Hezeqeel 48

GAZGAZAfaan Oromoo35 Keeyyattoota10:17 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:17 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Maqaan gosoota sanaas kanatti aanee jira;“Gosi Daan ga'aa tokko argata; daariin isaas karaa dhuma gara bitaa galaana irraa ka'ee harka karaa gara Hetloon dhaqu irra hamma karra Haamaatitti, darbees hamma Hazar-Enonitti; karaa daarii Damaasqoo immoo Haamaatiin gara bitaatti hambisee, gara ba'a-biiftuutii ka'ee hamma lixa-biiftuutti.

2“Daarii Daanitti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Asheer ga'aa tokko argata.

3“Daarii Asheeritti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Niftaalem ga'aa tokko argata.

4“Daarii Niftaalemitti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii jalqabee hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Minaasee ga'aa tokko argata.

5“Daarii Minaaseetti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii jalqabee hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Efreem ga'aa tokko argata.

6“Daarii Efreemitti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii jalqabee hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Ruuben ga'aa tokko argata.

7“Daarii Ruubenitti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii jalqabee hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Yihudaa ga'aa tokko argata.

8“Daarii Yihudaatti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii jalqabee hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti kan jiru immoo, qooda isa ati kennaa addaa gootee dhi'eessitu haa ta'u! Inni bal'inni isaa dhundhuma kuma digdamii shan, hojjaan isaa immoo gara ba'a-biiftuutii jalqabee hamma gara lixa-biiftuutti ga'aa gosa tokkoo sanaa wajjin wal haa qixxaatu; iddoon qulqullaa'aanis walakkaa isaatti haa ta'u!

9Qoodni isin kennaa addaa gootanii Waaqayyoof dhi'eessitan dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shan, bal'inni isaa dhundhuma kuma kudhan haa ta'u!

10Kennaan addaan baafamu inni qulqullaa'aan kun lubootaaf haa ta'u! Innis karaa gara bitaa dhundhuma kuma digdamii shan, bal'inni isaa karaa gara lixa-biiftuu dhundhuma kuma kudhan, karaa gara ba'a-biiftuu immoo dhundhuma kuma kudhan, dheerinni isaa karaa gara mirgaa dhundhuma kuma digdamii shan haa ta'u! Iddoon qulqullaa'aan inni kan Waaqayyoos walakkaa isaatti haa argamu!

11Kun immoo luboota warra ilmaan Zaadoq keessaa qulqullaa'anii yeroo namoonni Israa'el karaa irraa jal'atan Lewwoota warra kaanii wajjin utuu karaa irraa hin jal'atin wanta ani isaan abboome eeganiif haa ta'u!

12Kun qooda kennaa qulqullaa'aa isa kan biyyichaa, isa iddoo hundumaa caalaa qulqullaa'aa ta'e daarii warra Lewwootaa isa jiru keessaa kennaa addaa isaaniif haa ta'u!

13“Karaa daarii warra lubootaa, warri Lewwootaas hirmaata dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shanii, bal'inni isaa dhundhuma kuma kudhanii haa qabaatan! Guutummaatti dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shan, bal'inni isaa kuma kudhan in ta'a.

14Isaan immoo gar tokkoo isaa illee hin gurgurin, hin geddarinis! Qoodni biyyicha keessaa fo'ame kun Waaqayyoof qulqullaa'aa waan ta'eef, darbee harka nama biraatti hin kennamin!

15“Lafti inni irraa hafe, inni bal'inni isaa dhundhuma kuma shanii fi dheerinni isaa dhundhuma kuma digdamii shanii immoo wanta walii wajjin itti hojjetaniif, mandaraaf, iddoo taa'umsaaf, lafa tikaafis haa ta'u! Mandarattiinis walakkaa isaatti haa ijaaramtu!

16Safarri ishees, karaa gara bitaa dhundhuma kuma afurii fi dhibba shan, karaa gara mirgaa dhundhuma kuma afurii fi dhibba shan, karaa gara ba'a-biiftuu dhundhuma kuma afurii fi dhibba shan, karaa gara lixa-biiftuus dhundhuma kuma afurii fi dhibba shan haa ta'u!

