe Raachel Le’aatti hinaafuudhaan jalqabe; kun immoo ilmaan Laabaan Yaaqoobitti hinaafuudhaan jalqaba. Ilaali, (1.) Akkamitti badhaadhina Yaaqoob guddisan: "Ulfinna kana hunda argateera." Ulfinni kun maali ture kan isaan akkasitti itti dhiphatan? Re’oota gurraachaafi diimaa, hoolota gurraachaafi diimaa (akkasumas bifa isaanii bareedaa ta’eef ulfinna qabaachuu danda’u), gaalaafi harroota, akkasumas daldala kana fakkaatu ture; kunis ulfinna kana hunda ture. Hubadhu, Qabeenyi namoota foonii ija isaaniitti wantoota ulfina qabanidha, warra wantoota samii wajjin jiraataniif garuu, ulfinna caalu wajjin yoo wal bira qabame ulfinna hin qabu. Namoonni qabeenya addunyaa olitti ilaaluun isaanii dogoggora bu’uuraa fedhii qabeenyaa, hinaaffaafi hammina hundumaa bu’uura ta’eedha. (2.) Akkamitti amanamummaa Yaaqoob irratti hamminaan dubbatan, akka waan inni qabeenya isaa karaa qajeelaan hin arganneetti: "Yaaqoob wanta abbaa keenyaa hunda fudhateera." Hunda miti, dhugumatti. Horiiwwan ilmaan Laabaanitti kennamanii, guyyaa sadii fagaatanii ergaman sun maaltu ta’e? Boq. 30:35, 36. Wantoota isaaf kennaman hunda jechuu isaaniiti; garuu, hamminaan dubbachuudhaan, akkasitti waliigalaan ibsan. Hubadhu, [1.] Warri qalbii gaarii qabaachuuf baay’ee of eeggatan yeroo hunda maqaa gaarii qabaachuu hin danda’an. [2.] Kun wantoota badhaadhina alaa wajjin dhufan keessaa tokko, innis nama ollaa isaatiin akka inni hinaafamu godha (Lall. 4:4), eenyutu hinaaffaa dura dhaabachuu danda’a? Fak. 27:4. Waaqayyo nama eebbisu seexanni abaara, akkasumas ijoollee isaa hunda lafa irra jiran.

2. Laabaan mataan isaa xiqqoo dubbate, garuu fuulli isaa gara Yaaqoobitti akka duraa hin turre; Yaaqoobis kana hubachuu hin oollee, lak. 2, 5. Inni yeroo hundumaa nama jallataa ture, amma garuu duraan caalaa jallataa ta’e. Hubadhu, Hinaaffaan cubbuu yeroo baay’ee fuula irratti mul’atudha; kanaaf ija hamaa ilaalchisee dubbisna, Fak. 23:6. Fuulli gaddisiisaan nagaafi jaalala maatii keessatti balleessuuf, akkasumas warra jireenya isaanii nagaa gochuuf of eeggannoo gochuu qabnu dhiphisuuf gumaacha guddaa gochuu danda’a. Fuulli Laabaan dallanaa ture eebba guddaa maatiin isaa yeroo hundumaa qabaatan isa dhabsiise, kunis sirriidha.

II. Qajeelfama Waaqayyootiin, akkasumas abdii jala: "Waaqayyo Yaaqoobiin, 'Deebi’i, ani si wajjin nan jira' jedhe," lak. 3. Yaaqoob asitti jireenya baay’ee ulfaataa argatee ture, garuu Waaqayyo hanga isa ajajutti iddoo isaa hin dhiisne. Ajaja Waaqayyootiin achi dhufe, akkasumas hanga deebi’uuf ajajamutti achi jiraata ture. Hubadhu, Ba’uufi galuudhaan qajeelfama Waaqayyoo jala of gochuun dirqama keenya, akkasumas of arguu keenyaaf jajjabina ta’a. Qajeelfamni inni Waaqayyo irraa argate haadha manaa isaatiif akka inni ibsetti (lak. 10-13) guutummaatti ibsameera; achitti waa’ee horii ilaalchisee abjuu inni argeefi horiiwwan bifa isaa qaban akkamitti dinqisiisaatti baay’atan isaanitti hime; akkasumas ergamaan Waaqayyoo abjuu sana keessatti (abjuun lak. 10 irratti dubbatameefi lak. 11 irratti dubbatame tokko jedheen yaada) yaada isaa hirriba keessatti hojjetu akkamitti akka hubateefi isa qajeelche, kanaaf faayidaa guddaa sana carraan yookiin ogummaa isaatiin hin arganne; garuu, 1. Karoora Waaqayyootiin, inni rakkoo Laabaan isa irraan ga’e hubatee, karaa kanaan isaaf deebise: "Ani wanta Laabaan si irratti hojjete hunda argeera, kanaafis ani kana nan ilaala.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ያዕቆብም የላባ ልጆች ያሉትን ነገር፦ “ያዕቆብ ለአባታችን የሆነውን ሁሉ ወሰደ፤ ይህንም ሁሉ ክብር ከአባታችን ከብት አገኘ፡” ሲሉ ሰማ። አማርኛ ENGNIV Jacob heard that Laban's sons were saying, “Jacob has taken everything our father owned and has gained all this wealth … English BCV ደቂ ላባ “እቲ ናይ ኣቦና ዝነበረ ዅሉ ያእቆብ ወሲድዎ፤ ኵሉ እዝ ሃብቲ እዙይ ከዓ ኻብ ኣቦና ዝረኸቦ እዩ” ኢሎም ክዛረቡ እንተለዉ ያእቆብ ሰምዐ። ትግርኛ GAZBIB Ilmaan Laabaan,“Kan abbaa keenyaa kan ture hundumaa Yaaqoobtu fudhate, kan abbaa keenyaa isa tureenis badhaadhummaa kan… Afaan Oromoo BCV GIZ ወሴምዐ ያዕቆብ ነገሮም ለደቂቀ ላባ ዘይቤሉ፦ ነሥአ ያዕቆብ ኵሎ ንዋየ አቡነ ወእምንዋየ አቡነ አጥረዮ ለዝንቱ ኵሉ ክብር። giz BCV aksum ደቂ ላባ “እቲ ናይ ኣቦና ዝነበረ ዅሉ ያእቆብ ወሲድዎ፤ ኵሉ እዝ ሃብቲ እዙይ ከዓ ኻብ ኣቦና ዝረኸቦ እዩ” ኢሎም ክዛረቡ እንተለዉ ያእቆብ ሰምዐ። ትግርኛ AMHNIV የላባ ወንዶች ልጆች፣ “ያዕቆብ የአባታችንን ሀብት እንዳለ ወስዶታል፤ ይህ ሁሉ እርሱ ያካበተውም ሀብት ከአባታችን የተገኘ ነው” እያሉ ሲያወሩ ያዕቆብ ሰማ። አማርኛ SWAHSUV Basi Yakobo akasikia maneno ya wana wa Labani, wakisema, Yakobo amechukua mali yote ya baba yetu; na kwa mali ya baba y… Kiswahili