Ba'uu 12

GAZBIBAfaan Oromoo51 Keeyyattoota10:33 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 10:33 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Waaqayyo ergasiis biyya Gibxii keessatti Museedhaa fi Aaroniin,

2“Ji'i kun isiniif ji'a isa jalqabaa haa ta'u, ji'a waggaa keessaas ji'a isa duraa isiniif haa ta'u!

3Guutummaa waldaa warra Israa'elitti himaa, ji'a kanattii guyyaa kurnaffaatti, namni akka mana mana isaatti xobbaallaa tokko maatii tokkoof haa fudhatu!

4Warri mana tokko keessa jiran xobbaallaa tokkoof muraasa yoo ta'an garuu, namni tokko akkuma baay'ina namoota isaatiitti ollaa isatti aanu tokkoo wajjin haa fudhatu! Xobbaallaa sanaaf hamma namni tokko nyaachuu danda'u shalaguudhaan nama in lakkooftu.

5Xobbaallaan kun korbeessa waggaa tokkoo isa mudaa hin qabne haa ta'u! Isa, hoolaa yookiis reettii keessaa in fudhattu.

6Korbeessicha ji'a kanattii hamma guyyaa kudha afuraffaatti keessanii, gaafas dimimmisa galgalaatti wal ga'iin waldaa Israa'el hundumti keessan korbeeyyii keessan adduma addaan in qalattu.

7Yommus warri qalan dhiiga isaa irraa fuudhanii michichila balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa lamaanuu, buusaa mataa balbalaa manneen xobbaallicha keessatti nyaataniitti haa diban!

8Isaan foonicha immoo halkanuma sana haa nyaatan! Foonichi ibiddaan waadamee, maxinoodhaa fi biqiltuu urgooftuu hadhaa'uu wajjin nyaatamuutu irra jira.

9Foonicha waaddii malee, dheedhii yookiis bishaan itti naqxanii affeeltanii hin nyaatinaa! Inni mataa isaa, many'ee isaa, mi'a garaa isaa hundumaa wajjin in waadama;

10isa irraa waan tokko illee hamma ganamaatti hin hambisinaa; waan hamma ganamaatti irraa hafe immoo ibiddaan gubaa!

11Yeroo nyaattan, mudhii keessan hidhattanii, kophee miilla keessanii isa baaqqee miillatti kaa'attanii, ulee keessan harkatti qabattanii, ariitiidhaan nyaadhaa! Inni Faasiikaa Waaqayyoo ti! [“Faasiikaa” jechuun “Bira darbuu” jechuu dha].

12“Ani halkan sana biyya Gibxii keessa nan darba, angafa biyya Gibxiis namaa hamma horiitti nan dha'a; ani Waaqayyo, waaqayyolii warra Gibxii hundumaa irratti firdii nan raawwadha.

13Dhiigni manneetii isin keessa jiraattanitti jiru garuu milikkita isiniif in ta'a; anis dhiigicha yommuun argu isin irra nan darba; yeroo ani dha'icha kana biyya Gibxiitti fidutti, isin balleessuudhaaf dha'ichi tokko illee isinitti hin bu'u.

14Guyyaan kun seenaadhaaf isiniif haa ta'u; isa akka guyyaa cidhaatti Waaqayyoof in ayyaanessitu! Dhaloota dhaloota keessaniittis akka seera bara baraatti in ayyaanessitu!” jedhe.

15Waaqayyo,“Isin guyyaa torba maxinoo in nyaattu; guyyaa isa duraatii jalqabee hamma guyyaa isa torbaffaatti, namni wanta raacitii qabu nyaate, Israa'el keessaa waan balleeffamuuf, guyyaa duraatti raacitiin mana keessan keessatti akka hin argamne in gootu.

16Isin guyyaa duraatti ammas immoo guyyaa torbaffaatti wal waamtanii wal ga'ii qulqullaa'aa in godhattu; guyyoota sanatti hojiin tokko illee hin hojjetamu, wanta namni mata mataatti nyaatu garuu in hojjetattu.

