Ester 1

GAZBIBAfaan Oromoo22 Keeyyattoota6:02 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 6:02 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Bara Ahashweros isa biyya Hindiitii hamma biyya Itiyoophiyaatti kutaawwan biyyaa dhibbaa fi digdamii torba mo'etti kan ta'e kanatti fufee jira;

2bara sanatti Ahashweros mootii ta'ee, teessoo mootummaa mandara Susaan keessa jiru irra in taa'e.

3Mo'ee waggaa sadaffaa isaatti gurguddoota isaa fi hojjetoota isaa hundumaaf nyaachisa in godhe; nyaachisa kana irratti geggeessitoonni loltoota Faaresii fi Medoon akkasumas gurguddoonnii fi angafoonni kutaawwan biyyaa argamaniiru.

4Inni guyyaa dhibbaa fi saddeettama guutuu, badhaadhummaa mootummaa isaa isa ulfina-qabeessaa fi ulfina mootummaa isaa isa surra-qabeessa in argisiise.

5Guyyoonni sun erga darbanii booddee mootichi iddoo dhaabaa mana mootummaa mandara Susaan keessatti,“Xinnaa dha, guddaa dha” utuu hin jedhin namoota mandara sana keessa jiraatan hundumaaf guyyaa torba nyaachisa in godhe.

6Iddoon dhaabaa sun golgaawwan haarrii adii fi haarrii bifa waaqaa qabu irraa hojjetamanii, funyoo haarrii adii fi boffee dhiilgee irraa dha'ameen amartii meetiitti hidhamanii utuboota dhagaa gati-qabeessaatti gad rarraafaman qaba ture; buusaa dhagaa borrajjii fi dhagaa gati-qabeessaan, callee gati-jabeessaa fi dhagaa gati-jabeeyyiidhaan miidhagfamanii hojjetaman irra immoo sireewwan warqee fi meetii irraa hojjetamantu turan.

7Mootichi arjaa dha, daadhii wayniis hamma ga'utti qaba waan tureef, waancaa warqee bifa garaa garaa qabutti namootaaf in kennisiise;

8tokkon tokkon namaatiif akka fedha fedha isaatti daadhicha akka kennan mootichi hojjetoota isaa warra daadhii buusan waan abboomeef, keessummoonni hundinuu hamma barbaadan dhuguu in danda'u turan.

9Waashtiin mootittiinis immoo mana mootummaa Ahashweros mootichaa keessatti dubartootaaf nyaachisa in goote.

10Ahashweros mootichi nyaachisa guyyaa torbaffaa irratti daadhii waynii dhugee yommuu gammade, xu'aashota torban warra isaaf ergaman Mihumaanii fi Biiztaanin, Harbonaa fi Biigtaanin, Abaagtaa fi Zetaarin, Karkaasinis waamee,

11“Waashtii mootittii gonfoo mootummaa akka kaa'attetti as ishee fidaa!” jedhee abboome; mootittiin miidhagduu waan turteef, mootichi gurguddoota isaa fi keessummoota isaatti ishee mul'isuu in barbaade.

12Warri gara isheetti ergaman ajaja mootichaa isheetti in himan; isheen garuu dhufuu in didde; kana irratti mootichi in dheekkame, aarees in boba'e.

13Yommus beektota waa'ee dubbii baraa beekanii wajjin mari'achuun amala mootii waan tureef, maal gochuun akka wayyu gorsitoota isaa wajjin in mari'ate.

14Gurguddoota Faaresii fi Medoon torban warra isatti aanan, hojii mootummaa keessaas iddoo gurguddaa qaban Karshenaa fi Shetaarin, Admaataa fi Tarshiishin, Meresii fi Marsenaan, Memukaaninis,

15“Waashtii mootittiin wanta ani Ahashweros mootichi karaa hojjetoota koo warra xu'aashotaa ishee abboome raawwachuu waan diddeef, seerri akka jedhutti maal ishee gochuutu nuuf ta'a?” jedhee in gaafate.

16Yommus Memukaan deebisee mootichaan, gurguddootaanis dubbatee,“Waashtii mootittiin si Ahashweros mooticha duwwaa yakkite utuu hin ta'in, guutummaa kutaawwan biyyaa kee keessa warra jiran gurguddoota kee fi namoota kee hundumaas immoo yakkuu ishee ti;

17wanti isheen goote kun dubartoota hundumaa biratti in beekama; isaan,“Ahashweros mootichi Waashtii mootittiin gara isaa akka dhuftuuf abboomee ture, isheen garuu in didde” jedhanii, dhirsoota isaanii in tuffatu.

