Hezeqeel 15

GAZBIBAfaan Oromoo8 Keeyyattoota1:39 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 1:39 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Dubbiin Waaqayyoo ammas gara koo dhufee,

2“Yaa mucaa namaa! Mukti waynii muka kan biraa irra, dameen isaas damee mukkeetii caakkaa keessa jiran irra attamitti caala”

3Mukti wanta waa'ee baasu ittiin hojjetan isa irraa argamee beekaa ree” Namni qodaa itti fannifachuudhaaf isa irraa hokkoo tolfatee beekaa ree”

4Inni kunoo, akka qoraaniitti ibiddatti in naqama; ibiddi fiixee isaa lamaan fixee gidduu isaa immoo erga laballabee, waanuma tokkoof iyyuu waa'ee in baasaa ree”

5Kunoo! Utuma fayyaatti jiruu iyyuu homaafuu erga waa'ee hin baafnee, erga ibiddi gubee laballabee immoo wanti waa'ee baasu isa irraa hojjetamuu danda'aa ree?” jedhe.

6Kanaafis Waaqayyo gooftaan,“Akkuma ani muka waynii mukkeetii caakkaa keessa jiran gidduudhaa ibiddatti naqee gube, warra Yerusaalem jiraatanis akkasuma nan godha;

7anis isaaniin mormuudhaaf fuula koo gara isaaniitti nan deebisa, ibidda jalaa yoo ba'anis ibiddumatu isaan fixa; yommuu ani isaaniin mormuudhaaf fuula koo gara isaaniitti deebisu, ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu.

8Sababii isaan anaaf amanamuu didaniif ani biyyicha nan onsa” jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.

Ibsa

15:1-8 Yerusaalem akka wayinii ija hin qabnee.

Wayiniin yoo ija qabeessa ta'e, baay'ee gatii qabeessa dha. Yoo ija hin qabaanne garuu, gatii hin qabu, bu'aa hin qabu, gara ibiddaatti gatama. Haaluma kanaan, namaanis Waaqayyoof jiraachuudhaan ija gatii qabeessa fiduu danda'a; kunis kaayy…

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6