17Ani macca keessan guyyaa kanatti biyya Gibxii keessaa waanan baasuuf, isin immoo dhaloota dhaloota keessanii keessatti guyyaa kana akka seera bara baraatti in eegdu.

18Ji'a isa duraa, ji'ichattiis guyyaa kudha afuraffaa galgala maxinoo in nyaattu; hamma ji'ichattii guyyaa digdamii tokkoffaa galgalaatti akkasuma in gootu.

19Namni tokko illee wanta raacitii qabu yoo nyaate, galaa yoo ta'es, dhaloota biyyaa yoo ta'es, namni sun waldaa Israa'el keessaa waan balleeffamuuf, raacitiin tokko illee guyyoota torban sanaaf manneen keessan keessatti hin argamin!

20Wanta raacitii qabu tokko illee hin nyaatinaa, lafa jiraattan hundumaatti wanta raacitii hin qabne nyaadhaa!” jedhe.

21Yommus Museen maanguddoota Israa'el hundumaa waamee,“Akka maatii keessaniitti bushaayee keessaa tokko fudhadhaatii xobbaallaa Faasiikaa sana qaladhaa!

22Baala hisooph qabaatti fudhadhaatii, dhiigicha waciitii keessaa sana keessa cuuphaa, dhiigicha waciitii keessaa sana irraas buusaa balbalaa fi michichila lamaanitti dibaa! Isin keessaa immoo namni tokko illee hamma bari'utti manaa isaatii gad hin ba'in!

23Warra Gibxii dha'uudhaaf Waaqayyo yeroo keessa darbutti, dhiigicha buusaa balbalaa fi michichila lamaanuutti argee, balbalicha irra in darba; inni balleessu sun manneen keessanitti lixee akka isin dha'u hin godhu!

24Isin, ijoolleen keessanis seera bara baraaf kenname kana eeguutu ta'a.

25Isin biyya Waaqayyo akkuma isin abdachiisetti isiniif kennu sanatti yeroo galtan akkasitti isaaf hojjechuu ittuma fufaa!

26Yeroo ijoolleen keessan,“Inni isin akkas gootan kun maali?” jedhanii isin gaafatan,

27isin immoo,“Waaqayyo biyya Gibxiitti warra Gibxii yommuu dha'e manneen keenya manneen Israa'elootaa oolchee waan bira darbeef, kun aarsaa Faasiikaa isa bira darbuu Waaqayyoo argisiisuu dha” isaaniin in jettu” jedheen; yommus sabni sun, qoomma'anii Waaqayyoof in sagadan.

28Ergasii Israa'eloonni dhaqanii akkuma Waaqayyo Musee fi Aaroniin abboome in godhan.

29Halkan walakkaa yommuu ta'e Waaqayyo biyya Gibxii keessaa angafa kan ta'e hundumaa, dhala mootichaa isa angafa teessoo isaa dhaaluu jalqabee hamma dhala nama hidhamee mana boollaa keessa jiru isa angafaatti akkasumas angafa horii hundumaa in dha'e.

30Halkan sanaan mootichi ofii isaatii, hojjetoonni isaa hundinuu, warri biyya Gibxii hundinuus in ka'an; manni tokko illee kan keessaa hin du'in waan hin jirreef, biyya Gibxii keessatti boo'ichi guddaan in ta'e.

31Yommus mootichi halkaniin Musee fi Aaronin waamsisee,“Ka'aa, isin, Israa'eloonni saba koo keessaa ba'aa! Akkuma gaafattanii turtan dhaqaa Waaqayyoof hojjedhaa!

32Akkuma jettan bushaayee keessan, saawwan keessan fudhadhaatii dhaqaa! Anis immoo eebba akkan argadhu godhaa!” jedheen.

33Warri Gibxi,“Nu hundumti keenya in dhumna” waan jedhaniif, jara biyya sana keessaa baasuudhaaf jabeessanii itti ariifatan.

