Hezeqeel 47

GAZBIBAfaan Oromoo23 Keeyyattoota5:37 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 5:37 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Kana booddee namichi gara balbala mana qulqullummaatti deebisee na fide; manni qulqullummaa gara ba'a-biiftuutti gara galee waan jiruuf, buusaa balbala mana qulqullummaa sana jalaa bishaan burqee gara ba'a-biiftuutti utuu yaa'uu nan arge; bishaanichis iddoo aarsaa irraa harka mirgaa, cinaacha mana qulqullummaa isa gara mirgaa jalaa in yaa'a ture.

2Ergasii immoo karaa karra gara bitaa gad na baasee, dugda duubaan gara karra isa duubaa isa gara ba'a-biiftuutti gara galutti na geesse; bishaanichis karaa gara mirgaa irra alatti in yaa'a ture.

3Namichi ulee safaraa isaa of harkatti qabatee yeroo gara ba'a-biiftuutti ba'e, dhundhuma kuma tokko in safare; ana immoo bishaanicha isa gulubii ga'u sana keessa na adeemsise.

4Dhundhuma kuma tokko immoo safaree, bishaanicha keessa na adeemsise; bishaanichis jilba in ga'a ture; ammas dhundhuma kuma tokko safaree bishaanicha keessa na adeemsise; bishaanichis mudhii in ga'a ture.

5Itti dabalees dhundhuma kuma tokko in safare; bishaanichis ol ka'ee, kan namni daakaadhaan malee ce'uu hin dandeenye waan ta'eef, anis keessa adeemee ce'uu hin dandeenye.

6Namichi immoo,“Yaa mucaa namaa! Ati kana argiteettaa?” naan jedhe. Kana booddee qarqara bishaanichaa irra deebisee na geesse.

7Utuun deebi'aa jiruus qarqara bishaanichaa garanaa fi garasiin mukkeetii sonaan baay'ee nan arge.

8Ergasii namichi,“Bishaan kun gara kutaa biyya gara ba'a-biiftuutti yaa'ee, gara Arabaayitti gad jal'atee galaanatti in gala; yeroo inni galaanichatti nam'us bishaan galaanichaa in haara'a.

9Lafa bishaanichi ga'e hundumaas uumamni lubbuu qabaatee totocho'u hundinuu in jiraata; bishaan kun, bishaanota galaanichaatti galee waan haaressuuf achitti qurxummiin sonaan baay'een in argamu; kanaaf lafuma bishaanichi ga'u wanti hundinuu in jiraata.

10Warri qurxummii qaban qarqara isaa irra in ijaajju; En-Gediidhaa hamma En-Eglaayimitti iddoo itti kiyyoo diriirsanii qoorfatan in ta'a; qurxummiin isaa immoo akka qurxummii galaana guddichaa gosi isaa sonaan baay'ee dha.

11Dhaqdhaqiin isaa fi kuufamni isaa garuu soogidda ta'u malee, hin haareffaman!

12Qarqara lagichaa garasii fi garanaan mukti iji isaa nyaatamu akaakuun garaa garaa jira; bishaan lagichaa iddoo qulqullaa'aa keessaa waan ba'uuf mukkeetiin sun baalli isaanii hin harca'u, ji'a ji'aanis ija in godhatu malee hin dhaban; iji isaanii nyaataaf baalli isaanii immoo qorichaaf in ta'a” naan jedhe.

13Waaqayyo gooftaan,“Daariin isin biyyicha akka gosa Israa'el kudha lamaaniitti dhaala gootanii ittiin hirmaattan akka kanatti fufee jiru in ta'a; Yoseef qooda lama haa qabaatu!

14Biyya kana abboota keessaniif kennuudhaaf harka koo ol fuudhee waanan kakadheef, biyyi kun dhaala keessan ta'ee isiniif haa hiramu; isinis isa tokkoof akkuma isa kaaniitti wal qixxeetti hiraaf!

15“Egaa daariin biyyichaa akka kanatti aanu haa ta'u! Karaa gara bitaa, galaana guddicha irraa ka'ee karaa Hetloon hamma karra Haamaatitti, darbees hamma Zedaaditti,

16Berootaa, Siibraayim isa daarii Damaasqoo fi daarii Haamaat gidduu, Haazer-Hatiikon isa karaa daarii Hawuraan;

17akkasitti daariin isaa galaanicha irraa hamma Hazar-Enon isa daarii Damaasqoo gara bitaa akkasumas gara bitaatiin hamma daarii Haamaatitti in ta'a; kun daarii biyyichaa isa gara bitaa ti.

18“Karaa gara ba'a-biiftuu immoo daariin isaa Hawuraanii fi Damaasqoo gidduu ba'ee, Yordaanosin dha'atee Giil'aadii fi biyya Israa'el gidduudhaan, hamma galaana ba'a-biiftuu fi hamma Taamaaritti in adeema; daariin isaa karaa gara ba'a-biiftuu isa kana.

