Seensa 24

GAZBIBAfaan Oromoo67 Keeyyattoota13:38 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 13:38 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Yommus Abrahaam dulloomee, barri isaas in sokke; Waaqayyos waan hundumaan Abrahaamin eebbiseera.

2Gaaf tokkos Abrahaam namoota mana isaa keessaa hojjetaa isaa isa jaarsa, isa wanta inni qabu hundumaa irratti abboomaa ture sanaan,“Kakaadhaaf harka keetiin gudeeda koo gidduu qabi!

3Ati durboota warra Kana'aan warra ani isaan keessa jiraadhu kana keessaa ilma koo akka hin fuusifneef, Waaqayyo gooftaa waaqaa fi lafaatiin sin kaksiisa!

4Biyya koo, lammii koo bira dhaqi! Yisihaq ilma kootiif durba barbaadii fidi!” jedhe.

5Hojjetaan sunis Abrahaamiin,“Intalattiin ana duukaa buutee biyya kana dhufuu hin barbaaddu ta'a; yoos ilma kee biyya ati keessaa dhufte sanatti deebisee geessuu ree?” jedhee gaafate.

6Abrahaamis deebisee,“Ilma koo achitti akka hin geessine of eeggadhu!

7Waaqayyo gooftaan bantii waaqaa, inni mana abbaa kootii, biyya ani itti dhaladhe keessaa baasee na fide, inni,“Lafa kana sanyii keetiif nan kenna” jedhee anaaf kakate, ergamaa isaa si dura in erga; atis achii ilma kootiif durba barbaaddee in fidda.

8Intalattiin si duukaa buutee dhufuu hin barbaaddu yoo ta'e immoo, ati ilma koo achitti hin geessin malee, kakaan kun si irraa in bu'a” jedhe.

9Yommus hojjetichis harka isaatiin gudeeda Abrahaam gooftaa isaa gidduu qabee, dubbii kana irratti isaaf in kakate.

10Ergasii hojjetichi gaalota gooftaa isaa keessaa kudhan, mi'a gooftaa isaa hundumaa keessaas wanta gaggaarii fuudhee ka'ee, Aaram biyya bishaan lama gidduu sana, gara mandara Naahor keessa jiraateetti in adeeme.

11Innis mandarichatti utuu hin lixin gaalota isaa bishaan boollaa tokko bira in dhaabachiise; yeroon isaas galgala yeroo dubartoonni bishaan waraabbachuuf ba'an ture.

12Hojjetichis,“Yaa Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam gooftaa kootii, ati har'a adda anaaf kenni, Abrahaam gooftaa kootti gaarummaa argisiisi!

13Kunoo, ani boolla bishaanii kana bira dhaabachaan jira, durboonni warra mandara kanaa bishaan waraabbachuuf ba'uuf jiru.

14Ani durba tokkoon,“Mee bishaanan dhugaa gomboo kee gad anaaf qabi!” nan jedha; isheen immoo,“Ati dhugi, gaalota kees nan obaasa” yoo anaan jette, isheen kun ishee ati Yisihaq garbichaa keef yaaddee qopheessite haa taatu! Kanaanis ati gooftaa kootti gaarummaa argisiisuu kee nan beeka” jedhe.

15Hojjetichi kana dubbatee utuu afaanii hin fixin, kunoo, Ribqaan gomboo gatiittii irratti baattee dhufte; isheen intala Batu'el; Batu'el immoo ilma Naahor obboleessa Abrahaam; haati isaa immoo Miilkaa dha.

16Intalattiin baay'ee ija namaatti in tolti, durba dhiirri bira hin ga'inis turte; isheen gara boolla bishaanichaatti gad buutee, gomboo ishees guutattee ol deebite.

17Hojjetaan sunis ariitiidhaan gara isheetti adeemee,“Hadaraa! Gomboo kee keessaa bishaan xinnoo ishee na habuuqqachiisi!” jedhe.

18Isheenis,“Dhugi gooftaa ko” jettee, daftee gomboo ishee harkatti gad buufattee, isa obaafte.

19Erga isa dheebuu baaftee booddee immoo,“Gaalota keetiifis hamma isaan dhuganii quufanitti nan waraabaaf” jette;

20isheen daftee bishaanicha gomboo ishee keessaa bidiruutti gara galchitee ammas bishaan waraabuudhaaf fiigichaan gara boolla bishaaniitti gad buute; gaalota isaa hundumaafis bishaan in waraabde.

21Namichis Waaqayyo karaa isaa in qajeelcha yookiis hin qajeelchu yoo ta'e baruudhaaf, calluma jedhee ishee in ilaala ture.

