Lallaba 5

GAZBIBAfaan Oromoo20 Keeyyattoota3:55 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 3:55 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Mana Waaqayyootti yommuu ol lixxu miilla kee eeggadhu! Dhaga'uudhaaf ol lixi! Dhaga'uun aarsaa isa warri gowwoonni dhi'eessan irra in caala; isaan waan hamaa akka hojjetan iyyuu hin beekan.

2Afaan keetiin hin ariifatin, Waaqayyo duratti waa dubbachuudhaafis yaadaan hin jarjarin! Waaqayyo waaqa irra jira, ati garuu lafa irra jirta, kanaaf dubbiin kee muraasa haa ta'u!

3Baay'inni hojii abjuu namatti fida, haasaan nama gowwaa dubbii baay'inaan beekama;

4Waaqayyoof wareega yommuu wareegdu dafii raawwadhu! Inni warra gowwootatti hin gammadu waan ta'eef, ati immoo akka warra gowwootaa utuu hin ta'in wanta wareegde raawwadhu!

5Isa wareegdu raawwachuu dhiisuu irra, wareeguu dhiisuu siif wayya;

6arrabni kee wanta cubbuutti si geessu akka hin dubbanneef of eeggadhu! Ergamaa durattis,“Wanta kana utuun hin beekinan godhe” hin jedhin! Maaliif dubbii keetiin Waaqayyoon dheekkamsiiftee hojii harka keetii akka inni balleessu goota”

7Abjuu baay'ee fi dubbii baay'ee keessa wanta waa'ee hin baafne baay'eetu jira, ati garuu Waaqayyoon sodaadhu!

8Hojjetaan mootummaa inni isa tokko gara irraa jiru, isa isaa gadii in eega, isaan lamaan gara irraa kan jirus isaan in eega waan ta'eef, kutaa biyya tokkoo keessatti hiyyeessota cunqurfamanii, firdii qajeelaanii fi wanti isaaniif ta'u isaan irraa fudhatame yoo argite hin dinqisiifatin!

9Gara kamiin iyyuu taanaan bu'aan biyya tokkoo mootii qabaachuu ishee ti; mootichis lafti qotamu nagaatti akka eegamu in godha.

10Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu; kunis wanta waa'ee hin baafne dha;

11qabeenyi yommuu baay'atu, warri isa nyaatanis in baay'atu; inni hore garuu ija isaatiin ilaaluu malee maal bu'aa qaba”

12Namni hojjetaan muraasa nyaatus baay'ee nyaatus, hirriba gaarii qaba; baay'inni qabeenyaa garuu hirriba nama dhowwa.

13Wanti hamaan ani aduu jalatti arge tokko immoo, isa namni badhaadhummaa tuulee deebi'ee ittiin miidhamuu dha;

14badhaadhummaan sun garuu, gar malee ittiin hojjetamee in bada; namichi immoo yeroo itti ilma godhatutti harka isaa duwwaa in hafa.

15Qullaa isaa garaa haadha isaa keessaa akkuma ba'e, akkasuma qullaa isaa biyyootti in deebi'a; wanta itti dadhabe keessaa tokko illee harkatti qabatee hin deebi'u.

16Wanti akkasii kun baay'ee kan nama gaddisiisuu dha; akkuma dhufetti akkasumatti immoo biyyootti in deebi'a; wanti inni itti dadhabee hojjete akka waan qilleensi fudhatee erga ta'ee, kun maal bu'aa qabaaf ree”

17Inni bara jireenya isaa hundumaa dukkana keessa in jiraata; gaddi guddaan, dhukkubni, aariinis isatti in dhufa.

18Kunoo, namni bara jireenya isaa ishee muraasa Waaqayyo lafa irratti kenneef kana keessatti nyaatee, dhugee, wanta itti dadhabe hundumaattis gammaduun, wanta gaarii fi miidhagaa ta'ee nan arge; qoodni isaas kanuma.

19Waaqayyo badhaadhummaa fi qabeenya namaaf kennee, akka namni ga'aa isaa fudhatee, wanta itti dadhabetti gammadu gochuun kennaa isaa ti;

20Waaqayyo gammachuu garaa isaaf waan kennuuf, namni bara jireenya isaatii badhaadhuma iyyuu hin yaadatu.