34Kanaaf jarri bukoo utuu raacitiin itti hin nam'in fudhatanii, qodaa bukoo isaaniis wayyaa isaaniitiin hidhanii gatiittii isaanii irra kaa'atan.

35Israa'eloonni akka Museen isaanitti hime in godhan; mi'a meetii fi warqee irraa hojjetaman, uffatas warra Gibxii irraa argachuuf in gaafatatan.

36Waaqayyo wanta jarri gaafatan akka isaan kennaniifitti, jarri warra Gibxii duratti faara tolaadhaan akka ilaalaman in godhe; akkasitti jarri warra Gibxii irraa guuratanii in ba'an.

37Israa'eloonni Raamsesii ka'anii hamma Suukootitti in adeeman; isaan dubartootaa fi ijoollee malee, lafoon akka namoota kumaatama dhibba ja'aa turan.

38Tuuti saba garaa garaa isaanii wajjin in ba'an, horiin qe'ee, bushaayeen, saawwanis sonaan baay'eetu isaan duukaa ba'e.

39Isaan bukoo isa biyya Gibxii fudhatanii ba'an isa raacitii hin qabne sana irraa maxinoo in tolfatan; yeroo Gibxii keessaa ba'an oofamanii waan ba'aniif, bukichi raacitii hin qabu ture; isaan turanii karaadhaaf galaa qopheeffachuu hin dandeenye.

40Barri Israa'eloonni biyya Gibxii keessa jiraatan, waggaa dhibba afurii fi soddoma ture.

41Dhuma waggaa dhibba afurii fi soddomaa sanatti, guyyaadhuma sana macci Waaqayyoo hundinuu biyya Gibxii keessaa in ba'an.

42Waaqayyo biyya Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf dammaqee halkan sana waan isaan eegeef, halkan kun dhaloota Israa'elootaa hundumaa keessatti halkan itti Waaqayyoof ulfina kennuudhaaf dammaqaan eeganii dha.

43Waaqayyo yommus Museedhaa fi Aaroniin,“Seerri ayyaana Faasiikaa akka kanatti fufee jiru in ta'a; ormi tokko illee isattii hin nyaatin!

44Namni horiidhaan garbummaatti bitame garuu, erga dhagna qabdanii haa nyaatu!

45Namni alagaan yookiis namni horiidhaan qacaramee hojjetu tokko illee isattii hin nyaatin!

46Foon isaa mana tokko keessatti in nyaatama; foon isaa irraa tokko illee fuutanii mana keessaa gad hin ba'inaa; lafee isaas tokko illee hin cabsinaa!

47Guutummaan waldaa Israa'el akkas haa godhu!

48Galaan isin bira jiraatu Faasiikaa Waaqayyoo godhachuu yoo barbaadde, dhiira kan ta'e hundinuu dhagna haa qabamu! Kana booddees dhi'aatee godhachuu in danda'a; innis akkuma warra biyyaa in ta'a; inni dhagna hin qabatin garuu tokko illee isattii hin nyaatin!

49Warra biyyaa fi warra galaa ta'anii isin gidduu jiraataniif seerri tokkichuma haa ta'u!” jedheen.

50Israa'eloonni hundinuu wanta Waaqayyo Musee fi Aaronin abboome in hojjetan.

51Waaqayyo guyyuma sanatti Israa'eloota akka kutata kutata isaaniitti biyya Gibxii keessaa in baase.