22Gaalonni isaa yeroo bishaan dhuganii quufan, namichi amartii warqee akka rubii waqeetaa ta'u isa funyaanitti kaa'atan, bitawoo warqee lamaan akka waqeeta shanii kan ta'anis harkatti akka isheen kaa'attuuf gad fuudhee in kenneef.

23Isheedhaanis,“Ati intala eenyuu ti” Mana abbaa keetiittii immoo iddoo bultii in argannaa” Hadaraa anatti himi!” jedhe.

24Isheenis namichaan,“Ani intala Batu'el; innis ilma Naahor; haati isaa immoo Miilkaa dha.

25Nuyi afaa, okaas baay'ee qabna, iddoon bultiis immoo jira” jette.

26Namichis gad gugguufee Waaqayyoof sagadee,

27“Waaqayyo gooftaan inni kan Abrahaam gooftaa kootii haa jajamu! Inni gaarummaasaa fi amanamummaa isaa gooftaa kootti argisiisuu hin dhiifne; Waaqayyo ana immoo karaa irra buusee gara mana obboleessa gooftaa kootti na fide” jedhe.

28Intalattiinis fiigdee wanta ta'e hundumaa namoota mana haadha ishee jiranitti in himte.

29Ribqaan kun obboleessa “Laabaan” jedhamu tokko qabdi turte; innis fiigichaan gara namicha isa bakkee boolla bishaanii bira jiruu dhaqee,

30amartii funyaanii fi bitawoo harkaa Ribqaa obboleettii isaa irratti argee, isa obboleettiin isaa,“Namichi akkas anaan jedhe” jettes dhaga'e; gara namichaa yeroo dhaqetti, kunoo, namichi gaalota bira boolla bishaanii bukkee in dhaabata ture.

31Laabaan yommus namichaan,“Yaa namicha Waaqayyo eebbise, kottu maaliif bakkee dhaabatta” Ani manicha qopheesseera, gaalotaafis iddoo qopheesseera” jedhe.

32Namichis gara manaa in dhaqe; Laabaanis gaalota irraa hiikee midhaanii fi okaa kenneefii, namichaa fi warra namichaa wajjin adeemaniifis bishaan miillaa in kenne.

33Yeroo nyaanni dhi'aatefitti immoo namichi,“Dhimma koo utuun hin himatin hin nyaadhu!” jedhe; Laabaanis,“Himadhu kaa!” jedhe.

34Yommus namichi,“Ani hojjetaa Abrahaamii dha;

35Waaqayyo, gooftaa koo kana baay'ee eebbisee, nama guddaa isa godheera; inni hojjetoota dhiiraa fi dubartii, bushaayee, saawwa, meetii, warqee, gaalota, harrootas kenneeraaf.

36Saaraan haati manaa gooftaa koos erga lafa guurtee, gooftaa kootiif ilma godhatte; innis wanta qabu hundumaa ilma isaa kanaaf kennuuf jira.

37Gooftaan koo na kaksiisee,“Durboota biyya Kana'aan isa ani keessa jiraadhu keessaa ilma koo hin fuusisin!

38Gara mana abbaa koo gara qomoo koo dhaqiitii, achii durba barbaadii fidiif!” jedhee na abboomeera” jedhe.

39Anis gooftaa kootiin,“Intalattiin na duukaa hin dhuftu ta'a” nan jedhe.

40Inni immoo,“Waaqayyo inni akka deddeebii kootii ilaalu, ergamaa isaa sii wajjin in erga, karaa kees in qajeelcha; atis qomoo koo keessaa mana abbaa kootii keessaa ilma koof durba barbaadii fidiif!

41Waa'ee kakaan koo si irraa bu'uu isaatii immoo, ati gara qomoo koo dhaqxee, isaan sitti hin kennan yoo ta'e, kakaan koo si irraa in bu'a” anaan jedhe.

42Har'a immoo ani dhufee burqituu bishaanii bira yommuun ga'e,“Yaa Waaqayyo, gooftaa isa kan Abrahaam gooftaa kootii, waan ani adeemuuf kana karaa isaa anaaf qajeelchi!

43Kunoo, ani amma burqituu bishaanii bira dhaabadheen jira; ani intala bishaan waraabbachuu dhuftu tokkoon,“Gomboo kee keessaa bishaan xinnoo ishee na obaasi!” nan jedha;

44yommus isheen immoo,“Dhugi, gaalota keefis nan waraaba” yoo anaan jette, isheen kun ishee Waaqayyo ilma gooftaa kootiif yaadee qopheesse haa taatu!” nan jedhe.

