Hezeqeel 9

GAZGAZAfaan Oromoo11 Keeyyattoota3:46 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:46 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee inni sagalee guddaadhaan,“Warri mandarattii adaban hundinuu adduma addaan mi'a waraanaa harkatti qabatanii as haa dhi'aatan!” jedhee waamuu isaa nan dhaga'e.

2Namoonni ja'as kunoo adduma addaan mi'a waraanaa isa ittiin balleessan harkatti qabatanii, karaa balbala kellaa isa gara olii isa gara harka bitaatti gara galee jiruu in dhufan; namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, qodaa qalamii ittiin caafanii mudhii isaattii qabu tokkos isaan gidduu ture; isaanis ol lixanii iddoo aarsaa isa sibiila borrajjii irraa hojjetame bukkee in dhaabatan.

3Ulfinni Waaqayyoo isa kan Israa'elis Kiruubel isa irra buufatee ture sana irraa ka'ee, gara buusaa balbala manichaa dhaqee, namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, qodaa qalamii ittiin caafanii mudhii isaattii qabu sana in waame.

4Waaqayyo yommus namichaan,“Mandara Yerusaalem keessa adeemiitii adda namoota warra sababii wanti ciiggaasisaan as keessatti hojjetameef gaddanii boo'anitti milikkita godhi!” jedhe.

5Ammas utuman dhaga'uu warra kaaniin immoo,“Isa booddeedhaan mandarattii keessa adeemaatii garaan keessan utuu isaaniif hin oo'in utuu hin hiliniifis rukutaa!

6Iddoo koo isa qulqullaa'aatti jalqabaatii, jaarsa, dubartii, dargaggeessa, durba, ijoollee xixinnoo, ajjeesaa! Haa ta'u iyyuu malee, warra milikkita of irraa qaban keessaa nama tokkotti illee hin dhi'aatinaa!” jedhe; isaanis jaarsolii mana qulqullummaa dura turanitti in jalqaban.

7Ammas isaaniin,“Manicha qulqullummaa xureessaa, reeffa warra ajjeefamaniis oobdii keessa guutaatii achii adeemaa!” jedhe; isaanis ba'anii mandarattii keessa naanna'anii ajjeesuu jalqaban.

8Utuu isaan rukutaa jiraniis ani kophaa kootti hafee, adda kootiin gad gombifamee,“Yaa Waaqayyo gooftaa! Dheekkamsa kee isa Yerusaalem irratti dhangalaafteen Israa'el keessaa warra hafan hundumaa in balleessitaa ree?” jedhee nan iyye.

9Inni garuu,“Yakki mana Israa'elii fi mana Yihudaa sonaan guddaa dha; isaan “Waaqayyo biyyicha dhiiseera, Waaqayyo hin argus” waan jedhaniif, biyyicha keessa dhiiga dhangalaasuun, mandarattii keessas jal'inni guuteera.

10Ani garuu akka hojiin isaaniittan mataa isaaniitti deebisa malee, garaan koo isaaniif hin oo'u hin hiluufis” jedhee anaaf deebise.

11Kunoo, namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, qodaa qalamii ittiin caafanii mudhii isaattii qabu sun dhufee,“Ani akka ati ana abboomte godheera” jedhee, isatti dubbate.

Ibsa

9:1-4

Baddeessitootaa fi badiisota gidduutti Giddu galeessaa, Lubaa Ol'aanaa guddaan tokko, isa samiitti dhimma qabuu fi qulqulloonni lafarraa isa keessa dhimma qaban akka jiru amantootaaf jajjabina guddaadha. Bifni ulfina Waaqayyoo sanduuqa kakuu gubbaa irraa gara alaabaa balbalaa deemee, Goftaan teessoo araaraa isaa dhiisuuf, akkasumas saba irratti firdii labsuuf akka jiru agarsiisa ture. Mallattoon adda baasaa saba jalaa hafuu kanaa isa baraaramuuf jedhu, waan jibbisiisaa Yerusaalem keessa jiru irraa kan ka'e Waaqayyoof kadhannaan garaa gaduudhaan iyyanii fi booya…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG እርሱም፦ እያንዳንዳቸው የሚያጠፋ መሣሪያን በእጃቸው ይዘው ከተማይቱን የሚቀሥፉ ይቅረቡ፡ ብሎ በታላቅ ድምፅ በጆሮዬ ጮኸ። አማርኛ ENGNIV Then I heard him call out in a loud voice, “Bring the guards of the city here, each with a weapon in his hand.” English BCV ኣብ ኣእዛነይ ከዓ፥ እቶም ነታ ኸተማ ዝቐፅዑ፥ ነፍሲ ወከፎም ነቲ ዘጥፍአሉ ኣፅዋር ኣብ ኢዱ ሒዙ ይቕረብ፥ እናበለ ዓው ኢሉ ድምፂ ኣስምዐ። ትግርኛ GAZBIB Kana booddee inni sagalee guddaadhaan,“Warri mandarattii adaban hundinuu adduma addaan mi'a waraanaa harkatti qabatanii… Afaan Oromoo BCV GIZ ወከልሐ በዓቢይ ቃል ውስተ እዝንየ፡ ወይቤ፦ አልፀቀ መቅሠፍትየ በዛ ሀገር ወለኵሎሙ ጕድብ ውስተ እደዊሆሙ በዘይሤርዎሙ። giz BCV aksum ኣብ ኣእዛነይ ከዓ፥ እቶም ነታ ኸተማ ዝቐፅዑ፥ ነፍሲ ወከፎም ነቲ ዘጥፍአሉ ኣፅዋር ኣብ ኢዱ ሒዙ ይቕረብ፥ እናበለ ዓው ኢሉ ድምፂ ኣስምዐ። ትግርኛ AMHNIV ከዚያም እኔ እየሰማሁ ከፍ ባለ ድምፅ፣ “እያንዳንዳቸው በእጃቸው የጦር መሣሪያ የያዙ፣ ከተማዪቱን የሚቀጡ ወደዚህ ይምጡ” ብሎ ከፍ ባለ ድምፅ ጮኸ። አማርኛ SWAHSUV Kisha akalia kwa sauti kuu masikioni mwangu, akisema, Waamuru wale wanaousimamia mji wakaribie, kila mmoja na awe na ki… Kiswahili