Ibsa

5:1-3

Of waaqeffannaa Waaqayyoof qopheessi, akkasumas of qopheessuuf yeroo fudhadhu. Yaada kee jooraa fi bittinnaa'aa irraa eegi; jaalala kee gara wantoota dogoggoraatti akka hin adeemne dhoorri. Irra deddeebii duwwaa irraa of qusachuu qabna; kadhannaan heddumminaan dhiyaatu asitti hin balaaleffatamne, garuu kan hiika hin qabne qofaadha. Yeroo meeqa yaada keenya jooraan, sagantaawwan Waaqayyoo irratti hirmaannaan keenya aarsaa gowwootaa irra xiqqoo wayyaa'aa qofa! Kadhannaa keessatti jechoota hedduu fi ariifatoo fayyadamuun gowwummaa garaa keessa jiru, Waaqayyoo irratti yaada gad-aanaa, fi lubbuu keenyaaf dhimma dhabuu agarsiisa.

5:4-8 Yeroo namni tokko fedhii yookiin kakataa dafee yookiin utuu hin xiinxalin godhu, afaan isaa foon isaa akka cubbuu hojjetuuf sababa ta'e.

Haalli kun nama lubicha bira dhufu, akka kakataan isaa dafee godhameefi, akkasumas isa raawwachuun dogoggora ta'u dubbachuudha. Waaqayyoon qoosuun akkanaa dallansuu Waaqayyoo fida; kunis wanta akkasitti dafee yookiin sirrii hin taaneen kakame sana balleessuu danda'a. Sodaa namaa gad qabachuu qabna. Waaqayyoon fuuldura kee godhadhu; yoo sanatti yoo cunqursaa hiyyeessaa argite, Bulchiinsa Waaqayyoo irratti hin ceephaatu; akkasumas dhaabbata abbaa seeraa, yeroo kaayyoon isaa akkasitti jal'ifame argitu, gad hin ilaaltu; akkasumas amantii irrattis hin ceephaatu, yeroo amantiin nama miidhaa jalaa oolchuu hin dandeenye argitu. Cunqursitoonni nagaa qabaatanis, Waaqayyo garuu waan hundumaaf ni gaafata.

5:9-17

Gaarummaan Qophii Waaqayyoo nama dantaa hin-qabneef mul'atu caalaa walqixa raabsameera.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ወደ እግዚአብሔር ቤት በገባህ ጊዜ እግርህን ጠብቅ፤ ለመስማት መቅረብ ከሰነፎች መሥዋዕት ይበልጣልና፤ እነርሱም ክፉ እንዲያደርጉ አያውቁምና። አማርኛ ENGNIV Guard your steps when you go to the house of God. Go near to listen rather than to offer the sacrifice of fools, who do… English BCV ናብ ቤት እግዚኣብሄር እንትትኣቱ እግርኻ ሓሉ፤ ክፉእ ከም ዝገብሩ ኣይፈልጡን እዮምሞ ኻብ መስዋእቲ ሰነፋት፥ ክትሰምዕ ምቕራብ ይሐይሽ። ትግርኛ BCV GIZ ዕቀብ እገሪከ ሶበ ተሐውር ኀበ እግዚአብሔር ወቅረብ ለሰሚዕ እምነ ሀብቶሙ ለአብዳን መሥዋዕተከ እስመ ኢኮኑ ማእምራነ ለገቢረ ሠናይ። giz GAZGAZ Mana Waaqayyootti yommuu ol lixxu miilla kee eeggadhu! Dhaga'uudhaaf ol lixi! Dhaga'uun aarsaa isa warri gowwoonni dhi'… Afaan Oromoo BCV aksum ናብ ቤት እግዚኣብሄር እንትትኣቱ እግርኻ ሓሉ፤ ክፉእ ከም ዝገብሩ ኣይፈልጡን እዮምሞ ኻብ መስዋእቲ ሰነፋት፥ ክትሰምዕ ምቕራብ ይሐይሽ። ትግርኛ AMHNIV ወደ እግዚአብሔር ቤት ስትሄድ እግርህን ጠብቅ። ለመስማት መቅረብ የሰነፎችን መሥዋዕት ከማቅረብ ይበልጣል፤ እነርሱ ክፉ እንደሚሠሩ አያውቁምና። አማርኛ SWAHSUV Jitunze mguu wako uendapo nyumbani kwa Mungu; Maana ni heri kukaribia ili usikie, Kuliko kutoa kafara ya wapumbavu; Amb… Kiswahili