19“Karaa gara mirgaa Taamaarii ka'ee, hamma bishaan Mariibaa-Qaadeshitti, darbees karaa laga Gibxii hamma galaana guddichaatti in adeema; daariin isaa karaa gara mirgaa isa kana.

20“Gara lixa-biiftuutiin immoo hamma fuullee karra Haamaat sanaatti galaanni guddichi daarii isaa in ta'a; daariin isaa karaa gara lixa-biiftuu isa kana.

21“Isin gosoonni Israa'el akkasitti biyya kana hirmaadhaa!

22Isin ofii keessaniif, warra orma biyya keessanitti galanii isin gidduutti ijoollee godhataniifis, dhaala godhaatii buufata mukaatiin hiraa! Isaan akkuma ijoollee Israa'el warra dhaloota biyyaa haa ta'an, gosa Israa'el gidduudhaas buufata mukaatiin dhaala haa hirmaatan!

23Namni galaan sun gosa kam keessa iyyuu yoo jiraate, isin dhaala isaa achumaa kennaafii!” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

Ibsa

47:1-23

Bishaannii kunniin Wangeela Kiristoos, kan Yerusaalemii ba'ee biyyoota naannoo ishee jiranitti faffaca'e, akkasumas kennaawwanifi humnoota Qulqulluu Hafuurii isaan waliin dhufan, isaan sababa isaanitiin fagoo faffaca'eefi bu'aawwan eebbifamoo fideera kan agarsiisanii dha. Kiristoos mana qulqullummaa dha; innis balbala dha; bishaanni jireenyaa isa irraa madda, cinaacha isaa warra waraaname irraa. Isaan bishaan dabalaa dha. Wangeelli addunyaa keessatti akkamitti akka adeemsa godhaa jiru, akkasumas hojiin ayyaana garaa keessatti akkamitti akka hojjetamu ilaalaa; sochiiwwan Hafuurii Eebbifamaa qajeelcha Waaqayyoo jala jiru hordofaa.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ወደ መቅደሱም መዝጊያ መለሰኝ፤ እነሆም፥ ውኃ ከቤቱ መድረክ በታች ወደ ምሥራቅ ይወጣ ነበር፥ የቤቱ ፊት ወደ ምሥራቅ ይመለከት ነበርና፤ ውኃውም ከቤቱ ከቀኝ ወገን በታች በመሠዊያው በደቡብ … አማርኛ ENGNIV The man brought me back to the entrance of the temple, and I saw water coming out from under the threshold of the templ… English BCV ንሱ ድማ ናብ ደገ እታ ቤተ መቕደስ መለሰኒ፤ ገፅ እታ ቤት ናብ ምብራቕ ኣቢሉ እዩ ዝርኢ እሞ፥ እንሆ ማያት ካብ ትሕቲ መድረኽ እታ ቤት፥ ናብ ምብራቕ ኣቢሉ ወፀ፤ እቲ ማያት ከዓ ኻብ ታሕ… ትግርኛ BCV GIZ ወሜጠኒ ኀበ ኆኅተ ቤት፡ ወናሁ ማያት ይወጽኡ እምታሕተ መድረክ ቤት ጽባሐዊ እስመ ገጸ ቤት ለጽባሕ ወማያት ይወርዱ እምታሕተ መትከፈ ቤት ዘየማን እምደቡበ ምሥዋዕ። giz GAZGAZ Kana booddee namichi gara balbala mana qulqullummaatti deebisee na fide; manni qulqullummaa gara ba'a-biiftuutti gara g… Afaan Oromoo BCV aksum ንሱ ድማ ናብ ደገ እታ ቤተ መቕደስ መለሰኒ፤ ገፅ እታ ቤት ናብ ምብራቕ ኣቢሉ እዩ ዝርኢ እሞ፥ እንሆ ማያት ካብ ትሕቲ መድረኽ እታ ቤት፥ ናብ ምብራቕ ኣቢሉ ወፀ፤ እቲ ማያት ከዓ ኻብ ታሕ… ትግርኛ AMHNIV ከዚያም ያ ሰው ወደ ቤተ መቅደሱ መግቢያ መልሶ አመጣኝ፤ ከቤተ መቅደሱ መድረክ ሥር ውሃ እየወጣ፣ ወደ ምሥራቅ ይፈስ ነበር፤ ቤተ መቅደሱ ለምሥራቅ ትይዩ ነበርና። ውሃው ከቤተ መቅደሱ በስተ… አማርኛ SWAHSUV Baadaye akanileta tena mpaka lango la nyumba; na tazama, maji yalitoka chini ya kizingiti cha nyumba, kwa njia ya masha… Kiswahili