45Ani yaada koo keessatti kana dubbadhee utuun hin fixin, kunoo, Ribqaan gomboo gatiittii irratti baattee dhufte; isheen gara boolla bishaanichaatti gad buutee, bishaan waraabde; anis isheedhaan,“Hadaraa, bishaan na obaasi!” nan jedhe.

46Isheen yommus daftee gomboo ishee of irraa gad buuftee,“Ati dhugi, gaalota kees immoo nan obaasa” jette; anis nan dhuge, gaalotas immoo in obaafte.

47Kana booddees,“Ati intala eenyuu ti?” jedheen ishee gaafadhe; isheen immoo deebiftee,“Ani intala Batu'el; innis ilma Naahor, haati isaa immoo Miilkaa dha” jette; ani immoo funyaan isheetti amartii, harka isheettis bitawoo nan kaa'e;

48gad gugguufees Waaqayyoof nan sagade; Waaqayyo gooftaa isa kan Abrahaam gooftaa kootii, isa intala obboleessa gooftaa kootii fuudhee ilma isaatiif akkan geessuuf karaa qajeelaa irra ana buuse nan jajadhe.

49Egaa,“Isin amma gaarummaa fi amanamummaa gooftaa kootti in argisiiftu yoo taatan anatti himaa! Kun yoo ta'uu dhabaates gara bitaatti yookiis mirgaatti akkan goruuf anatti himaa!” jedhe.

50Yommus Laabaanii fi Batu'el deebisanii,“Dubbiin kun Waaqayyo biraa dhufe, nuyi“Kanatu bade, kanatu tole” jennee sitti dubbachuu hin dandeenyu.

51Kunoo! Ribqaan fuula kee dura jirti, fuudhii dhaqi! Akkuma Waaqayyo yaade, ilma gooftaa keetiif haadha manaa haa taatu!” jedhan.

52Hojjetaan Abrahaamis wanta isaan dubbatan kana yommuu dhaga'e, lafatti gad gugguufee Waaqayyoof sagade.

53Hojjetichi kana booddee naqata meetii fi naqata warqee uffata babba'eessa fidee Ribqaadhaaf kenne; obboleessa isheef haadha isheefis immoo kennaa gati-jabeessa in laate.

54Innii fi namoonni isaa wajjin turan nyaatanii dhuganii achuma bulanii, borumtaas ganamaan in ka'an; namichis,“Gara gooftaa kootti nan deebi'a, na geggeessaa!” jedhe.

55Obbooleessi ishee fi haati ishee namichaan,“Intalli hamma guyyaa kudhaniitti illee takka nu bira turtee haa adeemtu!” jedhan.

56Namichi garuu isaaniin,“Waaqayyo karaa koo erga anaaf qajeelchee, gara gooftaa koo akkan dhaquuf na geggeessaa malee, isin ana hin tursinaa!” jedheen.

57Isaanis,“Mee, intala waamnee wanta isheen jettu in gaafanna!” jedhan.

58Ribqaas waamanii,“Namicha kanaa wajjin ammuma in dhaqxaa?” jedhanii in gaafatan; isheenis,“Eyyee nan dhaqa” jette.

59Isaanis Ribqaa obboleettii isaanii, guddisee ishee, hojjetaa Abrahaam, namoota isa duukaa turanis in geggeessan.

60Yommuu kaasanis,“Yaa obboleettii keenyaa! Ati kuma kumaatamaa ta'i! Sanyiin kee karra kellaa warra isa jibbanii haa qabatu, mandaroota isaaniis kan isaa haa godhatu!” jedhanii Ribqaa in eebbisan.

61Ribqaan, xomboreewwan ishees ka'anii gaalota yaabbatanii namicha duukaa in adeeman; innis Ribqaa fuudhee in adeeme.

62Yisihaq yeroo sana gara bishaan boollaa “Be'er-Lahaayi-Ro'i” jedhamuu dhufee, biyya gara mirgaa sana keessa in jiraata ture.

63Innis gaaf tokko gara galgalaa bakkeetti ba'ee yaadaan qabamee utuu adeemuu, ol ilaalee, gaalota as adeemaa jiran arge.

64Ribqaanis ol ilaaltee Yisihaqin argitee, gaala irraa buute;

65yommus isheen hojjetaa ishee fuudhee adeemu sanaan,“Namichi bakkee keessaa as nutti adeemu sun eenyu?” jette; hojjetichis,“Inni ilma goftaa kootii ti” jedhee deebiseef; kana irratti isheen shaashii fudhattee ofitti haguugde.