Ibsa

12:1-20 Waaqayyo warra hidhaa Seexanaa jalaa hiikee, ofii isaatiif akka saba isaatti fudhateef, waan hundumaa haareessa. Yeroon inni kana godhu jireenya haaraa isaaniif jalqaba. Waaqayyo halkan isaan Gibxii keessaa ba'an sana, maatiin hundinuu hoolaa tokko akka qalan, yookiin maatiin lamaa sadii yoo xiqqaatan, hoolaa tokko akka qalan ajaje. Hoolaan kun akkaataa asitti ajajame sanaan nyaatamuu qaba ture; dhiigni isaa immoo mana Israa'elootaa mana Gibxootaa irraa addaan baasuuf, balbala manaatti dibamuu qaba ture. Ergamaan Waaqayyoo, yeroo angafota Gibxootaa balleessu, manneen dhiiga hoolaatiin mallatteeffaman ni dabarsa ture; kanaafidha maqaan ayyaana yookiin seericha qulqulluu kanaa 'Faasikaa' jedhame. Faasikaan waggaa waggaan kabajamuu qaba ture, akka yaadannoo tikfamaa fi furamuu Israa'el Gibxii jalaa ba'uu isaaniitiif, akkasumas mallattoo dinqisiisaa Kiristoosiitiif. Nageenyi fi furamuu isaanii qajeelummaa isaanii isa ofiitiif mindaa hin turre, garuu kennaa garaa laafinaa ture. Kanaaf yaadachiifaman, akkasumas seera kanaan eebbii hundinuu dhangala'uu fi dibamuu dhiigaatiin akka isaanitti dhufu baran.

Hubadhaa, 1. Hoolaan Faasikaa mallattoo ture. Kiristoos Faasikaa keenya dha, 1Qor 5:7. Kiristoos Hoola Waaqayyooti, Yoh 1:29; akkasumas Mul'ata keessatti yeroo baay'ee Hoola jedhamee waamama. Inni ga'eessa ta'uu qaba ture; Kiristoos yeroo ijoollee Beetlihamitti hin turre, garuu gidduu jireenya isaatti of dabarsee kenne. Mudaa hin qabuu ture; Gooftaan Yesus Hoola mudaa hin qabne ture: Abbaan firdii Kiristoositti farade inni qulqulluu ta'uu isaa labse. Guyyaa afur dura adda baafamuu qaba ture, kunis Gooftaa Yesus kan fayyisuu ta'uu isaa, karoorfamee fi abdii kennamuun isaa agarsiisa. Qalamuu fi ibiddaan gubamuu qaba ture, kunis dhiphina Gooftaa Yesus isa cimaa, hamma du'aatti, du'a fannoo agarsiisa. Dheekkamsi Waaqayyoo akka ibiddaa ti, Kiristoosis nuuf abaarsa ta'e. Lafaa isaa tokko illee cabuu hin qabu ture, kunis Kiristoositti raawwatame, Yoh 19:33, humna Gooftaa Yesus isa hin cabne agarsiisa.

2. Dibamuu dhiigaa mallattoo ture. Dhiigni hoolaa dibamuu qaba ture, kunis faayidaa du'a Kiristoos lubbuu keenyatti guutummaatti hojiirra oolchuu agarsiisa; araara fudhachuu qabna, Rom 5:11. Amantiin tuftuu hiisopii dha, kan kanaan abdiiwwanii fi faayidaa dhiiga Kiristoos isaan keessa jiru ofii keenyatti hojiirra oolchinu. Balbala manaatti dibamuu qaba ture, kunis amantii Kiristoositti qabnu ifatti labsuu keenya agarsiisa. Dirii balbalaatti dibamuu hin qabu ture; kunis dhiiga kakuu miila jala of buusuu keenyatti akka of eeggannu nu akeekkachiisa. Inni dhiiga qabeessa dha, nuttiis qabeessa ta'uu qaba. Dhiigni akkasitti dibame Israa'eloota ergamaa balleessaa irraa eeguuf karaa ture, inni iddoo dhiigni jiruitti hojii hin qabu ture. Dhiigni Kiristoos eegumsa amanaa ti, dheekkamsa Waaqayyoo, abaarsa seeraa fi firdii ibidda jalaa, Rom 8:1.