17Lafti tikaa inni kan mandarattiis, karaa gara bitaa dhundhuma dhibba lamaa fi shantama, karaa gara mirgaa dhundhuma dhibba lamaa fi shantama, karaa gara ba'a-biiftuu dhundhuma dhibba lamaa fi shantama, karaa gara lixa-biiftuus dhundhuma dhibba lamaa fi shantama haa ta'u!

18Iddoo sana irraa hafee, duukaa hojjaa isa qooda qulqullaa'aa sana keessaa kennaa addaa ta'ee inni kaa'ame immoo, gara ba'a-biiftuutti dhundhuma kuma kudhan, gara lixa-biiftuuttis dhundhuma kuma kudhan haa ta'u! Kunis duukaa qooda isa qulqullaa'aa sanaa ta'uutu irra jira; wanti isa irraa galu immoo hojjetoota mandarattii sanaaf nyaata haa ta'u!

19Warri mandarattiidhaaf hojjetan laficha haa qotan! Isaanis gosa Israa'el hundumaa keessaa haa ta'an!

20Guutummaan qooda isin kennaa addaa gootanii keessanis cinaachi isaa adduma addaan dhundhuma kuma digdamii shan ta'ee, cinnaachi arfanuu wal haa qixxaatu! Kanas qooda isa qulqullaa'aaf isa mandarattiidhaaf qabeenya ta'e sanaa wajjin in kennitu.

21“Karaa gara lamaanuu qooda qulqullaa'aa irraa akkasumas qabeenya mandarattii irraa kan hafu, fuullee kennaan addaa inni dhundhuma kuma digdamii shanii sun ga'ee dhaabatuu hamma daarii isa karaa ba'a-biiftuutti, gara lixa-biiftuuttis fuullee inni dhundhuma kuma digdamii shanii sun ga'ee dhaabatuu hamma daarii isa karaa lixa biiftuutti inni hirmaata gosaa duukaa jiru kan guddaa biyyaa haa ta'u! Innis kennaa addaa isa qulqullaa'aa isa iddoon qulqullaa'aan manicha qulqullummaa walakkaa isaatti argamu haa ta'u!

22Qabeenyi warra Lewwootaa fi kan warra mandarattii qabeenya isa kan guddaa biyyaa sana gidduutti argama; ga'aan guddaa biyyaas daarii Yihudaa fi daarii Benyaamiin gidduutti argama.

23“Gosi warri hafan immoo, gosi Benyaamiin cinaacha gara ba'a-biiftuutii hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti ga'aa tokko argata.

24“Daarii Benyaamiinitti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Shimi'oon ga'aa tokko argata.

25“Daarii Shimi'oonitti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Yisaakor ga'aa tokko argata.

26“Daarii Yisaakoritti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Zebuloon ga'aa tokko argata.

27“Daarii Zebuloonitti aanee cinaacha gara ba'a-biiftuutii hamma cinaacha gara lixa-biiftuutti, gosi Gaadi ga'aa tokko argata.

28“Daarii Gaaditti aanee gara harka mirgaatiin, daariin isaa Taamaarii ka'ee gara mirgaatti hamma bishaan Mariibaa-Qaadeshitti in adeema; achii immoo karaa laga Gibxii ba'ee hamma galaana isa guddaatti in adeema.

29“Lafti isin dhaala gootanii buufata mukaatiin gosa Israa'eliif hirtan isa kana; ga'aan isaaniis isaan kana” jedhe; kana Waaqayyo gooftaatu dubbate.

30Karrawwan mandarattii keessaa ittiin ba'an warra kanatti aananii jiranii dha;“Cinnaachi gara bitaa safarri isaa dhundhuma kuma afurii fi dhibba shan;

31karri mandarattii maqaa gosa Israa'eliin in waamaman; karri sadan karaa gara bitaa jiran,“Karra Ruuben, karra Yihudaa, karra Lewwii” jedhamu.

32“Karaa cinaacha gara ba'a-biiftuu mandarattii isa safarri isaa dhundhuma kuma afurii fi dhibba shanii, karra sadiitu jira; isaanis,“Karra Yoseef, karra Benyaamiin, karra Daan” jedhamu.