66Hojjetichis wanta hojjette hundumaa Yisihaqitti hime.

67Yisihaq gara dunkaana Saaraa haadha isaatti ishee in galfate; inni Ribqaa fuudhee, isheenis haadha manaa isaa taate; ishee jaallatee, gadda haadha isaa irraas in jajjabaate.

Ibsa

24:1-9 Fakkeenya gaariin, barsiisa gaariin, fi sagada Waaqayyoo maatii keessatti argamuun bu'aan isaa, hojjetoota biratti Waaqayyoo sodaachuu, amanummaa, ogummaa fi jaalalaan daddafee mul'ata. Maatii akkasii keessa jiraachuun yookaan hojjetoota akkasii qabaachuun, lamaanuu eebbawwan Waaqayyo biraa dhufan kanneen ulfinaan ilaalamuu fi galata galchuun beekamuu qabaniidha.

Haa ta'u malee, jireenya keessatti dhimmi ofii keenyaaf, warra kaaniif yookaan waldaa Waaqayyoof ulfina guddina qabu, fuudhaa fi heeruma caalaa hin jiru. Kanaafuu, dhimmi kun yeroo hundumaa dammaqinaan guddaan fi ogummaan, keessumaa fedha Waaqayyoof xiyyeeffannaa kennuun, akkasumas geggeessaa fi eebba Isaa kadhachuun raawwatamuu qaba. Warri gaariin yoo hin mari'atamne fi yaada isaanii yoo hin fudhatamne, eebbi Waaqayyoo hin eegamu. Warri, ijoollee isaanii dhimma fuudhaa fi heerumaaf yoo kennan, gaarummaa lubbuu isaanii fi karaa gara samiitti isaan tarkaanfachiisuu dammaqinaan mari'achuu qabu.

Ajaaja Abrahaam hojjetaa isaa gaariidhaaf kennee ilaalaa, isa amala isaa, amanummaa fi jaalala isaa, isaafii fi maatii isaatiif qabu, yeroo dheeraadhaaf beeke sana. Akkasumas, Abrahaam Waaqayyo yaamicha ayyaana Isaa tiin isa biyya dhalootaa isaa irraa dinqisiisaatti akka baase ni yaadata; kanaafuu, Inni yaaddoo isaa, jechuunis, ilma isaa achitti deebisuu dhiisuu isaa, akka milkeessu hin shakkine. Waaqayyo dhimma nuti dhugumaan ulfina Isaatiif kaayyeffannu, boqonnaa keenyaan akka xumuramuu godha.

Boqonnaa 24

Gaa'elaafi awwaalchi jijjiirama maatiiwwanii, akkasumas oduu manneen baadiyyaa keessatti beekamaadha. Boqonnaa darbe keessatti Abrahaam haadha manaa isaa awwaaluu isaa ilaalleerra; asitti immoo ilma isaa fuudhuu isaa ilaalla. Seenaawwan maatii isaa kanaa, haalota xixiqqoo isaanii dabalatee, bal'inaan himamaniiru; yeroo sana seenaawwan mootummoota addunyaa turan garuu, jijjiiramoota isaanii wajjin, callisuun awwaalamaniiru; sababiin isaas, Gooftaan kan isaanii ta'an ni beeka. Gaa'ela Yisihaqii fi awwaalcha Saaraa walitti fiduun (akkuma lak. 67tti ibsame) akka "dhaloonni tokko darbee dhaloonni biraa dhufu" nu agarsiisa; akkasumas dhaalmaan uumama namaa fi kakuu lamaanuu ni eegama. Asitti kan jiru:

I. Abrahaam gaa'ela ilma isaa ilaalchisee qabuufi tajaajilaa isaatiif ajaja kenne (lak. 1-9).

II. Tajaajilaan isaa biyya Abrahaamitti deemee, fira isaa keessaa haadha manaa gooftaa isaa isa dargaggeessaaf barbaaduu isaa (lak. 10-14).

III. Qophii Waaqayyoo gaarii ta'e kan isaafi Ribqaa wal barsiise, abbaan Ribqaa obboleessa abbaa Yisihaq ture (lak. 15-28).