3. Nyaatamuun hoolaa isa ulfina-qabeessa ta'e kun hojii wangeelaa keenya isa Kiristoosiif ta'uuf mallattoo ture. Hoolaan Faasikaa ilaalamuu qofa osoo hin taane, nyaatamuu qaba ture. Akkuma sana, amantiidhaan Kiristoos kan keenya taasifachuu qabna; akkasumas irraa humnaa fi soorata hafuuraa, akkuma nyaata keenyaa, argachuu qabna, Yoh 6:53,55 ilaali. Guutummaan isaa nyaatamuu qaba ture; warri amantiidhaan Kiristoosirraa sooratan, Kiristoos isa guutuu irraa soorachuu qabu; isaan Kiristoosi fi gaddisa isaa, Kiristoosi fi fannoo isaa, akkasumas Kiristoosi fi gonfoo isaa fudhachuu qabu. Yeroo tokkotti nyaatamuu qaba, hamma ganamaatti tursifamuu hin qabu. Har'a Kiristoos dhihaateera, yeroo 'har'a' jedhamutti, hamma du'a rafanuutti fudhatamuu qaba. Qoricha hadhaawaa wajjin nyaatamuu qaba ture, akka hadhummaa garbichummaa Gibxii keessaa yaadannoo. Nuti Kiristoosirraa gaddaadhaa fi garaa cabaadhaan, cubbuu yaadachuudhaan soorachuu qabna. Cubbuun yoo nutti hadhaawaa ta'e, Kiristoos nutti mi'aawaa ta'a. Dhaabatanii, ulee isaanii harkaatti qabatanii nyaatamuu qaba ture, akkuma deemuurra jiran. Yeroo amantiidhaan Kiristoosirraa soorannu, bulchiinsaa fi mootummaa cubbuu dhiisuu qabna; addunyaa fi waan ishee keessa jiru hundumaa irraa adda of goonee jiraachuu qabna; waan hundumaa Kiristoosiif dhiisuu, akkasumas kana bu'aa gadhee akka hin taane lakkoofnee fudhachuu qabna, Ibr 13:13,14.

4. Ayyaanni buddeena raacitii hin qabne jireenya Kiristiyaanummaatiif mallattoo ture, 1Qor 5:7,8. Gooftaa Kiristoos Yesus fudhanneerraa waan ta'eef, yeroo hundumaa Kiristoos Yesusitti gammachuu keenya guutummaatti argisiisuu qabna. Hojiin akkamii iyyuu, jechuunis yaaddoon tokko illee, gammachuu qulqulluu kana wajjin hin deeminne yookiin isa hir'isuu danda'u, fudhatamuu fi hojiirra oolchuu hin qabu. Yihudoonni Faasikaatti baay'ee cimaa turan, akka raacitiin tokko illee manneen isaanii keessatti hin argamne. Ayyaanichi jaalalaan, raacitii hamminaa malee kabajamuu qaba; akkasumas dhugaa dhaan, raacitii fakkeessaa malee. Inni seera bara baraatiin ture; hamma jiraannutti Kiristoosirraa soorachuu, yeroo hundumaa Isa keessatti gammachuu keenya itti fufuu qabna, hojiiwwan gurguddaa nuuf inni hojjeteef galateeffannaa wajjin.

Boqonnaa 12

Boqonnaan kun ajajoota seenaa keessatti yaadatamoo ta’an keessaa tokkoo fi raawwii Waaqayyoo seenaa keessatti yaadatamoo ta’an keessaa tokko, kan Kakuu Moofaa keessatti galmaa’an hunda ibsa.

I. Ajajoota mana sagadaa Yihudootaa keessaa tokkollee Faasikaa caalaa beekamaa hin turre, akkasumas Kakuu Haaraa keessatti yeroo baay’ee hin caqasamne; asittis hundeeffama isaa ilaalla. Ajajni kun kutaa sadii qaba ture:— 1. Hoolaa Faasikaa qaluu fi nyaachuu (lak. 1–6, 8-11). 2. Dhiiga balbala irratti facaasuu, kan akka waan addaatti dubbatame (Ibr. 11:28), fi Faasikaa jalqabaa kanaaf adda kan ture (lak. 7), sababa isaa wajjin (lak. 13). 3. Ayyaana buddeena raacitii hin qabne guyyaa torbaaf itti aanu; kun ajaja kana raawwachuu keessatti booda raawwatamuu qabu irratti xiyyeeffata (lak. 14–20).

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6