18Dubartoonni gurguddoota Faaresii fi Medoon warri oduu mootittii dhaga'an har'uma kana isuma isheen jette, isaanis immoo dhirsoota isaaniitiin in jedhu, ceephoonii fi dheekkamsi in baay'ata.

19Jaalala si mootichaa yoo ta'e, Waashtiin si Ahashweros mooticha duratti akka hin dhi'aanneef, abboommii baasii seera Faaresii fi Medoon isa geddaramuu hin dandeenye keessatti caafsisi, iddoo mootittiis dubartii ishee irra wayyituuf kenni!

20Abboommiin si mooticha biraa ba'u biyya kee isa bal'aa kana keessatti guutummaatti yommuu labsamu, dubartoonni hundinuu,“Kun hiyyeessa, kun sooressa” utuu hin jedhin dhirsoota isaaniitiif ulfina in kennu” jedhe.

21Gorsi Memukaan kenne kunis mootichaa fi gurguddoota sana in gammachiise; kanaaf mootichi akkuma Memukaan jedhe in godhe.

22Caaffata,“Abbaan manaa hundinuu mana mana isaa irratti aboo, wanti inni dubbatus murtoo isa dhumaa haa qabaatu!” jedhu, tokkon tokkon kutaa biyyaatiif akka akka caafata isaatti, gosa hundumaaf akka akka afaan isaatti caafsisee, guutummaa biyya motummaa isaatiitti in erge.

Ibsa

1:1-9 Boonni garaa Ahasweros ulfina mootummaa isaa wajjin guddatee ol ka'ee, daboo guddaa fi heera hin qabne qopheesse. Kun ulfina duwwaa ture. Nyaanni kuduraa callisaa wajjin argamu, daboo daadhii sagalee guddaa fi jeequmsa hunda isa wajjin ture caalaa gaarii dha. Haa ta'u malee, yoo ayyaanichi garaa keessatti hin mo'anne, ofi-ol-qabuu fi ofi-quufaan, karaa tokkoon yookiin karaa biraatiin, seera bulchaa ta'a. Haa ta'u malee, namni tokko illee hin dirqisiifne; kanaaf, yoo namni tokko daangaa darbee dhugee ta'e, dabbiin isaanii mataa isaaniiti ture. Akeekkachiisni mootii Waaqayyoo hin beekne kanaa, yoo inni arjummaa isaa argisiisuuf fedheyyuu, kiristaanota baay'ee ofiin jedhan warra ‘nageenya haa dhugnu’ sababa godhachuun cubbuu fi du'a isaa wajjin naanneessan salphisuu danda'a. Warra akkas godhanitti wayyoo jira; haa dubbisan, haa rom'anis, Hab 2:15,16.

1:10-22

Ayyaanni Ahasuweeroos gowwummaa mataa isaatiin gadda keessatti xumurame. Yeroowwan ayyaana addaa hedduumminaan dhiphinaan xumuru. Geggeessitoonni wanta sababa qabeessa ta'een didamuu danda’u ajajuu irraa of eeggachuu qabu. Haa ta’u malee, yeroo daadhiin wayinii dhugamu, hubannoon namootaa isaan irraa deema. Inni naannoowwan bulchiinsaa 127 irratti aangoo qabu ture, garuu miira/of-to'annaa mataa isaa irratti aangoo hin qabu ture.

Haa ta’u malee, ajajni kun fedhii yookiin mala mootichaa kan tajaajile yoo ta’e illee, qophiin Waaqayyoo Eesteriif teessoo mootummaa irratti karaa bane, akkasumas karoora Hamaan inni hamaa ta’e, osoo yaanni sun onnee isaa hin seenin duraa fi osoo inni aangoo isaa hin ga’in dura, akka fashalaa’u godhe. Nu haa gammannu! Gooftaan akka mootii ta'eef, akkasumas gowwummaa yookiin maraatummaa ilma namaa ulfina isaa guddisuuf, nagaa fi gammachuu saba isaa mirkaneessuuf akeeka isaatiif ni garaagalcha.

Lakk. 10-22

Achi keessatti, cidha Ahasweros gammachuu isaa hunda kan tuqu arganneerra; gaddaan xumurame, akka cidha ijoollee Iyyoob kan qilleensi gammoojjii irraa dhufeen osoo hin taane, akka kan Belshexaar kan barreeffama dallaa irra jiruun osoo hin taane, garuu gowwummaa isaa dhaan. Dhuma cidhaa irratti, mootichaa fi haadha warraa isaa gidduutti walitti bu'iinsa gaddisiisaa ture, kunis cidha sana battalumatti addaan kute, keessummootas callisanii fi qaanfatanii deebise.