IV. Firoota ishee wajjin marii gaa'elaa (lak. 29-49).

V. Eeyyama isaanii argachuu (lak. 50-60).

VI. Walitti dhufiinsaafi gaa'ela Yisihaqii fi Ribqaa kan gammachiisaa ta'e (lak. 61, kkf.).

Lakk. 1-9

Asitti Abrahaam ilaalchisee wantoota sadii ilaaluu dandeenya:

I. Ilma gaarii qabuuf haadha manaa gaarii akka argatuuf, gaa'ela gaarii akka godhatuuf dursa inni kenne. Yeroon isaa amma ture, Yisihaq waggaa afurtama ture; abbootiin isaa waggaa soddomaatti yookiin sana dura fuudhuun aadaa isaanii ture, Boq. 11:14, 18, 22, 24. Abrahaam kakuu maatiin isaa akka ijaaramuuf kenname ni amane, kanaafis hin ariifanne; ariifannaan isaa saffisa gaarii caalaa hin turre. Wantoonni lama yeroo ammaatti akka inni waa'ee kana yaadu isa kakaasan (lak. 1):

1. Inni ofii isaa yeroo dhihootti addunyaa kana dhiisuuf akka jiru, sababiin isaas inni dulloomee, umuriin isaa baay'ee deemeera, kanaafis inni utuu hin du'in ilma isaa akka qajeelu arguun isa gammachiisa ture; akkasumas,

2. Qabeenya gaarii duuba isaa dhiisuuf qaba ture, sababiin isaas Gooftaan wantoota hundumaan isa eebbiseera; eebbi Gooftaa nama sooreessa. Amantiinifi qulqullummaan jireenya alaa akkamitti akka gargaaran ilaalaa. Amma dursa Abrahaam ilma isaa ilaalchisee qabu kan amantaa ture:

(1.) Intala Kana'aan hin fuudhu, garuu fira isaa keessaa tokko akka fuudhu ture. Inni Kana'aanonni cubbuu guddaatti akka deeman arge, akkasumas mul'ataan akka isaan balleeffamuuf karoorfaman beeka ture, kanaafis ilma isaa isaan gidduutti hin fuusisu, akka isaan lubbuu isaatiif gufuu yookiin maqaa isaatiif xurii hin taaneef.

(2.) Haa ta'u malee, biyya Kana'aan dhiisee firoota isaa bira hin deemu, haadha manaa filachuufillee hin deemu, akka achitti hin hafnneef. Akkaataa itti of eeguun kun lak. 6tti kennameera, akkasumas lak. 8tti irra deebi'ameera. "Ilma koo achitti deebisii hin fidin, wanti kamiyyuu haa ta'u. Haadha manaa dhabuu wayya malee, qorumsa sanaaf of hin saaxilin." Hubachiisa: Warri ijoollee isaanii gaa'elaan kennuuf yeroo yaadan, fayyaa lubbuu isaanii fi gara samiitti karaa isaanii irratti guddina isaanii sirriitti mari'achuu qabu. Warri ayyaanaan manca'ina addunyaa keessa jiru kan fedhii foonii irraa dhufe jalaa ba'anii, ijoollee isaanii akkasitti guddisan, wanta isaan irra deebi'anii keessatti hidhamanii mo'atamuu danda'an hojjechuu irraa of eeguu qabu, 2 Phe. 2:20. Achitti deebisanii akka hin fidne of eegaa, Ibroota 11:15.

II. Tajaajilaa gaariidhaaf ajaja inni kenne, inni Elii'ezer Dimaasqoo'ii ta'uu danda'a, kan amala isaa, amanamummaa isaa, fi jaalala isaa isaafi maatii isaatiif qabu yeroo dheeraaf beeka ture. Inni dhimma guddaa kana isaaf kenne, Yisihaqiif ofii isaatiif hin kennine, sababiin isaas Yisihaq biyya sana keessa akka hin deemne barbaada ture, garuu achitti bakka bu'aa isaatiin akka fuudhu barbaade; bakka bu'aan mana isaa kana caalu hin jiru. Dhimmi kun gooftaafi tajaajilaa gidduutti xiyyeeffannaafi kabaja guddaan murtaa'eera.

1. Tajaajilaan Yisihaqiif firoota isaa keessaa haadha manaa argachuuf wanta danda'u hunda akka godhu kakataadhaan hidhamuu qaba, lak. 2-4. Abrahaam isa kakachiise, gammachuu ofii isaatiifis ta'e, tajaajilaan isaa dhimma kana keessatti xiyyeeffannaafi cimina danda'amu hunda akka godhuuf. Akkasumas Waaqayyo tajaajiltoota isaa hojii isaaniitiif kakachiisa, akka kakatanii raawwatan. Asitti Waaqayyo bara baraa ni kabajama; inni kan kakatamuufi, kan iyyannoon kun isa qofaaf dhihaachuu qabu.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6