33“Karaa cinaacha gara mirgaa mandarattii isa safarri isaa dhundhuma kuma afurii fi dhibba shanii, karra sadiitu jira; isaanis,“Karra Shimi'oon, karra Yisaakor, karra Zebuloon” jedhamu.

34“Karaa cinaacha gara lixa-biiftuu mandarattii isa safarri isaa dhundhuma kuma afurii fi dhibba shanii, karra sadiitu jira; isaanis,“Karra Gaadi, karra Asheer, karra Niftaalem” jedhamu.

35Guutummaan naannoo mandarattii dhundhuma kuma kudha saddeet; guyyaa sanaa jalqabee maqaan mandarattii“Waaqayyo achi jira” in jedhama” jedhe.

Ibsa

48:1-35 Asitti hirmaa lafaa gosa hundumaaf qoodamee jiruufi isa gosa tokko tokkoo ilaallatu argina. Yeroo wangeelaa keessa, kunoo, wanti hundumtuu haaraa ta'eera. Wanti hedduun mallattoowwaniifi lakkoofsotaan marfamee jira. Haala kana Waaqayyo dubbii Isaa keessatti dhugaa iccitii qabu, hanga yeroofi sa'aatii sirrii dhufutti ifatti hin mul'ifamne, ibsuuf fayyadameera. Haa ta'u malee, gara waldaa Kiristoositti, haala waraana isheefi moo'ummaa ishee lamaanuu kee…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG የነገዶችም ስም ይህ ነው። በሔትሎን መንገድ አጠገብ ወደ ሐማት መግቢያ በደማስቆም ድንበር ባለው በሐጸርዔናን በሐማትም አጠገብ በሰሜን በኩል ካለው ከሰሜን ድንበር ይጀምራል። ወርዳቸውም ከም… አማርኛ ENGNIV “These are the tribes, listed by name: At the northern frontier, Dan will have one portion; it will follow the Hethlon … English BCV ስማት እቶም ነገድ እዙይ እዩ፤ ካብ ወገን ሰሜን ሒዙ ብጥቓ መንገዲ ሃትሎን ክሳዕ ሃማትን ክሳዕ ኣሶር ዔናንን ወሰን ደማስቆ ናብ ሰሜን፥ ኣብ ጥቓ ሃማት ኣቢሉ፥ ካብ ምብራቕ፥ ክሳዕ ምዕራብ… ትግርኛ GAZBIB Maqaan gosoota sanaas kanatti aanee jira;“Gosi Daan ga'aa tokko argata; daariin isaas karaa dhuma gara bitaa galaana ir… Afaan Oromoo BCV GIZ ወዝውእቱ አስማቲሆሙ ለእለ ቀደሙ ነገድ እምወሰን ሰሜናዊ፡ ኀበ እደ ፍኖተ ሔትሎን ለበዊአ ኤማት ሐጻረ ኤኖን፡ ደወለ ደማስቆ ሰሜናዊ ኀበ እደ ኤማት፡ ወይከውን ሎቱ እመንገለ ጽባሕ እስከ ባ… giz BCV aksum ስማት እቶም ነገድ እዙይ እዩ፤ ካብ ወገን ሰሜን ሒዙ ብጥቓ መንገዲ ሃትሎን ክሳዕ ሃማትን ክሳዕ ኣሶር ዔናንን ወሰን ደማስቆ ናብ ሰሜን፥ ኣብ ጥቓ ሃማት ኣቢሉ፥ ካብ ምብራቕ፥ ክሳዕ ምዕራብ… ትግርኛ AMHNIV “ስማቸው የተዘረዘረው ነገዶች እነዚህ ናቸው፤ በሰሜኑ ድንበር የዳን ነገድ አንድ ድርሻ ይኖረዋል፤ ይህም የሔትሎንን መንገድ ተከትሎ እስከ ሐማት መተላለፊያ ይደርሳል። ሐጸርዔናንና ከሐማት ቀ… አማርኛ SWAHSUV Basi, haya ndiyo majina ya kabila hizo; toka mwisho wa pande za kaskazini, karibu na njia ya Hethloni, hata maingilio y… Kiswahili