Daani'eel 3

GAZGAZAfaan Oromoo30 Keeyyattoota9:56 Dhaggeeffadhu
Dhaggeeffadhu 9:56 · Idilee · Diraamaawaa Biblight keessatti bani

1Nebukadnezaar mootichi bifa fakkeenyaa hojjaa isaa dhundhuma jaatamaan, bal'ina isaa immoo dhundhuma ja'aan warqee irraa hojjechiisee, Baabilon kutaa biyyaa keessaa bakkee isa afaan isaaniitti“Duraa” jedhamu keessa dhaabe.

2Nebukadnezaar mootichi nama ergee warra kutaa biyyaa bulchan, warra mataa kutaa hojii irra jiran, abboota biyyaa, warra gorsituu, warra horii baatan, abboota firdii, warra seera eegsisan, warra kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundumaa walitti waamsise; waamamuun isaaniis eebba bifa fakkeenya Nebukadnezaar mootichi dhaabe irratti akka argamaniif ture.

3Kana irratti warri kutaa biyyaa bulchan, warri mataa kutaa hojii irra jiran, abboonni biyyaa, warri gorsituun, warri horii baatan, abboonni firdii, warri seera eegsisan, warri kutaa biyyaa keessatti aboo qaban hundinuu eebba bifa fakkeenya Nebukadnezaar mootichi dhaabe irratti argamuudhaaf walitti qabaman; isaan kun bifa fakkeenyaa isa Nebukadnezaar dhaabe dura in dhaabatan.

4Inni labsii dhageessisus sagalee guddaadhaan itti lallabee,“Yaa namoota, saba garaa garaa fi, gosa garaa garaa taatanii afaan garaa garaas dubbattan dhaga'aa!

5Sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas yeroo dhageessan bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamaatii sagadaa!

6Namni gombifamee hin saganne si'uma sana iddoo ibiddi itti bobba'u keessatti in darbatama” jedhe.

7Kana irratti jarri hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas akkuma dhaga'aniin, namoonni saba garaa garaa fi gosa garaa garaa keessaa dhufanii, afaan garaa garaa dubbatan bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame Nebukadnezaar mootichi dhaabeef gombifamanii sagadan.

8Yeroodhuma sana warri Kaldootaa tokko mootichatti dhi'aatanii Yihudoota tokko hamatan.

9Nebukadnezaariinis,“Yaa mootii, bara baraan jiraadhu!

10Yaa mootii! Ati“Namni hundinuu sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, sagalee mi'a garaa garaas yommuu dhaga'u bifa fakkeenya warqee irraa hojjetameef gombifamee haa sagadu!

11Namni gombifamee hin saganne immoo iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbatama” jettee abboommii baafteetta.

12Yihudoonni warri ati hojii kutaa biyya Baabilon sana geggeessuu irra isaan dhaabde tokko jiru; maqaan isaaniis Shaadraak, Meshaak, Abed-Neegoo dha; namoonni kun abboommii kee hin ulfeessan, yaa mootii! Isaan waaqayyolii kee hin waaqessan, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabde sanaafis hin sagadan” jedhan.

13Nebukadnezaaris kana irratti aaree dheekkamee, Shaadraakin, Meshaakin, Abed-Neegoos gara isaa akka fidan in abboome; isaanis jara kana mooticha duratti dhi'eessan.

14Nebukadnezaaris,“Yaa Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo! Isin dhuguma waaqayyolii koo hin waaqessitanii” Bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ani dhaabeefis hin sagaddanii”

15Egaa amma sagalee fiinoo, faaggaa, kiraaraa, maseenqoo, mi'a ribuu qabu kan biraa, ulullee, sagalee mi'a garaa garaas akkuma dhageessaniin, bifa fakkeenyaa ani hojjechiiseef gombifamtanii sagaduudhaaf qophaa'aa! Yoo sagaduu dhabaattan garuu, si'uma sana iddoo ibiddi itti bobba'u keessatti in darbatamtu; Waaqayyo inni harka koo isin oolchu kun eenyu?” jedhe.

16Kana irratti Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon mootichaaf deebisanii,“Yaa Nebukadnezaar, waa'ee kanaaf nuyi deebii siif kennuu iyyuu nu hin barbaachisu.

17Oolchuu yoo ta'e immoo, Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu ibidda boba'aa keessaa nu oolchuu in danda'a, harka kee keessaas nu in oolcha, yaa mootii!