I. Mootiin yeroo inni machaa'e, akkasumas namoota kabajamoo hedduu wajjin, isaan keessaa hedduun, fakkeenyaaf, haala walfakkaataa keessa turan, Vaashtii gara fuula isaa waamuun laafina isaa ture. Yeroo garaa isaa daadhii wayiniin gammade, Vaashtiin dhufuu qabdi malee homaa isaaf hin taane, akka isheen uffatteetti, gonfoo mataa ishee irra jiruun, akkasitti mootonni fi ummanni dubartii bareedduu akkamii akka isheen taate akka argan, lak. 10, 11. Kanaan,

1. Abbaa warraa ta'ee of salphise, inni saalfii haadha warraa isaa eeguu qaba ture, garuu gonkumaa mul'isuu hin qabu, kan ija ishee haguuguu qaba ture, hin saaxiluu. 2. Mootii ta'ee of xiqqeesse, haadha warraa isaa irraa waan isheen diduu dandeessu ajajuun, ulfina amala gaarii ishee. Dubartoonni fuula ummataatti mul'achuu aadaa Farsiifaa hin turre, inni ishee hin kadhanne, garuu waan akkasii hojjechuuf ishee ajaje, ishees agarsiisa godhe, kanaan rakkina guddaa ishee irra kaa'e. Yoo inni daadhii wayinii baay'ee dhuguun of dhabuu baatee, waan akkasii hin hojjetu ture, garuu nama waan kana dubbate kamiyyuu irratti aara ture. Yeroo daadhiin wayinii keessa jiru, ogummaan ni bada, sababni namaas isaan irraa fagaata.

II. Haa ta'u malee, tarii isa diduun ogummaa ishee hin turre ta'a. Isheen dhufuu didde (lak. 12); ajaja isaa ergamtoota kabajamoo torbaan, ifatti ergees, Jooseefas irra deddeebiin erge jedha, garuu diddaa ishee irratti cichite. Yoo isheen dhuftee, ajajamuudhaan qulqulluudhaan akka hojjette ifa ta'ee, saalfii ishee irratti xiyyeeffannaa hin ta'u ture, akkasumas fakkeenya hamaa hin ta'u ture.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG በአርጤክስስም ዘመን እንዲህ ሆነ፤ ይህም አርጤክስስ ከህንድ ጀምሮ እስከ ኢትዮጵያ ድረስ በመቶ ሀያ ሰባት አገሮች ላይ ነገሠ። አማርኛ ENGNIV This is what happened during the time of Xerxes, the Xerxes who ruled over 127 provinces stretching from India to Cush: English BCV ኣርጤክስስ ንጉስ ፋርስ ኣብታ ኣብ ሱሳ ዘላ ቤተ መንግስቱ ኣብ ዙፋን ተቐሚጡ ነተን ካብ ህንዲ ኽሳዕ ኢትዮጵያ ዘለዋ ሚእትን ዕስራን ሸውዓተን ሃገራት ይገዝእ ነበረ። ትግርኛ BCV GIZ በመዋዕሊሁ ለአርጤክስስ ወውእቱ አርጤክስስ ዘነግሠ ላዕለ ምእት ዕስራ ወሰብዓቱ በሐውርት እምነ ብሔረ ህንደኬ እስከ ብሔረ ኢትዮጵያ። giz GAZGAZ Bara Ahashweros isa biyya Hindiitii hamma biyya Itiyoophiyaatti kutaawwan biyyaa dhibbaa fi digdamii torba mo'etti kan … Afaan Oromoo BCV aksum ኣርጤክስስ ንጉስ ፋርስ ኣብታ ኣብ ሱሳ ዘላ ቤተ መንግስቱ ኣብ ዙፋን ተቐሚጡ ነተን ካብ ህንዲ ኽሳዕ ኢትዮጵያ ዘለዋ ሚእትን ዕስራን ሸውዓተን ሃገራት ይገዝእ ነበረ። ትግርኛ AMHNIV ከህንድ ጀምሮ እስከ ኢትዮጵያ ድረስ ያሉትን አንድ መቶ ሃያ ሰባት አገሮች ይገዛ በነበረው በጠረክሲስ ዘመነ መንግሥት እንዲህ ሆነ፤ አማርኛ SWAHSUV Zamani za Ahasuero; naye huyu Ahasuero alimiliki toka Bara Hindi mpaka Kushi, juu ya majimbo mia na ishirini na saba; Kiswahili