18Yoo kana fedhuu dhabaatte iyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqessine, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii!” jedhan.

19Yommus Nebukadnezaar gar-malee dheekkamee, fuulli isaas Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegootti in geddarame; humna ibiddichaa isa dur gubu caalaa dachaa torba akka gubsiisan in abboome;

20loltuu isaa keessaa warri humna caalan immoo Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo hidhanii iddoo ibiddi itti boba'u keessatti akka darbatan inni in ajaje.

21Achumaanis namoonni sadan akkuma uffatanii jiranitti wayyaa isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii wajjin hidhamanii iddoo ibiddi itti boba'u keessatti in darbataman.

22Abboommiin mootichaa jabaa waan tureef, ibiddichis gar-malee waan gubeef, arrabni ibiddichaa warra Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoo geessanii itti darbatan gubee in ajjeese.

23Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon sadanuun isaanii akkuma hidhamanii jiranitti ibidda boba'u sana keessatti in kufan.

24Ergasii Nebukadnezaar mootichi na'ee waan dinqifateef, sardamaa lafaa ka'ee,“Namoonni sadii hidhamanii ibidda keessatti akka darbataman goone mitii ree?” jedhee gurguddoota mana mootummaa isaa in gaafate; isaan immoo deebisanii mootichaan,“Kana dhuguma gooneerra, yaa mootii!” jedhaniin.

25Innis itti dabalee,“Ani garuu kunoo namoonni afur hiikamanii, miidhamni tokko utuu isaan irra hin ga'in ibidda keessa asii fi achi adeemuu isaanii nan arga; bifni isa afuraffaa immoo bifa ilma waaqayyolii in fakkaata” jedhe.

26Nebukadnezaar gara balbala iddoo ibiddi keessaa boba'uutti dhi'aatee,“Shaadraak! Meshaak! Abed-Neegoo! Hojjetoota Waaqayyo isa hundumaa gara irraa jiruu, kottaa as ba'aa!” jedhe; yommus Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon ibiddicha keessaa gad in ba'an.

27Warri kutaa biyyaa bulchan, warri mataa kutaa hojii irra jiran, abboonni biyyaa, gurguddoonni mana mootummaa isaa, walitti dacha'anii, ibiddichi dhagna namoota kanaa irratti humna akka hin godhatin in argan; rifeensi mataa isaanii iyyuu hin ciincofne, uffanni isaaniis bifa hin geddaranne, fooliin ibiddaas isaan irra hin turre.

28Kana irratti Nebukadnezaar,“Waaqayyo inni kan Shaadraak, kan Meshaak, kan Abed-Neegoo ulfinaan haa jajamu! Inni ergamaa isaa ergee hojjetoota isaa kana oolcheera; hojjetoonni isaa kun isa waan amanataniif abboommii mootichaa homaatti hin lakkoofne; Waaqayyo isaanii malee waaqayyolii kan biraa akka hin waaqessine, isaaniif akka hin saganneefis dhagna isaanii gubamuutti dabarsanii kennan.

29Ammas akka kanatti oolchuu kan danda'u Waaqayyo kan biraa waan hin jirreef, saba, gosa, afaan dubbatamu keessaa namni dubbii hin taane Waaqayyo isa kan Shaadraak, Meshaakii fi, Abed-Neegoo irratti dubbatu, harki isaa fi miilli isaa irraa ciramee, manni isaa diigamee tuullaa kosii ta'ee akka hafuuf, kunoo ani abboommii baaseera!” jedhe.

30Mootichi kana booddee Shaadraak, Meshaak, Abed-Neegoodhaaf kutaa biyya Baabilonitti hojiin isaanii akka wal qixxaatuuf in godhe.

Ibsa

3:1-7 Suuraa sanaa olka’iinsa isaa, gara yaardii soddomaa kan ta’u keessatti, tarii bu’uurri isaa dabalamee jiraata; akkasumas baay'ee hin oolu, warraqaawwan warqii qofaadhan kan uwwifame ta’uu hin oolu, sibira mi'a qabeessa sana guutummaan guututti tolfame osoo hin taane. Boonaafi gara jabeenyi amantaa namoonni jala deemtoonni isaanii amantii isaanii, sirrii yookiin dogoggora ta’us, akka hordofan akka gaafatan taasisu; yommuu fedhiin addunyaa nama harkisuufi adabbiin nama sodaachisu, muraasni qofti didu. Kun namoota dhimma hin qabneef, namoota fedhii foonii hordofaniif, akkasumas namoota amantii hin qabneef, warra lakkoofsaan baay’eef salphaadha; akkasumas baay’een isaanii karaa isaanii deemu. Wanti hamaa akkasii hin jiru, kan addunyaan dhimma hin qabne kun sagalee muuziqaa hawwataadhaan yookiin iddoo gubaa ibiddaa sodaachisaadhaan gara isaatti hin harkifamne. Mala akkasii kanaan, waaqeffannaan sobaa hundeeffameefi tikfamee jiraata.

3:8-18 Waaqeffannaan dhugaan hafuura tasgabbeessa, cal'iseessa, akkasumas laafeessa; garuu amantiin dogoggoraa fi waaqeffannaan waaqolii tolfamoo fedhii lubbuu namaa kakaasu. Dhimmi kun gabaabsamee, “Deebi’i yookiin gubadhu” jedhamee kaa’ameera. Namoonni boonsitoonni amma illee akka Nebukadnezar, “Gooftaan eenyu, humna isaa akkan sodaadhuuf?” jedhuuf qophooftoodha. Shadirak, Meshaak, fi Abednego ajajamuu fi dhiisuu isaanii irratti hin shakkine. Jireenyi yookiin duuti ilaalamuu hin qabu ture. Warri cubbuu jalaa baqachuu barbaadan, yoo wanti ittiin dandamannu yookiin sodaannu ifatti hamaa ta’e, qoramummaa wajjin mari’achuu hin qaban. Dhimma kana irratti dhaabaddee hin turin, garuu akka Kiristos jedhe, “Seexana, narraa fagaadhu” jedhaa. Deebiin qajeelaan yeroo eegamu deebii jallataa hin qopheessine.

Ibsa guutuu dubbisi Sagalee, ibsa guutuu fi dubbisa toora alaa

Hiikkoowwan8 · 6

AMHEVG ንጉሡ ናቡከደነፆር ቁመቱ ስድሳ ክንድ ወርዱም ስድስት ክንድ የሆነውን የወርቁን ምስል አሠራ፤ በባቢሎንም አውራጃ በዱራ ሜዳ አቆመው። አማርኛ ENGNIV King Nebuchadnezzar made an image of gold, ninety feet high and nine feet wide, and set it up on the plain of Dura in t… English BCV ንጉስ ናቡከደነፆር ስሳ እመት ዝቑመቱ፥ ሽዱሽተ እመት ዝጐድኑ ናይ ወርቂ ምስሊ ኣስርሐ። ኣብ ጐልጐል ዱራ ኣብ ኣውራጃ ባቢሎንውን ኣቖሞ። ትግርኛ GAZBIB Nebukadnezaar mootichi bifa fakkeenyaa hojjaa isaa dhundhuma jaatamaan, bal'ina isaa immoo dhundhuma ja'aan warqee irra… Afaan Oromoo BCV GIZ አመ ዐሠርቱ ወሰማንቱ ዓመተ መንግሥቱ ለናቡከደነጾር ገብረ ምስለ ዘወርቅ ኑኁ ስሳ በእመት ወግድሙ ስድስ በእመት፤ ወአቀሞ ውስተ ሐቅለ ዱራ ብሔረ ባቢሎን። giz BCV aksum ንጉስ ናቡከደነፆር ስሳ እመት ዝቑመቱ፥ ሽዱሽተ እመት ዝጐድኑ ናይ ወርቂ ምስሊ ኣስርሐ። ኣብ ጐልጐል ዱራ ኣብ ኣውራጃ ባቢሎንውን ኣቖሞ። ትግርኛ AMHNIV ንጉሡ ናቡከደነፆር ከፍታው ሥልሳ ክንድ፣ ወርዱ ስድስት ክንድ የሆነ የወርቅ ምስል አሠራ፤ በባቢሎንም አውራጃ በዱራ ሜዳ አቆመው። አማርኛ SWAHSUV Nebukadreza, mfalme, alifanya sanamu ya dhahabu, ambayo urefu wake ulikuwa ni dhiraa sitini, na upana wake dhiraa sita;… Kiswahili